Yahuudonniifi Kiristaanonni "nuti ilmaan Rabbiitiifi jaalalleewwan Isaati" jedhan. (Ati) jedhi: " maaliif badiilee keessaniin isin adaba? Dhugumatti isin nama Inni uume irraayi. (Inni) nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adaba. Mootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii kan Rabbiiti. Deebiin garuma Isaatti" (jedhi).
Oduu ilmaan Aadam lamaanii haqaan isaanirratti dubbisi. yeroo isaan waan Rabbitti isaan dhiheessu (qurbaana) dhiyeessan, isa tokko irraa qeebalamee isa kaan irraa qeebalamuu dide. (Inni lamuu isa duraatiin) ni jedhe: "Ani dhugumatti sin ajjeesa. " (Inni duraas) ni jedhe: "Rabbiin kan qeebalu warra Isa sodaatan irraayyi.
Sila ati Rabbiin mootummaan samiileefi dachii kan Isaa ta’uu hin beeknee! Nama fedhe ni adaba; nama fedheef ni araarama. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Sila akkamitti si murteessisiifatu odoo Tawraat kan murteen Rabbii ishee keessa jiru isaan bira jirtuu? Ergasii san booda gara galu. Jarri sun mu’uminootaa miti.
Yaa warra amantan! Isin irraa namni amantii isaa (Islaama) irraa gara gale, Rabbiin namoota isaan jaalatuufi isaanis Isa jaalatan fuulduratti ni fida, kan mu’uminootaaf gadi of qabanii kaafiroota irratti ciman, kan karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniifi komii warra isaan komatuu kan hin sodaanne (fuulduratti ni fida). Kun tola Rabbiiti. Nama fedheef isa kenna. Rabbiin (kenni isaa) bal'aa, beekaadha.
Rabbiin "Bahiiraah", "Saa’ibaa", "Wasiilaa"fi "Haam" karaa hin goone. Garuu warri kafaran Rabbirratti soba uumu. Irra hedduun isaanii hin xiixalanu. {3}
ما شرع الله للمشركين ما ابتدعوه في بهيمة الأنعام مِن تَرْك الانتفاع ببعضها وجعلها للأصنام، وهي: البَحيرة التي تُقطع أذنها إذا ولدت عددًا من البطون، والسائبة وهي التي تُترك للأصنام، والوصيلة وهي التي تتصل ولادتها بأنثى بعد أنثى، والحامي وهو الذكر من الإبل إذا وُلد من صلبه عدد من الإبل
{3} kanneen maqaa beeyladoota mushriktoonni taabota isaaniitiif kennaniiti, kana Rabbiin karaa hingoone.
bahiiraa jechuun beeyladaa yeroo isiin hanga tokko horte gurra isii muranii taabotaaf dhiisaniiti kan itti hinfayyadamne.
saaibaan:- taan taabotaaf dhiifamtu tan itti hinfayyadamne.
wasiilaan:- tan dhalaa hedduu walitti aansitee hortee san booda taabotaaf dhiifamtu.
haam:- korma hanga beekamaa tokko horsiise (dhalche) kan sanbooda taabotaaf dhiifamuudha. kuni hunduu dhara waan Rabbiin karaa godhee miti.
Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu]. [Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.
4. إبقاء معلومات نسخة الترجمة الموجودة داخل المستند.
5. إفادة المصدر (QuranEnc.com) بأي ملاحظة على الترجمة.
6. تطوير الترجمات وفق النسخ الجديدة الصادرة من المصدر (QuranEnc.com).
7. عدم تضمين إعلانات لا تليق بترجمات معاني القرآن الكريم عند العرض.
نتائج البحث:
API specs
Endpoints:
Sura translation
GET / https://quranenc.com/api/v1/translation/sura/{translation_key}/{sura_number} description: get the specified translation (by its translation_key) for the speicified sura (by its number)
Parameters: translation_key: (the key of the currently selected translation) sura_number: [1-114] (Sura number in the mosshaf which should be between 1 and 114)
Returns:
json object containing array of objects, each object contains the "sura", "aya", "translation" and "footnotes".
GET / https://quranenc.com/api/v1/translation/aya/{translation_key}/{sura_number}/{aya_number} description: get the specified translation (by its translation_key) for the speicified aya (by its number sura_number and aya_number)
Parameters: translation_key: (the key of the currently selected translation) sura_number: [1-114] (Sura number in the mosshaf which should be between 1 and 114) aya_number: [1-...] (Aya number in the sura)
Returns:
json object containing the "sura", "aya", "translation" and "footnotes".