Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: يۈسۈپ   ئايەت:
قَالُوٓاْ أَضۡغَٰثُ أَحۡلَٰمٖۖ وَمَا نَحۡنُ بِتَأۡوِيلِ ٱلۡأَحۡلَٰمِ بِعَٰلِمِينَ
“(Kuni) bursusa (yaacoo) manaamaati. Nutis hiika bursusaa beektota hin taane” jedhan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَقَالَ ٱلَّذِي نَجَا مِنۡهُمَا وَٱدَّكَرَ بَعۡدَ أُمَّةٍ أَنَا۠ أُنَبِّئُكُم بِتَأۡوِيلِهِۦ فَأَرۡسِلُونِ
Inni isaan lamaan (mana hidhaa keessa turan) irraa nagaa ba’eefi yeroo dheeraa booda (Yuusufiin) yaadatee ni jedhe: “Anatu hiika isaa isinitti himaa na ergaa.” (Gara Yuusuf ni deeme).
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يُوسُفُ أَيُّهَا ٱلصِّدِّيقُ أَفۡتِنَا فِي سَبۡعِ بَقَرَٰتٖ سِمَانٖ يَأۡكُلُهُنَّ سَبۡعٌ عِجَافٞ وَسَبۡعِ سُنۢبُلَٰتٍ خُضۡرٖ وَأُخَرَ يَابِسَٰتٖ لَّعَلِّيٓ أَرۡجِعُ إِلَى ٱلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَعۡلَمُونَ
(Innis ni jedhe): “Yaa Yuusufii dhugaa dubbataa taate! Sa’oota gabbatoo torba kan (sa’oonni) huqqatoon torba isaan nyaataniifi sootalloo (mataa midhaanii) magariisaa torbaafi kan biraas gogaa (torba) hiika (abjuu kanaa) akka beekanuuf gara ummataa deebi’ee isaanitti himuun koo ni kajeelamaa nuuf himi.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالَ تَزۡرَعُونَ سَبۡعَ سِنِينَ دَأَبٗا فَمَا حَصَدتُّمۡ فَذَرُوهُ فِي سُنۢبُلِهِۦٓ إِلَّا قَلِيلٗا مِّمَّا تَأۡكُلُونَ
Ni jedhe: “Waggaa walitti aanan torbaaf akkuma barametti facaafattu. waan oomishtan sootalloo isaa keessatti isa dhiisaa Xiqqoo waan irraa nyaattan malee.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ثُمَّ يَأۡتِي مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ سَبۡعٞ شِدَادٞ يَأۡكُلۡنَ مَا قَدَّمۡتُمۡ لَهُنَّ إِلَّا قَلِيلٗا مِّمَّا تُحۡصِنُونَ
Ergasii san booda, waggoota rakkinaa torbatu dhufa waan isin isaaniif keessan hunda kan nyaatanu, xiqqoo waan kuuftanii malee.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ثُمَّ يَأۡتِي مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ عَامٞ فِيهِ يُغَاثُ ٱلنَّاسُ وَفِيهِ يَعۡصِرُونَ
Ergasii sana booda waggaa isa keessa ummanni rooba argataniifi isa keessas (inaba) cuunfatantu dhufa.”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ ٱئۡتُونِي بِهِۦۖ فَلَمَّا جَآءَهُ ٱلرَّسُولُ قَالَ ٱرۡجِعۡ إِلَىٰ رَبِّكَ فَسۡـَٔلۡهُ مَا بَالُ ٱلنِّسۡوَةِ ٱلَّٰتِي قَطَّعۡنَ أَيۡدِيَهُنَّۚ إِنَّ رَبِّي بِكَيۡدِهِنَّ عَلِيمٞ
Mootichis Isa natti fidaa jedhe. Yeroma ergamaan (mootichaa) isatti dhufu, (Yuusuf) ni jedhe: “Gara gooftaa keetii deebi’ii ‘waa’een dubartoota harka isaanii mummuranii maali’ (jedhii) isa gaafadhu. Dhugumatti Gooftaan kiyya shira isaanii beekaadha.” [1]
[1] mootichi yuusuf hidharraa baasaa naafidaa jedhee itti erge, garuu yuusuf dubbiindubartoota harka ufmuranii sun qulqullooytu malee hinbahu jedhee ergaa mootichatti deebise,
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالَ مَا خَطۡبُكُنَّ إِذۡ رَٰوَدتُّنَّ يُوسُفَ عَن نَّفۡسِهِۦۚ قُلۡنَ حَٰشَ لِلَّهِ مَا عَلِمۡنَا عَلَيۡهِ مِن سُوٓءٖۚ قَالَتِ ٱمۡرَأَتُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡـَٰٔنَ حَصۡحَصَ ٱلۡحَقُّ أَنَا۠ رَٰوَدتُّهُۥ عَن نَّفۡسِهِۦ وَإِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
(Mootichis) “Yeroo Yuusufiin (qunn-amtii saalaatiif) lubbuu isaa irra isa abaabbaltan haalli keessan maal ture” jedheen. (Dubartoonni) ni jedhan: “Rabbiin qulqullaa’ee hamtuu tokkollee isa irratti hin beeknu”. Niitiin mootichaa nijette “Amma dhugaan ifa ta’eera, Anatu (qunnamtii saalaatiif)lubbuu isaa isa abaabbale, Dhugumatti, inni warreen dhugaa dubbatan irraayyi”.[1]
[1] mooticha fuulduratti dubartoonni gaafatamanii qulqullummaa yuusf ragaa bahan, jaartiin mootichaatis yuusuf qulqulluu tahuufii tan badii hojjachuuf yaalte isii tahuu amante.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ذَٰلِكَ لِيَعۡلَمَ أَنِّي لَمۡ أَخُنۡهُ بِٱلۡغَيۡبِ وَأَنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي كَيۡدَ ٱلۡخَآئِنِينَ
“kun (gooftaan kiyya) fagootti (bakka inni hin jirretti) akka an isa hin ganin akka beekuufi, Rabbiin tooftaa gantootaa hinqajeelchu”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: يۈسۈپ
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش