Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አር-ረዕድ   አንቀጽ:

Arra’ad

الٓمٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِۗ وَٱلَّذِيٓ أُنزِلَ إِلَيۡكَ مِن رَّبِّكَ ٱلۡحَقُّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤۡمِنُونَ
Alif Laam Miim Raa tun keeyyattoota kitaabaati, Inni Gooftaa kee biraa gara keetti buufame dhugaadha. Garuu irra hedduun namaa hin amananu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي رَفَعَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ بِغَيۡرِ عَمَدٖ تَرَوۡنَهَاۖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلّٞ يَجۡرِي لِأَجَلٖ مُّسَمّٗىۚ يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَ يُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لَعَلَّكُم بِلِقَآءِ رَبِّكُمۡ تُوقِنُونَ
Rabbiin Isa samii (torban) utubaa malee uumeedha; isin ishee ni agartu. eegasii Arshii irratti (akka Isaaf maluun) ol ta’e. Aduufi baatiis ni laaffise, Hundinuu hanga beellama murtaa’eetti yaa’u, Wantoota hunda gara gaggalcha.
mallattoolee addaan baasa Akka isin qunnamuu Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي مَدَّ ٱلۡأَرۡضَ وَجَعَلَ فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۡهَٰرٗاۖ وَمِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ جَعَلَ فِيهَا زَوۡجَيۡنِ ٱثۡنَيۡنِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ
Inni Isa dachii diriirsee ishee keessatti gaarreeniifi laggeeniis godheedha. Fuduraalee hunda irraas gosoota lama lama ishee keessatti godheera. Halkan guyyaa haguugsisa, Dhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفِي ٱلۡأَرۡضِ قِطَعٞ مُّتَجَٰوِرَٰتٞ وَجَنَّٰتٞ مِّنۡ أَعۡنَٰبٖ وَزَرۡعٞ وَنَخِيلٞ صِنۡوَانٞ وَغَيۡرُ صِنۡوَانٖ يُسۡقَىٰ بِمَآءٖ وَٰحِدٖ وَنُفَضِّلُ بَعۡضَهَا عَلَىٰ بَعۡضٖ فِي ٱلۡأُكُلِۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ
Dachii keessas kutaalee walitti olloomantu jira, ashaakiltii Inaba irraa ta’an, sanyiiwwan faca’aniifi muka Timiraa damee qabaniifi damee hin qabne, kan bishaan tokkoon obaafamantu (jira). Dhandhama keessatti garii isaanii garii irra caalchifneerra. Dhugumatti, kana keessa ummata xiinxalaniif mallattooleetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَإِن تَعۡجَبۡ فَعَجَبٞ قَوۡلُهُمۡ أَءِذَا كُنَّا تُرَٰبًا أَءِنَّا لَفِي خَلۡقٖ جَدِيدٍۗ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِرَبِّهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡأَغۡلَٰلُ فِيٓ أَعۡنَاقِهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Yoo dinqisiifatte dinqisiisaadha jechi isaanii “sila yeroo biyyee taane nuti uumama haaraa keessatti (taanaa)?”. Isaan warra Gooftaa isaaniitti kafaraniidha. Isaan sun sakaallaaleen mormoowwan isaanii keessa jira. Isaan warra ibiddaati, Isaan ishee keessatti hafoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አር-ረዕድ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

ተረጎመዋ ጋሊ አባቡር አባጉና።

መዝጋት