Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: زۇخرۇپ   ئايەت:
وَكَذَٰلِكَ مَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ فِي قَرۡيَةٖ مِّن نَّذِيرٍ إِلَّا قَالَ مُتۡرَفُوهَآ إِنَّا وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا عَلَىٰٓ أُمَّةٖ وَإِنَّا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم مُّقۡتَدُونَ
Akkasumas (Yaa Muhammad!) siin dura magaalaa kam keessattuu sodaachisaa erginee, qanani’oon ishee “Nuti abbootii keenya amantii wahii irratti argine; nuti faanuma isaanii irra hordoftoota” jedhan malee hin hafne.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
۞ قَٰلَ أَوَلَوۡ جِئۡتُكُم بِأَهۡدَىٰ مِمَّا وَجَدتُّمۡ عَلَيۡهِ ءَابَآءَكُمۡۖ قَالُوٓاْ إِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ
(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufeelleemoo (isaanuma hordoftuu)?” jedhe. (Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُكَذِّبِينَ
Kanaafuu isaan irraa haaloo ba’anne. Booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaali.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَإِذۡ قَالَ إِبۡرَٰهِيمُ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦٓ إِنَّنِي بَرَآءٞ مِّمَّا تَعۡبُدُونَ
Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhe [yaadadhu] :“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِلَّا ٱلَّذِي فَطَرَنِي فَإِنَّهُۥ سَيَهۡدِينِ
Isa na uume malee. Inni na qajeelcha.”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَجَعَلَهَا كَلِمَةَۢ بَاقِيَةٗ فِي عَقِبِهِۦ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Jechattii isa booda haftuu ishee godhe Akka isaan deebi’aniif.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
بَلۡ مَتَّعۡتُ هَٰٓؤُلَآءِ وَءَابَآءَهُمۡ حَتَّىٰ جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ وَرَسُولٞ مُّبِينٞ
Dhugumatti, isaan kanaafi abbootii isaaniis qanansiise hanga dhugaafi ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufutti.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلَمَّا جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ قَالُواْ هَٰذَا سِحۡرٞ وَإِنَّا بِهِۦ كَٰفِرُونَ
Dhugaan isaanitti dhufnaan immoo “kuni falfala; nuti isatti kafaroodha” jedhan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَقَالُواْ لَوۡلَا نُزِّلَ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانُ عَلَىٰ رَجُلٖ مِّنَ ٱلۡقَرۡيَتَيۡنِ عَظِيمٍ
Ni jedhan: “Qur’aanni kun nama guddaa ganda lamaan irraa ta’etti maaliif buufamuu dhabe?”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
أَهُمۡ يَقۡسِمُونَ رَحۡمَتَ رَبِّكَۚ نَحۡنُ قَسَمۡنَا بَيۡنَهُم مَّعِيشَتَهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَرَفَعۡنَا بَعۡضَهُمۡ فَوۡقَ بَعۡضٖ دَرَجَٰتٖ لِّيَتَّخِذَ بَعۡضُهُم بَعۡضٗا سُخۡرِيّٗاۗ وَرَحۡمَتُ رَبِّكَ خَيۡرٞ مِّمَّا يَجۡمَعُونَ
Sila isaantu Rahmata Gooftaa keetii qoodaa? Nutu jiruu addunyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaaniitti qoode.garii isaanii garii irra sadarkaaleen ol fuune Akka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha. Rahmata Gooftaa keetiitu waan isaan walitti qaban irra caala.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلَوۡلَآ أَن يَكُونَ ٱلنَّاسُ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ لَّجَعَلۡنَا لِمَن يَكۡفُرُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ لِبُيُوتِهِمۡ سُقُفٗا مِّن فِضَّةٖ وَمَعَارِجَ عَلَيۡهَا يَظۡهَرُونَ
Odoo namni (gara addunyaa jallachuun) ummata tokko ta’uu baatee, silaa namoota Rahmaanitti kafaraniif ijoo manneen isaanii meeta irraa taasifna turre. sadarkaawwan irrattii ol ba’anis.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: زۇخرۇپ
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش