Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Nouh   Aya:
يُرۡسِلِ ٱلسَّمَآءَ عَلَيۡكُم مِّدۡرَارٗا
Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga. (rooba guddaa isiniif roobsa).
Tafsiran larabci:
وَيُمۡدِدۡكُم بِأَمۡوَٰلٖ وَبَنِينَ وَيَجۡعَل لَّكُمۡ جَنَّٰتٖ وَيَجۡعَل لَّكُمۡ أَنۡهَٰرٗا
Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakiltii isiniif godha laggeenis isiniif taasisa.
Tafsiran larabci:
مَّا لَكُمۡ لَا تَرۡجُونَ لِلَّهِ وَقَارٗا
Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne?
Tafsiran larabci:
وَقَدۡ خَلَقَكُمۡ أَطۡوَارًا
Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera.
Tafsiran larabci:
أَلَمۡ تَرَوۡاْ كَيۡفَ خَلَقَ ٱللَّهُ سَبۡعَ سَمَٰوَٰتٖ طِبَاقٗا
Sila isin hin arginee akkamitti Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti akka uume ?
Tafsiran larabci:
وَجَعَلَ ٱلۡقَمَرَ فِيهِنَّ نُورٗا وَجَعَلَ ٱلشَّمۡسَ سِرَاجٗا
Isaan keessatti ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise.
Tafsiran larabci:
وَٱللَّهُ أَنۢبَتَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ نَبَاتٗا
Rabbiin biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche.
Tafsiran larabci:
ثُمَّ يُعِيدُكُمۡ فِيهَا وَيُخۡرِجُكُمۡ إِخۡرَاجٗا
Ergasii ishee keessatti isin deebisa, baasuus isin baasa.
Tafsiran larabci:
وَٱللَّهُ جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ بِسَاطٗا
Rabbiin dachii afata isiniif godhe.
Tafsiran larabci:
لِّتَسۡلُكُواْ مِنۡهَا سُبُلٗا فِجَاجٗا
Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif.
Tafsiran larabci:
قَالَ نُوحٞ رَّبِّ إِنَّهُمۡ عَصَوۡنِي وَٱتَّبَعُواْ مَن لَّمۡ يَزِدۡهُ مَالُهُۥ وَوَلَدُهُۥٓ إِلَّا خَسَارٗا
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan.
Tafsiran larabci:
وَمَكَرُواْ مَكۡرٗا كُبَّارٗا
Shira gurguddaa shiran.
Tafsiran larabci:
وَقَالُواْ لَا تَذَرُنَّ ءَالِهَتَكُمۡ وَلَا تَذَرُنَّ وَدّٗا وَلَا سُوَاعٗا وَلَا يَغُوثَ وَيَعُوقَ وَنَسۡرٗا
‘Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan.
Tafsiran larabci:
وَقَدۡ أَضَلُّواْ كَثِيرٗاۖ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا ضَلَٰلٗا
Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiru. Miidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”
Tafsiran larabci:
مِّمَّا خَطِيٓـَٰٔتِهِمۡ أُغۡرِقُواْ فَأُدۡخِلُواْ نَارٗا فَلَمۡ يَجِدُواْ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ أَنصَارٗا
Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifaman, ibidda seensifaman. Rabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne.
Tafsiran larabci:
وَقَالَ نُوحٞ رَّبِّ لَا تَذَرۡ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ دَيَّارًا
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin.
Tafsiran larabci:
إِنَّكَ إِن تَذَرۡهُمۡ يُضِلُّواْ عِبَادَكَ وَلَا يَلِدُوٓاْ إِلَّا فَاجِرٗا كَفَّارٗا
Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan).
Tafsiran larabci:
رَّبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَلِوَٰلِدَيَّ وَلِمَن دَخَلَ بَيۡتِيَ مُؤۡمِنٗا وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۖ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا تَبَارَۢا
Gooftaa kiyya! Anaaf, araarami abbaafi haadha kiyyaafis, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneefis, mu'uminootaafi mu'umintittiifis (araarami). Kaafirootaaf badii malee hin dabalin.”
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Nouh
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Gali Ababur Abaguna ne ya fassarata.

Rufewa