Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Al'sajadah   Aya:
وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَدۡنَىٰ دُونَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَكۡبَرِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Dhugumatti (Nuti) adabbii xiqqaa (kan addunyaa) isaan dhamdhamsiifna, adabbii guddaa dura, akka isaan (gara iimaanaatti) debi’aniif jecha.
Tafsiran larabci:
وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ ثُمَّ أَعۡرَضَ عَنۡهَآۚ إِنَّا مِنَ ٱلۡمُجۡرِمِينَ مُنتَقِمُونَ
Eenyu ka ufmiidhe Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa garagale caalaa? Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha.
Tafsiran larabci:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ فَلَا تَكُن فِي مِرۡيَةٖ مِّن لِّقَآئِهِۦۖ وَجَعَلۡنَٰهُ هُدٗى لِّبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra, Isaan wal qunnamuu irraa shakkii keessa hin ta’in, Ilmaan Israa’iiliif qajeeluma isa taasifne.
Tafsiran larabci:
وَجَعَلۡنَا مِنۡهُمۡ أَئِمَّةٗ يَهۡدُونَ بِأَمۡرِنَا لَمَّا صَبَرُواْۖ وَكَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يُوقِنُونَ
Isaan irraa imaamota ajaja keenyaan qajeelchan taasifne ,Yeroma isaan obsaniifi keeyyattoota keenya dhugoomsoo tahan.
Tafsiran larabci:
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَفۡصِلُ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ
Gooftaan kee isumatu Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa wantoota isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti.
Tafsiran larabci:
أَوَلَمۡ يَهۡدِ لَهُمۡ كَمۡ أَهۡلَكۡنَا مِن قَبۡلِهِم مِّنَ ٱلۡقُرُونِ يَمۡشُونَ فِي مَسَٰكِنِهِمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍۚ أَفَلَا يَسۡمَعُونَ
Sila ifa isaaniif hin taanee? akka Nuti isaaniin duratti dhaloota baay’ee irraa balleessine gandoota isaanii keessa kan deeman ta’anii. sana keessa mallattooleetu jira. Sila hin dhagahanuu?
Tafsiran larabci:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّا نَسُوقُ ٱلۡمَآءَ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ ٱلۡجُرُزِ فَنُخۡرِجُ بِهِۦ زَرۡعٗا تَأۡكُلُ مِنۡهُ أَنۡعَٰمُهُمۡ وَأَنفُسُهُمۡۚ أَفَلَا يُبۡصِرُونَ
Sila akka nuti bishaan gara dachii gogaa oofnee biqiloota horiiwwan isaaniitiifi lubbuulee isaaniitii irraa nyaatan ittiin biqilchinu hin ilaallee? Sila hin arganuu?
Tafsiran larabci:
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡفَتۡحُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
“ murtiin kun yoom ta’a Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif?” jedhu.
Tafsiran larabci:
قُلۡ يَوۡمَ ٱلۡفَتۡحِ لَا يَنفَعُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِيمَٰنُهُمۡ وَلَا هُمۡ يُنظَرُونَ
Guyyaa murtii san warra kafaran iimaanni isaanii isaan hin fayyadu, isaan Yeroo kennamoos hintaane.
Tafsiran larabci:
فَأَعۡرِضۡ عَنۡهُمۡ وَٱنتَظِرۡ إِنَّهُم مُّنتَظِرُونَ
Isaan irraa gara gali. [Adabbii isaanitti bu’u] eegi. isaanis (baduu kee) eegoodha.
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Al'sajadah
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Gali Ababur Abaguna ne ya fassarata.

Rufewa