Check out the new design

Kur'an-ı Kerim meal tercümesi - Oromca Tercüme - Gali Ebabur * - Mealler fihristi

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Anlam tercümesi Sure: Sûratu'l-En'âm   Ayet:
هَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّآ أَن تَأۡتِيَهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ أَوۡ يَأۡتِيَ رَبُّكَ أَوۡ يَأۡتِيَ بَعۡضُ ءَايَٰتِ رَبِّكَۗ يَوۡمَ يَأۡتِي بَعۡضُ ءَايَٰتِ رَبِّكَ لَا يَنفَعُ نَفۡسًا إِيمَٰنُهَا لَمۡ تَكُنۡ ءَامَنَتۡ مِن قَبۡلُ أَوۡ كَسَبَتۡ فِيٓ إِيمَٰنِهَا خَيۡرٗاۗ قُلِ ٱنتَظِرُوٓاْ إِنَّا مُنتَظِرُونَ
Sila ni eeganii malaaykonni isaanitti dhufuu malee, yookiin Gooftaan kee dhufuu, yookiin gariin mallattoolee Gooftaa keetii dhufuu (malee). Guyyaa gariin mallattoolee Gooftaa keetii dhufu lubbuu tokko iimaanni ishee homaa ishee hin fayyadu tan san dura hin amanin, yookiin iimaana ishee keessatti toltuu hin hojjatin,"Isin eegaa; Nuti eegoo dha" jedhiin.
Arapça tefsirler:
إِنَّ ٱلَّذِينَ فَرَّقُواْ دِينَهُمۡ وَكَانُواْ شِيَعٗا لَّسۡتَ مِنۡهُمۡ فِي شَيۡءٍۚ إِنَّمَآ أَمۡرُهُمۡ إِلَى ٱللَّهِ ثُمَّ يُنَبِّئُهُم بِمَا كَانُواْ يَفۡعَلُونَ
Dhugumatti, warri amantii isaanii qoqqoodaniifi garee garee ta'an, ati waan tokko keessattillee isaan irraayii miti, Dhimmi isaanii gara Rabbiiti, ergasii Inni waan isaan dalagaa turan (hunda) isaanitti hima.
Arapça tefsirler:
مَن جَآءَ بِٱلۡحَسَنَةِ فَلَهُۥ عَشۡرُ أَمۡثَالِهَاۖ وَمَن جَآءَ بِٱلسَّيِّئَةِ فَلَا يُجۡزَىٰٓ إِلَّا مِثۡلَهَا وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Namni toltuun dhufe, isaaf (toltuu) fakkaattuu ishee kudhantu jira. Namni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishee malee hin galateeffamu, Isaan hin miidhamanu.
Arapça tefsirler:
قُلۡ إِنَّنِي هَدَىٰنِي رَبِّيٓ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ دِينٗا قِيَمٗا مِّلَّةَ إِبۡرَٰهِيمَ حَنِيفٗاۚ وَمَا كَانَ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
Jedhi "Dhugumatti, ani Gooftaan kiyya na qajeelchee jira gara karaa qajeelaa, amantii sirrii kan karaa Ibraahiim, ‘haniifa’ (Rabbii tokkicha gabbaruu) ta’etti, Inni mushrikoota irraa hin turre".
Arapça tefsirler:
قُلۡ إِنَّ صَلَاتِي وَنُسُكِي وَمَحۡيَايَ وَمَمَاتِي لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi.
Arapça tefsirler:
لَا شَرِيكَ لَهُۥۖ وَبِذَٰلِكَ أُمِرۡتُ وَأَنَا۠ أَوَّلُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
Shariikni isaaf hin jiru; isuma kanattin ajajame; ani jalqaba Muslimootati."
Arapça tefsirler:
قُلۡ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ أَبۡغِي رَبّٗا وَهُوَ رَبُّ كُلِّ شَيۡءٖۚ وَلَا تَكۡسِبُ كُلُّ نَفۡسٍ إِلَّا عَلَيۡهَاۚ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۚ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُم مَّرۡجِعُكُمۡ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ فِيهِ تَخۡتَلِفُونَ
Jedhi: "Sila ani Rabbiin ala Gooftaa biraa barbaadaa odoo Inni Gooftaa waan hundaa ta’ee jiru? Lubbuun hundi isheedhuma irratti malee (badii) hin hojjattu. (Lubbuun) ba’aa (badii) baadhattu takka ba’aa tan biraa hin baadhattu, Ergasii gara Gooftaa keessaniiti deebiin keessan, Wantoota isin isa keessatti wal dhabaa turtan (hunda) isinitti hima."
Arapça tefsirler:
وَهُوَ ٱلَّذِي جَعَلَكُمۡ خَلَٰٓئِفَ ٱلۡأَرۡضِ وَرَفَعَ بَعۡضَكُمۡ فَوۡقَ بَعۡضٖ دَرَجَٰتٖ لِّيَبۡلُوَكُمۡ فِي مَآ ءَاتَىٰكُمۡۗ إِنَّ رَبَّكَ سَرِيعُ ٱلۡعِقَابِ وَإِنَّهُۥ لَغَفُورٞ رَّحِيمُۢ
Rabbiin Isa dachii keessatti bakka bu’oo isin godhe; sadarkaa keessatti garii keessan garii irra ol fuudhe isin qormaatuuf jecha waan isinii kenne keessatti, Dhugumatti, Gooftaan kee daddafsiisaa adabbiiti; ammas Inni araaramaa, rahmata godhaadha.
Arapça tefsirler:
 
Anlam tercümesi Sure: Sûratu'l-En'âm
Surelerin fihristi Sayfa numarası
 
Kur'an-ı Kerim meal tercümesi - Oromca Tercüme - Gali Ebabur - Mealler fihristi

Gali Ebabur Ebaguna tarafından tercüme edilmiştir.

Kapat