የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሒጅር   አንቀጽ:

Alhijr

الٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ وَقُرۡءَانٖ مُّبِينٖ
Alif Laam Raa tun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رُّبَمَا يَوَدُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡ كَانُواْ مُسۡلِمِينَ
Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَرۡهُمۡ يَأۡكُلُواْ وَيَتَمَتَّعُواْ وَيُلۡهِهِمُ ٱلۡأَمَلُۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Isaan dhiisi Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu, (Itti gala isaanii) fuula duratti ni beeku.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا وَلَهَا كِتَابٞ مَّعۡلُومٞ
(Warra) gandaa tokkollee hin balleessine beellamni beekamaan isheef jiraatu malee .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّا تَسۡبِقُ مِنۡ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ
Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُواْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِي نُزِّلَ عَلَيۡهِ ٱلذِّكۡرُ إِنَّكَ لَمَجۡنُونٞ
Nijedhan “Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّوۡمَا تَأۡتِينَا بِٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate?” (jedhan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا نُنَزِّلُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَمَا كَانُوٓاْ إِذٗا مُّنظَرِينَ
Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnu, Yoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا ٱلذِّكۡرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ
Nuti Zikrii (Qur'aana) Numatu buuse, Numatu isaaf tiksoodha.
q
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ فِي شِيَعِ ٱلۡأَوَّلِينَ
Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Ergamaan tokkos isatti dhufee kan isatti qishinan ta’anii malee hintaane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَٰلِكَ نَسۡلُكُهُۥ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا يُؤۡمِنُونَ بِهِۦ وَقَدۡ خَلَتۡ سُنَّةُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Isatti hin amananu, Dhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ فَتَحۡنَا عَلَيۡهِم بَابٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ فَظَلُّواْ فِيهِ يَعۡرُجُونَ
Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii;
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَقَالُوٓاْ إِنَّمَا سُكِّرَتۡ أَبۡصَٰرُنَا بَلۡ نَحۡنُ قَوۡمٞ مَّسۡحُورُونَ
Silaa nijedhan “ijootuma keenyatu cufame, Inumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ جَعَلۡنَا فِي ٱلسَّمَآءِ بُرُوجٗا وَزَيَّنَّٰهَا لِلنَّٰظِرِينَ
Nuti dhugumatti samii keessatti urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَحَفِظۡنَٰهَا مِن كُلِّ شَيۡطَٰنٖ رَّجِيمٍ
Sheyxaana darbatamaa hunda irraa ishee tiiksine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا مَنِ ٱسۡتَرَقَ ٱلسَّمۡعَ فَأَتۡبَعَهُۥ شِهَابٞ مُّبِينٞ
Isa dhageettii hatee malee qaanqee mul'ataatu isa hordofe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ شَيۡءٖ مَّوۡزُونٖ
Dachii Nuti ishee diriirsinee jirra, Gaarreen ishee keessati goonee jirra, Wanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلۡنَا لَكُمۡ فِيهَا مَعَٰيِشَ وَمَن لَّسۡتُمۡ لَهُۥ بِرَٰزِقِينَ
Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن مِّن شَيۡءٍ إِلَّا عِندَنَا خَزَآئِنُهُۥ وَمَا نُنَزِّلُهُۥٓ إِلَّا بِقَدَرٖ مَّعۡلُومٖ
Wanti tokkos hin taane;Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male, Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَرۡسَلۡنَا ٱلرِّيَٰحَ لَوَٰقِحَ فَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَسۡقَيۡنَٰكُمُوهُ وَمَآ أَنتُمۡ لَهُۥ بِخَٰزِنِينَ
Bubbeewwan ergine Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee, Samii irraa bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra, (Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّا لَنَحۡنُ نُحۡيِۦ وَنُمِيتُ وَنَحۡنُ ٱلۡوَٰرِثُونَ
Nuti dhugumatti (lubbuu) Numatu jiraachisee ajjeesa, Numatu dhaaltota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ عَلِمۡنَا ٱلۡمُسۡتَقۡدِمِينَ مِنكُمۡ وَلَقَدۡ عَلِمۡنَا ٱلۡمُسۡتَـٔۡخِرِينَ
Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerra, Warren boodaas dhugumatti beeknee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَحۡشُرُهُمۡۚ إِنَّهُۥ حَكِيمٌ عَلِيمٞ
Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡجَآنَّ خَلَقۡنَٰهُ مِن قَبۡلُ مِن نَّارِ ٱلسَّمُومِ
Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذۡ قَالَ رَبُّكَ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّي خَٰلِقُۢ بَشَرٗا مِّن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِذَا سَوَّيۡتُهُۥ وَنَفَخۡتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُواْ لَهُۥ سَٰجِدِينَ
Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, sujuuddota ta’aatii isaaf kufaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَسَجَدَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ كُلُّهُمۡ أَجۡمَعُونَ
Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّآ إِبۡلِيسَ أَبَىٰٓ أَن يَكُونَ مَعَ ٱلسَّٰجِدِينَ
Ibliis malee inni warra sujuuda bu’an wajji ta’uu dide.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰٓإِبۡلِيسُ مَا لَكَ أَلَّا تَكُونَ مَعَ ٱلسَّٰجِدِينَ
(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an wajji ta’uu didde?” jedheen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَمۡ أَكُن لِّأَسۡجُدَ لِبَشَرٍ خَلَقۡتَهُۥ مِن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
[Inni] nijedhe “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef kan sujuudu hintaane”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَٱخۡرُجۡ مِنۡهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٞ
(Rabbiinis)nijedheen “ishee irraa ba’i; Ati darbamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ عَلَيۡكَ ٱللَّعۡنَةَ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلدِّينِ
Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirratti jiraata.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ فَأَنظِرۡنِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ ٱلۡمُنظَرِينَ
(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡوَقۡتِ ٱلۡمَعۡلُومِ
“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ بِمَآ أَغۡوَيۡتَنِي لَأُزَيِّنَنَّ لَهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَأُغۡوِيَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen hunda isaanii isaan jallisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا عِبَادَكَ مِنۡهُمُ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
isaan irraa Gabroota kee qulqulleeffamoota malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هَٰذَا صِرَٰطٌ عَلَيَّ مُسۡتَقِيمٌ
(Rabbiin) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ عِبَادِي لَيۡسَ لَكَ عَلَيۡهِمۡ سُلۡطَٰنٌ إِلَّا مَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡغَاوِينَ
Dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru. Jallattoota irraa warra si hordofan malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمَوۡعِدُهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) beellamamaa isaan hundaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَهَا سَبۡعَةُ أَبۡوَٰبٖ لِّكُلِّ بَابٖ مِّنۡهُمۡ جُزۡءٞ مَّقۡسُومٌ
Isheedhaaf balbala torbatu jira. Tokko tokkoo balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ
Warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱدۡخُلُوهَا بِسَلَٰمٍ ءَامِنِينَ
“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنَزَعۡنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنۡ غِلٍّ إِخۡوَٰنًا عَلَىٰ سُرُرٖ مُّتَقَٰبِلِينَ
Jibbaa irraa waan qomoota isaanii keessa jiru baafne, Obboleeyyan sireewwan irratti walitti garagaggalan ta’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا يَمَسُّهُمۡ فِيهَا نَصَبٞ وَمَا هُم مِّنۡهَا بِمُخۡرَجِينَ
Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuqu. Isaan ishee irraa baafamoo hintaane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ نَبِّئۡ عِبَادِيٓ أَنِّيٓ أَنَا ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Gabroota kiyyatti odeessi Ani Anumatu araaramaa, rahmata godhaadhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّ عَذَابِي هُوَ ٱلۡعَذَابُ ٱلۡأَلِيمُ
“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنَبِّئۡهُمۡ عَن ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ
Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمٗا قَالَ إِنَّا مِنكُمۡ وَجِلُونَ
Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَا تَوۡجَلۡ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٖ
“Hin sodaatin, Nuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ أَبَشَّرۡتُمُونِي عَلَىٰٓ أَن مَّسَّنِيَ ٱلۡكِبَرُ فَبِمَ تُبَشِّرُونَ
“Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ بَشَّرۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ فَلَا تَكُن مِّنَ ٱلۡقَٰنِطِينَ
“(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ وَمَن يَقۡنَطُ مِن رَّحۡمَةِ رَبِّهِۦٓ إِلَّا ٱلضَّآلُّونَ
“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii murata?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ
“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٖ مُّجۡرِمِينَ
“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّآ ءَالَ لُوطٍ إِنَّا لَمُنَجُّوهُمۡ أَجۡمَعِينَ
“Maatii Luux malee dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا ٱمۡرَأَتَهُۥ قَدَّرۡنَآ إِنَّهَا لَمِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ
“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَآءَ ءَالَ لُوطٍ ٱلۡمُرۡسَلُونَ
Yeroma ergamtoonni maatii Luuxitti dhufanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ إِنَّكُمۡ قَوۡمٞ مُّنكَرُونَ
“Isin ummata wallaalamoodha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ بَلۡ جِئۡنَٰكَ بِمَا كَانُواْ فِيهِ يَمۡتَرُونَ
“nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَتَيۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ
“Dhugaadhaan sitti dhufne, Dhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَسۡرِ بِأَهۡلِكَ بِقِطۡعٖ مِّنَ ٱلَّيۡلِ وَٱتَّبِعۡ أَدۡبَٰرَهُمۡ وَلَا يَلۡتَفِتۡ مِنكُمۡ أَحَدٞ وَٱمۡضُواْ حَيۡثُ تُؤۡمَرُونَ
Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duubaawwan isaanii hordofi, Isin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtanii deemaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَضَيۡنَآ إِلَيۡهِ ذَٰلِكَ ٱلۡأَمۡرَ أَنَّ دَابِرَ هَٰٓؤُلَآءِ مَقۡطُوعٞ مُّصۡبِحِينَ
Ajaja sanas "xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii muramaadha” jechuun gara isaatti murteessine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءَ أَهۡلُ ٱلۡمَدِينَةِ يَسۡتَبۡشِرُونَ
Jiraattonni magaalaa kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ ضَيۡفِي فَلَا تَفۡضَحُونِ
(Luuxis ni jedhe): “isaan kun keessumoota kiyyaa, nan xiqqeessinaa” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُخۡزُونِ
“Rabbiin sodaadhaa; nan xiqqeessinaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ أَوَلَمۡ نَنۡهَكَ عَنِ ٱلۡعَٰلَمِينَ
(Namoonni magaalattii) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هَٰٓؤُلَآءِ بَنَاتِيٓ إِن كُنتُمۡ فَٰعِلِينَ
(Luux) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَعَمۡرُكَ إِنَّهُمۡ لَفِي سَكۡرَتِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ مُشۡرِقِينَ
Iyyattiin isaan qabatte aduu baasifatootahanii.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَجَعَلۡنَا عَٰلِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةٗ مِّن سِجِّيلٍ
Gubbaa ishee jala ishee taasifnee (gara galchine), dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّلۡمُتَوَسِّمِينَ
Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهَا لَبِسَبِيلٖ مُّقِيمٍ
Isheen (magaalattiin) daandii (guddaa) qajeelaa irra jirti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ
Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن كَانَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡأَيۡكَةِ لَظَٰلِمِينَ
warri eeykaa (bosonaa) dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.{1}
{1} isaan ummata nabi shu'eybi itti ergameedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ وَإِنَّهُمَا لَبِإِمَامٖ مُّبِينٖ
Haaloo isaan irraa ba’anne. Dhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ كَذَّبَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡحِجۡرِ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru.{2}
{2} warra laga hijrii jiraatu. isaan samuud jedhaman, nabi saalihtu itti ergame. nikijibsiisan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَءَاتَيۡنَٰهُمۡ ءَايَٰتِنَا فَكَانُواْ عَنۡهَا مُعۡرِضِينَ
Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَانُواْ يَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتًا ءَامِنِينَ
Of amanoo ta’anii gaarreen irraa manneen isaanii urataa turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ مُصۡبِحِينَ
Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۗ وَإِنَّ ٱلسَّاعَةَ لَأٓتِيَةٞۖ فَٱصۡفَحِ ٱلصَّفۡحَ ٱلۡجَمِيلَ
Samiileef dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumne. Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha. Irraa gara galuu gaarii ta’e gara gali.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ ٱلۡخَلَّٰقُ ٱلۡعَلِيمُ
Rabbiin kee isatu akkaan uumaa, beekaadha
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَٰكَ سَبۡعٗا مِّنَ ٱلۡمَثَانِي وَٱلۡقُرۡءَانَ ٱلۡعَظِيمَ
Dhugumatti Nuti dorban deddeebi'aa fii Qur’aana guddaa siif kenninee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا تَمُدَّنَّ عَيۡنَيۡكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجٗا مِّنۡهُمۡ وَلَا تَحۡزَنۡ عَلَيۡهِمۡ وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِلۡمُؤۡمِنِينَ
Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irratti hin gaddin; kooluu kee Mu’uminootaaf gadi qabi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقُلۡ إِنِّيٓ أَنَا ٱلنَّذِيرُ ٱلۡمُبِينُ
“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَمَآ أَنزَلۡنَا عَلَى ٱلۡمُقۡتَسِمِينَ
Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ جَعَلُواْ ٱلۡقُرۡءَانَ عِضِينَ
Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَوَرَبِّكَ لَنَسۡـَٔلَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَمَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Waan isaan dalagaa turan irraa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱصۡدَعۡ بِمَا تُؤۡمَرُ وَأَعۡرِضۡ عَنِ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraa garagali.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا كَفَيۡنَٰكَ ٱلۡمُسۡتَهۡزِءِينَ
Nuti qishnitoota siif geenyeerra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ يَجۡعَلُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
(Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدۡرُكَ بِمَا يَقُولُونَ
Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomti kee rakkachuu ni beekna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ وَكُن مِّنَ ٱلسَّٰجِدِينَ
Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessi, Warra sujuudan irraa ta’i.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱعۡبُدۡ رَبَّكَ حَتَّىٰ يَأۡتِيَكَ ٱلۡيَقِينُ
Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሒጅር
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት