Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Al-A‘rāf   Ayah:

Al-A’araaf

الٓمٓصٓ
Alif Laam Miim Saad
Arabic explanations of the Qur’an:
كِتَٰبٌ أُنزِلَ إِلَيۡكَ فَلَا يَكُن فِي صَدۡرِكَ حَرَجٞ مِّنۡهُ لِتُنذِرَ بِهِۦ وَذِكۡرَىٰ لِلۡمُؤۡمِنِينَ
(Kun) kitaaba gara keetti buufame,Isa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatin, Akka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne)
Arabic explanations of the Qur’an:
ٱتَّبِعُواْ مَآ أُنزِلَ إِلَيۡكُم مِّن رَّبِّكُمۡ وَلَا تَتَّبِعُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَۗ قَلِيلٗا مَّا تَذَكَّرُونَ
Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaa, Jaalalleewwan (biraa) isaa gaditti hin hordofinaa, Xiqqoo qofa gorfamtu
Arabic explanations of the Qur’an:
وَكَم مِّن قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَا فَجَآءَهَا بَأۡسُنَا بَيَٰتًا أَوۡ هُمۡ قَآئِلُونَ
Magaalota irraa kan Nuti balleessinee meqaa meeqa (hedduudha), kan adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَمَا كَانَ دَعۡوَىٰهُمۡ إِذۡ جَآءَهُم بَأۡسُنَآ إِلَّآ أَن قَالُوٓاْ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
Yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufu jechi isaanii "nuti miidhaa raawwattoota turre" jechuu malee waan biraa hin taane.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَلَنَسۡـَٔلَنَّ ٱلَّذِينَ أُرۡسِلَ إِلَيۡهِمۡ وَلَنَسۡـَٔلَنَّ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Dhugumatti, isaan (ergamaan) gara isaaniitti ergame ni gaafanna; ergamootas ni gaafanna.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَلَنَقُصَّنَّ عَلَيۡهِم بِعِلۡمٖۖ وَمَا كُنَّا غَآئِبِينَ
Dhugumatti, (guutuu seenaa isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessina, Nuti (kana irraa) fagoo hin taane.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلۡوَزۡنُ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡحَقُّۚ فَمَن ثَقُلَتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Madaalli guyyaa san dhugaadha. Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun isaanumatu milkaayoodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمَنۡ خَفَّتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُم بِمَا كَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَظۡلِمُونَ
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphatte immoo, isaan sun warra waan keeyyattoota keenya miidhaa turaniif lubbuu isaanii hoongessaniidha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَقَدۡ مَكَّنَّٰكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَجَعَلۡنَا لَكُمۡ فِيهَا مَعَٰيِشَۗ قَلِيلٗا مَّا تَشۡكُرُونَ
  Dhugumatti, dachii keessa isinii mijeessinee ishee keessas waan ittiin jireenyaa isiniif gooneerra; Galateeffannaan keessan xiqqoodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَٰكُمۡ ثُمَّ صَوَّرۡنَٰكُمۡ ثُمَّ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ لَمۡ يَكُن مِّنَ ٱلسَّٰجِدِينَ
  Dhugumatti, isin uumneerra, Ergasiis isin bocne, Ergasiis maleykotaan "Aadamiif sujuudaa" jenne, Achumaan sujuudani; Ibliis malee, Inni warra sujuudan irraa hin taane.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ مَا مَنَعَكَ أَلَّا تَسۡجُدَ إِذۡ أَمَرۡتُكَۖ قَالَ أَنَا۠ خَيۡرٞ مِّنۡهُ خَلَقۡتَنِي مِن نَّارٖ وَخَلَقۡتَهُۥ مِن طِينٖ
  (Rabbis) "Yeroo ani si ajaju, sujuuduu irraa maaltu si dhorge?" jedhe, (Ibliis) "Anatu isa caala; Ibidda irraa na uumteetiin isa dhoqqee (biyyee) irraa uumte" jedhe.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ فَٱهۡبِطۡ مِنۡهَا فَمَا يَكُونُ لَكَ أَن تَتَكَبَّرَ فِيهَا فَٱخۡرُجۡ إِنَّكَ مِنَ ٱلصَّٰغِرِينَ
  (Rabbiinis) "ishee irraa bu’i; Ishee keessatti boonuun siif hin taane; bahi ati warra salphattoota irraayi" jedheen.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ أَنظِرۡنِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
  (Ibliis) "Hanga guyyaa isaan kaafamaniitti na tursiisi" jedhe.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ إِنَّكَ مِنَ ٱلۡمُنظَرِينَ
  (Rabbiin) "Ati warra tursiifaman irraayi" jedheen.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ فَبِمَآ أَغۡوَيۡتَنِي لَأَقۡعُدَنَّ لَهُمۡ صِرَٰطَكَ ٱلۡمُسۡتَقِيمَ
  (Ibliis) ni jedhe: "Waan ati na jallifteef, Dhugumatti, karaa kee qajeeloo irran isaaniif taa’a.
Arabic explanations of the Qur’an:
ثُمَّ لَأٓتِيَنَّهُم مِّنۢ بَيۡنِ أَيۡدِيهِمۡ وَمِنۡ خَلۡفِهِمۡ وَعَنۡ أَيۡمَٰنِهِمۡ وَعَن شَمَآئِلِهِمۡۖ وَلَا تَجِدُ أَكۡثَرَهُمۡ شَٰكِرِينَ
  Ergasii fuuldura isaanii, duuba isaanii, mirgaawwan isaaniitiifi bitaawwan isaanii irraan isaanitti dhufa. Irra hedduu isaaniis galateeffattoota ta'anii hin argitu."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ ٱخۡرُجۡ مِنۡهَا مَذۡءُومٗا مَّدۡحُورٗاۖ لَّمَن تَبِعَكَ مِنۡهُمۡ لَأَمۡلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنكُمۡ أَجۡمَعِينَ
  (Rabbiinis) ni jedhe: "Ishee irraa arrabsamaa, fageeffamaa haala taateen ba’i, Isaan irraa namoota si hordofe, isin hunda irraan Jahannama guuta.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَيَٰٓـَٔادَمُ ٱسۡكُنۡ أَنتَ وَزَوۡجُكَ ٱلۡجَنَّةَ فَكُلَا مِنۡ حَيۡثُ شِئۡتُمَا وَلَا تَقۡرَبَا هَٰذِهِ ٱلشَّجَرَةَ فَتَكُونَا مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ
  Yaa Aadam! Atiifi niitiin kee jannata keessa taa'aa; iddoo feetan irraas nyaadhaa. Miidhaa raawwattoota irraa taatu mukattii tanatti immoo hin dhihaatinaa."
Arabic explanations of the Qur’an:
فَوَسۡوَسَ لَهُمَا ٱلشَّيۡطَٰنُ لِيُبۡدِيَ لَهُمَا مَا وُۥرِيَ عَنۡهُمَا مِن سَوۡءَٰتِهِمَا وَقَالَ مَا نَهَىٰكُمَا رَبُّكُمَا عَنۡ هَٰذِهِ ٱلشَّجَرَةِ إِلَّآ أَن تَكُونَا مَلَكَيۡنِ أَوۡ تَكُونَا مِنَ ٱلۡخَٰلِدِينَ
  Shayxaanni isaan lamaanitti hasaase isaanitti mul’isuuf waan isaanirraa dhokate qaama saalaa isaanii irraa; nijedhe "Rabbiin keessan mukattii kana irraa waa isin hindhoorgine akka isin lamaan malaykota hin taaneef malee, yookiin akka isin lamaan hafoo hin taaneefi malee".
Arabic explanations of the Qur’an:
وَقَاسَمَهُمَآ إِنِّي لَكُمَا لَمِنَ ٱلنَّٰصِحِينَ
  "Dhugumatti, ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَدَلَّىٰهُمَا بِغُرُورٖۚ فَلَمَّا ذَاقَا ٱلشَّجَرَةَ بَدَتۡ لَهُمَا سَوۡءَٰتُهُمَا وَطَفِقَا يَخۡصِفَانِ عَلَيۡهِمَا مِن وَرَقِ ٱلۡجَنَّةِۖ وَنَادَىٰهُمَا رَبُّهُمَآ أَلَمۡ أَنۡهَكُمَا عَن تِلۡكُمَا ٱلشَّجَرَةِ وَأَقُل لَّكُمَآ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ لَكُمَا عَدُوّٞ مُّبِينٞ
  Gowwoomsuun isaan jallise, Yeroma isaan mukattii dhandhaman, qaamni saalaa isaanii isaanitti mul'atte; isaanis qaama isaanii baala jannataatiin haguuguutti seenan, Gooftaan isaanii isaanitti lallabe "Sila Ani mukattii tana irraa isin hin dhorginee; shayxaanni isin lamaanif diina ifa ta’e isiniin hin jennee?" (jedheen).
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَا رَبَّنَا ظَلَمۡنَآ أَنفُسَنَا وَإِن لَّمۡ تَغۡفِرۡ لَنَا وَتَرۡحَمۡنَا لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
  "Gooftaa keenya! lubbuu keenya miinee jirra. Yoo ati nuuf hin araaramneefi rahmata nuuf hin goone, nuti Dhugumatti, warra hoonga’an irraa taana" jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ ٱهۡبِطُواْ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٍ عَدُوّٞۖ وَلَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُسۡتَقَرّٞ وَمَتَٰعٌ إِلَىٰ حِينٖ
  (Rabbiin) ni jedhe: "Gariin keessan gariif diina haala taataniin bu’aa, Isiniif dachii irra qubsumaafi qananii hanga yeroo murtaa’ee ta'eetu jira."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ فِيهَا تَحۡيَوۡنَ وَفِيهَا تَمُوتُونَ وَمِنۡهَا تُخۡرَجُونَ
  "Isheedhuma keessa jiraattu; ishee keessattis duutu; ishee irraas baafamtu" jedheen.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ قَدۡ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكُمۡ لِبَاسٗا يُوَٰرِي سَوۡءَٰتِكُمۡ وَرِيشٗاۖ وَلِبَاسُ ٱلتَّقۡوَىٰ ذَٰلِكَ خَيۡرٞۚ ذَٰلِكَ مِنۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ لَعَلَّهُمۡ يَذَّكَّرُونَ
  Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguufi faaya isin irratti buufnee jirra. Uffata sodaa Rabbii, saniitu caala. Kun mallattoowwan Rabbii irraayi; akka isaan yaadataniif (isaaniif himne).
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ لَا يَفۡتِنَنَّكُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ كَمَآ أَخۡرَجَ أَبَوَيۡكُم مِّنَ ٱلۡجَنَّةِ يَنزِعُ عَنۡهُمَا لِبَاسَهُمَا لِيُرِيَهُمَا سَوۡءَٰتِهِمَآۚ إِنَّهُۥ يَرَىٰكُمۡ هُوَ وَقَبِيلُهُۥ مِنۡ حَيۡثُ لَا تَرَوۡنَهُمۡۗ إِنَّا جَعَلۡنَا ٱلشَّيَٰطِينَ أَوۡلِيَآءَ لِلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ
  Yaa ilmaan Aadam! akka shayxaanni isin hin mokkorre, Akka abbaafi haadha keessan jannata irraa baasetti, uffata isaanii isaan irraa mulqee qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf. Dhugumatti, inniifi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti isaan hin amanneef shayxaanota jaalallee goonee jirra.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِذَا فَعَلُواْ فَٰحِشَةٗ قَالُواْ وَجَدۡنَا عَلَيۡهَآ ءَابَآءَنَا وَٱللَّهُ أَمَرَنَا بِهَاۗ قُلۡ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَأۡمُرُ بِٱلۡفَحۡشَآءِۖ أَتَقُولُونَ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
  Yeroo waan fokkattuu hojjatan "abbootii keenya ishee irratti agarre; Rabbiinis isheetti nu ajaje" jedhu. "Rabbiin fokkatuuwwanitti hin ajaju, Sila isin waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?" jedhiin.
Arabic explanations of the Qur’an:
قُلۡ أَمَرَ رَبِّي بِٱلۡقِسۡطِۖ وَأَقِيمُواْ وُجُوهَكُمۡ عِندَ كُلِّ مَسۡجِدٖ وَٱدۡعُوهُ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَۚ كَمَا بَدَأَكُمۡ تَعُودُونَ
 Jedhi "Gooftaan kiyya haqatti ajaje. Masjida hunda biratti fuulleen keessan (ibaadaaf gara isaa) sirreessaa. Amantii keessan isaaf qulqulleessaa haala taataniin isa gabbaraa, Akkuma isin jalqabetti deebitu"
Arabic explanations of the Qur’an:
فَرِيقًا هَدَىٰ وَفَرِيقًا حَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلضَّلَٰلَةُۚ إِنَّهُمُ ٱتَّخَذُواْ ٱلشَّيَٰطِينَ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَيَحۡسَبُونَ أَنَّهُم مُّهۡتَدُونَ
  Garee tokko ni qajeelche; garee biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e, Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti shayxaanota jaalalleewwan taasifatan, Isaan qajeeltota uf sehan.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ خُذُواْ زِينَتَكُمۡ عِندَ كُلِّ مَسۡجِدٖ وَكُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ وَلَا تُسۡرِفُوٓاْۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلۡمُسۡرِفِينَ
  Yaa ilmaan Aadam! Masjida hunda birattuu bareechifannaa (uffata) keessan qabadhaa. Nyaadhaa, dhugaa, daangaa hin dabrinaa, Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.{1}
{1} yeroo salaataa hunda uffata gayaa barbaachisaa uffadhaa jechuudha.
Arabic explanations of the Qur’an:
قُلۡ مَنۡ حَرَّمَ زِينَةَ ٱللَّهِ ٱلَّتِيٓ أَخۡرَجَ لِعِبَادِهِۦ وَٱلطَّيِّبَٰتِ مِنَ ٱلرِّزۡقِۚ قُلۡ هِيَ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا خَالِصَةٗ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۗ كَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لِقَوۡمٖ يَعۡلَمُونَ
  "Namni bareechifannaa (uffata) ishee Rabbiin gabroota Isaatiif baaseefi soorata irraas gaggaarii dhorge eenyu?" jedhi. Isheen jiruu addunyaa keessatti warra amananiifi Guyyaa Qiyaamaa dhuunfaa isaaniiti" jedhi, Akka kanatti keeyyattoota ummata beekaniif addeessina.
Arabic explanations of the Qur’an:
قُلۡ إِنَّمَا حَرَّمَ رَبِّيَ ٱلۡفَوَٰحِشَ مَا ظَهَرَ مِنۡهَا وَمَا بَطَنَ وَٱلۡإِثۡمَ وَٱلۡبَغۡيَ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَأَن تُشۡرِكُواْ بِٱللَّهِ مَا لَمۡ يُنَزِّلۡ بِهِۦ سُلۡطَٰنٗا وَأَن تَقُولُواْ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
  Jedhi: "wanti Gooftaan kiyya haraama godhe gochaalee fokkatoo, isherraa waan mul'ateefii waan dhokate, dilii, haqaan maletti roorrisuu, waan inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuufi Rabbi irratti waan hin beekne jechuudha."
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلِكُلِّ أُمَّةٍ أَجَلٞۖ فَإِذَا جَآءَ أَجَلُهُمۡ لَا يَسۡتَأۡخِرُونَ سَاعَةٗ وَلَا يَسۡتَقۡدِمُونَ
  Ummata hundaafuu yeroo murtaa’etu jira. Yeroo beellamni isaanii dhufe sa’aatii tokko booda hin aanfamanu; duras hin dabranu.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ إِمَّا يَأۡتِيَنَّكُمۡ رُسُلٞ مِّنكُمۡ يَقُصُّونَ عَلَيۡكُمۡ ءَايَٰتِي فَمَنِ ٱتَّقَىٰ وَأَصۡلَحَ فَلَا خَوۡفٌ عَلَيۡهِمۡ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ
  Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamoonni isin irraa ta’an isinitti dhufan kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an, namni (Rabbiin) sodaatee toltuu hojjate, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَٱسۡتَكۡبَرُواْ عَنۡهَآ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
  Warri keeyyattoota keenya kijibsiisanii ishee irraa boonan, sunniin warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَوۡ كَذَّبَ بِـَٔايَٰتِهِۦٓۚ أُوْلَٰٓئِكَ يَنَالُهُمۡ نَصِيبُهُم مِّنَ ٱلۡكِتَٰبِۖ حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَتۡهُمۡ رُسُلُنَا يَتَوَفَّوۡنَهُمۡ قَالُوٓاْ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡ تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالُواْ ضَلُّواْ عَنَّا وَشَهِدُواْ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ أَنَّهُمۡ كَانُواْ كَٰفِرِينَ
  Nama Rabbiin irratti kijiba uume yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (tokkolleenuu hinjiru). Sunniin qoodni isaanii kitaaba irraa haala ta'een isaan dhaqqaba; Ergamoonni keenya lubbuu isaanii kan fuudhan ta'anii yeroo isaanitti dhufan "Warri Rabbii gaditti gabbaraa turtan eessa jiru?" jedhu. "Nurraa badaniiru" jedhu. Isaan kaafiroota tahuu lubbuu isaanii irratti ragaa ba’an.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ ٱدۡخُلُواْ فِيٓ أُمَمٖ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِكُم مِّنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِ فِي ٱلنَّارِۖ كُلَّمَا دَخَلَتۡ أُمَّةٞ لَّعَنَتۡ أُخۡتَهَاۖ حَتَّىٰٓ إِذَا ٱدَّارَكُواْ فِيهَا جَمِيعٗا قَالَتۡ أُخۡرَىٰهُمۡ لِأُولَىٰهُمۡ رَبَّنَا هَٰٓؤُلَآءِ أَضَلُّونَا فَـَٔاتِهِمۡ عَذَابٗا ضِعۡفٗا مِّنَ ٱلنَّارِۖ قَالَ لِكُلّٖ ضِعۡفٞ وَلَٰكِن لَّا تَعۡلَمُونَ
  (Rabbiin) ni jedha: "Isin ummatoota isin dura dabran keessa seenaa kan jinnootaafi namoota irraa ta’an ibidda keessatti (tahaa). " Ummanni wahii dhawaata seentuun obboleettii ishee (kan ishee jallifte) abaarti, Yeroo hundi isaanii ishee keessatti walitti qabamanitti isheen boodaa ishee duraatiin "Gooftaa keenya! Isaan kun nu jallisanii jiru, Kanaaf adabbii dachaa ta’e ibidda irraa isaaniif kenni" jette, (Rabbiinis) "Hundaafuu dachaatu jira, Garuu isin hin beektanu" jedhe.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَقَالَتۡ أُولَىٰهُمۡ لِأُخۡرَىٰهُمۡ فَمَا كَانَ لَكُمۡ عَلَيۡنَا مِن فَضۡلٖ فَذُوقُواْ ٱلۡعَذَابَ بِمَا كُنتُمۡ تَكۡسِبُونَ
  Warri jalqaba isaanii warra booda isaaniitiin ni jette "isiniif nurra caaliinsi wahii hin taane; Waan hojjachaa turtaniif jecha adabbii dhandhamaa".
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَٱسۡتَكۡبَرُواْ عَنۡهَا لَا تُفَتَّحُ لَهُمۡ أَبۡوَٰبُ ٱلسَّمَآءِ وَلَا يَدۡخُلُونَ ٱلۡجَنَّةَ حَتَّىٰ يَلِجَ ٱلۡجَمَلُ فِي سَمِّ ٱلۡخِيَاطِۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُجۡرِمِينَ
  Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraa boonan, balballan samii isaaniif hin banamtu. Hanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seenutti jannatas hin seenanu. Akka kanatti yakkamtoota (adabbiin) galata galchina..
Arabic explanations of the Qur’an:
لَهُم مِّن جَهَنَّمَ مِهَادٞ وَمِن فَوۡقِهِمۡ غَوَاشٖۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلظَّٰلِمِينَ
  Isaaniif Jahannam irraa firaashiitu jira, gubbaa isaaniitii immoo haguuggiitu (jira). Akka kanatti miidhaa raawwattoota (adabaan) galata galchina..
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَا نُكَلِّفُ نَفۡسًا إِلَّا وُسۡعَهَآ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
  Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti lubbuu takkas dandeettii ishee malee hin dirqisiifnu; isaan sun warra jannataati, Isaan ishee keessatti hafoodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَنَزَعۡنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنۡ غِلّٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهِمُ ٱلۡأَنۡهَٰرُۖ وَقَالُواْ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي هَدَىٰنَا لِهَٰذَا وَمَا كُنَّا لِنَهۡتَدِيَ لَوۡلَآ أَنۡ هَدَىٰنَا ٱللَّهُۖ لَقَدۡ جَآءَتۡ رُسُلُ رَبِّنَا بِٱلۡحَقِّۖ وَنُودُوٓاْ أَن تِلۡكُمُ ٱلۡجَنَّةُ أُورِثۡتُمُوهَا بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
  Jibbaarraa waan qomoota isaanii keessa jirus ni baafne, Laggeen jala (gamoo) isaanii yaati, "Faaruun kan Rabbii kanaaf nu qajeelcheeti, Odoo Rabbiin nu qajeelchuu baatee hin qajeellu turre; ergamoonni Rabbii keenyaa dhugaadhaan dhufteetti" jedhan. nilallabaman "Jannata tana dhaalchifamtan sababa waan hojjataa turtaniitiif".
Arabic explanations of the Qur’an:
وَنَادَىٰٓ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ أَصۡحَٰبَ ٱلنَّارِ أَن قَدۡ وَجَدۡنَا مَا وَعَدَنَا رَبُّنَا حَقّٗا فَهَلۡ وَجَدتُّم مَّا وَعَدَ رَبُّكُمۡ حَقّٗاۖ قَالُواْ نَعَمۡۚ فَأَذَّنَ مُؤَذِّنُۢ بَيۡنَهُمۡ أَن لَّعۡنَةُ ٱللَّهِ عَلَى ٱلظَّٰلِمِينَ
  Warri jannataa warra ibiddaatti lallabu "Nuti Dhugumatti, waan Gooftaan keenya waadaa nuuf gale dhugaa haala ta’een arganneerra. Isin waan Gooftaan keessan waadaa isiniif gale haala dhugaa ta’een argattanii jirtuu?" (jedhaniin). "Eeyyeen" jedhan. Lallabaan gidduu isaaniitti ta’e nilallabe "Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu" (jedhe).
Arabic explanations of the Qur’an:
ٱلَّذِينَ يَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَيَبۡغُونَهَا عِوَجٗا وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ كَٰفِرُونَ
  (Isaan) warra karaa Rabbii irraa deebisaniifi akka isheen jallattu fedhaniidha, Isaan Aakhiratti kafaroodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَبَيۡنَهُمَا حِجَابٞۚ وَعَلَى ٱلۡأَعۡرَافِ رِجَالٞ يَعۡرِفُونَ كُلَّۢا بِسِيمَىٰهُمۡۚ وَنَادَوۡاْ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ أَن سَلَٰمٌ عَلَيۡكُمۡۚ لَمۡ يَدۡخُلُوهَا وَهُمۡ يَطۡمَعُونَ
  Gidduu isaanii haguuggaatu jira, 'A’araaf' irras dhiirota hundayyuu mallattoo isaanitiin beekantu jiru, Warra jannataatti lallabu "nageenyi isin irratti haa jiraatu" jechuun. Isaan (warri a’araaf) haala kan ishee kajeelan ta'aniin ishee hin seenne. {1}
{1} A'iraaf jechuun jogolla jannataafii azaaba jiddutti taheedha. isarra ummata toltuufii hamtuun isaanii walqixxaatteetu taa'a. isan warra ibiddaatiifii jannataatis ni argan, mallattoo isaaniitiin beekan, jannata hinseenne garuu nikajeelan.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ وَإِذَا صُرِفَتۡ أَبۡصَٰرُهُمۡ تِلۡقَآءَ أَصۡحَٰبِ ٱلنَّارِ قَالُواْ رَبَّنَا لَا تَجۡعَلۡنَا مَعَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
  Yeroo ijji isaanii gara warreen ibiddaa deebifamte "Gooftaa keenya! Ummata miidhaa hojjattoota wajjiin nu hin taasisin" jedhu.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَنَادَىٰٓ أَصۡحَٰبُ ٱلۡأَعۡرَافِ رِجَالٗا يَعۡرِفُونَهُم بِسِيمَىٰهُمۡ قَالُواْ مَآ أَغۡنَىٰ عَنكُمۡ جَمۡعُكُمۡ وَمَا كُنتُمۡ تَسۡتَكۡبِرُونَ
  Warri a’araaf dhiirota mallattoo isaanitiin beekanitti lallaban, "(Qabeenya) walitti qabuun keessaniifi wanti isin boonaa turtan waa isin hin fayyanne" jedhu.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَهَٰٓؤُلَآءِ ٱلَّذِينَ أَقۡسَمۡتُمۡ لَا يَنَالُهُمُ ٱللَّهُ بِرَحۡمَةٍۚ ٱدۡخُلُواْ ٱلۡجَنَّةَ لَا خَوۡفٌ عَلَيۡكُمۡ وَلَآ أَنتُمۡ تَحۡزَنُونَ
  Sila isaan kun warra Rabbiin rahmataan isaaniif hin godhu jettanii kakattaniidhaa? Jannata seenaa, sodaan isin irra hin jiru; isinis kan gadditanu hin taane (jedhamu)
Arabic explanations of the Qur’an:
وَنَادَىٰٓ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ أَنۡ أَفِيضُواْ عَلَيۡنَا مِنَ ٱلۡمَآءِ أَوۡ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُۚ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ حَرَّمَهُمَا عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ
  Warri ibiddaa warra jannataatti lallabu "Bishaan irraa yookiin waan Rabbiin isinii hire irraa nurratti dhangalaasaa" jedhu, "Dhugumatti, Rabbiin isaan lamaan kaafiroota irratti haraama taasiseera" jedhaniin.
Arabic explanations of the Qur’an:
ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ دِينَهُمۡ لَهۡوٗا وَلَعِبٗا وَغَرَّتۡهُمُ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَاۚ فَٱلۡيَوۡمَ نَنسَىٰهُمۡ كَمَا نَسُواْ لِقَآءَ يَوۡمِهِمۡ هَٰذَا وَمَا كَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَجۡحَدُونَ
  (Isaan) warra amantii isaanii qoosaafi tapha godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsiteedha, Akkuma isaan walqunnamtii guyyaa isaanii kana irraanfataniifi keeyyattoota keenya mormaa turan guyyaa har'aa isaan irraanfanna (dhiifna)..
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَقَدۡ جِئۡنَٰهُم بِكِتَٰبٖ فَصَّلۡنَٰهُ عَلَىٰ عِلۡمٍ هُدٗى وَرَحۡمَةٗ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
  Dhugumatti, Nuti kitaaba beekumsaa wajjiin isa addeessineen isaanitti dhufnee jirra, haala qajeelumaafi rahmata ummata amananiif ta'een. {1}
{1} kitaabni suni qur'aana kabajamaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
هَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّا تَأۡوِيلَهُۥۚ يَوۡمَ يَأۡتِي تَأۡوِيلُهُۥ يَقُولُ ٱلَّذِينَ نَسُوهُ مِن قَبۡلُ قَدۡ جَآءَتۡ رُسُلُ رَبِّنَا بِٱلۡحَقِّ فَهَل لَّنَا مِن شُفَعَآءَ فَيَشۡفَعُواْ لَنَآ أَوۡ نُرَدُّ فَنَعۡمَلَ غَيۡرَ ٱلَّذِي كُنَّا نَعۡمَلُۚ قَدۡ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ
  Sila isaan xumura isaa malee maal eegaaru? Guyyaa xumurri isaa dhufu warri san dura isa dagatan nijedhu "Dhugumatti, ergamoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufteetti, Sila araarsonni nuuf araarsan nuuf jiraa? Yookiin dalagaa isa hojjataa turreen alaa hojjachuuf (gara addunyaatti) deebifamnaa?" (jedhu), Dhugumatti, lubbuulee isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaan uumaa turan isaan jalaa badeera.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَ يَطۡلُبُهُۥ حَثِيثٗا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتِۭ بِأَمۡرِهِۦٓۗ أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
  Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e barakaan isaa baay’ate.
Arabic explanations of the Qur’an:
ٱدۡعُواْ رَبَّكُمۡ تَضَرُّعٗا وَخُفۡيَةًۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلۡمُعۡتَدِينَ
  Gooftaa keessan gadi of qabuufi dhoksaadhaan kadhaa. Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَا تُفۡسِدُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ بَعۡدَ إِصۡلَٰحِهَا وَٱدۡعُوهُ خَوۡفٗا وَطَمَعًاۚ إِنَّ رَحۡمَتَ ٱللَّهِ قَرِيبٞ مِّنَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
  Dachii irrattis erga isheen toltee booda hin balleessinaa. Sodaafi kajeellaadhaan Isa kadhaa. Dhugumatti, rahmanni Rabbii warra toltuu hojjatanutti dhihoodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَهُوَ ٱلَّذِي يُرۡسِلُ ٱلرِّيَٰحَ بُشۡرَۢا بَيۡنَ يَدَيۡ رَحۡمَتِهِۦۖ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَقَلَّتۡ سَحَابٗا ثِقَالٗا سُقۡنَٰهُ لِبَلَدٖ مَّيِّتٖ فَأَنزَلۡنَا بِهِ ٱلۡمَآءَ فَأَخۡرَجۡنَا بِهِۦ مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِۚ كَذَٰلِكَ نُخۡرِجُ ٱلۡمَوۡتَىٰ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ
  Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun fuduraalee hunda isaan baafne, akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.Akka isin gorfamtaniif jecha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلۡبَلَدُ ٱلطَّيِّبُ يَخۡرُجُ نَبَاتُهُۥ بِإِذۡنِ رَبِّهِۦۖ وَٱلَّذِي خَبُثَ لَا يَخۡرُجُ إِلَّا نَكِدٗاۚ كَذَٰلِكَ نُصَرِّفُ ٱلۡأٓيَٰتِ لِقَوۡمٖ يَشۡكُرُونَ
  Biyyi gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin baha, Inni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahu, Akka kanatti keeyyattoota namoota galateeffataniif addeessina.
Arabic explanations of the Qur’an:
لَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ فَقَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓ إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٖ
  Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti erginee "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha" jedheen.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ ٱلۡمَلَأُ مِن قَوۡمِهِۦٓ إِنَّا لَنَرَىٰكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
  Qondaalonni ummata isaa irraa ta’an "Dhugumatti, nuti jallina ifa galaa keessatti si argina" jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ يَٰقَوۡمِ لَيۡسَ بِي ضَلَٰلَةٞ وَلَٰكِنِّي رَسُولٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
  (Nuuhis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani jallinni homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalamaa irraa ta’eedha.
Arabic explanations of the Qur’an:
أُبَلِّغُكُمۡ رِسَٰلَٰتِ رَبِّي وَأَنصَحُ لَكُمۡ وَأَعۡلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
  Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa; toltuus isiniifin yaada, Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَوَعَجِبۡتُمۡ أَن جَآءَكُمۡ ذِكۡرٞ مِّن رَّبِّكُمۡ عَلَىٰ رَجُلٖ مِّنكُمۡ لِيُنذِرَكُمۡ وَلِتَتَّقُواْ وَلَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
  sila ni dinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa ta’e isinitti dhufuu, nama isin irraa ta’e tokko irratti,akka isin akeekkachiisuuf, akka Rabbiin sodaattaniifi akka mararfatamtaniif (isaaniin jedhe).
Arabic explanations of the Qur’an:
فَكَذَّبُوهُ فَأَنجَيۡنَٰهُ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥ فِي ٱلۡفُلۡكِ وَأَغۡرَقۡنَا ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَآۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمًا عَمِينَ
  Isa kijibsiisan, Isaafi warra doonii keessa isa waliin ta’an ni baraarsine, Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan immoo bishaaniin dhidhimsine, isaan ummata jaamaa turan.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ وَإِلَىٰ عَادٍ أَخَاهُمۡ هُودٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ
  Gara Aad obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Sila hin sodaattanuu?" jedheen.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ ٱلۡمَلَأُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦٓ إِنَّا لَنَرَىٰكَ فِي سَفَاهَةٖ وَإِنَّا لَنَظُنُّكَ مِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ
  Ummata isaa irraas qondaalonni warra kafaranii "Dhugumatti, nuti gowwummaa keessatti si argina, Dhugumatti, kijibdootaa irraa ta'uu kees yaanna" jedhaniin.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ يَٰقَوۡمِ لَيۡسَ بِي سَفَاهَةٞ وَلَٰكِنِّي رَسُولٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
  (Huudis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani gowwummaan homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta'eedha.
Arabic explanations of the Qur’an:
أُبَلِّغُكُمۡ رِسَٰلَٰتِ رَبِّي وَأَنَا۠ لَكُمۡ نَاصِحٌ أَمِينٌ
  Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa, Anis isiniif tola yaadaa, amanamaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَوَعَجِبۡتُمۡ أَن جَآءَكُمۡ ذِكۡرٞ مِّن رَّبِّكُمۡ عَلَىٰ رَجُلٖ مِّنكُمۡ لِيُنذِرَكُمۡۚ وَٱذۡكُرُوٓاْ إِذۡ جَعَلَكُمۡ خُلَفَآءَ مِنۢ بَعۡدِ قَوۡمِ نُوحٖ وَزَادَكُمۡ فِي ٱلۡخَلۡقِ بَصۜۡطَةٗۖ فَٱذۡكُرُوٓاْ ءَالَآءَ ٱللَّهِ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ
  sila nidinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa tahe isinitti dhufuu nama isin irraa ta'e irratti (bu'ee) akka isin diyniinuuf jecha. yaadadhaa Yeroo Inni ummata Nuuh booda bakka bu’oota isin taasiseefi uumama keessattis bal'ina isiniif dabale (yaadadhaa).qananiilee Rabbii yaadadhaa Akka milkooftaniif jecha ."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالُوٓاْ أَجِئۡتَنَا لِنَعۡبُدَ ٱللَّهَ وَحۡدَهُۥ وَنَذَرَ مَا كَانَ يَعۡبُدُ ءَابَآؤُنَا فَأۡتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
nijedhan "sila nutti dhuftee  Akka nuti Rabbiin tokkicha Isaa gabbarruufi, wantoota abbootiin keenya gabbaraa turanakka dhiifnuuf?waan ittiin nu sodaachiftu san nutti fidi Yoo warra dhugaa dubbatu irraa taateef "
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ قَدۡ وَقَعَ عَلَيۡكُم مِّن رَّبِّكُمۡ رِجۡسٞ وَغَضَبٌۖ أَتُجَٰدِلُونَنِي فِيٓ أَسۡمَآءٖ سَمَّيۡتُمُوهَآ أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُم مَّا نَزَّلَ ٱللَّهُ بِهَا مِن سُلۡطَٰنٖۚ فَٱنتَظِرُوٓاْ إِنِّي مَعَكُم مِّنَ ٱلۡمُنتَظِرِينَ
 nijedhe "Dhugumatti, adabniifi dallansuun Gooftaa keessan irraa isin irratti bu’eera, Sila isin maqaalee keessatti na mormituu kan isiniifi abbootiin keessan ishee moggaaftan, kan Rabbiin isheedhaan ragaa hin buusin? Eegaa; ani isin wajjin warra eegan irraayii".
Arabic explanations of the Qur’an:
فَأَنجَيۡنَٰهُ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥ بِرَحۡمَةٖ مِّنَّا وَقَطَعۡنَا دَابِرَ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَاۖ وَمَا كَانُواْ مُؤۡمِنِينَ
  Isaafi warra isa waliin turan rahmata nurraa ta’een nagaa baafne, Warra keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi hundee isaanii murre.isaan mu’uminootas hin taane.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمۡ صَٰلِحٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥۖ قَدۡ جَآءَتۡكُم بَيِّنَةٞ مِّن رَّبِّكُمۡۖ هَٰذِهِۦ نَاقَةُ ٱللَّهِ لَكُمۡ ءَايَةٗۖ فَذَرُوهَا تَأۡكُلۡ فِيٓ أَرۡضِ ٱللَّهِۖ وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٖ فَيَأۡخُذَكُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
  Gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalihiin (erginaan) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa mallattoon ifaa taate isinitti dhuftee jirti. Kun haala mallattoo isiniif taateen gaala Rabbiitii, ishee dhiisaa dachii Rabbii keessa haa nyaattu, Hamtuun ishee hin tuqinaa adabbii laalessaatu isin qabata.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱذۡكُرُوٓاْ إِذۡ جَعَلَكُمۡ خُلَفَآءَ مِنۢ بَعۡدِ عَادٖ وَبَوَّأَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ تَتَّخِذُونَ مِن سُهُولِهَا قُصُورٗا وَتَنۡحِتُونَ ٱلۡجِبَالَ بُيُوتٗاۖ فَٱذۡكُرُوٓاْ ءَالَآءَ ٱللَّهِ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ
  Yeroo Inni Aadiin booda bakka bu’oota isin taasiseefi dachii keessa isin jiraachise yaadadhaa. Dirree ishee irraa gamoowwan ijaarrattu; gaarreen irraas qottaniitin manneen taasiftu. qananiilee Rabbii yaadadhaa; badii raawwataa taatanii dachii keessa hin balleessinaa."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ ٱلۡمَلَأُ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ لِلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ لِمَنۡ ءَامَنَ مِنۡهُمۡ أَتَعۡلَمُونَ أَنَّ صَٰلِحٗا مُّرۡسَلٞ مِّن رَّبِّهِۦۚ قَالُوٓاْ إِنَّا بِمَآ أُرۡسِلَ بِهِۦ مُؤۡمِنُونَ
  nijedhe qondaalonni warri boonan ummata isaarraa warra hacuucaman irraa warra amananiin "sila Saalih Rabbii isaa biraa ergamuu ni beektuu?". "(Eeyyeen) Nuti waan inni ittiin ergametti amanoodha" jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُوٓاْ إِنَّا بِٱلَّذِيٓ ءَامَنتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ
  Isaannan boonan "Dhugumatti, nuti isa isin itti amantan sanatti kafarreerra" jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَعَقَرُواْ ٱلنَّاقَةَ وَعَتَوۡاْ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِمۡ وَقَالُواْ يَٰصَٰلِحُ ٱئۡتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
  Yeroma san gaalattii waraanan; ajaja Gooftaa isaanii irraa bahanii "Yaa Saalih! Yoo ergamtoota irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu nutti fidi" jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلرَّجۡفَةُ فَأَصۡبَحُواْ فِي دَارِهِمۡ جَٰثِمِينَ
  Yeroma san sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatanii (dhumanii) bariisifatan.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَتَوَلَّىٰ عَنۡهُمۡ وَقَالَ يَٰقَوۡمِ لَقَدۡ أَبۡلَغۡتُكُمۡ رِسَالَةَ رَبِّي وَنَصَحۡتُ لَكُمۡ وَلَٰكِن لَّا تُحِبُّونَ ٱلنَّٰصِحِينَ
  (Saalihis) isaan irraa gara galee "Yaa ummata kiyya! Dhugumatti, ani ergaa Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera; tolas isiniif yaadeera, Garuu isin nama toltu isiniif yaadu hin jaalattanu" jedhe.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلُوطًا إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦٓ أَتَأۡتُونَ ٱلۡفَٰحِشَةَ مَا سَبَقَكُم بِهَا مِنۡ أَحَدٖ مِّنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ
  Luuxiinis, yeroo inni ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "Sila isin badii fokkataa aalama irraa (namni) tokkoyyuu isheedhaan isin hin dursin raawwattuu?
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّكُمۡ لَتَأۡتُونَ ٱلرِّجَالَ شَهۡوَةٗ مِّن دُونِ ٱلنِّسَآءِۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٞ مُّسۡرِفُونَ
  Dhugumatti, isin fedhii saalaatiif dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti, isin ummata daangaa dabroodha."
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمَا كَانَ جَوَابَ قَوۡمِهِۦٓ إِلَّآ أَن قَالُوٓاْ أَخۡرِجُوهُم مِّن قَرۡيَتِكُمۡۖ إِنَّهُمۡ أُنَاسٞ يَتَطَهَّرُونَ
  Deebiin ummata isaas "magaalaa keessan irraa isaan baasaa; isaan Dhugumatti, ummata qulqulleeffatanuu dha" jechuu malee homaa hin turre.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَأَنجَيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ إِلَّا ٱمۡرَأَتَهُۥ كَانَتۡ مِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ
  Isaafi maatii isaa nagaya baasne. Niitiin isaa malee isiin warra (adabbii keessatti) hafan irraa taate.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِم مَّطَرٗاۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
  Rooba (adabaas) isaan irratti roobsifne, Booddeen yakkamtootaa akkam akka ta’e ilaali.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِلَىٰ مَدۡيَنَ أَخَاهُمۡ شُعَيۡبٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥۖ قَدۡ جَآءَتۡكُم بَيِّنَةٞ مِّن رَّبِّكُمۡۖ فَأَوۡفُواْ ٱلۡكَيۡلَ وَٱلۡمِيزَانَ وَلَا تَبۡخَسُواْ ٱلنَّاسَ أَشۡيَآءَهُمۡ وَلَا تُفۡسِدُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ بَعۡدَ إِصۡلَٰحِهَاۚ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٞ لَّكُمۡ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَ
  Gara Madyan obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa, Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, ragaan ifa taate Rabbii keessanirraa isiniif dhuftee jirti, Safaraafi madaalas guutaa, Namoota wantoota isaanii jalaa hin hir’isinaa. Dachii keessatti erga toluu isheetii hin balleessinaa, sanatu isiniif caala Yoo mu’uminoota taatan .
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَا تَقۡعُدُواْ بِكُلِّ صِرَٰطٖ تُوعِدُونَ وَتَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ مَنۡ ءَامَنَ بِهِۦ وَتَبۡغُونَهَا عِوَجٗاۚ وَٱذۡكُرُوٓاْ إِذۡ كُنتُمۡ قَلِيلٗا فَكَثَّرَكُمۡۖ وَٱنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُفۡسِدِينَ
 Karaa hunda irraa hin taa’inaa Namoota sodaachisuufi karaa Rabbii irraas namoota isatti amanan deebisuun, akka isheen jallattu kan barbaaddan taatanii. yaadadhaa yeroo xiqqoo turtanii isin baay’esse. Booddeen warra badii raawwatanii akkam akka ta’e ilaalaa.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِن كَانَ طَآئِفَةٞ مِّنكُمۡ ءَامَنُواْ بِٱلَّذِيٓ أُرۡسِلۡتُ بِهِۦ وَطَآئِفَةٞ لَّمۡ يُؤۡمِنُواْ فَٱصۡبِرُواْ حَتَّىٰ يَحۡكُمَ ٱللَّهُ بَيۡنَنَاۚ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلۡحَٰكِمِينَ
  Yoo gareen isin irraa ta’e tokko waan ani ittiin ergametti amananii gareen biraa immoo hin amanin hanga Rabbiin gidduu keenyatti murteessutti obsaa, Innis irra caalaa warra murteessaniiti" (isaaniin jedhe).
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ قَالَ ٱلۡمَلَأُ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ لَنُخۡرِجَنَّكَ يَٰشُعَيۡبُ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَكَ مِن قَرۡيَتِنَآ أَوۡ لَتَعُودُنَّ فِي مِلَّتِنَاۚ قَالَ أَوَلَوۡ كُنَّا كَٰرِهِينَ
  Nijedhan ummata isaa irraa qondaalonni warra boonanii "Yaa Shu’aybi! nuti dhugumatti, siifi isaan si waliin amananis magaalaa teenya irraa ni baafna; yookiin isin (hunduu) gara amantii keenyaa deebi’uu qabdu" jedhan"Sila odoo kan jibbinus taanee moo!" jedhe.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَدِ ٱفۡتَرَيۡنَا عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا إِنۡ عُدۡنَا فِي مِلَّتِكُم بَعۡدَ إِذۡ نَجَّىٰنَا ٱللَّهُ مِنۡهَاۚ وَمَا يَكُونُ لَنَآ أَن نَّعُودَ فِيهَآ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّنَاۚ وَسِعَ رَبُّنَا كُلَّ شَيۡءٍ عِلۡمًاۚ عَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلۡنَاۚ رَبَّنَا ٱفۡتَحۡ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَ قَوۡمِنَا بِٱلۡحَقِّ وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلۡفَٰتِحِينَ
  " Dhugumatti Rabbiin irratti kijiba uumnee jirra yoo gara amantii keessanii deebine, erga Rabbiin ishee irraa nu baraarsee booda,ishee keessatti deebi’uun nuuf hin taane yoo Rabbiin Gooftaan keenya fedhe malee. Gooftaan keenya beekumsaan waan hunda bal'atee jira, Rabbi irratti hirkannee jirra, (Yaa) Gooftaa keenya! Gidduu keenyaafi gidduu namoota keenyaatti dhugaan murteessi; Ati irra caalaa warra murteessaniiti" (jedhe).
Arabic explanations of the Qur’an:
وَقَالَ ٱلۡمَلَأُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ لَئِنِ ٱتَّبَعۡتُمۡ شُعَيۡبًا إِنَّكُمۡ إِذٗا لَّخَٰسِرُونَ
  nijedhan Ummata isaa irraa qondaalonni warra kafaranii "isin yoo Shu’aybiin hordoftan, Dhugumatti, isin yeroo san hoonga’oo dha".
Arabic explanations of the Qur’an:
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلرَّجۡفَةُ فَأَصۡبَحُواْ فِي دَارِهِمۡ جَٰثِمِينَ
  Sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta'anii (du'anii) bariisifatan.
Arabic explanations of the Qur’an:
ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ شُعَيۡبٗا كَأَن لَّمۡ يَغۡنَوۡاْ فِيهَاۚ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ شُعَيۡبٗا كَانُواْ هُمُ ٱلۡخَٰسِرِينَ
  Warri Shu’aybiin kijibsiisan akka waan ishee keessa hin turree ta’an, Warri Shu’aybiin kijibsiisan isaan hoonga’oo ta’an.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَتَوَلَّىٰ عَنۡهُمۡ وَقَالَ يَٰقَوۡمِ لَقَدۡ أَبۡلَغۡتُكُمۡ رِسَٰلَٰتِ رَبِّي وَنَصَحۡتُ لَكُمۡۖ فَكَيۡفَ ءَاسَىٰ عَلَىٰ قَوۡمٖ كَٰفِرِينَ
  (Shu’ayb) isaan irraa gara galee nijedhe "yaa ummata kiyya! Ani ergaalee Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera. Toltuu isiniif dhaameera. Kanaafuu ani ummata kafaran irratti akkamittiin gadda!".
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا فِي قَرۡيَةٖ مِّن نَّبِيٍّ إِلَّآ أَخَذۡنَآ أَهۡلَهَا بِٱلۡبَأۡسَآءِ وَٱلضَّرَّآءِ لَعَلَّهُمۡ يَضَّرَّعُونَ
  Nuti gara magaalaa tokkoo nabiyyii kamuu erginee (yoo ummanni sun ajaja isaa fudhachuu didan), jiraattota ishee hiyyummaafi dhibeen isaan qabnee malee hin hafne akka isaan gadi of qabaniif jecha,.
Arabic explanations of the Qur’an:
ثُمَّ بَدَّلۡنَا مَكَانَ ٱلسَّيِّئَةِ ٱلۡحَسَنَةَ حَتَّىٰ عَفَواْ وَّقَالُواْ قَدۡ مَسَّ ءَابَآءَنَا ٱلضَّرَّآءُ وَٱلسَّرَّآءُ فَأَخَذۡنَٰهُم بَغۡتَةٗ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
  Ergasii bakka hamtuu toltuutti jijjiirre, hanga isaan baay’atanii jedhanitti "Dhugumatti, abbootii keenyas rakkinniifi toltuun tuqxee jirti (kun waanuma yeroon fiduu dha)" Achumaan tasa isaan qabne, odoo isaan hin beekne.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَوۡ أَنَّ أَهۡلَ ٱلۡقُرَىٰٓ ءَامَنُواْ وَٱتَّقَوۡاْ لَفَتَحۡنَا عَلَيۡهِم بَرَكَٰتٖ مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ وَلَٰكِن كَذَّبُواْ فَأَخَذۡنَٰهُم بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
  Odoo warri magaalattii amananii (Rabbiin) sodaatanii, silaa Dhugumatti, Nuti samiifi dachii irraa barakaawwan isaaniif banna turre, Garuu isaan ni sobsiisan. Kanaafuu waan isaan kan hojjata tahaniif isaan qabne.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَفَأَمِنَ أَهۡلُ ٱلۡقُرَىٰٓ أَن يَأۡتِيَهُم بَأۡسُنَا بَيَٰتٗا وَهُمۡ نَآئِمُونَ
  Sila jiraattonni magaalattii isaanii rafaa jiranuu adabbiin keenya halkan isaanitti dhufuu (irraa) of amanuu (sodaa dhabanii)?
Arabic explanations of the Qur’an:
أَوَأَمِنَ أَهۡلُ ٱلۡقُرَىٰٓ أَن يَأۡتِيَهُم بَأۡسُنَا ضُحٗى وَهُمۡ يَلۡعَبُونَ
  Yookiin jiraattonni magaalattii isaanii taphatanuu adabbiin keenya waaree isaanitti dhufuu of amanuu (sodaa dhabanii)?
Arabic explanations of the Qur’an:
أَفَأَمِنُواْ مَكۡرَ ٱللَّهِۚ فَلَا يَأۡمَنُ مَكۡرَ ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡقَوۡمُ ٱلۡخَٰسِرُونَ
  Sila tooftaa Rabbii amanuu? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَوَلَمۡ يَهۡدِ لِلَّذِينَ يَرِثُونَ ٱلۡأَرۡضَ مِنۢ بَعۡدِ أَهۡلِهَآ أَن لَّوۡ نَشَآءُ أَصَبۡنَٰهُم بِذُنُوبِهِمۡۚ وَنَطۡبَعُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ فَهُمۡ لَا يَسۡمَعُونَ
  Sila isaannan dachii (dhumiinsa) warra ishee boodaan dhaalanuuf ifa hin taanee nuti odoo feenee diliilee isaaniitiin kan isaan adabnu ta’uun keenya? Onneewwan isaanii irratti cufaa goonaa, isaan hin dhaga’anu.
Arabic explanations of the Qur’an:
تِلۡكَ ٱلۡقُرَىٰ نَقُصُّ عَلَيۡكَ مِنۡ أَنۢبَآئِهَاۚ وَلَقَدۡ جَآءَتۡهُمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَمَا كَانُواْ لِيُؤۡمِنُواْ بِمَا كَذَّبُواْ مِن قَبۡلُۚ كَذَٰلِكَ يَطۡبَعُ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِ ٱلۡكَٰفِرِينَ
  Magaalota kana (kan Nuuh irraa hanga ummata Shu’aybitti jiru) {1} seenaalee isaanii irraa siif odeessina. Dhugumatti, ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufaniiru, Waan san dura kijibsiisanitti kan amanan hin taane, Akka kanatti Rabbiin onnee kaafirootaa irratti cufa.
{1} isaan magaalota nuuh, huud, saalih, luux, shu'eybiiti.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمَا وَجَدۡنَا لِأَكۡثَرِهِم مِّنۡ عَهۡدٖۖ وَإِن وَجَدۡنَآ أَكۡثَرَهُمۡ لَفَٰسِقِينَ
  Irra hedduu isaanii waadaa isaanii irra kan gadi dhaabbatan hin argine; irra hedduu isaanii finciltoota ta’uu argine.
Arabic explanations of the Qur’an:
ثُمَّ بَعَثۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِم مُّوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ فَظَلَمُواْ بِهَاۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُفۡسِدِينَ
  Ergasii isaan booda mallattoowwan keenyaan Muusaa gara Fir’awniifi qondaalota isaatti erginee jirra, Isaan fudhachuu didan, Booddeen (itti galli) balleessa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَقَالَ مُوسَىٰ يَٰفِرۡعَوۡنُ إِنِّي رَسُولٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
  Muusaan ni jedhe: "Yaa Fir’awna! Dhugumatti, ani ergamaa Gooftaa aalamootaa irraa ta’eedha.
Arabic explanations of the Qur’an:
حَقِيقٌ عَلَىٰٓ أَن لَّآ أَقُولَ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡحَقَّۚ قَدۡ جِئۡتُكُم بِبَيِّنَةٖ مِّن رَّبِّكُمۡ فَأَرۡسِلۡ مَعِيَ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
  Rabbi irratti dhugaa malee dubbachuu dhiisuun koo dhugaadha; dhugumatti, ani ragaa ifa galaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeera, Kanaafuu Ilmaan Israa’iil na wajjiin gadi dhiisi."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ إِن كُنتَ جِئۡتَ بِـَٔايَةٖ فَأۡتِ بِهَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
  (Fir’awni) "Yoo mallattoon kandhufte taate, ishee fidi, yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef" jedheen.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَأَلۡقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ ثُعۡبَانٞ مُّبِينٞ
  Ulee isaa darbate; isheen yeroma san bofa mul'ataa (guddaa) taate
Arabic explanations of the Qur’an:
وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِيَ بَيۡضَآءُ لِلنَّٰظِرِينَ
  Harka isaa ni baase; isheen yoosuu warra ilaalaniif adii (calaqqisaa) taate.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ ٱلۡمَلَأُ مِن قَوۡمِ فِرۡعَوۡنَ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٌ عَلِيمٞ
  Qondaalonni ummata Fir’awni irraa ta'an ni jedhan: "Inni kun Dhugumatti, saahiree (falfalaa) beekaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
يُرِيدُ أَن يُخۡرِجَكُم مِّنۡ أَرۡضِكُمۡۖ فَمَاذَا تَأۡمُرُونَ
  Dachii keessan irraa isin baasuu fedha; maal ajajjuree?" (jedheen).
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالُوٓاْ أَرۡجِهۡ وَأَخَاهُ وَأَرۡسِلۡ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ
  [Isaan] ni jedhan: "isaafi obboleessa isaa tursiisi, Magaalota keessa walitti qabdoota ergi.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَأۡتُوكَ بِكُلِّ سَٰحِرٍ عَلِيمٖ
  Falfalaa beekaa hundaan sitti dhufu."
Arabic explanations of the Qur’an:
وَجَآءَ ٱلسَّحَرَةُ فِرۡعَوۡنَ قَالُوٓاْ إِنَّ لَنَا لَأَجۡرًا إِن كُنَّا نَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبِينَ
  Saahiroonni gara Fir’awni dhufanii "yoo nuti kan injifannu taane mindaan nuuf jiraa?" jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ نَعَمۡ وَإِنَّكُمۡ لَمِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ
  [Inni] "Eeyyeen Isin warra (natti) dhiyeeffamu irraayi" jedheen.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالُواْ يَٰمُوسَىٰٓ إِمَّآ أَن تُلۡقِيَ وَإِمَّآ أَن نَّكُونَ نَحۡنُ ٱلۡمُلۡقِينَ
  "Yaa Muusaa! yookaa ati darbachuu yooka nuti darbattoota tahuu " jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ أَلۡقُواْۖ فَلَمَّآ أَلۡقَوۡاْ سَحَرُوٓاْ أَعۡيُنَ ٱلنَّاسِ وَٱسۡتَرۡهَبُوهُمۡ وَجَآءُو بِسِحۡرٍ عَظِيمٖ
  "Darbadhaa" jedhe, Yeroma (funyoo isaanii) darbatan ija namootaa falfalanii isaan shoorarkeesan, Sihrii guddaan dhufan.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَلۡقِ عَصَاكَۖ فَإِذَا هِيَ تَلۡقَفُ مَا يَأۡفِكُونَ
  Gara Muusaatti "ulee kee darbi" (jechuun) beeksisa goone, Achumaan isheen waan isaan kijiban ni liqimsiti.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَوَقَعَ ٱلۡحَقُّ وَبَطَلَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
  Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turan ni bade.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَغُلِبُواْ هُنَالِكَ وَٱنقَلَبُواْ صَٰغِرِينَ
  Achitti ni injifataman; salphattoota ta’anii deebi’an.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَأُلۡقِيَ ٱلسَّحَرَةُ سَٰجِدِينَ
  Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan ta'anii kufan.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
  Ni jedhan: "Gooftaa aalamootaatti amanneerra.
Arabic explanations of the Qur’an:
رَبِّ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ
  Gooftaa Muusaafi Haaruunitti."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ فِرۡعَوۡنُ ءَامَنتُم بِهِۦ قَبۡلَ أَنۡ ءَاذَنَ لَكُمۡۖ إِنَّ هَٰذَا لَمَكۡرٞ مَّكَرۡتُمُوهُ فِي ٱلۡمَدِينَةِ لِتُخۡرِجُواْ مِنۡهَآ أَهۡلَهَاۖ فَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَ
  Fir’awnis ni jedhe: "odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, kun tooftaa isin magaalattii keessatti mari’attaniidha jiraattota ishee isii irraa baasuuf jecha. Fuulduratti beekuuf jiraattu.
Arabic explanations of the Qur’an:
لَأُقَطِّعَنَّ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَرۡجُلَكُم مِّنۡ خِلَٰفٖ ثُمَّ لَأُصَلِّبَنَّكُمۡ أَجۡمَعِينَ
  Dhugumatti,ninmura harkoowwan keessaniifi miilleen keessan wal faallessuunan, eegasii hunda keessaniiyyuu nan fannisa."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالُوٓاْ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ
  Isaanis "Nuti Dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa deebi’oo dha" jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمَا تَنقِمُ مِنَّآ إِلَّآ أَنۡ ءَامَنَّا بِـَٔايَٰتِ رَبِّنَا لَمَّا جَآءَتۡنَاۚ رَبَّنَآ أَفۡرِغۡ عَلَيۡنَا صَبۡرٗا وَتَوَفَّنَا مُسۡلِمِينَ
  "Mallattooleen Gooftaa keenyaa yeroma nutti dhuftu itti amanuu (keenya) malee wanti nurraa haaloo bahattu hin jiru, Gooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasi, Muslimoota godhii nu ajjeesi" (jedhan)
Arabic explanations of the Qur’an:
وَقَالَ ٱلۡمَلَأُ مِن قَوۡمِ فِرۡعَوۡنَ أَتَذَرُ مُوسَىٰ وَقَوۡمَهُۥ لِيُفۡسِدُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَيَذَرَكَ وَءَالِهَتَكَۚ قَالَ سَنُقَتِّلُ أَبۡنَآءَهُمۡ وَنَسۡتَحۡيِۦ نِسَآءَهُمۡ وَإِنَّا فَوۡقَهُمۡ قَٰهِرُونَ
  Ummata Fir’awni irraas qondaalonni nijedhan "sila ati Muusaafi ummata isaa akka dachii keessa balleessanii (Muusaanis) sihiifi gabbaramtoota keetis akka dhiisuuf (isaan) dhiiftaa?". ni jedhe: "Nuti ilmaan dhiiraa isaanii ni ajjeefna, Dubartoota isaanii immoo ni jiraachifna, (nidhiifna). nuti isaan irratti moo’attoota."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ مُوسَىٰ لِقَوۡمِهِ ٱسۡتَعِينُواْ بِٱللَّهِ وَٱصۡبِرُوٓاْۖ إِنَّ ٱلۡأَرۡضَ لِلَّهِ يُورِثُهَا مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦۖ وَٱلۡعَٰقِبَةُ لِلۡمُتَّقِينَ
  Muusaan ummata isaatiin nijedhe "Rabbiin gargaarsifadhaa; obsaa, Dhugumatti, dachiin tan Rabbiiti, Gabroota Isaa irraa nama fedhe ishee dhaalchisa, Booddeen tan warra Rabbiin sodaataniiti".
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالُوٓاْ أُوذِينَا مِن قَبۡلِ أَن تَأۡتِيَنَا وَمِنۢ بَعۡدِ مَا جِئۡتَنَاۚ قَالَ عَسَىٰ رَبُّكُمۡ أَن يُهۡلِكَ عَدُوَّكُمۡ وَيَسۡتَخۡلِفَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَيَنظُرَ كَيۡفَ تَعۡمَلُونَ
  Nijedhan "Nuti rakkifamnee jirra odoo ati nutti hin dhufin duraafi erga nutti dhuftee boodas ". nijedhe " nimala Gooftaan keessan diinota keessan balleessee, dachii keessatti bakka isin buusee, ergasii akkam akka dalagdan isin ilaaluun".
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَقَدۡ أَخَذۡنَآ ءَالَ فِرۡعَوۡنَ بِٱلسِّنِينَ وَنَقۡصٖ مِّنَ ٱلثَّمَرَٰتِ لَعَلَّهُمۡ يَذَّكَّرُونَ
  Dhugumatti, Nuti ummata Fir’awni caama waggootaaf tureefi hir’ina oomishaatiin isaan qabne. akka isaan gorfamaniif jecha.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَإِذَا جَآءَتۡهُمُ ٱلۡحَسَنَةُ قَالُواْ لَنَا هَٰذِهِۦۖ وَإِن تُصِبۡهُمۡ سَيِّئَةٞ يَطَّيَّرُواْ بِمُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓۗ أَلَآ إِنَّمَا طَٰٓئِرُهُمۡ عِندَ ٱللَّهِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
  Yeroo toltuun wahii isaanitti dhufte "kun nuuf malti" jedhu, Yoo hamtuun isaan tuqxe immoo Muusaafi namoota isa waliinii irratti hooddatu, Dhagayaa! Dhugumatti,hooddannaan isaanii Rabbiin bira jira. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَقَالُواْ مَهۡمَا تَأۡتِنَا بِهِۦ مِنۡ ءَايَةٖ لِّتَسۡحَرَنَا بِهَا فَمَا نَحۡنُ لَكَ بِمُؤۡمِنِينَ
  Isaan (Muusaan) ni jedhan: "Yoo ati raajii irraa waan feeteen isheedhaan sihrii nutti godhuuf nutti dhufte, nuti siif kan amannu hin taane."
Arabic explanations of the Qur’an:
فَأَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلطُّوفَانَ وَٱلۡجَرَادَ وَٱلۡقُمَّلَ وَٱلضَّفَادِعَ وَٱلدَّمَ ءَايَٰتٖ مُّفَصَّلَٰتٖ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ وَكَانُواْ قَوۡمٗا مُّجۡرِمِينَ
  Achumaan nuti lolaa (bishaan) dachii walga’e, awaannisa, injiraan, raachaafi dhiiga mallattoowwan addeeffamaa haala ta'aniin isaan irratti erginee jirra. Isaan garuu ni boonan, (Isaan) ummata yakkamtoota turan.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَمَّا وَقَعَ عَلَيۡهِمُ ٱلرِّجۡزُ قَالُواْ يَٰمُوسَى ٱدۡعُ لَنَا رَبَّكَ بِمَا عَهِدَ عِندَكَۖ لَئِن كَشَفۡتَ عَنَّا ٱلرِّجۡزَ لَنُؤۡمِنَنَّ لَكَ وَلَنُرۡسِلَنَّ مَعَكَ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
  Yeroo adabichi isaan irratti bu'u ni jedhan: "yaa Muusaa! Gooftaa kee nuuf kadhu waan Inni si biraa waadaa qabuun , yoo ati adabicha nurraa deebifte, Dhugumatti, nuti siif amanna; Ilmaan Israa’il si waliin ergina."
Arabic explanations of the Qur’an:
فَلَمَّا كَشَفۡنَا عَنۡهُمُ ٱلرِّجۡزَ إِلَىٰٓ أَجَلٍ هُم بَٰلِغُوهُ إِذَا هُمۡ يَنكُثُونَ
 yeroma nuti isaan irraa adabicha Hanga beellama isaan dhaqqabanuutti deebifnu achumaan isaan waadaa isaanii diigu.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ فَأَغۡرَقۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡيَمِّ بِأَنَّهُمۡ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَكَانُواْ عَنۡهَا غَٰفِلِينَ
 galaana keessatti isaan dhidhimsinee haaloo isaan irraa ba’anne, Sababa isaan keeyyattoota keenya sobsiisanii ishee irraayis dagattoota ta’aniif .
Arabic explanations of the Qur’an:
وَأَوۡرَثۡنَا ٱلۡقَوۡمَ ٱلَّذِينَ كَانُواْ يُسۡتَضۡعَفُونَ مَشَٰرِقَ ٱلۡأَرۡضِ وَمَغَٰرِبَهَا ٱلَّتِي بَٰرَكۡنَا فِيهَاۖ وَتَمَّتۡ كَلِمَتُ رَبِّكَ ٱلۡحُسۡنَىٰ عَلَىٰ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ بِمَا صَبَرُواْۖ وَدَمَّرۡنَا مَا كَانَ يَصۡنَعُ فِرۡعَوۡنُ وَقَوۡمُهُۥ وَمَا كَانُواْ يَعۡرِشُونَ
  Nuti namoota hacuucamaa turan Bahaafi Dhiha dachii dhaalchifne, ishee barakaa keessa goonee. jechi Rabbii keetii toltuun Banii Israa’iil irratti guutamte Sababa isaan obsaniif. Waan Fir’awniifi ummanni isaa dalagaa turaniifi waan isaan ijaaraa turanis ni barbadeessine.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَجَٰوَزۡنَا بِبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱلۡبَحۡرَ فَأَتَوۡاْ عَلَىٰ قَوۡمٖ يَعۡكُفُونَ عَلَىٰٓ أَصۡنَامٖ لَّهُمۡۚ قَالُواْ يَٰمُوسَى ٱجۡعَل لَّنَآ إِلَٰهٗا كَمَا لَهُمۡ ءَالِهَةٞۚ قَالَ إِنَّكُمۡ قَوۡمٞ تَجۡهَلُونَ
  Ilmaan Israa’iilin bahara ceesifne, ummata taabota isaanii (gabbaruu) irra taa’aa jirutti dhufanii "yaa Muusaa akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi" jedhan, [Inni] ni jedhe: "Isin ummata wallaaloodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ مُتَبَّرٞ مَّا هُمۡ فِيهِ وَبَٰطِلٞ مَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
  Isaan kun wanti isaan keessa jiran mancaafamaadha. Wanti isaan dalagaa turanis kufaadha."
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ أَبۡغِيكُمۡ إِلَٰهٗا وَهُوَ فَضَّلَكُمۡ عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ
  "Sila ani Rabbiin ala gabbaramaa biraa isiniif barbaadaa odoo Inni aalama hunda irra isin caalchisee jiruu?" jedhe.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِذۡ أَنجَيۡنَٰكُم مِّنۡ ءَالِ فِرۡعَوۡنَ يَسُومُونَكُمۡ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِ يُقَتِّلُونَ أَبۡنَآءَكُمۡ وَيَسۡتَحۡيُونَ نِسَآءَكُمۡۚ وَفِي ذَٰلِكُم بَلَآءٞ مِّن رَّبِّكُمۡ عَظِيمٞ
  Yeroo Nuti namoota (adabbii) ummata Fir’awni irraa nagaa isin baafnes [yaadadhaa] kan hamtuu adabaa isin dhandhamsiisan, kan ilmaan keessan ajjeesanii dubartoota keessan jiraachisan. Kana keessas balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ وَوَٰعَدۡنَا مُوسَىٰ ثَلَٰثِينَ لَيۡلَةٗ وَأَتۡمَمۡنَٰهَا بِعَشۡرٖ فَتَمَّ مِيقَٰتُ رَبِّهِۦٓ أَرۡبَعِينَ لَيۡلَةٗۚ وَقَالَ مُوسَىٰ لِأَخِيهِ هَٰرُونَ ٱخۡلُفۡنِي فِي قَوۡمِي وَأَصۡلِحۡ وَلَا تَتَّبِعۡ سَبِيلَ ٱلۡمُفۡسِدِينَ
  Muusaaf halkan soddoma waadaa seenne. Kudhaniin ishee guunne. Beellamni Gooftaa isaa halkan afurtama guute. Muusaan obboleessa isaa Haaruunin ni jedhe: "Bakka na bu’i ummata kiyya keessatti tolchi, Karaa warra balleessaa hojjatanii hin hordofin."
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَمَّا جَآءَ مُوسَىٰ لِمِيقَٰتِنَا وَكَلَّمَهُۥ رَبُّهُۥ قَالَ رَبِّ أَرِنِيٓ أَنظُرۡ إِلَيۡكَۚ قَالَ لَن تَرَىٰنِي وَلَٰكِنِ ٱنظُرۡ إِلَى ٱلۡجَبَلِ فَإِنِ ٱسۡتَقَرَّ مَكَانَهُۥ فَسَوۡفَ تَرَىٰنِيۚ فَلَمَّا تَجَلَّىٰ رَبُّهُۥ لِلۡجَبَلِ جَعَلَهُۥ دَكّٗا وَخَرَّ مُوسَىٰ صَعِقٗاۚ فَلَمَّآ أَفَاقَ قَالَ سُبۡحَٰنَكَ تُبۡتُ إِلَيۡكَ وَأَنَا۠ أَوَّلُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
  Yeroo Muusaan beellama keenyaaf dhufee Rabbiin isaa isaan dubbatu "Yaa gooftaa kiyya (uf) na argisiisi sin ilaalaa!" jedhe. (Rabbiin) "Nan argitu; garuu gara gaaraa ilaali; yoo bakka isaatti ragga'eef Na argitaa" jedhe. Yeroo Rabbiin isaa gaaraaf mul’atu caccaphaa isa godhe. Muusaan of wallaalee kufe, Yeroma bayyanatu nijedhe "ati qulqulloofte; ani gara keetti deebi’e, anis jalqaba mu’uminootaati".
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ يَٰمُوسَىٰٓ إِنِّي ٱصۡطَفَيۡتُكَ عَلَى ٱلنَّاسِ بِرِسَٰلَٰتِي وَبِكَلَٰمِي فَخُذۡ مَآ ءَاتَيۡتُكَ وَكُن مِّنَ ٱلشَّٰكِرِينَ
  (Rabbiin) ni jedhe: "Yaa Muusaa! Ani ergaa kiyyaafi haasa’a kiyyaan namoota irra si filadheera, Waan Ani siif kenne qabadhu, Galateeffattoota irraa ta’i."
Arabic explanations of the Qur’an:
وَكَتَبۡنَا لَهُۥ فِي ٱلۡأَلۡوَاحِ مِن كُلِّ شَيۡءٖ مَّوۡعِظَةٗ وَتَفۡصِيلٗا لِّكُلِّ شَيۡءٖ فَخُذۡهَا بِقُوَّةٖ وَأۡمُرۡ قَوۡمَكَ يَأۡخُذُواْ بِأَحۡسَنِهَاۚ سَأُوْرِيكُمۡ دَارَ ٱلۡفَٰسِقِينَ
  Loohiwwan keessatti waan hunda irraa gorsaafi ibsa waan hundaa isaaf barreessine. "Ishee ciminaan qabadhu, ummata keetis akka toltuu ishee qabatan ajaji. Ani biyya finciltootaa fuuldurattin isinitti agarsiisa" (jedheen).
Arabic explanations of the Qur’an:
سَأَصۡرِفُ عَنۡ ءَايَٰتِيَ ٱلَّذِينَ يَتَكَبَّرُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَإِن يَرَوۡاْ كُلَّ ءَايَةٖ لَّا يُؤۡمِنُواْ بِهَا وَإِن يَرَوۡاْ سَبِيلَ ٱلرُّشۡدِ لَا يَتَّخِذُوهُ سَبِيلٗا وَإِن يَرَوۡاْ سَبِيلَ ٱلۡغَيِّ يَتَّخِذُوهُ سَبِيلٗاۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَكَانُواْ عَنۡهَا غَٰفِلِينَ
  Ani warra haqaan ala dachii keessatti boonan keeyyattoota kiyya irraa garan galcha, Yoo mallattoolee hunda arganis isatti hin amananu, Yoo karaa qajeelaa argan isa karaa hin godhatanu, Yoo karaa jallinaa argan isa karaa godhatu, Kun waan isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraas dagatoo turaniifi.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَلِقَآءِ ٱلۡأٓخِرَةِ حَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡۚ هَلۡ يُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
  Warri keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa kijibsiisan, dalagaaleen isaanii badde, Sila waan hojjataa turan malee mindeeffamuu?
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱتَّخَذَ قَوۡمُ مُوسَىٰ مِنۢ بَعۡدِهِۦ مِنۡ حُلِيِّهِمۡ عِجۡلٗا جَسَدٗا لَّهُۥ خُوَارٌۚ أَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّهُۥ لَا يُكَلِّمُهُمۡ وَلَا يَهۡدِيهِمۡ سَبِيلًاۘ ٱتَّخَذُوهُ وَكَانُواْ ظَٰلِمِينَ
  Ummanni Muusaa (deemsa) isaa booda faaya isaanii irraa jibicha qaama sagaleen (akka koqiinsaa) isaaf taate tolfatan, Sila akka inni isaanitti hin dubbanneefi gara karaa (sirriis) isaan hin qajeelchine hin arganuu? (Gabbaramaa) isa godhatan; miidhaa hojjattootas ta’an.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَمَّا سُقِطَ فِيٓ أَيۡدِيهِمۡ وَرَأَوۡاْ أَنَّهُمۡ قَدۡ ضَلُّواْ قَالُواْ لَئِن لَّمۡ يَرۡحَمۡنَا رَبُّنَا وَيَغۡفِرۡ لَنَا لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
  Yeroo gaabbanii jallachuu isaaniis argan, (tawbataniitin) jedhan: "odoo Gooftaan keenya rahmata nuuf godhuu baateefi nuuf hin araaramnee, dhugumatti silaa nuti hoonga’oo irraa taana ture."
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَمَّا رَجَعَ مُوسَىٰٓ إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ غَضۡبَٰنَ أَسِفٗا قَالَ بِئۡسَمَا خَلَفۡتُمُونِي مِنۢ بَعۡدِيٓۖ أَعَجِلۡتُمۡ أَمۡرَ رَبِّكُمۡۖ وَأَلۡقَى ٱلۡأَلۡوَاحَ وَأَخَذَ بِرَأۡسِ أَخِيهِ يَجُرُّهُۥٓ إِلَيۡهِۚ قَالَ ٱبۡنَ أُمَّ إِنَّ ٱلۡقَوۡمَ ٱسۡتَضۡعَفُونِي وَكَادُواْ يَقۡتُلُونَنِي فَلَا تُشۡمِتۡ بِيَ ٱلۡأَعۡدَآءَ وَلَا تَجۡعَلۡنِي مَعَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
  Muusaan yeroma dallanaa gaddaa gara ummata isaa deebi’u "wanti isin ana booda na bakka buuftan waa fokkate; sila ajaja Gooftaa keessanii jarjarfattani moo?" jedhe. Loohiiwwan darbee mataa obboleessa isaa qabe, kan ufitti harkisu ta'ee. (Obboleessis) nijedhe "Yaa ilma haadha tiyyaa! Ummanni na hacuucanii na ajjeesuuf dhihaatani, Kanaafuu diina natti hin gammachiisin, Ummata miidhaa raawwattoota wajjinis na hin godhin" jedhe.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ رَبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَلِأَخِي وَأَدۡخِلۡنَا فِي رَحۡمَتِكَۖ وَأَنتَ أَرۡحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ
  (Muusaan) nijedhe "Gooftaa kiyya! Anaafi obboleessa kiyyaaf araarami, Rahmata kee keessas nu seensisi, Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti".
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ ٱلۡعِجۡلَ سَيَنَالُهُمۡ غَضَبٞ مِّن رَّبِّهِمۡ وَذِلَّةٞ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُفۡتَرِينَ
  Dhugumatti, isaannan mirgoo (gabbaramaa) godhatan, Gooftaa isaanii irraa dallansuufi salphinni jireenya addunyaa tanaa keessatti isaan argata፣ Akka kanatti kijiba uumtota (adabaan) galata galchina.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِينَ عَمِلُواْ ٱلسَّيِّـَٔاتِ ثُمَّ تَابُواْ مِنۢ بَعۡدِهَا وَءَامَنُوٓاْ إِنَّ رَبَّكَ مِنۢ بَعۡدِهَا لَغَفُورٞ رَّحِيمٞ
  Isaannan dilii heddu hojjatanii sana booda tawbataniifi amanan, Dhugumatti, Gooftaan kee sana booda araaramaa, rahmata godhaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَمَّا سَكَتَ عَن مُّوسَى ٱلۡغَضَبُ أَخَذَ ٱلۡأَلۡوَاحَۖ وَفِي نُسۡخَتِهَا هُدٗى وَرَحۡمَةٞ لِّلَّذِينَ هُمۡ لِرَبِّهِمۡ يَرۡهَبُونَ
  Yeroma dallansuun Muusaa irraa qabbanaa’u loohiwwan fuudhe, Barreefama ishee keessa qajeelfamaafi rahmatatu warra Gooftaa isaanii sodaataniif jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱخۡتَارَ مُوسَىٰ قَوۡمَهُۥ سَبۡعِينَ رَجُلٗا لِّمِيقَٰتِنَاۖ فَلَمَّآ أَخَذَتۡهُمُ ٱلرَّجۡفَةُ قَالَ رَبِّ لَوۡ شِئۡتَ أَهۡلَكۡتَهُم مِّن قَبۡلُ وَإِيَّٰيَۖ أَتُهۡلِكُنَا بِمَا فَعَلَ ٱلسُّفَهَآءُ مِنَّآۖ إِنۡ هِيَ إِلَّا فِتۡنَتُكَ تُضِلُّ بِهَا مَن تَشَآءُ وَتَهۡدِي مَن تَشَآءُۖ أَنتَ وَلِيُّنَا فَٱغۡفِرۡ لَنَا وَٱرۡحَمۡنَاۖ وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلۡغَٰفِرِينَ
  Muusaan ummata isaa irraa namoota torbaatama beellama keenyaaf filate, Yeroo sochiin (kirkirri) lafaa isaan qabattu, (Muusaan) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Odoo feetee kana dura isaaniifi anas ni balleessita ture, Sila waan gowwoonni nurraa ta’an dalaganiin nu balleessitaa? Isheen (fitnattiin) mokkoroodhuma keeti malee homaa miti, Isheedhaan nama feete jalliftee nama feete immoo qajeelchita, Ati gargaaraa keenya, Nuuf araarami, Rahmatas nuuf godhi, Ati caalaa araaramtootaati.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ وَٱكۡتُبۡ لَنَا فِي هَٰذِهِ ٱلدُّنۡيَا حَسَنَةٗ وَفِي ٱلۡأٓخِرَةِ إِنَّا هُدۡنَآ إِلَيۡكَۚ قَالَ عَذَابِيٓ أُصِيبُ بِهِۦ مَنۡ أَشَآءُۖ وَرَحۡمَتِي وَسِعَتۡ كُلَّ شَيۡءٖۚ فَسَأَكۡتُبُهَا لِلَّذِينَ يَتَّقُونَ وَيُؤۡتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَٱلَّذِينَ هُم بِـَٔايَٰتِنَا يُؤۡمِنُونَ
  Jireenya addunyaa kana keessattiifi kan Aakhiraa keessattis toltuu nuuf katabi, Nuti gara kee deebineerra." (Rabbiin) ni jedhe: "(kun) azaaba kiyya; naman fedhen isaan tuqa, Rahmanni kiyya waan hundaaf ballatte, Ishee fuulduratti nin barreessa warra Rabbiin sodaataniif, zakaa kennaniifi warra keeyyattoota keenyatti amananiifin."
Arabic explanations of the Qur’an:
ٱلَّذِينَ يَتَّبِعُونَ ٱلرَّسُولَ ٱلنَّبِيَّ ٱلۡأُمِّيَّ ٱلَّذِي يَجِدُونَهُۥ مَكۡتُوبًا عِندَهُمۡ فِي ٱلتَّوۡرَىٰةِ وَٱلۡإِنجِيلِ يَأۡمُرُهُم بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَيَنۡهَىٰهُمۡ عَنِ ٱلۡمُنكَرِ وَيُحِلُّ لَهُمُ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَيُحَرِّمُ عَلَيۡهِمُ ٱلۡخَبَٰٓئِثَ وَيَضَعُ عَنۡهُمۡ إِصۡرَهُمۡ وَٱلۡأَغۡلَٰلَ ٱلَّتِي كَانَتۡ عَلَيۡهِمۡۚ فَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِهِۦ وَعَزَّرُوهُ وَنَصَرُوهُ وَٱتَّبَعُواْ ٱلنُّورَ ٱلَّذِيٓ أُنزِلَ مَعَهُۥٓ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
(Isaan) warra ergamaa, nabiyyii hin barreessineefi hin dubbifne hordofani, isa isaan biratti Tawraatiifi Injiiliin keessatti barreeffamee isa argan, kan toltutti isaan ajajuufi hamtuu irraa isaan dhorgu, kan gaggaarii halaala isaaniif taasisu, fokkataawwan immoo haraama isaan irratti taasisu, kan ba’aa isaaniitiifi hidhaa isaan irra ture isaan irraa lafa kaayu. (hordofaniidha). Isaannan isatti amananii isa kabajan, kan isa gargaaraniifi ifa isa waliin bu’e hordofan, isaan isaanumatu warra milkaa’oodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنِّي رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيۡكُمۡ جَمِيعًا ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِ ٱلنَّبِيِّ ٱلۡأُمِّيِّ ٱلَّذِي يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ وَكَلِمَٰتِهِۦ وَٱتَّبِعُوهُ لَعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ
  Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’eetti amanaa,kan Rabbiifi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha."
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمِن قَوۡمِ مُوسَىٰٓ أُمَّةٞ يَهۡدُونَ بِٱلۡحَقِّ وَبِهِۦ يَعۡدِلُونَ
  Ummata Muusaa irraa ummata dhugaan qajeelaniifi ittiin haqa murteessantu jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَقَطَّعۡنَٰهُمُ ٱثۡنَتَيۡ عَشۡرَةَ أَسۡبَاطًا أُمَمٗاۚ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ إِذِ ٱسۡتَسۡقَىٰهُ قَوۡمُهُۥٓ أَنِ ٱضۡرِب بِّعَصَاكَ ٱلۡحَجَرَۖ فَٱنۢبَجَسَتۡ مِنۡهُ ٱثۡنَتَا عَشۡرَةَ عَيۡنٗاۖ قَدۡ عَلِمَ كُلُّ أُنَاسٖ مَّشۡرَبَهُمۡۚ وَظَلَّلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلۡغَمَٰمَ وَأَنزَلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلۡمَنَّ وَٱلسَّلۡوَىٰۖ كُلُواْ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقۡنَٰكُمۡۚ وَمَا ظَلَمُونَا وَلَٰكِن كَانُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ يَظۡلِمُونَ
  Ummata gosa kudha lama goonee isaan qoqqoodne, Gara Muusatti yeroo namoonni isaa dhugaatii isa gaafatan "Ulee teetiin dhagaa dhayi" jechuu beeksifne, Isa irraas burqituu kudha lamatu maddite, Namoonni hunduu iddoo irraa dhugan ni beekan, Duumessa isaan irratti gaaddiseessine, Mannii'fi 'salwiis' isaan irratti buufne: "Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa" (jenneen). Isaan Nu hin miine; garuu isaan lubbuu isaanii miidhaa turan.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِذۡ قِيلَ لَهُمُ ٱسۡكُنُواْ هَٰذِهِ ٱلۡقَرۡيَةَ وَكُلُواْ مِنۡهَا حَيۡثُ شِئۡتُمۡ وَقُولُواْ حِطَّةٞ وَٱدۡخُلُواْ ٱلۡبَابَ سُجَّدٗا نَّغۡفِرۡ لَكُمۡ خَطِيٓـَٰٔتِكُمۡۚ سَنَزِيدُ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
  Yeroo isaaniin jedhame [yaadadhaa] "magaalattii tana keessa jiraadhaa; ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa, (kan nu feenu Badiin nurraa) harca'uudhas' jedhaa, Balbalas sujuuda godhaa seenaa, Badiiwwan keessan isiniif dhiifna,(galata) warra toltuu hojjataniis ni daballa"
Arabic explanations of the Qur’an:
فَبَدَّلَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ مِنۡهُمۡ قَوۡلًا غَيۡرَ ٱلَّذِي قِيلَ لَهُمۡ فَأَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ رِجۡزٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ بِمَا كَانُواْ يَظۡلِمُونَ
  Isaan irraa warri miidhaa hojjatan jecha isaanin jedhameen ala isa biraa jijjiiran,azaaba samii irraa isaan irratti ergine Waan miidhaa hojjataa turaniif jecha.{1}
{1} jecha jirhiiruun isaanii kan Rabbiin araarama kadhataa seenaa isaaniin jedhe isaan habbatun fii sha'iiratin (firii garbuu barbaanna) jechaa seenan. akkasuma kan sujuudaa seenaa isaaniin jedhame taa'aa isaaniitiin lafarra shorroqaa seenan.saniif Rabbiin itta dallanee azaaba samirraa itti buuse. [ tafsiira saidii/ teysiir].
Arabic explanations of the Qur’an:
وَسۡـَٔلۡهُمۡ عَنِ ٱلۡقَرۡيَةِ ٱلَّتِي كَانَتۡ حَاضِرَةَ ٱلۡبَحۡرِ إِذۡ يَعۡدُونَ فِي ٱلسَّبۡتِ إِذۡ تَأۡتِيهِمۡ حِيتَانُهُمۡ يَوۡمَ سَبۡتِهِمۡ شُرَّعٗا وَيَوۡمَ لَا يَسۡبِتُونَ لَا تَأۡتِيهِمۡۚ كَذَٰلِكَ نَبۡلُوهُم بِمَا كَانُواْ يَفۡسُقُونَ
  isaan gaafadhu Waa’ee magaalattii galaanicha cinaa jirtuu, yeroo isaan sanbata keessatti daangaa dabran, yeroo qurxummiin isaanii guyyaa sanbataa mul’attuu taatee isaanitti dhuftu; guyyaa isaan hinsanbateessine (hin guddifne) (guyyaa biroo) isaanitti hin dhuftu,akka kanatti isaan qormaanna waan isaan fincilaa turaniif.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِذۡ قَالَتۡ أُمَّةٞ مِّنۡهُمۡ لِمَ تَعِظُونَ قَوۡمًا ٱللَّهُ مُهۡلِكُهُمۡ أَوۡ مُعَذِّبُهُمۡ عَذَابٗا شَدِيدٗاۖ قَالُواْ مَعۡذِرَةً إِلَىٰ رَبِّكُمۡ وَلَعَلَّهُمۡ يَتَّقُونَ
  (yaadadhu) Yeroo ummanni isaan irraa taate jette "ummata Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" (Gorsitoonn) nijedhan "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaan Rabbiin sodaataniifi" jedhan. [1]
[1] kuni wanni ibsu namni gorsu yoo ummanni irratti dides gorsa isaa hindhaabuu ittuma fufa jechuudha.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَلَمَّا نَسُواْ مَا ذُكِّرُواْ بِهِۦٓ أَنجَيۡنَا ٱلَّذِينَ يَنۡهَوۡنَ عَنِ ٱلسُّوٓءِ وَأَخَذۡنَا ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ بِعَذَابِۭ بَـِٔيسِۭ بِمَا كَانُواْ يَفۡسُقُونَ
  Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, isaan hamtuu irraa (namoota) dhorgan nagaa baafnee, isaan miidhaa hojjatan immoo adabbii hamaan isaan qabne waan isaan fincilaa turaniif jecha. {2}
{2} hubadhaa daiwaan (ummata islaamummatti yaamuun) azaaba jalaa nagaya nama baafti.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَلَمَّا عَتَوۡاْ عَن مَّا نُهُواْ عَنۡهُ قُلۡنَا لَهُمۡ كُونُواْ قِرَدَةً خَٰسِـِٔينَ
  Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii dabran isaanin jenne "jaldeessa salphattoota ta’aa".
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِذۡ تَأَذَّنَ رَبُّكَ لَيَبۡعَثَنَّ عَلَيۡهِمۡ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ مَن يَسُومُهُمۡ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِۗ إِنَّ رَبَّكَ لَسَرِيعُ ٱلۡعِقَابِ وَإِنَّهُۥ لَغَفُورٞ رَّحِيمٞ
  Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti isaan irratti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadha; Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَقَطَّعۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ أُمَمٗاۖ مِّنۡهُمُ ٱلصَّٰلِحُونَ وَمِنۡهُمۡ دُونَ ذَٰلِكَۖ وَبَلَوۡنَٰهُم بِٱلۡحَسَنَٰتِ وَٱلسَّيِّـَٔاتِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
  Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirra, Isaan irraas gaggaariitu jira, Isaan irraa sanaan alatu jira, toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra Akka isaan deebi’aniif jecha.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَخَلَفَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ خَلۡفٞ وَرِثُواْ ٱلۡكِتَٰبَ يَأۡخُذُونَ عَرَضَ هَٰذَا ٱلۡأَدۡنَىٰ وَيَقُولُونَ سَيُغۡفَرُ لَنَا وَإِن يَأۡتِهِمۡ عَرَضٞ مِّثۡلُهُۥ يَأۡخُذُوهُۚ أَلَمۡ يُؤۡخَذۡ عَلَيۡهِم مِّيثَٰقُ ٱلۡكِتَٰبِ أَن لَّا يَقُولُواْ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡحَقَّ وَدَرَسُواْ مَا فِيهِۗ وَٱلدَّارُ ٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ لِّلَّذِينَ يَتَّقُونَۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
bakka bu’an booda isaaniitii bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan. Meeshaa dhihoo (hoosa) kana fudhataa, "fuulduratti nuuf dhiifama" jedhu, Yoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufe ni fudhatu, Sila waadaan kitaabaa akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jirus hin dubbifnee? Manni Aakhiraa isaan Rabbiin sodaataniif caalaadha, Sila isin hin xiinxaltanuu?
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِينَ يُمَسِّكُونَ بِٱلۡكِتَٰبِ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ إِنَّا لَا نُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُصۡلِحِينَ
  Isaannan kitaabicha qabatanii, salaata sirnaan dhaaban, Dhugumatti, Nuti mindaa tolchitoota hin balleessinu.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ وَإِذۡ نَتَقۡنَا ٱلۡجَبَلَ فَوۡقَهُمۡ كَأَنَّهُۥ ظُلَّةٞ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُۥ وَاقِعُۢ بِهِمۡ خُذُواْ مَآ ءَاتَيۡنَٰكُم بِقُوَّةٖ وَٱذۡكُرُواْ مَا فِيهِ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ
  Yeroo Nuti gaara xuur gubbaa isaanii irratti akka gaaddisaa ta’ee ol fuunee, isaan isaanirratti kufa jechuu dhugoomsanii "Waan nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa, Akka (Rabbiin) sodaattaniif jecha waan isa keessa jiru qhubadhaa" (jenne yaadadhu)
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِذۡ أَخَذَ رَبُّكَ مِنۢ بَنِيٓ ءَادَمَ مِن ظُهُورِهِمۡ ذُرِّيَّتَهُمۡ وَأَشۡهَدَهُمۡ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ أَلَسۡتُ بِرَبِّكُمۡۖ قَالُواْ بَلَىٰ شَهِدۡنَآۚ أَن تَقُولُواْ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ إِنَّا كُنَّا عَنۡ هَٰذَا غَٰفِلِينَ
  Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugdaalee isaanii irraa sanyiilee isaanii baase, lubbuulee isaanii irratti ragaa isaan godhe [yaadadhu] "Ani Gooftaa keessanii mitii?" jecheen, Isaanis "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhan, Kunis akka isin Guyyaa Qiyaamaa "Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre" hin jenneefi.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَوۡ تَقُولُوٓاْ إِنَّمَآ أَشۡرَكَ ءَابَآؤُنَا مِن قَبۡلُ وَكُنَّا ذُرِّيَّةٗ مِّنۢ بَعۡدِهِمۡۖ أَفَتُهۡلِكُنَا بِمَا فَعَلَ ٱلۡمُبۡطِلُونَ
  “Yookiin abbootii keenyatu duraan (Rabbitti) qindeessani; nutis sanyii isaaniin boodaa turre, Sila waan balleessitoonni hojjataniin nu balleessitaa?” akka isin hin jenneef (ragaa isin goone).
Arabic explanations of the Qur’an:
وَكَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ وَلَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
  Akka isaan (yaadanii)fi deebi’aniif jecha akka kanatti keeyyattoota keenya addeessina.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ ٱلَّذِيٓ ءَاتَيۡنَٰهُ ءَايَٰتِنَا فَٱنسَلَخَ مِنۡهَا فَأَتۡبَعَهُ ٱلشَّيۡطَٰنُ فَكَانَ مِنَ ٱلۡغَاوِينَ
   isaan irratti dubbisi oduu isa keeyyattoota keenya isaaf kenninee, ishee irraa luqqa'e, sheyxaana isa hordofsiise, jallattoota irraa ta’e.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَوۡ شِئۡنَا لَرَفَعۡنَٰهُ بِهَا وَلَٰكِنَّهُۥٓ أَخۡلَدَ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُۚ فَمَثَلُهُۥ كَمَثَلِ ٱلۡكَلۡبِ إِن تَحۡمِلۡ عَلَيۡهِ يَلۡهَثۡ أَوۡ تَتۡرُكۡهُ يَلۡهَثۚ ذَّٰلِكَ مَثَلُ ٱلۡقَوۡمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَاۚ فَٱقۡصُصِ ٱلۡقَصَصَ لَعَلَّهُمۡ يَتَفَكَّرُونَ
  Odoo feenee, isheedhaan (keeyyattoota keenyaan) ol isa fuuna ture, Garuu inni gara dachiitti gadi dide; fedhii lubbuu isaa hordofe, Fakkeenyi isaa akka fakkii sareeti yoo ariite arraba baasee harganu, yoo dhiiftes arraba baasee harganuuti, Kuni fakkeenya ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniiti, seenaalee odeessi akka isaan xiinxalaniif jecha .
Arabic explanations of the Qur’an:
سَآءَ مَثَلًا ٱلۡقَوۡمُ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَأَنفُسَهُمۡ كَانُواْ يَظۡلِمُونَ
  Fakkeenyi ummata keeyyattoota keenya kijibsiisanii waa fokkate! lubbuulee isaanii kan miidhan ta’anii.
Arabic explanations of the Qur’an:
مَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلۡمُهۡتَدِيۖ وَمَن يُضۡلِلۡ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡخَٰسِرُونَ
  Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadha, Namni Inni jallise immoo, isaan warra hoonga’oodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَقَدۡ ذَرَأۡنَا لِجَهَنَّمَ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِۖ لَهُمۡ قُلُوبٞ لَّا يَفۡقَهُونَ بِهَا وَلَهُمۡ أَعۡيُنٞ لَّا يُبۡصِرُونَ بِهَا وَلَهُمۡ ءَاذَانٞ لَّا يَسۡمَعُونَ بِهَآۚ أُوْلَٰٓئِكَ كَٱلۡأَنۡعَٰمِ بَلۡ هُمۡ أَضَلُّۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡغَٰفِلُونَ
  Dhugumatti, Nuti jahannamiif jinnootaafi namoota irraa heddu uumnee jirra, Isaaniif onneewwantu tahe, isiin hinhubatan. isaaniif ijoowwantu tahe, isiidhaan hinargan.isaaniif gurroowwantu tahe, isiin hindhagayan. Warri sun akka beyladootaati, Inumaa jarri irra jallatoodha, Isaan isaanumatu dagattoota.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلِلَّهِ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰ فَٱدۡعُوهُ بِهَاۖ وَذَرُواْ ٱلَّذِينَ يُلۡحِدُونَ فِيٓ أَسۡمَٰٓئِهِۦۚ سَيُجۡزَوۡنَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
  Rabbiif maqaalee gaggaariitu jiru, Isheedhaan Isa kadhaa, Warra maqaalee Isaa keessatti jallisan dhiisaa, Waan dalagaa turan fuulduratti galata galfamu.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمِمَّنۡ خَلَقۡنَآ أُمَّةٞ يَهۡدُونَ بِٱلۡحَقِّ وَبِهِۦ يَعۡدِلُونَ
  Namoota Nuti uumne irraa, ummata dhugaan qajeelaniifi isaanis haqa murteessantu jiru.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا سَنَسۡتَدۡرِجُهُم مِّنۡ حَيۡثُ لَا يَعۡلَمُونَ
  Isaannan keeyyattoota keenya kijibsiisan, Nuti karaa isaan hin beekne irraan suuta suutaan isaan qabna.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَأُمۡلِي لَهُمۡۚ إِنَّ كَيۡدِي مَتِينٌ
  Yeroo isaaniifin kenna; Dhugumatti, tooftaan kiyya cimaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَوَلَمۡ يَتَفَكَّرُواْۗ مَا بِصَاحِبِهِم مِّن جِنَّةٍۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا نَذِيرٞ مُّبِينٌ
  Sila isaan saahiba (Nabiyyii) isaaniitti (muhammaditti) maraatummaan akka hinjirre hin xiinxalanuu? Inni akeekkachiisaa ifa galaa malee waan biraatii miti.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَوَلَمۡ يَنظُرُواْ فِي مَلَكُوتِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا خَلَقَ ٱللَّهُ مِن شَيۡءٖ وَأَنۡ عَسَىٰٓ أَن يَكُونَ قَدِ ٱقۡتَرَبَ أَجَلُهُمۡۖ فَبِأَيِّ حَدِيثِۭ بَعۡدَهُۥ يُؤۡمِنُونَ
  Sila mootummaa samiileefii dachiifi, keessatti hinlaalanii? waan Rabbiin wantoota hunda irraa uumes, akkasumas beellamni (yeroon du’a) isaanii Dhugumatti kan dhihaate ta’uu (hin ilaalanuu?). Sila booda isaatii (Qur’aanaatii) haasa’a kamitti amanu?
Arabic explanations of the Qur’an:
مَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَلَا هَادِيَ لَهُۥۚ وَيَذَرُهُمۡ فِي طُغۡيَٰنِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
  Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan isaaf hin jiru, Jallina isaanii keessatti dhama'oota ta'anii isaan dhiisa.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَسۡـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرۡسَىٰهَاۖ قُلۡ إِنَّمَا عِلۡمُهَا عِندَ رَبِّيۖ لَا يُجَلِّيهَا لِوَقۡتِهَآ إِلَّا هُوَۚ ثَقُلَتۡ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ لَا تَأۡتِيكُمۡ إِلَّا بَغۡتَةٗۗ يَسۡـَٔلُونَكَ كَأَنَّكَ حَفِيٌّ عَنۡهَاۖ قُلۡ إِنَّمَا عِلۡمُهَا عِندَ ٱللَّهِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
  Waa’ee Qiyaamaa irraa yoomi dhaabbatiinsi isii (dhufti isii) (jedhanii) si gaafatu, jedhi "Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira qofa. Isa malee homtuu yeroo isheetiif ishee hin ibsu, Samiileefi dachii keessatti ulfaatte, Isheen tasa (daguutti) malee isinitti hin dhuftu" (jedhi). Akka waan ati ishee sirritti beektuutti si gaafatu, jedhi Beekumsi ishee Rabbiin bira qofa jira, Garuu irra hedduun namootaa hin beekan".
Arabic explanations of the Qur’an:
قُل لَّآ أَمۡلِكُ لِنَفۡسِي نَفۡعٗا وَلَا ضَرًّا إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُۚ وَلَوۡ كُنتُ أَعۡلَمُ ٱلۡغَيۡبَ لَٱسۡتَكۡثَرۡتُ مِنَ ٱلۡخَيۡرِ وَمَا مَسَّنِيَ ٱلسُّوٓءُۚ إِنۡ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٞ وَبَشِيرٞ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
 Jedhi "Ani lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'u waan Rabbiin fedhe malee, Odoon kanin fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuun na hin tuqu ture, Ani ummata amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee hintaane".
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن نَّفۡسٖ وَٰحِدَةٖ وَجَعَلَ مِنۡهَا زَوۡجَهَا لِيَسۡكُنَ إِلَيۡهَاۖ فَلَمَّا تَغَشَّىٰهَا حَمَلَتۡ حَمۡلًا خَفِيفٗا فَمَرَّتۡ بِهِۦۖ فَلَمَّآ أَثۡقَلَت دَّعَوَا ٱللَّهَ رَبَّهُمَا لَئِنۡ ءَاتَيۡتَنَا صَٰلِحٗا لَّنَكُونَنَّ مِنَ ٱلشَّٰكِرِينَ
  Inni Isa lubbuu takka irraa isin uumee ishee irraa qindii isii taasisee, akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf). Yeroo inni ishee qunnamu ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemte, Yeroma isheen ulfaattu Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan "yoo Ati (ilma) gaarii nuuf kennite, dhugumatti, nuti warra Si galateeffatan irraa taana" (jechuun) .
Arabic explanations of the Qur’an:
فَلَمَّآ ءَاتَىٰهُمَا صَٰلِحٗا جَعَلَا لَهُۥ شُرَكَآءَ فِيمَآ ءَاتَىٰهُمَاۚ فَتَعَٰلَى ٱللَّهُ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
  Yeroo Inni (ilma) gaarii isaaniif kennu waan Inni isaaniif kenne (maqaa) keessatti Isaaf shariika taasisan, Rabbiin waan isaan Isa waliin gabbaran irraa ol ta’eera.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَيُشۡرِكُونَ مَا لَا يَخۡلُقُ شَيۡـٔٗا وَهُمۡ يُخۡلَقُونَ
  Sila warra waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessuu? kan ofiifuu uumamoo ta’an.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَا يَسۡتَطِيعُونَ لَهُمۡ نَصۡرٗا وَلَآ أَنفُسَهُمۡ يَنصُرُونَ
  Isaan gargaaruu hin danda’an, lubbuulee isaaniis hingargaaran.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِن تَدۡعُوهُمۡ إِلَى ٱلۡهُدَىٰ لَا يَتَّبِعُوكُمۡۚ سَوَآءٌ عَلَيۡكُمۡ أَدَعَوۡتُمُوهُمۡ أَمۡ أَنتُمۡ صَٰمِتُونَ
  Yoo isin gara qajeelumaa isaan waamtan isin hin hordofan, Isaan waamtanus yookiin cal’iftoota taatanus isin irratti walqixa.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ عِبَادٌ أَمۡثَالُكُمۡۖ فَٱدۡعُوهُمۡ فَلۡيَسۡتَجِيبُواْ لَكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
  Dhugumatti, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan gabrootuma fakkiiwwan keessaniiti, mee isaan kadhaa isiniif haa awwaatanuu Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَلَهُمۡ أَرۡجُلٞ يَمۡشُونَ بِهَآۖ أَمۡ لَهُمۡ أَيۡدٖ يَبۡطِشُونَ بِهَآۖ أَمۡ لَهُمۡ أَعۡيُنٞ يُبۡصِرُونَ بِهَآۖ أَمۡ لَهُمۡ ءَاذَانٞ يَسۡمَعُونَ بِهَاۗ قُلِ ٱدۡعُواْ شُرَكَآءَكُمۡ ثُمَّ كِيدُونِ فَلَا تُنظِرُونِ
  Sila isaaniif miiloowwantu tahee kan isiidhaan deeman? moo isaaniif harkoowwantu taheekan isiidhaan qabatan? moo isaaniif ijoowwantu kan isiidhaan argan? moo isaaniif gurroowwantu tahee kan isiidhaan dhagayan? jedhi " shariikota keessan (warra Rabbii waliin gabbartan) waamadhaa, Ergasii tooftaa natti baasaa, Yeroos naaf hin kenninaa (isaan hin sodaadhu).
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ وَلِـِّۧيَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي نَزَّلَ ٱلۡكِتَٰبَۖ وَهُوَ يَتَوَلَّى ٱلصَّٰلِحِينَ
   Jaalalleen kiyya Rabbii Isa kitaaba buuseedha, Inni warra toltuu hojjatan ni gargaara" (jedhiin).
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَسۡتَطِيعُونَ نَصۡرَكُمۡ وَلَآ أَنفُسَهُمۡ يَنصُرُونَ
  Warri isin Isaa gaditti gabbartan isin gargaaruu hindandayan, lubbuulee isaaniitis hingargaaranu.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِن تَدۡعُوهُمۡ إِلَى ٱلۡهُدَىٰ لَا يَسۡمَعُواْۖ وَتَرَىٰهُمۡ يَنظُرُونَ إِلَيۡكَ وَهُمۡ لَا يُبۡصِرُونَ
  Yoo gara qajeelumaa isaan waamtan hin dhaga'anu. Kan isaan gara kee ilaalanu argita isaan hinargan.
Arabic explanations of the Qur’an:
خُذِ ٱلۡعَفۡوَ وَأۡمُرۡ بِٱلۡعُرۡفِ وَأَعۡرِضۡ عَنِ ٱلۡجَٰهِلِينَ
  Haala (namootaa irraa isa) laafaa qabadhu; toltuutti ajaji; wallaaltota irraa gara gali.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ نَزۡغٞ فَٱسۡتَعِذۡ بِٱللَّهِۚ إِنَّهُۥ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
  Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu, Inni dhagayaa, argaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْ إِذَا مَسَّهُمۡ طَٰٓئِفٞ مِّنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ تَذَكَّرُواْ فَإِذَا هُم مُّبۡصِرُونَ
  Isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna'aan shayxaana irraa ta’e isaan tuqe, (Rabbiin) yaadatu, Achumaan isaan argoodha..
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِخۡوَٰنُهُمۡ يَمُدُّونَهُمۡ فِي ٱلۡغَيِّ ثُمَّ لَا يُقۡصِرُونَ
  Obboleeyyan isaanii jallina isaaniif dabalu, Ergasii (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِذَا لَمۡ تَأۡتِهِم بِـَٔايَةٖ قَالُواْ لَوۡلَا ٱجۡتَبَيۡتَهَاۚ قُلۡ إِنَّمَآ أَتَّبِعُ مَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّ مِن رَّبِّيۚ هَٰذَا بَصَآئِرُ مِن رَّبِّكُمۡ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٞ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
  Yeroo ati raajii wahiitiin isaanitti hin dhufin "Maaliif ishee hin finne (hin uumne)?" jedhu. jedhi "Wanti ani hordofu waan Gooftaa kiyya biraa gara kiyyatti beeksifame qofa, (Qur’aanni) kun ragaa ifa bahaa Gooftaa keessan irraa ta'e, qajeelfamaafi rahmata ummata amananiif ".
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِذَا قُرِئَ ٱلۡقُرۡءَانُ فَٱسۡتَمِعُواْ لَهُۥ وَأَنصِتُواْ لَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
  Yeroo Qur’aanni qara’ame isaaf dhageeffadhaa; cal’isaa akka rahmanni isiniif godhamuuf .
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱذۡكُر رَّبَّكَ فِي نَفۡسِكَ تَضَرُّعٗا وَخِيفَةٗ وَدُونَ ٱلۡجَهۡرِ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ بِٱلۡغُدُوِّ وَٱلۡأٓصَالِ وَلَا تَكُن مِّنَ ٱلۡغَٰفِلِينَ
  Gooftaa kee faarsi lubbuu tee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala. Dagattoota irraa hin ta’in.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ عِندَ رَبِّكَ لَا يَسۡتَكۡبِرُونَ عَنۡ عِبَادَتِهِۦ وَيُسَبِّحُونَهُۥ وَلَهُۥ يَسۡجُدُونَۤ۩
  Dhugumatti, isaannan Gooftaa kee bira jiran Isa gabbaruu irraa hin boonanu; Isa qulqulleessu; Isaaf sujuuda godhu. {1}
{1} bakka tanatti namni qur'aana qarau sujuuda tokko godha. sujuuda tilaawaa (qaraatii qur'aanaa) jedhama. sunnaa jaalatamaadha. inni qur'aana keessa bakka 15 jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Al-A‘rāf
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Translations’ Index

Translation of the Quran meanings into Oromo by Ghaly Ababour Abaghuna, printed in 2009.

close