Qurani Kərimin mənaca tərcüməsi - Oromo dilinə tərcümə * - Tərcumənin mündəricatı

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Mənaların tərcüməsi Surə: əl-Ənkəbut   Ayə:

AL-Ankabuut

الٓمٓ
Alif Laam Miim
Ərəbcə təfsirlər:
أَحَسِبَ ٱلنَّاسُ أَن يُتۡرَكُوٓاْ أَن يَقُولُوٓاْ ءَامَنَّا وَهُمۡ لَا يُفۡتَنُونَ
Sila namoonni “amanne” jechuudhaan odoo hin mokkoramin dhiifamuu yaaduu?
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَقَدۡ فَتَنَّا ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۖ فَلَيَعۡلَمَنَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ صَدَقُواْ وَلَيَعۡلَمَنَّ ٱلۡكَٰذِبِينَ
Dhugumatti, Nuti warra isaaniin duraas mokkorree jirra. Dhugumatti, Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan beekuuf jira, sobdootas beekuuf jira. .
Ərəbcə təfsirlər:
أَمۡ حَسِبَ ٱلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِ أَن يَسۡبِقُونَاۚ سَآءَ مَا يَحۡكُمُونَ
Sila isaan diliilee dalagan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!
Ərəbcə təfsirlər:
مَن كَانَ يَرۡجُواْ لِقَآءَ ٱللَّهِ فَإِنَّ أَجَلَ ٱللَّهِ لَأٓتٖۚ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Namni qunnamtii Allaah kajeele (haa qophaawuu), dhugumatti beellamni Rabbii dhufaadha. Inni dhagayaa, beekaadhas.
Ərəbcə təfsirlər:
وَمَن جَٰهَدَ فَإِنَّمَا يُجَٰهِدُ لِنَفۡسِهِۦٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَغَنِيٌّ عَنِ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Rabbiin Dhugumatti, aalama hunda irraa dureessa.
Ərəbcə təfsirlər:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَنُكَفِّرَنَّ عَنۡهُمۡ سَيِّـَٔاتِهِمۡ وَلَنَجۡزِيَنَّهُمۡ أَحۡسَنَ ٱلَّذِي كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan badiilee isaanii isaan irraa haqna. Dhugumatti, gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina.
Ərəbcə təfsirlər:
وَوَصَّيۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ بِوَٰلِدَيۡهِ حُسۡنٗاۖ وَإِن جَٰهَدَاكَ لِتُشۡرِكَ بِي مَا لَيۡسَ لَكَ بِهِۦ عِلۡمٞ فَلَا تُطِعۡهُمَآۚ إِلَيَّ مَرۡجِعُكُمۡ فَأُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Namaaf haadhaafi abbaa isaatti tola ooluu dhaamne. Yoo waan ati beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sirratti qabsaayan, isaan lamaan tole hinjedhin, Deebiin keessan garuma kiyya. Waan hojjachaa turtan isinittin odeessa.
Ərəbcə təfsirlər:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَنُدۡخِلَنَّهُمۡ فِي ٱلصَّٰلِحِينَ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, namoota gaggaarii keessa isaan seensifna.
Ərəbcə təfsirlər:
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَقُولُ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ فَإِذَآ أُوذِيَ فِي ٱللَّهِ جَعَلَ فِتۡنَةَ ٱلنَّاسِ كَعَذَابِ ٱللَّهِۖ وَلَئِن جَآءَ نَصۡرٞ مِّن رَّبِّكَ لَيَقُولُنَّ إِنَّا كُنَّا مَعَكُمۡۚ أَوَلَيۡسَ ٱللَّهُ بِأَعۡلَمَ بِمَا فِي صُدُورِ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Namoota irraa nama “Rabbitti amanneerra” jedhaa yeroo karaa Rabbii keessatti rakkifame, rakkina namni isa irratti raawwatu akka adabbii Rabbii taasisutu jira. Yoo injifannoon Rabbii kee irraa dhufes dhugumatti “nuti isinii wajjin turre” jedhu. Sila Allaahn waan qomaalee aalamaa keessa jiru akkaan beekaa hin taanee?
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَيَعۡلَمَنَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَلَيَعۡلَمَنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ
Dugumatti Allaahn warra amanan ni beeka. Munaafiqootas ni beeka.
Ərəbcə təfsirlər:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّبِعُواْ سَبِيلَنَا وَلۡنَحۡمِلۡ خَطَٰيَٰكُمۡ وَمَا هُم بِحَٰمِلِينَ مِنۡ خَطَٰيَٰهُم مِّن شَيۡءٍۖ إِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Isaan kafaran warra amananiin “karaa keenya hordofaa; nuti cubbuulee keessan isin irraa baadhannaa” jedhan, Isaan badiilee isaanii irraa homaa hin baadhatanu. Dhugumatti, isaan kijibdoota.
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَيَحۡمِلُنَّ أَثۡقَالَهُمۡ وَأَثۡقَالٗا مَّعَ أَثۡقَالِهِمۡۖ وَلَيُسۡـَٔلُنَّ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عَمَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ
Dhugumatti, isaan ba’aa isaaniitiifi ba’aa biraas kan isaanii wajjin ni baadhatu. Dhugumatti, isaan waan soba uuman irraa Guyyaa Qiyaamaa ni gaafatamu.
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ فَلَبِثَ فِيهِمۡ أَلۡفَ سَنَةٍ إِلَّا خَمۡسِينَ عَامٗا فَأَخَذَهُمُ ٱلطُّوفَانُ وَهُمۡ ظَٰلِمُونَ
Dhugumatti, nabi Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra. [Inni] waggaa kuma tokkoo waggaa shantam ir'uu isaan keessa ture.Odoo isaan miidhaa hojjattoota ta’anii jiranii bishaaniin dhidhimfamuun isaan qabe.
Ərəbcə təfsirlər:
فَأَنجَيۡنَٰهُ وَأَصۡحَٰبَ ٱلسَّفِينَةِ وَجَعَلۡنَٰهَآ ءَايَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Isaafi warra doonii (keessa turan) ni baraarsine; aalama hundaaf mallattoo ishee goone.
Ərəbcə təfsirlər:
وَإِبۡرَٰهِيمَ إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱتَّقُوهُۖ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٞ لَّكُمۡ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
Ibraahiimiin yeroo inni ummata isaatiin “Allaah gabbaraa. Isa sodaadhaa. Yoo kan beektan taataniif santu irra isiniif caala” jedhe [yaadadhu].
Ərəbcə təfsirlər:
إِنَّمَا تَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَوۡثَٰنٗا وَتَخۡلُقُونَ إِفۡكًاۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ تَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ لَا يَمۡلِكُونَ لَكُمۡ رِزۡقٗا فَٱبۡتَغُواْ عِندَ ٱللَّهِ ٱلرِّزۡقَ وَٱعۡبُدُوهُ وَٱشۡكُرُواْ لَهُۥٓۖ إِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
“Wanti isin Rabbii gaditti gabbartan taabotuma qofa; cubbuus ni uumtu. isaan isin Rabbiin alatti gabbartan soorata isiniif kennuutti dandeettii hin qabanu. Soorata Rabbuma biraa barbaadaa. Isa gabbaraas. Galatas Isaaf galchaa. Garuma Isaa deebifamtu.
Ərəbcə təfsirlər:
وَإِن تُكَذِّبُواْ فَقَدۡ كَذَّبَ أُمَمٞ مِّن قَبۡلِكُمۡۖ وَمَا عَلَى ٱلرَّسُولِ إِلَّا ٱلۡبَلَٰغُ ٱلۡمُبِينُ
Yoo sobsiiftan, dhugumatti ummanni isin duraas sobsiisanii jiru. Ergamaa irra geessuu ifa ta’e malee homaa hin jiru
Ərəbcə təfsirlər:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ كَيۡفَ يُبۡدِئُ ٱللَّهُ ٱلۡخَلۡقَ ثُمَّ يُعِيدُهُۥٓۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ
Sila isaan akka Rabbiin uumuu eegalee ergasii isa deebisu hin ilaalanuu? Sun Allaah irratti laafaadha.
Ərəbcə təfsirlər:
قُلۡ سِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَٱنظُرُواْ كَيۡفَ بَدَأَ ٱلۡخَلۡقَۚ ثُمَّ ٱللَّهُ يُنشِئُ ٱلنَّشۡأَةَ ٱلۡأٓخِرَةَۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
[Yaa Muhammad!] “dachii keessa deemaatii akkaataa Rabbiin uumuu itti jalqabe ilaalaa! Sana booda Allaahn kaasiinsa boodaa ni kaasa. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha” jedhiin.
Ərəbcə təfsirlər:
يُعَذِّبُ مَن يَشَآءُ وَيَرۡحَمُ مَن يَشَآءُۖ وَإِلَيۡهِ تُقۡلَبُونَ
Nama fedhe ni adaba; nama fedhes rahmata isaaf godha. Gara Isaa qofatti deebifamtu.
Ərəbcə təfsirlər:
وَمَآ أَنتُم بِمُعۡجِزِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فِي ٱلسَّمَآءِۖ وَمَا لَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِن وَلِيّٖ وَلَا نَصِيرٖ
Isin dachiifi samii keessatti kan dadhabsiiftan hin taane. Rabbiin ala jaalalleefi tumsaan isiniif hin jiru.
Ərəbcə təfsirlər:
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ وَلِقَآئِهِۦٓ أُوْلَٰٓئِكَ يَئِسُواْ مِن رَّحۡمَتِي وَأُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Isaan keeyyattoota Rabbiitiifi qunnamtii Isaatti kafaran, isaan sun rahmata kiyya irraa abdii kutatanii jiru. Isaan sun adabbii laaleessaa ta’etu isaaniif jira.
Ərəbcə təfsirlər:
فَمَا كَانَ جَوَابَ قَوۡمِهِۦٓ إِلَّآ أَن قَالُواْ ٱقۡتُلُوهُ أَوۡ حَرِّقُوهُ فَأَنجَىٰهُ ٱللَّهُ مِنَ ٱلنَّارِۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Deebiin ummata isaas “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa” jechuu malee waan biraa hin taane. Allaahn Ibidda jalaa isa baraarsee jira. kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.
Ərəbcə təfsirlər:
وَقَالَ إِنَّمَا ٱتَّخَذۡتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ أَوۡثَٰنٗا مَّوَدَّةَ بَيۡنِكُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ ثُمَّ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ يَكۡفُرُ بَعۡضُكُم بِبَعۡضٖ وَيَلۡعَنُ بَعۡضُكُم بَعۡضٗا وَمَأۡوَىٰكُمُ ٱلنَّارُ وَمَا لَكُم مِّن نَّٰصِرِينَ
[Ibraahiim] “Isin Rabbii gaditti taabota wanti godhattaniif jaalala jidduu keessanii kan jiruu duniyaa qofaafi. Sana booda Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan garitti kafara. Gariin keessan garii abaaras. Manni keessan ibidda; tumsitoonni homaatuu isiniif hin jiru” jedhe.
Ərəbcə təfsirlər:
۞ فَـَٔامَنَ لَهُۥ لُوطٞۘ وَقَالَ إِنِّي مُهَاجِرٌ إِلَىٰ رَبِّيٓۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Luuxis isaaf (Ibraahiimiif) ni amane. (Ibraahiimis) “ani gara Rabbii kiyyaa godaanaadha. Inni injifataa, ogeessa” jedhe.
Ərəbcə təfsirlər:
وَوَهَبۡنَا لَهُۥٓ إِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَ وَجَعَلۡنَا فِي ذُرِّيَّتِهِ ٱلنُّبُوَّةَ وَٱلۡكِتَٰبَ وَءَاتَيۡنَٰهُ أَجۡرَهُۥ فِي ٱلدُّنۡيَاۖ وَإِنَّهُۥ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ لَمِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Is-haaqiifi Ya’iquubiinis isaaf kennine. Sanyii isaa keessa nabiyyummaafi Kitaaba ni taasifne. Mindaa isaa addunyaa keessattis isaaf kennine. inni Aakhiratti gaggaarota irraayi.
Ərəbcə təfsirlər:
وَلُوطًا إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦٓ إِنَّكُمۡ لَتَأۡتُونَ ٱلۡفَٰحِشَةَ مَا سَبَقَكُم بِهَا مِنۡ أَحَدٖ مِّنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Luuxiinis yeroo inni ummata isaatiin “isin gocha fokkataa kan aalama hunda irraa ummanni tokkollee isin dura hin hojjatin raawwattu” jedheen (erginee jirra).
Ərəbcə təfsirlər:
أَئِنَّكُمۡ لَتَأۡتُونَ ٱلرِّجَالَ وَتَقۡطَعُونَ ٱلسَّبِيلَ وَتَأۡتُونَ فِي نَادِيكُمُ ٱلۡمُنكَرَۖ فَمَا كَانَ جَوَابَ قَوۡمِهِۦٓ إِلَّآ أَن قَالُواْ ٱئۡتِنَا بِعَذَابِ ٱللَّهِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
“Sila isin (qunnamtii saalatiif) dhiiroowwanitti dhuftuu?! (Saamichaanis) karaa kuttuu? Iddoo Yaa’ii keessanii keessattis gochoota jibbamoo ta’an raawwattuu? Deebiin ummata isaa “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef, adabbii Rabbiitiin nutti kottu” jechuu malee homaa hin taane.
Ərəbcə təfsirlər:
قَالَ رَبِّ ٱنصُرۡنِي عَلَى ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡمُفۡسِدِينَ
(Luuxis) “Gooftaa kiyya! Ummata balleessitoota (kanneen) irratti na tumsi” jedhe.
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَمَّا جَآءَتۡ رُسُلُنَآ إِبۡرَٰهِيمَ بِٱلۡبُشۡرَىٰ قَالُوٓاْ إِنَّا مُهۡلِكُوٓاْ أَهۡلِ هَٰذِهِ ٱلۡقَرۡيَةِۖ إِنَّ أَهۡلَهَا كَانُواْ ظَٰلِمِينَ
Yeroma ergamtoonni keenya oduu gammachiisaan Ibraahiimitti dhufan “nuti dhugumatti, jiraattota magaalaa tanaa balleessoodha. waan warri ishee miidhaa hojjattoota ta’aniif” jedhan.
Ərəbcə təfsirlər:
قَالَ إِنَّ فِيهَا لُوطٗاۚ قَالُواْ نَحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَن فِيهَاۖ لَنُنَجِّيَنَّهُۥ وَأَهۡلَهُۥٓ إِلَّا ٱمۡرَأَتَهُۥ كَانَتۡ مِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ
(Ibraahiimis) “Luux ishee keessa jira” jedhe. (Maleykonnis) “nuti nama ishee keessa jiru akkaan beekna; dhugumatti, isaafi maatii isaa ni baraarsina haadha manaa isaa tan warra hafan keessatti taatu malee ” jedhan.
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَمَّآ أَن جَآءَتۡ رُسُلُنَا لُوطٗا سِيٓءَ بِهِمۡ وَضَاقَ بِهِمۡ ذَرۡعٗاۖ وَقَالُواْ لَا تَخَفۡ وَلَا تَحۡزَنۡ إِنَّا مُنَجُّوكَ وَأَهۡلَكَ إِلَّا ٱمۡرَأَتَكَ كَانَتۡ مِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ
Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan isaaniif yaadda’ee qomti isaas isaaniif dhiphatte. Isaanis “hin sodaatin; hin yaadda’inis. nuti siifi maatii kee nagaa baasoodha. niitiin tee malee isheen warra (adaba keessatti) hafan irraa taate” jedhan.
Ərəbcə təfsirlər:
إِنَّا مُنزِلُونَ عَلَىٰٓ أَهۡلِ هَٰذِهِ ٱلۡقَرۡيَةِ رِجۡزٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ بِمَا كَانُواْ يَفۡسُقُونَ
“Nuti jiraattota magaalaa tanaa irratti samii irraa adabbii cimaa buusoodha waan isaan finciltoota ta’aniif” jedhan
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَقَد تَّرَكۡنَا مِنۡهَآ ءَايَةَۢ بَيِّنَةٗ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ
Dhugumatti, Nuti ishee irraa namoota sammuu qabaniif mallattoo ifa taate hanbifnee jirra.
Ərəbcə təfsirlər:
وَإِلَىٰ مَدۡيَنَ أَخَاهُمۡ شُعَيۡبٗا فَقَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱرۡجُواْ ٱلۡيَوۡمَ ٱلۡأٓخِرَ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ
Gara (ummata) Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra) Innis “Yaa ummata kiyya! Allaah qofa gabbaraa. Guyyaa Aakhiraas kajelaa. Balleessitoota taataniis badii dachii keessa hin tamsaasinaa” jedheen.
Ərəbcə təfsirlər:
فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلرَّجۡفَةُ فَأَصۡبَحُواْ فِي دَارِهِمۡ جَٰثِمِينَ
Isa kijibsiisan. Kirkirri (sochiin) lafaas isaan qabatte, Yoosuu ganda isaanii keessatti jilbeenfatanii dhumanii bulan.
Ərəbcə təfsirlər:
وَعَادٗا وَثَمُودَاْ وَقَد تَّبَيَّنَ لَكُم مِّن مَّسَٰكِنِهِمۡۖ وَزَيَّنَ لَهُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ أَعۡمَٰلَهُمۡ فَصَدَّهُمۡ عَنِ ٱلسَّبِيلِ وَكَانُواْ مُسۡتَبۡصِرِينَ
Aadiifi Samuudiinis ni balleessine; (Isaan balleessuun keenyas) gandoota isaanii irraa ifa isiniif ta’ee jira. shayxaanni hojiilee isaanii isaaniif miidhagsee, karaa haqaa irraa isaan deebse, Odoo kan argan ta’anii jiranuu.
Ərəbcə təfsirlər:
وَقَٰرُونَ وَفِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَۖ وَلَقَدۡ جَآءَهُم مُّوسَىٰ بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا كَانُواْ سَٰبِقِينَ
Qaaruuniin, Fir’awniifi Haamaaniinis (balleessineerra). Dhugumatti, Muusaan ragaa ifa ta’een isaanitti dhufeeti, dachii keessatti boonan. (isaan qabne) Kan Nu jalaa miliqan hin taane
Ərəbcə təfsirlər:
فَكُلًّا أَخَذۡنَا بِذَنۢبِهِۦۖ فَمِنۡهُم مَّنۡ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِ حَاصِبٗا وَمِنۡهُم مَّنۡ أَخَذَتۡهُ ٱلصَّيۡحَةُ وَمِنۡهُم مَّنۡ خَسَفۡنَا بِهِ ٱلۡأَرۡضَ وَمِنۡهُم مَّنۡ أَغۡرَقۡنَاۚ وَمَا كَانَ ٱللَّهُ لِيَظۡلِمَهُمۡ وَلَٰكِن كَانُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ يَظۡلِمُونَ
Hundumaa badii isaatiif isa qabne. Isaan irraa namoota bubbee cirrachaa irratti erginetu jira. Isaan irraas namoota iyyansi isaan qabetu jira. Isaan irraas namoota dachii ittiin kunnetu jira. Isaan irraas namoota bishaan nyaachifnetu jira. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan ta’aniiru.
Ərəbcə təfsirlər:
مَثَلُ ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَوۡلِيَآءَ كَمَثَلِ ٱلۡعَنكَبُوتِ ٱتَّخَذَتۡ بَيۡتٗاۖ وَإِنَّ أَوۡهَنَ ٱلۡبُيُوتِ لَبَيۡتُ ٱلۡعَنكَبُوتِۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Fakkeenyi isaan Rabbii gaditti jaalalleewwan godhatanii (gabbaranii) akka birbirooftuu (saaphaphuu) mana ijaarratteeti. Dhugumatti irra laafaan manaa mana birbirooftuuti odoo kan beekan ta’anii.
Ərəbcə təfsirlər:
إِنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ مِن شَيۡءٖۚ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Rabbiin waan hunda irraa waan isaan Isaa gaditti kadhatan ni beeka. Inni injifataa, ogeessa.
Ərəbcə təfsirlər:
وَتِلۡكَ ٱلۡأَمۡثَٰلُ نَضۡرِبُهَا لِلنَّاسِۖ وَمَا يَعۡقِلُهَآ إِلَّا ٱلۡعَٰلِمُونَ
Fakkeenyota san namootaaf ishee ni goona; beektota malees ishee hin hubatu.
Ərəbcə təfsirlər:
خَلَقَ ٱللَّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ
Rabbiin samiifi dachii dhugaan uume. sana keessa mu’uminootaaf mallattootu jira.
Ərəbcə təfsirlər:
ٱتۡلُ مَآ أُوحِيَ إِلَيۡكَ مِنَ ٱلۡكِتَٰبِ وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَۖ إِنَّ ٱلصَّلَوٰةَ تَنۡهَىٰ عَنِ ٱلۡفَحۡشَآءِ وَٱلۡمُنكَرِۗ وَلَذِكۡرُ ٱللَّهِ أَكۡبَرُۗ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ مَا تَصۡنَعُونَ
(Yaa Muhammad!) kitaaba irraa waan gara kee buufame dubbisi. Salaatas haqa isaa guutii sagadi. salaanni wantoota fokkatoofi jibbamoo ta’an irraa dhorgiti. Zikrii (faaruu) Rabbiitu (waan hunda irra) guddaadha. Rabbiin waan isin hojjattan ni beeka.
Ərəbcə təfsirlər:
۞ وَلَا تُجَٰدِلُوٓاْ أَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ إِلَّا بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ إِلَّا ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ مِنۡهُمۡۖ وَقُولُوٓاْ ءَامَنَّا بِٱلَّذِيٓ أُنزِلَ إِلَيۡنَا وَأُنزِلَ إِلَيۡكُمۡ وَإِلَٰهُنَا وَإِلَٰهُكُمۡ وَٰحِدٞ وَنَحۡنُ لَهُۥ مُسۡلِمُونَ
Warra kitaabaatiin falmii gaariin malee hin falminaa; isaan irraa warri miidhaa dalagan malee. Nuti “isa gara keenyatti bufameefi gara keessanittis buufametti amanneerra. Gabbaramaan keenyaafi gabbaramaan keessanis tokko. Nuti isaaf ajajamoodha” jedhaa.
Ərəbcə təfsirlər:
وَكَذَٰلِكَ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَۚ فَٱلَّذِينَ ءَاتَيۡنَٰهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ يُؤۡمِنُونَ بِهِۦۖ وَمِنۡ هَٰٓؤُلَآءِ مَن يُؤۡمِنُ بِهِۦۚ وَمَا يَجۡحَدُ بِـَٔايَٰتِنَآ إِلَّا ٱلۡكَٰفِرُونَ
Akkuma kana (warra si duraa irratti buufne) kitaaba gara keetti buufne. Isaan kitaaba kennineef isatti ni amanu. Isaan kana irraas (warra makkaa irraas) namoota isatti amanutu jira. Kaafiroota malee keeyyattoota keenya namni mormu hin jiru.
Ərəbcə təfsirlər:
وَمَا كُنتَ تَتۡلُواْ مِن قَبۡلِهِۦ مِن كِتَٰبٖ وَلَا تَخُطُّهُۥ بِيَمِينِكَۖ إِذٗا لَّٱرۡتَابَ ٱلۡمُبۡطِلُونَ
Ati (yaa Muhammad!) Isa dura kitaaba tokkollee kan dubbiftuufi mirga keetiinis barreessitu hin turre. Odoo akkas taatee balleessitoonni ni shakku turan.
Ərəbcə təfsirlər:
بَلۡ هُوَ ءَايَٰتُۢ بَيِّنَٰتٞ فِي صُدُورِ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَۚ وَمَا يَجۡحَدُ بِـَٔايَٰتِنَآ إِلَّا ٱلظَّٰلِمُونَ
Garuu inni keeyyattoota ifa ta’an kan qomoota warra beekumsa kennamee keessa jiruudha. Miidhaa hojjattoota malee keeyyattoota keenya namni mormu hin jiru
Ərəbcə təfsirlər:
وَقَالُواْ لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡهِ ءَايَٰتٞ مِّن رَّبِّهِۦۚ قُلۡ إِنَّمَا ٱلۡأٓيَٰتُ عِندَ ٱللَّهِ وَإِنَّمَآ أَنَا۠ نَذِيرٞ مُّبِينٌ
Isaanis ni jedhan: “Maaliif raajiiwwan Gooftaa Isaa biraa isa irratti hin buufamin? (Atis) “raajiwwan kan jiran Allaah bira qofa. Ani immoo akeekkachiisaa ifa ta’e qofa” jedhiin
Ərəbcə təfsirlər:
أَوَلَمۡ يَكۡفِهِمۡ أَنَّآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ يُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَرَحۡمَةٗ وَذِكۡرَىٰ لِقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Sila kitaaba (Qur’aana) isaan irratti qara’amu si irratti buusuun keenya qofti isaaniif hin ga’uu? kana keessa namoota amananiif rahmataafi yaadannootu jira.
Ərəbcə təfsirlər:
قُلۡ كَفَىٰ بِٱللَّهِ بَيۡنِي وَبَيۡنَكُمۡ شَهِيدٗاۖ يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۗ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِٱلۡبَٰطِلِ وَكَفَرُواْ بِٱللَّهِ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡخَٰسِرُونَ
Jedhi: “jidduu kiyyaafi keessanitti ragaa ta’uuf Rabbiin gahaadha. Waan samiileefii dachii keessa jiru hundaa ni beeka. Isaan sobatti amananiifi Rabbitti kafaran, warri sun isaanumatu hoonga’oodha.
Ərəbcə təfsirlər:
وَيَسۡتَعۡجِلُونَكَ بِٱلۡعَذَابِ وَلَوۡلَآ أَجَلٞ مُّسَمّٗى لَّجَآءَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ وَلَيَأۡتِيَنَّهُم بَغۡتَةٗ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Adabatti si ariifachiisu, Odoo beellamni beekamaan jiraachuu baatee silaa adabbiin (addunyaattis) isaanitti dhufa ture. Dhugumatti akka tasaa odoo isaan hin beekin isaanitti dhufa
Ərəbcə təfsirlər:
يَسۡتَعۡجِلُونَكَ بِٱلۡعَذَابِ وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمُحِيطَةُۢ بِٱلۡكَٰفِرِينَ
Adabbiitti si ariifachiisu. jahannam dhugumatti kaafirootatti marsituudha.
Ərəbcə təfsirlər:
يَوۡمَ يَغۡشَىٰهُمُ ٱلۡعَذَابُ مِن فَوۡقِهِمۡ وَمِن تَحۡتِ أَرۡجُلِهِمۡ وَيَقُولُ ذُوقُواْ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Guyyaa adabbiin (Ibiddi) gubbaa isaanii irraafi miiloowwan isaanii jalaan isaan haguugu, (Maleykan ibiddaa) “Waan dalagaa turtan dhandhamaa” jedha.
Ərəbcə təfsirlər:
يَٰعِبَادِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِنَّ أَرۡضِي وَٰسِعَةٞ فَإِيَّٰيَ فَٱعۡبُدُونِ
“Yaa gabroota kiyya warra amantan! Dachiin tiyya bal’oodhaa, Anuma qofa gabbaraa.”
Ərəbcə təfsirlər:
كُلُّ نَفۡسٖ ذَآئِقَةُ ٱلۡمَوۡتِۖ ثُمَّ إِلَيۡنَا تُرۡجَعُونَ
Lubbuun hunduu du’a dhandhamtuudha. eegasii gara keenyatti deebifamtu.
Ərəbcə təfsirlər:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَنُبَوِّئَنَّهُم مِّنَ ٱلۡجَنَّةِ غُرَفٗا تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ نِعۡمَ أَجۡرُ ٱلۡعَٰمِلِينَ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, dhugumatti jannata irraa manneen laggeen ishee jala yaatu, kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan ta’anii isaan qubsiifna. Mindaan hojjattootaa waa tole!
Ərəbcə təfsirlər:
ٱلَّذِينَ صَبَرُواْ وَعَلَىٰ رَبِّهِمۡ يَتَوَكَّلُونَ
[Isaan] warra obsaniifi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.
Ərəbcə təfsirlər:
وَكَأَيِّن مِّن دَآبَّةٖ لَّا تَحۡمِلُ رِزۡقَهَا ٱللَّهُ يَرۡزُقُهَا وَإِيَّاكُمۡۚ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
beeyladaa irraa kan soorata isaanii hin baadhanne kan Rabbiin isiniifi isaanis sooru hedduudha inni dhagayaa beekaadha.
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُۖ فَأَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ
Dhugumatti “eenyutu samiifi dachii uumee, aduufi baatiis laaffise?” jettee yoo isaan gaafatte “Allaahdha” siin jedhu. Akkamitti (tawhiida irraa) garagalfamu ree?
Ərəbcə təfsirlər:
ٱللَّهُ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦ وَيَقۡدِرُ لَهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ
Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedheef hiree ni bal’isa. (Nama fedhe immoo) isatti dhiphisa. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha.
Ərəbcə təfsirlər:
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّن نَّزَّلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَحۡيَا بِهِ ٱلۡأَرۡضَ مِنۢ بَعۡدِ مَوۡتِهَا لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُۚ قُلِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡقِلُونَ
Dhugumatti, yoo “eenyutu samii irraa bishaan buusee, dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachise?” jettee isaan gaafatte “Allaahdha” jedhu. (Yaa Muhammad!) “Faaruun hunduu kan Allaahti” jedhi. Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.
Ərəbcə təfsirlər:
وَمَا هَٰذِهِ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَآ إِلَّا لَهۡوٞ وَلَعِبٞۚ وَإِنَّ ٱلدَّارَ ٱلۡأٓخِرَةَ لَهِيَ ٱلۡحَيَوَانُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Jireenyi addunyaa kun qoosaafi tapha malee waan biraa hin taane. Dhugumatti, manni Aakhiraa odoo beekanii isheetu jireenya dhugaati.
Ərəbcə təfsirlər:
فَإِذَا رَكِبُواْ فِي ٱلۡفُلۡكِ دَعَوُاْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ فَلَمَّا نَجَّىٰهُمۡ إِلَى ٱلۡبَرِّ إِذَا هُمۡ يُشۡرِكُونَ
Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatu. Yeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu.
Ərəbcə təfsirlər:
لِيَكۡفُرُواْ بِمَآ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ وَلِيَتَمَتَّعُواْۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Waan nuti isaaniif kenninetti kafaruufi qanani’anuuf (Rabbitti qindeessu). Garuu (waan booddeen isaanii ta’u) fuula duratti ni beeku.
Ərəbcə təfsirlər:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّا جَعَلۡنَا حَرَمًا ءَامِنٗا وَيُتَخَطَّفُ ٱلنَّاسُ مِنۡ حَوۡلِهِمۡۚ أَفَبِٱلۡبَٰطِلِ يُؤۡمِنُونَ وَبِنِعۡمَةِ ٱللَّهِ يَكۡفُرُونَ
Sila isaan namoonni moggaa isaaniitii (ajjeechaafi saamichaan) kan bubbutaman osoo ta’anuu akka nuti (Makkaa) iddoo kabajamaa, tasgabbaayaa taasifne hin ilaalanuu? Sila sobatti amananii ni’imaa Rabbiitti kafaruu?
Ərəbcə təfsirlər:
وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَوۡ كَذَّبَ بِٱلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُۥٓۚ أَلَيۡسَ فِي جَهَنَّمَ مَثۡوٗى لِّلۡكَٰفِرِينَ
Nama Rabbirratti soba uumee odeesse yookiin dhugaan itti dhufnaan sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (tokkolleen hin jiru). Sila teessoon kaafirootaa jahannam keessa hin taanee?
Ərəbcə təfsirlər:
وَٱلَّذِينَ جَٰهَدُواْ فِينَا لَنَهۡدِيَنَّهُمۡ سُبُلَنَاۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَمَعَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Warra Nu (karaa keenya) keessatti qabsaa’an karaa keenya isaan qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.
Ərəbcə təfsirlər:
 
Mənaların tərcüməsi Surə: əl-Ənkəbut
Surələrin mündəricatı Səhifənin rəqəmi
 
Qurani Kərimin mənaca tərcüməsi - Oromo dilinə tərcümə - Tərcumənin mündəricatı

Qurani Kərimin Oromo dilinə mənaca tərcüməsi. Tərcüməçi: Ğali Ababur Abağuna. 2009-cu il çapı

Bağlamaq