Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassarar da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Al'an'am   Aya:
۞ إِنَّمَا يَسۡتَجِيبُ ٱلَّذِينَ يَسۡمَعُونَۘ وَٱلۡمَوۡتَىٰ يَبۡعَثُهُمُ ٱللَّهُ ثُمَّ إِلَيۡهِ يُرۡجَعُونَ
Kan owwaatu warruma dhaga’u qofa. Du'aawwan immoo Rabbiin isaan kaasa. Ergasii gara Isaatti deebifamu.
Tafsiran larabci:
وَقَالُواْ لَوۡلَا نُزِّلَ عَلَيۡهِ ءَايَةٞ مِّن رَّبِّهِۦۚ قُلۡ إِنَّ ٱللَّهَ قَادِرٌ عَلَىٰٓ أَن يُنَزِّلَ ءَايَةٗ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
"Maaliif mallattoon Gooftaa isaa irraa isa irratti hin buufamne?" jedhu. "Dhugumatti, Rabbiin mallattoo buusuu irratti danda’aa dha" jedhi. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Tafsiran larabci:
وَمَا مِن دَآبَّةٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا طَٰٓئِرٖ يَطِيرُ بِجَنَاحَيۡهِ إِلَّآ أُمَمٌ أَمۡثَالُكُمۚ مَّا فَرَّطۡنَا فِي ٱلۡكِتَٰبِ مِن شَيۡءٖۚ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّهِمۡ يُحۡشَرُونَ
Deddeemtuu dachii keessaas ta'ee simbirroon koola isaa lamaaniin bararus ummatoota akka keessanii malee hin taane. Kitaaba keessatti Nuti homaa hin dhiifne. Ergasii gara Gooftaa isaanii oofamu.
Tafsiran larabci:
وَٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا صُمّٞ وَبُكۡمٞ فِي ٱلظُّلُمَٰتِۗ مَن يَشَإِ ٱللَّهُ يُضۡلِلۡهُ وَمَن يَشَأۡ يَجۡعَلۡهُ عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan duudaafi arraba qabamaa dukkanoowwan keessa jiraniidha. Rabbiin nama fedhe isa jallisa; nama fedhe immoo karaa qajeelaa irra isa godha.
Tafsiran larabci:
قُلۡ أَرَءَيۡتَكُمۡ إِنۡ أَتَىٰكُمۡ عَذَابُ ٱللَّهِ أَوۡ أَتَتۡكُمُ ٱلسَّاعَةُ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ تَدۡعُونَ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Jedhi: mee naaf himaa! "Sila yoo adabbiin Rabbii isinitti dhufe yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waan Rabbiin alaa ni kadhattuu?"
Tafsiran larabci:
بَلۡ إِيَّاهُ تَدۡعُونَ فَيَكۡشِفُ مَا تَدۡعُونَ إِلَيۡهِ إِن شَآءَ وَتَنسَوۡنَ مَا تُشۡرِكُونَ
Dhugumatti Isa qofa kadhattu, yoo fedhe waan isin gara isaatti kadhattan san isin irraa kaasa. Waan qindeessitan ni irraanfattu.
Tafsiran larabci:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰٓ أُمَمٖ مِّن قَبۡلِكَ فَأَخَذۡنَٰهُم بِٱلۡبَأۡسَآءِ وَٱلضَّرَّآءِ لَعَلَّهُمۡ يَتَضَرَّعُونَ
Dhugumatti, gara ummattoota siin duraatti erginee jirra. Akka isaan (Rabbitti) watwaataniif hiyyummaafi dhukkubaan isaan qabnee jirra.
Tafsiran larabci:
فَلَوۡلَآ إِذۡ جَآءَهُم بَأۡسُنَا تَضَرَّعُواْ وَلَٰكِن قَسَتۡ قُلُوبُهُمۡ وَزَيَّنَ لَهُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Maaliif yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufe (Rabbitti) hin watwaatin. Garuu onneewwan isaanii ni gogde. Sheyxaanni waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse.
Tafsiran larabci:
فَلَمَّا نَسُواْ مَا ذُكِّرُواْ بِهِۦ فَتَحۡنَا عَلَيۡهِمۡ أَبۡوَٰبَ كُلِّ شَيۡءٍ حَتَّىٰٓ إِذَا فَرِحُواْ بِمَآ أُوتُوٓاْ أَخَذۡنَٰهُم بَغۡتَةٗ فَإِذَا هُم مُّبۡلِسُونَ
Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbaloowwan waan hundaa isaanitti banne; hanga isaan waan kennamaniin gammadanitti odoo hin beekne dafxaa (adabaan) isaan qabne. Isaan yoosuu abdii murattoota.
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Al'an'am
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassarar da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Fassarasu Gali Ababur Abaguna.

Rufewa