Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: سەبەئ   ئايەت:
أَفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَم بِهِۦ جِنَّةُۢۗ بَلِ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ فِي ٱلۡعَذَابِ وَٱلضَّلَٰلِ ٱلۡبَعِيدِ
“Rabbi irratti soba oddeessa moo maraatummaatu isatti jira?” (jedhu). Akkasii mitii; isaan Aakhiratti hin amanne (Aakhiraatti) adabaafi (addunyaatti) jallina fagoo ta’e keessa jiru.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
أَفَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَىٰ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِن نَّشَأۡ نَخۡسِفۡ بِهِمُ ٱلۡأَرۡضَ أَوۡ نُسۡقِطۡ عَلَيۡهِمۡ كِسَفٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّكُلِّ عَبۡدٖ مُّنِيبٖ
Sila isaan gara waan dura isaaniifi waan duuba isaanii jiru samiifi dachii irraa hin ilaallee? Yoo feenes dachii isaaniin kunna; yookiin cittuu samii irraa taate isaan irratti kuffifna. sana keessa gabricha gara Rabbiitti tawbaa deebi’u hundaaf mallattootu jira.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
۞ وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا دَاوُۥدَ مِنَّا فَضۡلٗاۖ يَٰجِبَالُ أَوِّبِي مَعَهُۥ وَٱلطَّيۡرَۖ وَأَلَنَّا لَهُ ٱلۡحَدِيدَ
Dhugumatti, Nuti Daawudiif tola Nu biraa ta’e kennineerra. “Yaa gaarreenii! isa (Daawudii) wajjin (Rabbiin) faarsaa sinbirris” (jenne). Sibiila isaaf laaffifnee jirra.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
أَنِ ٱعۡمَلۡ سَٰبِغَٰتٖ وَقَدِّرۡ فِي ٱلسَّرۡدِۖ وَٱعۡمَلُواْ صَٰلِحًاۖ إِنِّي بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٞ
“Qoloo (uffata lolaa) babal’aas hojjadhu; dhawaa isaa keessattis hanga shallagi, Toltuuwwan dalagaa; ani wanta isin hojjattan hunda argaadha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلِسُلَيۡمَٰنَ ٱلرِّيحَ غُدُوُّهَا شَهۡرٞ وَرَوَاحُهَا شَهۡرٞۖ وَأَسَلۡنَا لَهُۥ عَيۡنَ ٱلۡقِطۡرِۖ وَمِنَ ٱلۡجِنِّ مَن يَعۡمَلُ بَيۡنَ يَدَيۡهِ بِإِذۡنِ رَبِّهِۦۖ وَمَن يَزِغۡ مِنۡهُمۡ عَنۡ أَمۡرِنَا نُذِقۡهُ مِنۡ عَذَابِ ٱلسَّعِيرِ
Suleeymaaniifis bubbee (laaffifne) (tan) waaree dura (karaa) ji’a tokkoo deemtuufi waaree boodas (karaa) ji’a tokkoo balaliituu. Madda sibiilaas (nahaasaas) isaaf yaafnee jirra. Jinnoota irraa warra hayyama Gooftaa Isaaniitiin fuuldura isaatti hojjatantu jira. Isaan irraa kan ajaja keenya irraa dabe, adabbii ibidda boba’aa irraa ta’e isa dhandhamsiifna.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يَعۡمَلُونَ لَهُۥ مَا يَشَآءُ مِن مَّحَٰرِيبَ وَتَمَٰثِيلَ وَجِفَانٖ كَٱلۡجَوَابِ وَقُدُورٖ رَّاسِيَٰتٍۚ ٱعۡمَلُوٓاْ ءَالَ دَاوُۥدَ شُكۡرٗاۚ وَقَلِيلٞ مِّنۡ عِبَادِيَ ٱلشَّكُورُ
Wanta inni barbaade isaaf hojjatu, Iddoolee ibaadaa, fakkiiwwan, gabateewwan (guddinni isaa) akka naannigaa ta’eefi okkoteewwan nahaasaa kan iddoo qabattee teessu irraa (isaaf hojjatan) “Yaa maatii Daawuud (ajaja isaa guutuun) galata (Rabbii) hojjadhaa. Gabroota kiyya irraas namni Ana galatoomfataan xiqqaadha” (jenneen).
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَلَمَّا قَضَيۡنَا عَلَيۡهِ ٱلۡمَوۡتَ مَا دَلَّهُمۡ عَلَىٰ مَوۡتِهِۦٓ إِلَّا دَآبَّةُ ٱلۡأَرۡضِ تَأۡكُلُ مِنسَأَتَهُۥۖ فَلَمَّا خَرَّ تَبَيَّنَتِ ٱلۡجِنُّ أَن لَّوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ ٱلۡغَيۡبَ مَا لَبِثُواْ فِي ٱلۡعَذَابِ ٱلۡمُهِينِ
Yeroma Nuti du’a isa (Suleeymaan) irratti murteessine,wanti du’uu isaa irratti isaan qajelche hin jiru rirma dachii kan ulee isaa nyaattu tokko malee Yeroma inni kufu, jinnoonni odoo iccitii (ghaybii) kan beekan ta’anii, silaa adabbii salphisaa ta’e keessa hin turan jechuu hubatan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: سەبەئ
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش