Check out the new design

Übersetzung der Bedeutungen von dem heiligen Quran - Oromo-Übersetzung - Ghali Ababur * - Übersetzungen

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Übersetzung der Bedeutungen Surah / Kapitel: Al-Māʾidah   Vers:
وَمَا لَنَا لَا نُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ وَمَا جَآءَنَا مِنَ ٱلۡحَقِّ وَنَطۡمَعُ أَن يُدۡخِلَنَا رَبُّنَا مَعَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلصَّٰلِحِينَ
  Sila maaltu nuuf jiraayyi Rabbiifi dhugaa irraa waan nutti bu’etti amanuu dhabna? Gooftaan keenya ummata gaggaarii wajjin nu seensisuus ni kajeella" (jedhu).
Arabische Interpretationen von dem heiligen Quran:
فَأَثَٰبَهُمُ ٱللَّهُ بِمَا قَالُواْ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ جَزَآءُ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
  Sababaa waan isaan jedhaniitiin Rabbiin jannatoota laggeen ishee jala yaatu,isaan mindeesse, ishee keessatti hafoodha, Kuni mindaa warra tolchitootaati.
Arabische Interpretationen von dem heiligen Quran:
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَآ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَحِيمِ
  Isaan kafaranii keeyyattoota keenya kijibsiisan, sunniin warreen ibiddaati.
Arabische Interpretationen von dem heiligen Quran:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تُحَرِّمُواْ طَيِّبَٰتِ مَآ أَحَلَّ ٱللَّهُ لَكُمۡ وَلَا تَعۡتَدُوٓاْۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ ٱلۡمُعۡتَدِينَ
  Yaa warra amantan! gaggaarii waan Rabbiin isiniif hayyamee haraama hin taasisinaa. Daangaa hin dabrinaa; Dhugumatti, Rabbiin warra daangaa dabranu hin jaalatu.
Arabische Interpretationen von dem heiligen Quran:
وَكُلُواْ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُ حَلَٰلٗا طَيِّبٗاۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ ٱلَّذِيٓ أَنتُم بِهِۦ مُؤۡمِنُونَ
 Waan Rabbiin isiniif hire irraa nyaadhaa, Halaalaafi gaarii haala ta’aniin. Rabbii Isa isin itti amantan sodaadhaa.
Arabische Interpretationen von dem heiligen Quran:
لَا يُؤَاخِذُكُمُ ٱللَّهُ بِٱللَّغۡوِ فِيٓ أَيۡمَٰنِكُمۡ وَلَٰكِن يُؤَاخِذُكُم بِمَا عَقَّدتُّمُ ٱلۡأَيۡمَٰنَۖ فَكَفَّٰرَتُهُۥٓ إِطۡعَامُ عَشَرَةِ مَسَٰكِينَ مِنۡ أَوۡسَطِ مَا تُطۡعِمُونَ أَهۡلِيكُمۡ أَوۡ كِسۡوَتُهُمۡ أَوۡ تَحۡرِيرُ رَقَبَةٖۖ فَمَن لَّمۡ يَجِدۡ فَصِيَامُ ثَلَٰثَةِ أَيَّامٖۚ ذَٰلِكَ كَفَّٰرَةُ أَيۡمَٰنِكُمۡ إِذَا حَلَفۡتُمۡۚ وَٱحۡفَظُوٓاْ أَيۡمَٰنَكُمۡۚ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمۡ ءَايَٰتِهِۦ لَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
  Rabbiin isin hin qabu kakuu keessan kan osoo itti hin yaadin kakattaniin keessatti, Garuu waan kakuuf murteeffattanii (kakattaniin) isin qaba. adabbiin isaa hiyyeeyyii kudhan giddu gala waan maatii keessan nyaachiftan irraa nyaachisuu, yookiin isaan uffisuu, yookiin gabra bilisoomsuudha. Namni hin argatin, guyyaa sadi soomuu qaba. kuni adabbii kakuulee keessaniiti yogguu kakattan. Kakuulee keessan tiksaa. Akka isin galateeffattaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif ibsa.
Arabische Interpretationen von dem heiligen Quran:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِنَّمَا ٱلۡخَمۡرُ وَٱلۡمَيۡسِرُ وَٱلۡأَنصَابُ وَٱلۡأَزۡلَٰمُ رِجۡسٞ مِّنۡ عَمَلِ ٱلشَّيۡطَٰنِ فَٱجۡتَنِبُوهُ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ
 Isin Yaa warra amantan! dhugumatti farsoon (kamriin), qumaarri, taaghuunni, xiyyaan hixaa (carraa) ilaallachuun (raaggachuun) najasa dalagaa sheyxaanaa irraayyii isa irraa fagaadhaa.akka milkooftaniif jecha.
Arabische Interpretationen von dem heiligen Quran:
 
Übersetzung der Bedeutungen Surah / Kapitel: Al-Māʾidah
Suren/ Kapiteln Liste Nummer der Seite
 
Übersetzung der Bedeutungen von dem heiligen Quran - Oromo-Übersetzung - Ghali Ababur - Übersetzungen

Ghaly Ababour Abaghuna hat es übersetzt.

Schließen