Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Al-Hujurāt   Ayah:

Alhujuraat

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تُقَدِّمُواْ بَيۡنَ يَدَيِ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٞ
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa dura hin dabrinaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin dhagayaa, beekaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَرۡفَعُوٓاْ أَصۡوَٰتَكُمۡ فَوۡقَ صَوۡتِ ٱلنَّبِيِّ وَلَا تَجۡهَرُواْ لَهُۥ بِٱلۡقَوۡلِ كَجَهۡرِ بَعۡضِكُمۡ لِبَعۡضٍ أَن تَحۡبَطَ أَعۡمَٰلُكُمۡ وَأَنتُمۡ لَا تَشۡعُرُونَ
Yaa warra amantan! Sagaleewwan keessan sagalee Nabiyyichaa irra ol hin kaasinaa. haasa’a isa irratti ol hin fuudhinaa, akka gariin keessan garii irratti ol fuudhutti. Akka dalagaawwan keessan odoo isin hin beekne hin banneef jecha.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَغُضُّونَ أَصۡوَٰتَهُمۡ عِندَ رَسُولِ ٱللَّهِ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ ٱمۡتَحَنَ ٱللَّهُ قُلُوبَهُمۡ لِلتَّقۡوَىٰۚ لَهُم مَّغۡفِرَةٞ وَأَجۡرٌ عَظِيمٌ
Isaan sagaleewwan isaanii ergamaa Rabbii biratti gadi qabatan, isaan sun warra Rabbiin onneewwan isaanii sodaa Rabbiitif qorate. Isaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يُنَادُونَكَ مِن وَرَآءِ ٱلۡحُجُرَٰتِ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡقِلُونَ
Isaan duuba manneenii irraa si waaman, hedduun isaanii hin hubatanu.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَوۡ أَنَّهُمۡ صَبَرُواْ حَتَّىٰ تَخۡرُجَ إِلَيۡهِمۡ لَكَانَ خَيۡرٗا لَّهُمۡۚ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Odoo hanga ati isaanitti gadi baatutti obsanii silaa (sanatu) isaaniif caala taha ture. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِن جَآءَكُمۡ فَاسِقُۢ بِنَبَإٖ فَتَبَيَّنُوٓاْ أَن تُصِيبُواْ قَوۡمَۢا بِجَهَٰلَةٖ فَتُصۡبِحُواْ عَلَىٰ مَا فَعَلۡتُمۡ نَٰدِمِينَ
Yaa warra amantan! Yoo jallaan oduun isinitti dhufe dubbii adda baafadhaa, akka wallaalumaan namoota miitanii, ergasii waan hojjattan irratti hin gaabbineef.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّ فِيكُمۡ رَسُولَ ٱللَّهِۚ لَوۡ يُطِيعُكُمۡ فِي كَثِيرٖ مِّنَ ٱلۡأَمۡرِ لَعَنِتُّمۡ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ حَبَّبَ إِلَيۡكُمُ ٱلۡإِيمَٰنَ وَزَيَّنَهُۥ فِي قُلُوبِكُمۡ وَكَرَّهَ إِلَيۡكُمُ ٱلۡكُفۡرَ وَٱلۡفُسُوقَ وَٱلۡعِصۡيَانَۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلرَّٰشِدُونَ
Isin keessa ergamaa Rabbiittu jiraa beekaa. Dhimmoota baay’ee keessatti odoo isin tole jedhee nirakkattu ture. Garuu Rabbiin iimaana gara keessanitti jaallachiise, onneewwan keessan keessatti isa miidhagsee, kufrii, fincilaafi dilii gara keessanitti jibbamaa godhe. Isaan sun (warri iimaana jaalatanii kufrii jibban) isaanumatu qajeeloodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَضۡلٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَنِعۡمَةٗۚ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٞ
Tolaafi ni’imaa Rabbi irraa ta’een (kana godhe). Rabbiin beekaa, ogeessa.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِن طَآئِفَتَانِ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱقۡتَتَلُواْ فَأَصۡلِحُواْ بَيۡنَهُمَاۖ فَإِنۢ بَغَتۡ إِحۡدَىٰهُمَا عَلَى ٱلۡأُخۡرَىٰ فَقَٰتِلُواْ ٱلَّتِي تَبۡغِي حَتَّىٰ تَفِيٓءَ إِلَىٰٓ أَمۡرِ ٱللَّهِۚ فَإِن فَآءَتۡ فَأَصۡلِحُواْ بَيۡنَهُمَا بِٱلۡعَدۡلِ وَأَقۡسِطُوٓاْۖ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُقۡسِطِينَ
Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaanii araarsaa. Yoo takkaan isaan lameeni taan irratti daangaa darbite, ishee daangaa darbite san hanga isheen gara ajaja Rabbii deebitutti waraanaa. Yoo isheen (ajaja Rabbiitif) bulte gidduu isaanitti haqaan tolchaa; wal qixxeessas. Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّمَا ٱلۡمُؤۡمِنُونَ إِخۡوَةٞ فَأَصۡلِحُواْ بَيۡنَ أَخَوَيۡكُمۡۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ لَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
Mu’uminoonni obboleeyyani; gidduu obboleeyyan keessanii tolchaa. Rabbiin sodaadhaa Akka mararfatamtanuuf jecha.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا يَسۡخَرۡ قَوۡمٞ مِّن قَوۡمٍ عَسَىٰٓ أَن يَكُونُواْ خَيۡرٗا مِّنۡهُمۡ وَلَا نِسَآءٞ مِّن نِّسَآءٍ عَسَىٰٓ أَن يَكُنَّ خَيۡرٗا مِّنۡهُنَّۖ وَلَا تَلۡمِزُوٓاْ أَنفُسَكُمۡ وَلَا تَنَابَزُواْ بِٱلۡأَلۡقَٰبِۖ بِئۡسَ ٱلِٱسۡمُ ٱلۡفُسُوقُ بَعۡدَ ٱلۡإِيمَٰنِۚ وَمَن لَّمۡ يَتُبۡ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ
Isin yaa warra amantan Dhiironni dhiirota biraatti hin qoosin. Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. Dubartoonnis dubartoota biraa (hinqoosin). Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. lubbuulee teessan wal hin xureessina; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa. Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) waa fokkatee! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱجۡتَنِبُواْ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلظَّنِّ إِنَّ بَعۡضَ ٱلظَّنِّ إِثۡمٞۖ وَلَا تَجَسَّسُواْ وَلَا يَغۡتَب بَّعۡضُكُم بَعۡضًاۚ أَيُحِبُّ أَحَدُكُمۡ أَن يَأۡكُلَ لَحۡمَ أَخِيهِ مَيۡتٗا فَكَرِهۡتُمُوهُۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ تَوَّابٞ رَّحِيمٞ
Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidha. Wal hin basaasinaa. Gariin keessanis garii hin hamatin. Tokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? jibbitanii jirtan. (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?) Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّا خَلَقۡنَٰكُم مِّن ذَكَرٖ وَأُنثَىٰ وَجَعَلۡنَٰكُمۡ شُعُوبٗا وَقَبَآئِلَ لِتَعَارَفُوٓاْۚ إِنَّ أَكۡرَمَكُمۡ عِندَ ٱللَّهِ أَتۡقَىٰكُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٞ
Isin Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumne, sabootaafi gosoota isin taasifne akka wal beektaniif jecha. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani. Rabbiin beekaa keessa hubataadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ قَالَتِ ٱلۡأَعۡرَابُ ءَامَنَّاۖ قُل لَّمۡ تُؤۡمِنُواْ وَلَٰكِن قُولُوٓاْ أَسۡلَمۡنَا وَلَمَّا يَدۡخُلِ ٱلۡإِيمَٰنُ فِي قُلُوبِكُمۡۖ وَإِن تُطِيعُواْ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ لَا يَلِتۡكُم مِّنۡ أَعۡمَٰلِكُمۡ شَيۡـًٔاۚ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٌ
Shanaanoon “nuti amanneerra” jette. jedhiin isin hin amanne garuu islaamoyne jedhaa, hanga silaa iimaanni onneewwan keessan keessa hin seenne. yoo ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhattan, hojiiwwan keessan irraa homaa isinduraa hin hir’isu. Rabbiin araaramaa, mararfataadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّمَا ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ ثُمَّ لَمۡ يَرۡتَابُواْ وَجَٰهَدُواْ بِأَمۡوَٰلِهِمۡ وَأَنفُسِهِمۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصَّٰدِقُونَ
Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii hinshakkini, qabeenyaalee isaanitiifi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidha. Isaan isaanumatu warra dhugaati.
Arabic explanations of the Qur’an:
قُلۡ أَتُعَلِّمُونَ ٱللَّهَ بِدِينِكُمۡ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ
Jedhi: “Amantii keessan Rabbiin beysiistuu? Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beeka. Rabbiin waan hunda beekaadha.”
Arabic explanations of the Qur’an:
يَمُنُّونَ عَلَيۡكَ أَنۡ أَسۡلَمُواْۖ قُل لَّا تَمُنُّواْ عَلَيَّ إِسۡلَٰمَكُمۖ بَلِ ٱللَّهُ يَمُنُّ عَلَيۡكُمۡ أَنۡ هَدَىٰكُمۡ لِلۡإِيمَٰنِ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Islaamawuu isaaniitiin sirratti galata himatu “Islaamummaa keessaniin ana irratti galata hin himatinaa, Rabbiin waan imaanatti isin qajeelcheef isin irratti galata himata” jedhiin. Yoo warra dhugaa taatan (kan galata himatu Rabbi tahuu beekaa).
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ غَيۡبَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَٱللَّهُ بَصِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ
Rabbiin fagoo samiileefi dachii keessaa ni beeka. Rabbiin waan isin dalagdan (hunda) argaadha.”
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Al-Hujurāt
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Translations’ Index

Translation of the Quran meanings into Oromo by Ghaly Ababour Abaghuna, printed in 2009.

close