Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: مەريەم   ئايەت:
وَأَنذِرۡهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡحَسۡرَةِ إِذۡ قُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ وَهُمۡ فِي غَفۡلَةٖ وَهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ
Guyyaa Gaabbii san isaan sodaachisi, yeroo dhimmichi murtaa’u Haala isaan daguu keessatti ta’aniin isaanII hin amanin.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِنَّا نَحۡنُ نَرِثُ ٱلۡأَرۡضَ وَمَنۡ عَلَيۡهَا وَإِلَيۡنَا يُرۡجَعُونَ
Nuti Numatu dachiifi waan ishee irra jiru dhaala; garuma keenya deebifamus.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِبۡرَٰهِيمَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقٗا نَّبِيًّا
Kitaaba keessatti Ibraahiim dubbadhu, inni nama akkaan dhugaa dubbataa, nabiyyii ture.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ يَٰٓأَبَتِ لِمَ تَعۡبُدُ مَا لَا يَسۡمَعُ وَلَا يُبۡصِرُ وَلَا يُغۡنِي عَنكَ شَيۡـٔٗا
Yeroo inni abbaa isaatiin jedhe “Yaa abbaa kiyya! Maaliif waan hin dhageenye, hin argineefi homaa sirraa deebisuu hin dandeenye gabbarta?”(dubbadhu).
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يَٰٓأَبَتِ إِنِّي قَدۡ جَآءَنِي مِنَ ٱلۡعِلۡمِ مَا لَمۡ يَأۡتِكَ فَٱتَّبِعۡنِيٓ أَهۡدِكَ صِرَٰطٗا سَوِيّٗا
“Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani beekumsa irraa wanti sitti hin dhufin natti dhufee jira. na hordofi; ani karaa sirraawaan si qajeelcha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يَٰٓأَبَتِ لَا تَعۡبُدِ ٱلشَّيۡطَٰنَۖ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ كَانَ لِلرَّحۡمَٰنِ عَصِيّٗا
Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin; sheyxaanni Rahmaanitti fincilaa ta’eera.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يَٰٓأَبَتِ إِنِّيٓ أَخَافُ أَن يَمَسَّكَ عَذَابٞ مِّنَ ٱلرَّحۡمَٰنِ فَتَكُونَ لِلشَّيۡطَٰنِ وَلِيّٗا
Yaa abbaa koo! ani Rahmaan irraa adabbiin si tuquun sodaadha, atis sheyxaanaaf jaalallee ta’uu keen (sodaadha)”.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالَ أَرَاغِبٌ أَنتَ عَنۡ ءَالِهَتِي يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُۖ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ لَأَرۡجُمَنَّكَۖ وَٱهۡجُرۡنِي مَلِيّٗا
(Abbaan isaa) nijedhe “Yaa Ibraahiim! Ati gabbaramtoota kiyya (jibbitee) irraa garagaltaa? Yoo hin dhorgamne, ani dhagaaniin si tuma (si cafaqa), Yeroo dheeraaf narraa fagaadhu”.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالَ سَلَٰمٌ عَلَيۡكَۖ سَأَسۡتَغۡفِرُ لَكَ رَبِّيٓۖ إِنَّهُۥ كَانَ بِي حَفِيّٗا
(Ibraahiim) nijedhe “Nageenyi sirra haa jiraatu! Ani Rabbii kiyyan araarama siif kadha, Inni akkaan rahmata naaf godhaa ta’eera”.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَأَعۡتَزِلُكُمۡ وَمَا تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَأَدۡعُواْ رَبِّي عَسَىٰٓ أَلَّآ أَكُونَ بِدُعَآءِ رَبِّي شَقِيّٗا
“Isiniifi wantoota isin Rabbiin gaditti gabbartan irraan fagaadha. Gooftaa kiyya qofan gabbara, kadhaa gooftaa kiyyaatiin hoonga’aa ta’uu dhabuu koon abdadha”.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَلَمَّا ٱعۡتَزَلَهُمۡ وَمَا يَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَهَبۡنَا لَهُۥٓ إِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَۖ وَكُلّٗا جَعَلۡنَا نَبِيّٗا
Yeroma inni isaaniifi waan isaan Rabbii gaditti gabbaran irraa fagaatu, Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennine, Hunda isaanii nabiyyii taasifne.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَوَهَبۡنَا لَهُم مِّن رَّحۡمَتِنَا وَجَعَلۡنَا لَهُمۡ لِسَانَ صِدۡقٍ عَلِيّٗا
Rahmata keenya irraas isaaniif kennine, Gaariin dubbatamuu (faaruu) ol fuudhamaas isaaniif goone.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مُوسَىٰٓۚ إِنَّهُۥ كَانَ مُخۡلَصٗا وَكَانَ رَسُولٗا نَّبِيّٗا
Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Muusaa dubbadhu, inni filatamaa ta’ee jira; ergamaa, nabiyyii ta’eera.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: مەريەم
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش