የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ሁድ   አንቀጽ:

Huud

الٓرۚ كِتَٰبٌ أُحۡكِمَتۡ ءَايَٰتُهُۥ ثُمَّ فُصِّلَتۡ مِن لَّدُنۡ حَكِيمٍ خَبِيرٍ
Alif Laam Raa (Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraayi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّا ٱللَّهَۚ إِنَّنِي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ وَبَشِيرٞ
“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte). Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنِ ٱسۡتَغۡفِرُواْ رَبَّكُمۡ ثُمَّ تُوبُوٓاْ إِلَيۡهِ يُمَتِّعۡكُم مَّتَٰعًا حَسَنًا إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمّٗى وَيُؤۡتِ كُلَّ ذِي فَضۡلٖ فَضۡلَهُۥۖ وَإِن تَوَلَّوۡاْ فَإِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٖ كَبِيرٍ
“Gooftaa keessan araarama kadhadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa,qananii bareedaa isin qanansiisa, hanga beellama beekamaatti. Abbootii tolaa hundaafis tola (mindaa) isaa ni kenna” jechuun (addaan baafamte). Yoo (irraa) gara galan, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَى ٱللَّهِ مَرۡجِعُكُمۡۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ
Deebiin keessan gara Rabbiitti. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَآ إِنَّهُمۡ يَثۡنُونَ صُدُورَهُمۡ لِيَسۡتَخۡفُواْ مِنۡهُۚ أَلَا حِينَ يَسۡتَغۡشُونَ ثِيَابَهُمۡ يَعۡلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعۡلِنُونَۚ إِنَّهُۥ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Dhagayaa! Dhugumatti, isaan Isa jalaa dhokachuuf qoma isaanii maru. Dhagayaa! yeroo isaan uffata isaanii haguuggatan, (Rabbiin) waan isaan dhoksaniifi waan isaan mul'isanis ni beeka. Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَمَا مِن دَآبَّةٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِ رِزۡقُهَا وَيَعۡلَمُ مُسۡتَقَرَّهَا وَمُسۡتَوۡدَعَهَاۚ كُلّٞ فِي كِتَٰبٖ مُّبِينٖ
Lubbu qabeeyyiin dachii keessatti tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee hin taane. Iddoo qubannoota isheetiifi iddoo du’a ishees ni beeka. Hundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ وَكَانَ عَرۡشُهُۥ عَلَى ٱلۡمَآءِ لِيَبۡلُوَكُمۡ أَيُّكُمۡ أَحۡسَنُ عَمَلٗاۗ وَلَئِن قُلۡتَ إِنَّكُم مَّبۡعُوثُونَ مِنۢ بَعۡدِ ٱلۡمَوۡتِ لَيَقُولَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ مُّبِينٞ
Inni (Rabbiin) Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumeedha. Arshiin Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyuu keessantu dalagaan isaa irra gaarii ta’uu isin qormaatuuf (isaan uume). Yoo ati “Dhugumatti isin du’a booda kaafamoodha” jetteen, isaan kafaran nijedhu “kun sihrii ifa ta’e malee waan biraatii miti”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَئِنۡ أَخَّرۡنَا عَنۡهُمُ ٱلۡعَذَابَ إِلَىٰٓ أُمَّةٖ مَّعۡدُودَةٖ لَّيَقُولُنَّ مَا يَحۡبِسُهُۥٓۗ أَلَا يَوۡمَ يَأۡتِيهِمۡ لَيۡسَ مَصۡرُوفًا عَنۡهُمۡ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Adabicha yoo hanga beellama lakkaawamaa ta’eetti isaan irraa tursiifne, “maaltu isa tursiise?” jedhu. Dhagayaa! guyyaa inni isaanitti dhufu isaan irraa deebifamaa miti. Wanti isaan ittiin qishinaa turan isaanitti bu'a.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَئِنۡ أَذَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِنَّا رَحۡمَةٗ ثُمَّ نَزَعۡنَٰهَا مِنۡهُ إِنَّهُۥ لَيَـُٔوسٞ كَفُورٞ
Yoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii ishee isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara). Dhugumatti inni akkaan abdii murataa, akkaan kafaraadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَئِنۡ أَذَقۡنَٰهُ نَعۡمَآءَ بَعۡدَ ضَرَّآءَ مَسَّتۡهُ لَيَقُولَنَّ ذَهَبَ ٱلسَّيِّـَٔاتُ عَنِّيٓۚ إِنَّهُۥ لَفَرِحٞ فَخُورٌ
Yoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwan narraa deeme” jedha. Dhugumatti, inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا ٱلَّذِينَ صَبَرُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُم مَّغۡفِرَةٞ وَأَجۡرٞ كَبِيرٞ
Garuu isaannan obsaniifi toltuuwwan dalagan malee, warri sun araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَعَلَّكَ تَارِكُۢ بَعۡضَ مَا يُوحَىٰٓ إِلَيۡكَ وَضَآئِقُۢ بِهِۦ صَدۡرُكَ أَن يَقُولُواْ لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡهِ كَنزٌ أَوۡ جَآءَ مَعَهُۥ مَلَكٌۚ إِنَّمَآ أَنتَ نَذِيرٞۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ وَكِيلٌ
Garii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatama “Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuu isaanii sodaachuuf jecha. Ati akeekkachiisaa qofa. Rabbiin wanta hunda irratti tiksaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ يَقُولُونَ ٱفۡتَرَىٰهُۖ قُلۡ فَأۡتُواْ بِعَشۡرِ سُوَرٖ مِّثۡلِهِۦ مُفۡتَرَيَٰتٖ وَٱدۡعُواْ مَنِ ٱسۡتَطَعۡتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? jedhiin "suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii,“yoo kan dhugaa dubbattan taatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِلَّمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَكُمۡ فَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّمَآ أُنزِلَ بِعِلۡمِ ٱللَّهِ وَأَن لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ فَهَلۡ أَنتُم مُّسۡلِمُونَ
Yoo isaan isiniif hin awwaatin, beekaa inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre. Sila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَن كَانَ يُرِيدُ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا وَزِينَتَهَا نُوَفِّ إِلَيۡهِمۡ أَعۡمَٰلَهُمۡ فِيهَا وَهُمۡ فِيهَا لَا يُبۡخَسُونَ
Namni jireenya Addunyaatiifi miidhagina ishee fedhe, Nuti dalagaalee isaanii ishee keessatti guunnee isaaniif kennina. Isaanis ishee keessatti hin hir’ifamanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَيۡسَ لَهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ إِلَّا ٱلنَّارُۖ وَحَبِطَ مَا صَنَعُواْ فِيهَا وَبَٰطِلٞ مَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Isaan sun warra Aakiraatti ibidda malee homtuu isaaniif hin jirreedha. Wanti isaan ishee keessatti dalaganis ni bade. Wanti isaan dalagaa turanis badaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَمَن كَانَ عَلَىٰ بَيِّنَةٖ مِّن رَّبِّهِۦ وَيَتۡلُوهُ شَاهِدٞ مِّنۡهُ وَمِن قَبۡلِهِۦ كِتَٰبُ مُوسَىٰٓ إِمَامٗا وَرَحۡمَةًۚ أُوْلَٰٓئِكَ يُؤۡمِنُونَ بِهِۦۚ وَمَن يَكۡفُرۡ بِهِۦ مِنَ ٱلۡأَحۡزَابِ فَٱلنَّارُ مَوۡعِدُهُۥۚ فَلَا تَكُ فِي مِرۡيَةٖ مِّنۡهُۚ إِنَّهُ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكَ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤۡمِنُونَ
Sila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanu. Ahzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaati. Isa irraa shakkii keessatti hin ta’in. Dhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedha. Garuu irra hedduun namootaa hin amananu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًاۚ أُوْلَٰٓئِكَ يُعۡرَضُونَ عَلَىٰ رَبِّهِمۡ وَيَقُولُ ٱلۡأَشۡهَٰدُ هَٰٓؤُلَآءِ ٱلَّذِينَ كَذَبُواْ عَلَىٰ رَبِّهِمۡۚ أَلَا لَعۡنَةُ ٱللَّهِ عَلَى ٱلظَّٰلِمِينَ
Isa Rabbi irratti kijiba uume irra namni of miidhe eenyu? Warri sun Gooftaa isaanii irra fidamu. Ragoonni nijedhu “isaan kun warra Gooftaa isaanii irratti sobaniidha”. Dhagayaa! Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ يَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَيَبۡغُونَهَا عِوَجٗا وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ هُمۡ كَٰفِرُونَ
Isaan warra karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi dabiinsa ishees fedhaniidha. Isaan isaanumatu Aakhiraatti kafaroodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أُوْلَٰٓئِكَ لَمۡ يَكُونُواْ مُعۡجِزِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا كَانَ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِنۡ أَوۡلِيَآءَۘ يُضَٰعَفُ لَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ مَا كَانُواْ يَسۡتَطِيعُونَ ٱلسَّمۡعَ وَمَا كَانُواْ يُبۡصِرُونَ
Warri sun dachii keessatti (Rabbiin) dadhabsiisoo hin turre. Rabbii alattis gargaaraan tokkolleen isaaniif hin taane. Adabichi dachaa isaaniif godhama. (Haqa) dhagahuu kan danda’an hin turre; kan arganis hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ
Warri sun isaan lubbuulee isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa (kijibaan) uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا جَرَمَ أَنَّهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ هُمُ ٱلۡأَخۡسَرُونَ
shakkiin hinjiru isaan Aakiraatti isaanumatu hoonga’oota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَأَخۡبَتُوٓاْ إِلَىٰ رَبِّهِمۡ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Isaan amananii gaggaarii hojjatanii, Rabbii isaaniitiif gadi jedhan isaan sun warra jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ مَثَلُ ٱلۡفَرِيقَيۡنِ كَٱلۡأَعۡمَىٰ وَٱلۡأَصَمِّ وَٱلۡبَصِيرِ وَٱلسَّمِيعِۚ هَلۡ يَسۡتَوِيَانِ مَثَلًاۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
Fakkeenyi gareewwan lamaanii akka jaamaa, duudaafi argaa, dhagayaati. Sila fakkeenyatti isaan lamaan wal qixxaa’uu? Sila isin hin gorfamtanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦٓ إِنِّي لَكُمۡ نَذِيرٞ مُّبِينٌ
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra. (Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَن لَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّا ٱللَّهَۖ إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ أَلِيمٖ
Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Ani adabbii guyyaa laalessaan isin irratti sodaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَالَ ٱلۡمَلَأُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ مَا نَرَىٰكَ إِلَّا بَشَرٗا مِّثۡلَنَا وَمَا نَرَىٰكَ ٱتَّبَعَكَ إِلَّا ٱلَّذِينَ هُمۡ أَرَاذِلُنَا بَادِيَ ٱلرَّأۡيِ وَمَا نَرَىٰ لَكُمۡ عَلَيۡنَا مِن فَضۡلِۭ بَلۡ نَظُنُّكُمۡ كَٰذِبِينَ
Ummata isaa iraa qondaaltonni isaannan kafaranii nijedhan “nama fakkii keenya taatee malee si hin agarru. Gadi aantota keenya warra yaada gadhee (yartuu) malee kan si hordofes hin agarre. Isiniifis nurratti caalmaya tokkollee hin agarre. Inumaayyuu sobdoota ta’uu keessan shakkina” (jedhan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰقَوۡمِ أَرَءَيۡتُمۡ إِن كُنتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٖ مِّن رَّبِّي وَءَاتَىٰنِي رَحۡمَةٗ مِّنۡ عِندِهِۦ فَعُمِّيَتۡ عَلَيۡكُمۡ أَنُلۡزِمُكُمُوهَا وَأَنتُمۡ لَهَا كَٰرِهُونَ
Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَٰقَوۡمِ لَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مَالًاۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۚ وَمَآ أَنَا۠ بِطَارِدِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْۚ إِنَّهُم مُّلَٰقُواْ رَبِّهِمۡ وَلَٰكِنِّيٓ أَرَىٰكُمۡ قَوۡمٗا تَجۡهَلُونَ
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Rabbiin qofa irra jira. Ani ari’aa warra amananiitii miti. Dhugumatti, isaan Gooftaa isaanii qunnamoodha. Garuu ani ummata wallaalaa ta’uun isin arga.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَٰقَوۡمِ مَن يَنصُرُنِي مِنَ ٱللَّهِ إِن طَرَدتُّهُمۡۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
Yaa ummata kiyya! (adabbii) Rabbii jalaa eenyu na baraarsa? Yoo ani isaan ari’e. Sila hin gorfamtanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَآ أَقُولُ لَكُمۡ عِندِي خَزَآئِنُ ٱللَّهِ وَلَآ أَعۡلَمُ ٱلۡغَيۡبَ وَلَآ أَقُولُ إِنِّي مَلَكٞ وَلَآ أَقُولُ لِلَّذِينَ تَزۡدَرِيٓ أَعۡيُنُكُمۡ لَن يُؤۡتِيَهُمُ ٱللَّهُ خَيۡرًاۖ ٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا فِيٓ أَنفُسِهِمۡ إِنِّيٓ إِذٗا لَّمِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Ani kuusaan qabeenya Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu. Gaybii (wanta fagoo) hin beeku. Ani maleeykaa dhas isiniin hin jedhu. Isaannan ijoonni keessan tuffattu (xinneessituu)nis Rabbiin toltuu isaaniif hin kennu hin jedhu. Rabbiin waan lubbuulee isaanii keessa jiru irra beekaadha. Yoo san, ani dhugumatti warra miidhaa hojjatan irraayyi”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰنُوحُ قَدۡ جَٰدَلۡتَنَا فَأَكۡثَرۡتَ جِدَٰلَنَا فَأۡتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
[Isaan] nijedhan “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirta. Mormiiwwan keenyas baay’essitee jirta. waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi, Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ إِنَّمَا يَأۡتِيكُم بِهِ ٱللَّهُ إِن شَآءَ وَمَآ أَنتُم بِمُعۡجِزِينَ
Nijedhe "Isa kan isinitti fidu Rabbuma qofa Yoo fedhe. (ni ariifachiisa) Isin dadhabsiisoo hin taane”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا يَنفَعُكُمۡ نُصۡحِيٓ إِنۡ أَرَدتُّ أَنۡ أَنصَحَ لَكُمۡ إِن كَانَ ٱللَّهُ يُرِيدُ أَن يُغۡوِيَكُمۡۚ هُوَ رَبُّكُمۡ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
“gorsi koo isin hin fayyadu Yoo an isin gorsuu fedhe, yoo Rabbiin isin jallisuu fedha ta’e, Inni Gooftaa keessani, Garuma isaa qofa deebitu”(jedhe).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ يَقُولُونَ ٱفۡتَرَىٰهُۖ قُلۡ إِنِ ٱفۡتَرَيۡتُهُۥ فَعَلَيَّ إِجۡرَامِي وَأَنَا۠ بَرِيٓءٞ مِّمَّا تُجۡرِمُونَ
Sila “(Muhammad) isa (Qur’aana) of irraa uume” jedhuu?. jedhi “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irra jira, Ani badii isin hojjattan irraa qulquulluudha”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأُوحِيَ إِلَىٰ نُوحٍ أَنَّهُۥ لَن يُؤۡمِنَ مِن قَوۡمِكَ إِلَّا مَن قَدۡ ءَامَنَ فَلَا تَبۡتَئِسۡ بِمَا كَانُواْ يَفۡعَلُونَ
Gara Nuuhitti (akkana jechuun) beeksisa godhame: “Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee irraa kana booda homtuu hin amanu; Kanaaf waan isaan hojjatanitti hin gaddin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱصۡنَعِ ٱلۡفُلۡكَ بِأَعۡيُنِنَا وَوَحۡيِنَا وَلَا تُخَٰطِبۡنِي فِي ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ إِنَّهُم مُّغۡرَقُونَ
Doonis laalchota (tika) keenyaafi beeysisa keenyaan hojjadhu. Warra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatin. isaan bishaanin dhidhimfamoodha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَصۡنَعُ ٱلۡفُلۡكَ وَكُلَّمَا مَرَّ عَلَيۡهِ مَلَأٞ مِّن قَوۡمِهِۦ سَخِرُواْ مِنۡهُۚ قَالَ إِن تَسۡخَرُواْ مِنَّا فَإِنَّا نَسۡخَرُ مِنكُمۡ كَمَا تَسۡخَرُونَ
Innis (Nuuh) doonii hojjata (ture), Dhawaatuma qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra qaxxaamuraniin, isatti qishinu. Innis ni jedhe: “Yoo isin nutti qishnitanis nutis akkuma isin qishnitan isinitti qishinuuf jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَ مَن يَأۡتِيهِ عَذَابٞ يُخۡزِيهِ وَيَحِلُّ عَلَيۡهِ عَذَابٞ مُّقِيمٌ
Beekuuf jirtu Namni adabbiin isa salphisu itti dhufuufi adabbiin itti fufaan isa irra qubatu eenyu akka ta’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَ أَمۡرُنَا وَفَارَ ٱلتَّنُّورُ قُلۡنَا ٱحۡمِلۡ فِيهَا مِن كُلّٖ زَوۡجَيۡنِ ٱثۡنَيۡنِ وَأَهۡلَكَ إِلَّا مَن سَبَقَ عَلَيۡهِ ٱلۡقَوۡلُ وَمَنۡ ءَامَنَۚ وَمَآ ءَامَنَ مَعَهُۥٓ إِلَّا قَلِيلٞ
Yeroma ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (keessaa bishaan) burqe “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama (kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti fe’i” isaan jenne, Isa waliin namoota muraasa malee (baay’een) hin amanne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَقَالَ ٱرۡكَبُواْ فِيهَا بِسۡمِ ٱللَّهِ مَجۡر۪ىٰهَا وَمُرۡسَىٰهَآۚ إِنَّ رَبِّي لَغَفُورٞ رَّحِيمٞ
Nijedhe ishee yaabbadhaa “Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa Rabbiitiin taa’een. Rabbiin kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهِيَ تَجۡرِي بِهِمۡ فِي مَوۡجٖ كَٱلۡجِبَالِ وَنَادَىٰ نُوحٌ ٱبۡنَهُۥ وَكَانَ فِي مَعۡزِلٖ يَٰبُنَيَّ ٱرۡكَب مَّعَنَا وَلَا تَكُن مَّعَ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Isheen danbalii akka gaarotaa keessa isaanin adeemti. Nuuh ilma isaa (doonittii irraa) fagoo ture niyaame “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhu, Warra kafaran wajjinis hin ta’in” jedheen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ سَـَٔاوِيٓ إِلَىٰ جَبَلٖ يَعۡصِمُنِي مِنَ ٱلۡمَآءِۚ قَالَ لَا عَاصِمَ ٱلۡيَوۡمَ مِنۡ أَمۡرِ ٱللَّهِ إِلَّا مَن رَّحِمَۚ وَحَالَ بَيۡنَهُمَا ٱلۡمَوۡجُ فَكَانَ مِنَ ٱلۡمُغۡرَقِينَ
(Ilmi isaa) ni jedhe: “Ani gara gaara bishaan jalaa na baraarsuun qubadha.” (Nuuh) ni jedhe: “Har’a wanti ajaja Rabbii jalaa nama baraarsu hin jiru; nama Rabbiin rahmata isaaf godhe malee” . Danbaliin gidduu isaanii haguuge. Inni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقِيلَ يَٰٓأَرۡضُ ٱبۡلَعِي مَآءَكِ وَيَٰسَمَآءُ أَقۡلِعِي وَغِيضَ ٱلۡمَآءُ وَقُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ وَٱسۡتَوَتۡ عَلَى ٱلۡجُودِيِّۖ وَقِيلَ بُعۡدٗا لِّلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Ni jedhame: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsi, Yaa samii! (Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaan xuuxamee hir’ate. Murtiin Rabbiis (adabichis) ni raawwatame. Isheen tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatte. Ni jedhame: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنَادَىٰ نُوحٞ رَّبَّهُۥ فَقَالَ رَبِّ إِنَّ ٱبۡنِي مِنۡ أَهۡلِي وَإِنَّ وَعۡدَكَ ٱلۡحَقُّ وَأَنتَ أَحۡكَمُ ٱلۡحَٰكِمِينَ
Nuuh Gooftaa isaatti lallabee, nijedhe “Gooftaa kiyya! dhugumatti, ilmi kiyya maatii kiyya irraayi. Waadaan kee dhugaadha. Ati irra haqa murteessaa abbootii murtiiti”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰنُوحُ إِنَّهُۥ لَيۡسَ مِنۡ أَهۡلِكَۖ إِنَّهُۥ عَمَلٌ غَيۡرُ صَٰلِحٖۖ فَلَا تَسۡـَٔلۡنِ مَا لَيۡسَ لَكَ بِهِۦ عِلۡمٌۖ إِنِّيٓ أَعِظُكَ أَن تَكُونَ مِنَ ٱلۡجَٰهِلِينَ
(Rabbiin) nijedhe “Yaa Nuuh! dhugumatti, inni maatii kee irraa miti. Inni hojii gaarii hin ta’iniidha. waan beekumsa itti hin qabne na hin gaafatin. Ani akka ati wallaaltota irraa hin taanen si gorsa”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ إِنِّيٓ أَعُوذُ بِكَ أَنۡ أَسۡـَٔلَكَ مَا لَيۡسَ لِي بِهِۦ عِلۡمٞۖ وَإِلَّا تَغۡفِرۡ لِي وَتَرۡحَمۡنِيٓ أَكُن مِّنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
(Nuuh) nijedhe “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadha. Yoo Ati naaf araaramtee, rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an irraan ta’a”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قِيلَ يَٰنُوحُ ٱهۡبِطۡ بِسَلَٰمٖ مِّنَّا وَبَرَكَٰتٍ عَلَيۡكَ وَعَلَىٰٓ أُمَمٖ مِّمَّن مَّعَكَۚ وَأُمَمٞ سَنُمَتِّعُهُمۡ ثُمَّ يَمَسُّهُم مِّنَّا عَذَابٌ أَلِيمٞ
Nijedhame “Yaa Nuuh nageenyaa Nurraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) gadi bu’i. (Sanyii isaanii irraas) ummata yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin laalesaan isaan tuqutu jira”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تِلۡكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ ٱلۡغَيۡبِ نُوحِيهَآ إِلَيۡكَۖ مَا كُنتَ تَعۡلَمُهَآ أَنتَ وَلَا قَوۡمُكَ مِن قَبۡلِ هَٰذَاۖ فَٱصۡبِرۡۖ إِنَّ ٱلۡعَٰقِبَةَ لِلۡمُتَّقِينَ
Isheen tun oduu fagoo kan gara keetti beeksisa goonu irraayi. Sis ta’ee ummanni keetis kana dura kan ishee beektan hin turre. Obsi Dhugumatti, booddeen (gaariin) kan warra (Rabbiin) sodataniiti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِلَىٰ عَادٍ أَخَاهُمۡ هُودٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۖ إِنۡ أَنتُمۡ إِلَّا مُفۡتَرُونَ
Gara Aadittis obboleessa isaanii Huudiin (erginee jirra). Innis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa. Gabbaramaan (haqaa) Isa malee isiniif hin jiru. Isin kijiba uumoo malee waa biraa hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰقَوۡمِ لَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ أَجۡرًاۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱلَّذِي فَطَرَنِيٓۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyyas Isa na uume irratti malee hin taane. Sila isin hin xiinxaltanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَٰقَوۡمِ ٱسۡتَغۡفِرُواْ رَبَّكُمۡ ثُمَّ تُوبُوٓاْ إِلَيۡهِ يُرۡسِلِ ٱلسَّمَآءَ عَلَيۡكُم مِّدۡرَارٗا وَيَزِدۡكُمۡ قُوَّةً إِلَىٰ قُوَّتِكُمۡ وَلَا تَتَوَلَّوۡاْ مُجۡرِمِينَ
Yaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isinirratti ergaa. Humna keessan irratti humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰهُودُ مَا جِئۡتَنَا بِبَيِّنَةٖ وَمَا نَحۡنُ بِتَارِكِيٓ ءَالِهَتِنَا عَن قَوۡلِكَ وَمَا نَحۡنُ لَكَ بِمُؤۡمِنِينَ
Nijedhan “Yaa Huud! Ati ragaan nutti hin dhufne. Nuti jecha keetiif jennee gabbaramtoota keenya kan dhiifnu hin taane. Nuti siif amanoo miti”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِن نَّقُولُ إِلَّا ٱعۡتَرَىٰكَ بَعۡضُ ءَالِهَتِنَا بِسُوٓءٖۗ قَالَ إِنِّيٓ أُشۡهِدُ ٱللَّهَ وَٱشۡهَدُوٓاْ أَنِّي بَرِيٓءٞ مِّمَّا تُشۡرِكُونَ
Garii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee homaa hin jennu. (Huudis) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; isinis ‘ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ ragaa ba’aa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مِن دُونِهِۦۖ فَكِيدُونِي جَمِيعٗا ثُمَّ لَا تُنظِرُونِ
Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudha, Yoo dandeessan) shira natti baasaa haala huda taataniin; eegasii yeroo naaf hin kenninaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي تَوَكَّلۡتُ عَلَى ٱللَّهِ رَبِّي وَرَبِّكُمۚ مَّا مِن دَآبَّةٍ إِلَّا هُوَ ءَاخِذُۢ بِنَاصِيَتِهَآۚ إِنَّ رَبِّي عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Ani Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e irratti irkadheera. lubbu qabaan tokkos Inni sammuu isaa qabu malee hintaane. Gooftaan kiyya karaa qajeelaa irra jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَقَدۡ أَبۡلَغۡتُكُم مَّآ أُرۡسِلۡتُ بِهِۦٓ إِلَيۡكُمۡۚ وَيَسۡتَخۡلِفُ رَبِّي قَوۡمًا غَيۡرَكُمۡ وَلَا تَضُرُّونَهُۥ شَيۡـًٔاۚ إِنَّ رَبِّي عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ حَفِيظٞ
Yoo gara galtan, dhugumatti ani waanin ittiin gara keessanitti ergame isintti dhaqqabsiiseera, Gooftaan kiyyas ummata isin hin ta’in bakka buusa. Homaa Isa hin miitan. Gooftaan kiyya waan hunda irratti eegaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا جَآءَ أَمۡرُنَا نَجَّيۡنَا هُودٗا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥ بِرَحۡمَةٖ مِّنَّا وَنَجَّيۡنَٰهُم مِّنۡ عَذَابٍ غَلِيظٖ
Yeroo ajajni keenya dhufe, Huudiifi warra isa waliin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa baafne, adabbii cimaa ta’e irraa nagaa isaan baafne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتِلۡكَ عَادٞۖ جَحَدُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ وَعَصَوۡاْ رُسُلَهُۥ وَٱتَّبَعُوٓاْ أَمۡرَ كُلِّ جَبَّارٍ عَنِيدٖ
Isheen sun (ummata) Aadi Mallattoowwan Gooftaa isaanii mormanii, ergamtoota Isaas didan; ajaja of tuulaa, haqa mormaa ta’e hundaa hordofan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأُتۡبِعُواْ فِي هَٰذِهِ ٱلدُّنۡيَا لَعۡنَةٗ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۗ أَلَآ إِنَّ عَادٗا كَفَرُواْ رَبَّهُمۡۗ أَلَا بُعۡدٗا لِّعَادٖ قَوۡمِ هُودٖ
Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifaman; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma). Dhagayaa! Dhugumatti, Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiru. Dhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَإِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمۡ صَٰلِحٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥۖ هُوَ أَنشَأَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ وَٱسۡتَعۡمَرَكُمۡ فِيهَا فَٱسۡتَغۡفِرُوهُ ثُمَّ تُوبُوٓاْ إِلَيۡهِۚ إِنَّ رَبِّي قَرِيبٞ مُّجِيبٞ
Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra). Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Inni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachise. araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Dhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihaataa, awwaataa dha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰصَٰلِحُ قَدۡ كُنتَ فِينَا مَرۡجُوّٗا قَبۡلَ هَٰذَآۖ أَتَنۡهَىٰنَآ أَن نَّعۡبُدَ مَا يَعۡبُدُ ءَابَآؤُنَا وَإِنَّنَا لَفِي شَكّٖ مِّمَّا تَدۡعُونَآ إِلَيۡهِ مُرِيبٖ
Ni jedhan: Yaa Saalih! Ati kana dura nu keessatti nama kajeelamaa turte. Sila ati waan abbootiin keenya gabbaraa turan gabbaruu irraa nu dhorgitaa? Nuti waan ati itti nu waamtu irraa shakkii keessatti jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰقَوۡمِ أَرَءَيۡتُمۡ إِن كُنتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٖ مِّن رَّبِّي وَءَاتَىٰنِي مِنۡهُ رَحۡمَةٗ فَمَن يَنصُرُنِي مِنَ ٱللَّهِ إِنۡ عَصَيۡتُهُۥۖ فَمَا تَزِيدُونَنِي غَيۡرَ تَخۡسِيرٖ
(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kenne, yoo ani Isatti dilaaye Rabbiin jalaa eenyutu na tumsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَٰقَوۡمِ هَٰذِهِۦ نَاقَةُ ٱللَّهِ لَكُمۡ ءَايَةٗۖ فَذَرُوهَا تَأۡكُلۡ فِيٓ أَرۡضِ ٱللَّهِۖ وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٖ فَيَأۡخُذَكُمۡ عَذَابٞ قَرِيبٞ
Yaa ummata kiyya! Isheen tun gaala Rabbiiti, isiniif mallattoodha. Dachii Rabbii keessa haa nyaattuu ishee dhiisaa, Hamtuudhaan ishee hin tuqinaa. (Yoo akkas gootan) adabbiin dhihoo ta’e isin tuqa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَعَقَرُوهَا فَقَالَ تَمَتَّعُواْ فِي دَارِكُمۡ ثَلَٰثَةَ أَيَّامٖۖ ذَٰلِكَ وَعۡدٌ غَيۡرُ مَكۡذُوبٖ
Ishee ni waraanan, Inni nijedhe “Manneen keessan keessa guyyoota sadihiif qanani’aa. Kun waadaa (adabbii) hin kijibsiifamneedha”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَآءَ أَمۡرُنَا نَجَّيۡنَا صَٰلِحٗا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥ بِرَحۡمَةٖ مِّنَّا وَمِنۡ خِزۡيِ يَوۡمِئِذٍۚ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ ٱلۡقَوِيُّ ٱلۡعَزِيزُ
Yeroma ajajni keenya dhufe, Saalihiifi warra isa wajjiin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa (isaan) baafne; xiqqeenya guyyaa sanii irraas (isaan baraarsine). Dhugumatti, Gooftaan kee isatu jabaa, injifataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَخَذَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ ٱلصَّيۡحَةُ فَأَصۡبَحُواْ فِي دِيَٰرِهِمۡ جَٰثِمِينَ
Iyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabatee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) tahanii bariisifatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَأَن لَّمۡ يَغۡنَوۡاْ فِيهَآۗ أَلَآ إِنَّ ثَمُودَاْ كَفَرُواْ رَبَّهُمۡۗ أَلَا بُعۡدٗا لِّثَمُودَ
Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! Samuud Gooftaa isaaniitti kafaranii jiru. Dhagayaa! fageenyi Samuudiif haa ta’u!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ جَآءَتۡ رُسُلُنَآ إِبۡرَٰهِيمَ بِٱلۡبُشۡرَىٰ قَالُواْ سَلَٰمٗاۖ قَالَ سَلَٰمٞۖ فَمَا لَبِثَ أَن جَآءَ بِعِجۡلٍ حَنِيذٖ
Dhugumatti, ergamtoonni keenya Ibraahiimitti oduu gammachiisaan dhufan, nijedhan “nagaa (sirratti buufna)” Innis nijedhe “nagaan (isin irra haa jiraatu)”. Odoo hin turre jibicha waadamaan dhufe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا رَءَآ أَيۡدِيَهُمۡ لَا تَصِلُ إِلَيۡهِ نَكِرَهُمۡ وَأَوۡجَسَ مِنۡهُمۡ خِيفَةٗۚ قَالُواْ لَا تَخَفۡ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمِ لُوطٖ
Yeroma harkoowwan isaanii gara isaa (nyaatichaa) kan hin geenye ta’uu argu, isaan morme; isaan irraas sodaa dhokfate, nijedhaniin “Hin sodaatin; nuti gara ummata Luux ergamnee”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱمۡرَأَتُهُۥ قَآئِمَةٞ فَضَحِكَتۡ فَبَشَّرۡنَٰهَا بِإِسۡحَٰقَ وَمِن وَرَآءِ إِسۡحَٰقَ يَعۡقُوبَ
Niitiin isaa dhaabattuu taatee nikolfite, Nuti Isihaaqiin ishee gammachiifne, Isihaaq boodas Ya’aquubiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَتۡ يَٰوَيۡلَتَىٰٓ ءَأَلِدُ وَأَنَا۠ عَجُوزٞ وَهَٰذَا بَعۡلِي شَيۡخًاۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيۡءٌ عَجِيبٞ
Ni jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, ta'e jiruu da'aa? dhirsi kiyya kunis dullachaa. Dhugumatti, kun waan dinqisiisaa dha!”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ أَتَعۡجَبِينَ مِنۡ أَمۡرِ ٱللَّهِۖ رَحۡمَتُ ٱللَّهِ وَبَرَكَٰتُهُۥ عَلَيۡكُمۡ أَهۡلَ ٱلۡبَيۡتِۚ إِنَّهُۥ حَمِيدٞ مَّجِيدٞ
Ni jedhan: “Sila murtii Rabbii irraa dinqisiifattaa? Rahmanni Rabbiitiifi barakaan Isaa isin irra haa jiraatu;Yaa warra manichaa! Inni faarfamaa, guddaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا ذَهَبَ عَنۡ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلرَّوۡعُ وَجَآءَتۡهُ ٱلۡبُشۡرَىٰ يُجَٰدِلُنَا فِي قَوۡمِ لُوطٍ
Yeroma Ibraahiim irraa sodaan deemee gammachuun isatti dhuftu, inni ummata Luux keessatti Nuun falmuu eegale.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ إِبۡرَٰهِيمَ لَحَلِيمٌ أَوَّٰهٞ مُّنِيبٞ
Dhugumatti, Ibraahiim obsaa, Rabbitti booyaa, deebi’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُ أَعۡرِضۡ عَنۡ هَٰذَآۖ إِنَّهُۥ قَدۡ جَآءَ أَمۡرُ رَبِّكَۖ وَإِنَّهُمۡ ءَاتِيهِمۡ عَذَابٌ غَيۡرُ مَرۡدُودٖ
Yaa Ibraahiim! (Falmii) kana irraa gara gali. Dhugumatti, ajajni Gooftaa keetii dhufee jira. Isaan adabbiin hin deebifamne isaanitti dhufa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا جَآءَتۡ رُسُلُنَا لُوطٗا سِيٓءَ بِهِمۡ وَضَاقَ بِهِمۡ ذَرۡعٗا وَقَالَ هَٰذَا يَوۡمٌ عَصِيبٞ
Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan, inni isaanitti gadde; qomti isaas isaaniif dhiphate “Kun guyyaa hamaadha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءَهُۥ قَوۡمُهُۥ يُهۡرَعُونَ إِلَيۡهِ وَمِن قَبۡلُ كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ هَٰٓؤُلَآءِ بَنَاتِي هُنَّ أَطۡهَرُ لَكُمۡۖ فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُخۡزُونِ فِي ضَيۡفِيٓۖ أَلَيۡسَ مِنكُمۡ رَجُلٞ رَّشِيدٞ
Ummanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufan, Sana duras gocha fokkataa kan hojjatanu turan, (Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun shamarran kiyyaIsaan (yoo seeraan fuutan)isaantu isiniif qulqulluudha. Rabbiin sodaadhaa; keessummaa kiyya keessatti na hin xiqqeessinaa. Sila isin irraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَقَدۡ عَلِمۡتَ مَا لَنَا فِي بَنَاتِكَ مِنۡ حَقّٖ وَإِنَّكَ لَتَعۡلَمُ مَا نُرِيدُ
Isaan ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa dhimma hin qabne beektee jirta, dhugumatti ati waan nuti barbaannu nibeekta.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَوۡ أَنَّ لِي بِكُمۡ قُوَّةً أَوۡ ءَاوِيٓ إِلَىٰ رُكۡنٖ شَدِيدٖ
Ni jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara lammii jabduu hirkadhee (isinin adaba ture).”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰلُوطُ إِنَّا رُسُلُ رَبِّكَ لَن يَصِلُوٓاْ إِلَيۡكَۖ فَأَسۡرِ بِأَهۡلِكَ بِقِطۡعٖ مِّنَ ٱلَّيۡلِ وَلَا يَلۡتَفِتۡ مِنكُمۡ أَحَدٌ إِلَّا ٱمۡرَأَتَكَۖ إِنَّهُۥ مُصِيبُهَا مَآ أَصَابَهُمۡۚ إِنَّ مَوۡعِدَهُمُ ٱلصُّبۡحُۚ أَلَيۡسَ ٱلصُّبۡحُ بِقَرِيبٖ
(Isaan) ni jedhan: “Yaa Luux! Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anu. Maatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemi, Isin irraa eenyullee of duuba akka hin mil’anne, Niitii tee malee. Dhugumatti, wanti isaan tuqu ishee tuqaadha. Beellamni isaaniis bariidha. Sila bariin dhihoo mitii?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَآءَ أَمۡرُنَا جَعَلۡنَا عَٰلِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهَا حِجَارَةٗ مِّن سِجِّيلٖ مَّنضُودٖ
Yeroo ajajni keenya dhufu, gubbaa ishee (magaalattii) jala ishee taasifnee, Ishee irratti dhagaa dhoqqee gubamaa irraa tahe wal hordofaa roobsifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَۖ وَمَا هِيَ مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ بِبَعِيدٖ
(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan mallatteeffamte taatee (ishee roobsine), Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَإِلَىٰ مَدۡيَنَ أَخَاهُمۡ شُعَيۡبٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥۖ وَلَا تَنقُصُواْ ٱلۡمِكۡيَالَ وَٱلۡمِيزَانَۖ إِنِّيٓ أَرَىٰكُم بِخَيۡرٖ وَإِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٖ مُّحِيطٖ
Gara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra) nijedhe “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Safaraafi madaala hin hir’isinaa, Ani qabeenya keessattin isin argaara, Dhugumatti ani adabbii guyyaa marsaa ta’een isin irratti sodaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَٰقَوۡمِ أَوۡفُواْ ٱلۡمِكۡيَالَ وَٱلۡمِيزَانَ بِٱلۡقِسۡطِۖ وَلَا تَبۡخَسُواْ ٱلنَّاسَ أَشۡيَآءَهُمۡ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ
Yaa ummata kiyya! Safaraafi madaalas haqaan guutaa, Namoota jalaa wantoota isaanii hin hirdhisinaa; dachii keessattis balleessitoota taatanii badii hin facaasinaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَقِيَّتُ ٱللَّهِ خَيۡرٞ لَّكُمۡ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَۚ وَمَآ أَنَا۠ عَلَيۡكُم بِحَفِيظٖ
waan Rabbi isiniif hambisetu isiniif caala;Yoo mu’uminoota taataniif, Ani isin irratti eegaa miti.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰشُعَيۡبُ أَصَلَوٰتُكَ تَأۡمُرُكَ أَن نَّتۡرُكَ مَا يَعۡبُدُ ءَابَآؤُنَآ أَوۡ أَن نَّفۡعَلَ فِيٓ أَمۡوَٰلِنَا مَا نَشَٰٓؤُاْۖ إِنَّكَ لَأَنتَ ٱلۡحَلِيمُ ٱلرَّشِيدُ
Ni jedhan: “Yaa Shu’ayb! Sila salaata keetu waan abbootiin keenya gabbaraa turan akka dhiifnu yookiin akka nuti qabeenya keenya irratti akka feene hin dalagne si ajajjii? Dhugumatti, ati simatu obsaa, qajeelaa dha!”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰقَوۡمِ أَرَءَيۡتُمۡ إِن كُنتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٖ مِّن رَّبِّي وَرَزَقَنِي مِنۡهُ رِزۡقًا حَسَنٗاۚ وَمَآ أُرِيدُ أَنۡ أُخَالِفَكُمۡ إِلَىٰ مَآ أَنۡهَىٰكُمۡ عَنۡهُۚ إِنۡ أُرِيدُ إِلَّا ٱلۡإِصۡلَٰحَ مَا ٱسۡتَطَعۡتُۚ وَمَا تَوۡفِيقِيٓ إِلَّا بِٱللَّهِۚ عَلَيۡهِ تَوَكَّلۡتُ وَإِلَيۡهِ أُنِيبُ
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa), Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhu, Ani hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhu, Haqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taane, Isa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَٰقَوۡمِ لَا يَجۡرِمَنَّكُمۡ شِقَاقِيٓ أَن يُصِيبَكُم مِّثۡلُ مَآ أَصَابَ قَوۡمَ نُوحٍ أَوۡ قَوۡمَ هُودٍ أَوۡ قَوۡمَ صَٰلِحٖۚ وَمَا قَوۡمُ لُوطٖ مِّنكُم بِبَعِيدٖ
Yaa ummata kiyya! ana faallessuun akka fakkaataa waan ummata Nuuh yookiin ummata Huud yookiin ummata Saalih tuqee isin tuquu irratti isin hin kaasne, Ummanni Luux isin irraa fagoo miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱسۡتَغۡفِرُواْ رَبَّكُمۡ ثُمَّ تُوبُوٓاْ إِلَيۡهِۚ إِنَّ رَبِّي رَحِيمٞ وَدُودٞ
Gooftaa keessan araarama kadhaa, Ergasii gara Isaa deebi’aa, Dhugumatti, Gooftaan kiyya rahmata godhaa, jaallataadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰشُعَيۡبُ مَا نَفۡقَهُ كَثِيرٗا مِّمَّا تَقُولُ وَإِنَّا لَنَرَىٰكَ فِينَا ضَعِيفٗاۖ وَلَوۡلَا رَهۡطُكَ لَرَجَمۡنَٰكَۖ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡنَا بِعَزِيزٖ
nijedhan “Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannu, Nu keessatti dadhabaa taateetiin si argina, Odoo gosti kee jiraachuu baatee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna turre, Ati nurratti jabaa miti”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰقَوۡمِ أَرَهۡطِيٓ أَعَزُّ عَلَيۡكُم مِّنَ ٱللَّهِ وَٱتَّخَذۡتُمُوهُ وَرَآءَكُمۡ ظِهۡرِيًّاۖ إِنَّ رَبِّي بِمَا تَعۡمَلُونَ مُحِيطٞ
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Sila gosa kiyyatu Rabbi irra isinitti jabaataa? Duuba keessan irraan gara dugdaa Isa gootan, Dhugumatti, Gooftaan kiyya waan isin dalagdanutti marsaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَٰقَوۡمِ ٱعۡمَلُواْ عَلَىٰ مَكَانَتِكُمۡ إِنِّي عَٰمِلٞۖ سَوۡفَ تَعۡلَمُونَ مَن يَأۡتِيهِ عَذَابٞ يُخۡزِيهِ وَمَنۡ هُوَ كَٰذِبٞۖ وَٱرۡتَقِبُوٓاْ إِنِّي مَعَكُمۡ رَقِيبٞ
Yaa ummata kiyya! Isin sadarkaa keessaniin hojjadhaa; Ani hojjataadha, Nama adabbiin isa xiqqeessu isatti dhufuufi nama isa kijibaa ta’e fuula dura beektu, Isin eegaa! Anis isin waliin eegaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا جَآءَ أَمۡرُنَا نَجَّيۡنَا شُعَيۡبٗا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥ بِرَحۡمَةٖ مِّنَّا وَأَخَذَتِ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ ٱلصَّيۡحَةُ فَأَصۡبَحُواْ فِي دِيَٰرِهِمۡ جَٰثِمِينَ
Yeroma ajajni keenya dhufu, Shu’aybiifi warra isa waliin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa baafnee, warra miidhaa hojjatan iyyansi cimaan ni qabde, Manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta’anii (du’anii) bariisifatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَأَن لَّمۡ يَغۡنَوۡاْ فِيهَآۗ أَلَا بُعۡدٗا لِّمَدۡيَنَ كَمَا بَعِدَتۡ ثَمُودُ
Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! akkuma Samuud fagaatte! Madyaniif fageenyi haa ta’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَا وَسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٍ
Dhugumatti, Muusaa mallattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een erginee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ فَٱتَّبَعُوٓاْ أَمۡرَ فِرۡعَوۡنَۖ وَمَآ أَمۡرُ فِرۡعَوۡنَ بِرَشِيدٖ
Gara Fir’awniifi qondaalota isaa (ergine), Ajaja Fir’awni hordofan, Ajajni Fir’awni sirrii miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَقۡدُمُ قَوۡمَهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فَأَوۡرَدَهُمُ ٱلنَّارَۖ وَبِئۡسَ ٱلۡوِرۡدُ ٱلۡمَوۡرُودُ
Guyyaa Qiyaamaa ummata isaa dursee, ibidda isaan seensisa, (Inni) seensa seenamaa (ta’uun isaa) waa fokkate!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأُتۡبِعُواْ فِي هَٰذِهِۦ لَعۡنَةٗ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ بِئۡسَ ٱلرِّفۡدُ ٱلۡمَرۡفُودُ
Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifaman, Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma), Badhaasni badhaafaman waa fokkate!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ ٱلۡقُرَىٰ نَقُصُّهُۥ عَلَيۡكَۖ مِنۡهَا قَآئِمٞ وَحَصِيدٞ
Kun oduu magaalotaa irraayi; isa sirratti odeessina, Ishee irraa dhaabbataafi haamamaatu jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا ظَلَمۡنَٰهُمۡ وَلَٰكِن ظَلَمُوٓاْ أَنفُسَهُمۡۖ فَمَآ أَغۡنَتۡ عَنۡهُمۡ ءَالِهَتُهُمُ ٱلَّتِي يَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٖ لَّمَّا جَآءَ أَمۡرُ رَبِّكَۖ وَمَا زَادُوهُمۡ غَيۡرَ تَتۡبِيبٖ
Nuti isaan hin mine; Garuu isaan lubbuulee isaanii miidhan. gabbaramtoonni isaanii kan isaan Rabbii gaditti gabbaraa turan homaa isaan hin fayyadne Yeroo ajajni Gooftaa keetii dhufu. Hoongessuu malees homaa isaaniif hin daballe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ أَخۡذُ رَبِّكَ إِذَآ أَخَذَ ٱلۡقُرَىٰ وَهِيَ ظَٰلِمَةٌۚ إِنَّ أَخۡذَهُۥٓ أَلِيمٞ شَدِيدٌ
akkuma kana Qabaan Gooftaa keetii yeroo magaalota miidhaa hojjattuu taate qabe, Dhugumatti, qabaan Isaa laalessaa, jabaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّمَنۡ خَافَ عَذَابَ ٱلۡأٓخِرَةِۚ ذَٰلِكَ يَوۡمٞ مَّجۡمُوعٞ لَّهُ ٱلنَّاسُ وَذَٰلِكَ يَوۡمٞ مَّشۡهُودٞ
Dhugumatti, kana keessa namoota adabbii Aakiraa sodaataniif mallattootu jira. Sun guyyaa namoonni isaaf walitti qabamaniidha; sun guyyaa dhufamaadhas.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا نُؤَخِّرُهُۥٓ إِلَّا لِأَجَلٖ مَّعۡدُودٖ
Beellama lakkaa’amaaf malee isa hin tursiifnu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ يَأۡتِ لَا تَكَلَّمُ نَفۡسٌ إِلَّا بِإِذۡنِهِۦۚ فَمِنۡهُمۡ شَقِيّٞ وَسَعِيدٞ
Guyyaa inni dhufu lubbuun kamillee hayyama Isaatiin malee hin dubbattu. Isaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَمَّا ٱلَّذِينَ شَقُواْ فَفِي ٱلنَّارِ لَهُمۡ فِيهَا زَفِيرٞ وَشَهِيقٌ
Isaan hoonga’an ibidda keessa ta’u, Ishee keessatti iyyansaafi himimsaatu isaaniif jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
خَٰلِدِينَ فِيهَا مَا دَامَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلۡأَرۡضُ إِلَّا مَا شَآءَ رَبُّكَۚ إِنَّ رَبَّكَ فَعَّالٞ لِّمَا يُرِيدُ
Hanga samiifi dachiin turan ishee keessa kan turan ta’anii (ibidda keessa jiraatu) Waan Gooftaan kee fedhe malee, Gooftaan kee waan fedhe hojjataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَأَمَّا ٱلَّذِينَ سُعِدُواْ فَفِي ٱلۡجَنَّةِ خَٰلِدِينَ فِيهَا مَا دَامَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلۡأَرۡضُ إِلَّا مَا شَآءَ رَبُّكَۖ عَطَآءً غَيۡرَ مَجۡذُوذٖ
Isaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatu Waan hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu) waan Gooftaan kee fedhe malee. Kennaa addaan hin cinne (kennaman).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَا تَكُ فِي مِرۡيَةٖ مِّمَّا يَعۡبُدُ هَٰٓؤُلَآءِۚ مَا يَعۡبُدُونَ إِلَّا كَمَا يَعۡبُدُ ءَابَآؤُهُم مِّن قَبۡلُۚ وَإِنَّا لَمُوَفُّوهُمۡ نَصِيبَهُمۡ غَيۡرَ مَنقُوصٖ
(Yaa Muhammad!) waan warri sun gabbaran irraa shakkii keessatti hin tahin, (Isaan) akkuma abbootiin isaanii duraan gabbaran malee hin gabbaranu, Nuti qooda isaanii odoo hin hir'ifamne guunnee isaaniif kennina.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ فَٱخۡتُلِفَ فِيهِۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةٞ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ لَقُضِيَ بَيۡنَهُمۡۚ وَإِنَّهُمۡ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُ مُرِيبٖ
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra; isa keessattis wal dhabame, Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama ture, Dhugumatti, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ كُلّٗا لَّمَّا لَيُوَفِّيَنَّهُمۡ رَبُّكَ أَعۡمَٰلَهُمۡۚ إِنَّهُۥ بِمَا يَعۡمَلُونَ خَبِيرٞ
Dhugumatti hunda isaaniitiif Gooftaan kee dalagaa isaanii isaaniif guuta, Dhugumatti, Inni waan isaan dalagan beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱسۡتَقِمۡ كَمَآ أُمِرۡتَ وَمَن تَابَ مَعَكَ وَلَا تَطۡغَوۡاْۚ إِنَّهُۥ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٞ
Akka ajajamtetti gadi dhaabbadhu. Isaan tawbatanis si waliin (gadi haa dhaabbatanii), Daangaas hin dabrinaa, Dhugumatti, Inni waan isin dalagdan argaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَرۡكَنُوٓاْ إِلَى ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ فَتَمَسَّكُمُ ٱلنَّارُ وَمَا لَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِنۡ أَوۡلِيَآءَ ثُمَّ لَا تُنصَرُونَ
Gara warra miidhaa hojjatanii hin dabinaa (Yoo akkas gootan) ibiddi isin tuqa፣ Rabbiin malees jaalallee biraa hin qabdan, Ergasii hin tumsamtanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ طَرَفَيِ ٱلنَّهَارِ وَزُلَفٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِۚ إِنَّ ٱلۡحَسَنَٰتِ يُذۡهِبۡنَ ٱلسَّيِّـَٔاتِۚ ذَٰلِكَ ذِكۡرَىٰ لِلذَّٰكِرِينَ
Qaccee lamaan guyyaatiifi yeroo halkan irraa ta’e salaata dhaabi, Toltuuwwan hamtuuwwan ni deemsisu, Kun warra gorfamaniif gorsa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱصۡبِرۡ فَإِنَّ ٱللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Obsi! Dhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَوۡلَا كَانَ مِنَ ٱلۡقُرُونِ مِن قَبۡلِكُمۡ أُوْلُواْ بَقِيَّةٖ يَنۡهَوۡنَ عَنِ ٱلۡفَسَادِ فِي ٱلۡأَرۡضِ إِلَّا قَلِيلٗا مِّمَّنۡ أَنجَيۡنَا مِنۡهُمۡۗ وَٱتَّبَعَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ مَآ أُتۡرِفُواْ فِيهِ وَكَانُواْ مُجۡرِمِينَ
Maaliif jaarraawwan isiniin duraa irraa warri hanbaa gaariin kan dachii keessatti badii irraa dhorgan hin jiraatin? xiqqoo warra nuti nagaya baafnee malee. Isaan miidhaa hojjatan immoo waan isa keessatti qanansiifaman hordofee yakkamtoota irraa ta’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا كَانَ رَبُّكَ لِيُهۡلِكَ ٱلۡقُرَىٰ بِظُلۡمٖ وَأَهۡلُهَا مُصۡلِحُونَ
Gooftaan kee magaalaa kamillee,miidhaan kaballeessu hintaane odoo jiraattonni ishee warra toltuu hojjatu ta’anii jiranuu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ شَآءَ رَبُّكَ لَجَعَلَ ٱلنَّاسَ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗۖ وَلَا يَزَالُونَ مُخۡتَلِفِينَ
Gooftaan kee odoo fedhee, silaa nama hunda ummata tokko taasisa ture. Wal dhaboo ta’uu irraa hin deemanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا مَن رَّحِمَ رَبُّكَۚ وَلِذَٰلِكَ خَلَقَهُمۡۗ وَتَمَّتۡ كَلِمَةُ رَبِّكَ لَأَمۡلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنَ ٱلۡجِنَّةِ وَٱلنَّاسِ أَجۡمَعِينَ
Nama Gooftaan kee rahmata godheef malee (waldhabuu irraa hin deman), Kanumaaf isaan uume. Jechi Gooftaa keetii guutamteetti “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكُلّٗا نَّقُصُّ عَلَيۡكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ ٱلرُّسُلِ مَا نُثَبِّتُ بِهِۦ فُؤَادَكَۚ وَجَآءَكَ فِي هَٰذِهِ ٱلۡحَقُّ وَمَوۡعِظَةٞ وَذِكۡرَىٰ لِلۡمُؤۡمِنِينَ
Oduulee ergamtootaa irraa waan ittiin onnee kee raggaasifnu hunda sirratti odeessina. Ishee kana keessatti dhugaa sitti dhufe, gorsaafi yaadachiifni mu’uminootaaf ta’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقُل لِّلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ ٱعۡمَلُواْ عَلَىٰ مَكَانَتِكُمۡ إِنَّا عَٰمِلُونَ
Isaan hin amanneeni jedhi: “sadarkaa keessaniin dalagaa, Nuti dalagoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱنتَظِرُوٓاْ إِنَّا مُنتَظِرُونَ
Isinis eegaa! Nutis eegoodha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِلَّهِ غَيۡبُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَإِلَيۡهِ يُرۡجَعُ ٱلۡأَمۡرُ كُلُّهُۥ فَٱعۡبُدۡهُ وَتَوَكَّلۡ عَلَيۡهِۚ وَمَا رَبُّكَ بِغَٰفِلٍ عَمَّا تَعۡمَلُونَ
Iccitiin samiifi dachii keessaa kanuma Rabbiiti, Dhimmi hundi gara Isaatti deebifama, Isa gabbari, Isa irratti hirkadhu, Gooftaan kee waan isin hojjattan irraa dagataa miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ሁድ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት