Kur'an-ı Kerim meal tercümesi - Uruma Dilinde Kur'an-ı Kerim Meali * - Mealler fihristi

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Anlam tercümesi Sure: Sûretu'l-Â'lâ   Ayet:

Al-A’alaa

سَبِّحِ ٱسۡمَ رَبِّكَ ٱلۡأَعۡلَى
Maqaa Gooftaa kee olaanaa ta'ee qulqulleessi.
Arapça tefsirler:
ٱلَّذِي خَلَقَ فَسَوَّىٰ
Isa (waan hunda) uumee guute.
Arapça tefsirler:
وَٱلَّذِي قَدَّرَ فَهَدَىٰ
Isa murteessee qajeelche.
Arapça tefsirler:
وَٱلَّذِيٓ أَخۡرَجَ ٱلۡمَرۡعَىٰ
Isa marga baase,
Arapça tefsirler:
فَجَعَلَهُۥ غُثَآءً أَحۡوَىٰ
Goggogaa gurraacha isa taasise.
Arapça tefsirler:
سَنُقۡرِئُكَ فَلَا تَنسَىٰٓ
Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu.
Arapça tefsirler:
إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلۡجَهۡرَ وَمَا يَخۡفَىٰ
Waan Rabbiin fedhe malee Inni mul’ataafi dhokataas ni beeka.
Arapça tefsirler:
وَنُيَسِّرُكَ لِلۡيُسۡرَىٰ
Nuti karaa laaftuu taateef si laaffifna.
Arapça tefsirler:
فَذَكِّرۡ إِن نَّفَعَتِ ٱلذِّكۡرَىٰ
Yoo yaadachiisni fayyadde yaadachiisi.
Arapça tefsirler:
سَيَذَّكَّرُ مَن يَخۡشَىٰ
Namni Rabbiin sodaatu gorfamuuf jira.
Arapça tefsirler:
وَيَتَجَنَّبُهَا ٱلۡأَشۡقَى
Hoonga'aan ishee irraa fagaata.
Arapça tefsirler:
ٱلَّذِي يَصۡلَى ٱلنَّارَ ٱلۡكُبۡرَىٰ
Inni ibidda guddoo seenu.
Arapça tefsirler:
ثُمَّ لَا يَمُوتُ فِيهَا وَلَا يَحۡيَىٰ
Ergasii ishee keessatti hin du'u; hin jiraatus.
Arapça tefsirler:
قَدۡ أَفۡلَحَ مَن تَزَكَّىٰ
Dhugumatti, namni of qulqulleeffate milkaa’e.
Arapça tefsirler:
وَذَكَرَ ٱسۡمَ رَبِّهِۦ فَصَلَّىٰ
Maqaa Gooftaa isaa dubbatee kan salaate.
Arapça tefsirler:
بَلۡ تُؤۡثِرُونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا
Inumaa isin jiruu addunyaa filattu.
Arapça tefsirler:
وَٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰٓ
Odoo Aakhiraan caaltuufi haftuu taatee jirtuu [addunyaa filattu].
Arapça tefsirler:
إِنَّ هَٰذَا لَفِي ٱلصُّحُفِ ٱلۡأُولَىٰ
Kun barreeffamoota duraanii keessa jira.
Arapça tefsirler:
صُحُفِ إِبۡرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ
Barreeffamoota Ibraahiimifi Muusaa [keessa jira].
Arapça tefsirler:
 
Anlam tercümesi Sure: Sûretu'l-Â'lâ
Surelerin fihristi Sayfa numarası
 
Kur'an-ı Kerim meal tercümesi - Uruma Dilinde Kur'an-ı Kerim Meali - Mealler fihristi

Uruma Dilinde Kur'an-ı Kerim Meali- Tercüme Gali Ebabur Ebaguna, Basım Yılı 2009.

Kapat