قرآن کریم کے معانی کا ترجمہ - اورومو ترجمہ * - ترجمے کی لسٹ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

معانی کا ترجمہ سورت: سورۂ نبأ   آیت:

Annaba’i

عَمَّ يَتَسَآءَلُونَ
[Warri hin amanin] maal irraa wal gaaggaafatan?
عربی تفاسیر:
عَنِ ٱلنَّبَإِ ٱلۡعَظِيمِ
Oduu guddaa irraa [wal gaafatu)
عربی تفاسیر:
ٱلَّذِي هُمۡ فِيهِ مُخۡتَلِفُونَ
Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi].
عربی تفاسیر:
كَلَّا سَيَعۡلَمُونَ
Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
عربی تفاسیر:
ثُمَّ كَلَّا سَيَعۡلَمُونَ
Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
عربی تفاسیر:
أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ مِهَٰدٗا
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?
عربی تفاسیر:
وَٱلۡجِبَالَ أَوۡتَادٗا
Gaarreenis shikaaloowwan [hin goonee]?
عربی تفاسیر:
وَخَلَقۡنَٰكُمۡ أَزۡوَٰجٗا
Cimdiis goonee isin uumne.
عربی تفاسیر:
وَجَعَلۡنَا نَوۡمَكُمۡ سُبَاتٗا
Hirriba keessan boqonnaa goone.
عربی تفاسیر:
وَجَعَلۡنَا ٱلَّيۡلَ لِبَاسٗا
Halkan uffata goone.
عربی تفاسیر:
وَجَعَلۡنَا ٱلنَّهَارَ مَعَاشٗا
Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone.
عربی تفاسیر:
وَبَنَيۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعٗا شِدَادٗا
Gubbaa keessanitti [samii] jajjaboo torba ijaarre.
عربی تفاسیر:
وَجَعَلۡنَا سِرَاجٗا وَهَّاجٗا
Ifaa boba'aas uumne.
عربی تفاسیر:
وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلۡمُعۡصِرَٰتِ مَآءٗ ثَجَّاجٗا
Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne.
عربی تفاسیر:
لِّنُخۡرِجَ بِهِۦ حَبّٗا وَنَبَاتٗا
Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne].
عربی تفاسیر:
وَجَنَّٰتٍ أَلۡفَافًا
Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes.
عربی تفاسیر:
إِنَّ يَوۡمَ ٱلۡفَصۡلِ كَانَ مِيقَٰتٗا
Guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e.
عربی تفاسیر:
يَوۡمَ يُنفَخُ فِي ٱلصُّورِ فَتَأۡتُونَ أَفۡوَاجٗا
[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha.
عربی تفاسیر:
وَفُتِحَتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ أَبۡوَٰبٗا
[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha.
عربی تفاسیر:
وَسُيِّرَتِ ٱلۡجِبَالُ فَكَانَتۡ سَرَابًا
Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate.
عربی تفاسیر:
إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتۡ مِرۡصَادٗا
Dhugumatti jahannam keellaa taateetti.
عربی تفاسیر:
لِّلطَّٰغِينَ مَـَٔابٗا
Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti.
عربی تفاسیر:
لَّٰبِثِينَ فِيهَآ أَحۡقَابٗا
Yeroo dheeraaf ishee keessa turu.
عربی تفاسیر:
لَّا يَذُوقُونَ فِيهَا بَرۡدٗا وَلَا شَرَابًا
Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu.
عربی تفاسیر:
إِلَّا حَمِيمٗا وَغَسَّاقٗا
Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu].
عربی تفاسیر:
جَزَآءٗ وِفَاقًا
Mindaa wal madaalu [mindeeffaman].
عربی تفاسیر:
إِنَّهُمۡ كَانُواْ لَا يَرۡجُونَ حِسَابٗا
Isaan qormaata hin sodaatanu turan.
عربی تفاسیر:
وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا كِذَّابٗا
Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan.
عربی تفاسیر:
وَكُلَّ شَيۡءٍ أَحۡصَيۡنَٰهُ كِتَٰبٗا
Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne.
عربی تفاسیر:
فَذُوقُواْ فَلَن نَّزِيدَكُمۡ إِلَّا عَذَابًا
“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama].
عربی تفاسیر:
إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ مَفَازًا
Warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.
عربی تفاسیر:
حَدَآئِقَ وَأَعۡنَٰبٗا
Ashaakiltiifi inabatu [jira].
عربی تفاسیر:
وَكَوَاعِبَ أَتۡرَابٗا
Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru].
عربی تفاسیر:
وَكَأۡسٗا دِهَاقٗا
Geeba (xoofoo) guutamtuu.
عربی تفاسیر:
لَّا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوٗا وَلَا كِذَّٰبٗا
Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu.
عربی تفاسیر:
جَزَآءٗ مِّن رَّبِّكَ عَطَآءً حِسَابٗا
Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman].
عربی تفاسیر:
رَّبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا ٱلرَّحۡمَٰنِۖ لَا يَمۡلِكُونَ مِنۡهُ خِطَابٗا
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]. Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu.
عربی تفاسیر:
يَوۡمَ يَقُومُ ٱلرُّوحُ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ صَفّٗاۖ لَّا يَتَكَلَّمُونَ إِلَّا مَنۡ أَذِنَ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَقَالَ صَوَابٗا
Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu.
عربی تفاسیر:
ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمُ ٱلۡحَقُّۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ مَـَٔابًا
Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaati. Namni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata.
عربی تفاسیر:
إِنَّآ أَنذَرۡنَٰكُمۡ عَذَابٗا قَرِيبٗا يَوۡمَ يَنظُرُ ٱلۡمَرۡءُ مَا قَدَّمَتۡ يَدَاهُ وَيَقُولُ ٱلۡكَافِرُ يَٰلَيۡتَنِي كُنتُ تُرَٰبَۢا
Nuti adabbii dhihoo tahe isin sodaachifne. kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte argu, kan kaafirri jedhu "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba".
عربی تفاسیر:
 
معانی کا ترجمہ سورت: سورۂ نبأ
سورتوں کی لسٹ صفحہ نمبر
 
قرآن کریم کے معانی کا ترجمہ - اورومو ترجمہ - ترجمے کی لسٹ

قرآن کریم کے معانی کا اورومو ترجمہ۔ ترجمہ غالی ابابور اباگونا نے کیا ہے۔ طباعت سنہ 2009ء۔

بند کریں