Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አን-ነሕል   አንቀጽ:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ إِلَّا رِجَالٗا نُّوحِيٓ إِلَيۡهِمۡۖ فَسۡـَٔلُوٓاْ أَهۡلَ ٱلذِّكۡرِ إِن كُنتُمۡ لَا تَعۡلَمُونَ
Nuti si dura dhiirota wahyii gara isaaniitti goone malee (waan biraa) hin ergine. Yoo kan hin beekne taatan, abbootii beekumsaa gaafadhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بِٱلۡبَيِّنَٰتِ وَٱلزُّبُرِۗ وَأَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلذِّكۡرَ لِتُبَيِّنَ لِلنَّاسِ مَا نُزِّلَ إِلَيۡهِمۡ وَلَعَلَّهُمۡ يَتَفَكَّرُونَ
Mallattoolee ifa ta’aniifi kitaabotaan (isaan ergine).Qur’aana gara keetti buufne. Akka namootaaf waan gara isaaniitti buufame ibsituufi akka isaan xiinxalaniif.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَأَمِنَ ٱلَّذِينَ مَكَرُواْ ٱلسَّيِّـَٔاتِ أَن يَخۡسِفَ ٱللَّهُ بِهِمُ ٱلۡأَرۡضَ أَوۡ يَأۡتِيَهُمُ ٱلۡعَذَابُ مِنۡ حَيۡثُ لَا يَشۡعُرُونَ
Sila isaan tooftaa badaa baasan hin sodaatanuu? ‘Rabbiin dachii isaaniin gadi kutuu yookiin iddoo isaan hin beekne irraa adabbiin isaanitti dhufuu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوۡ يَأۡخُذَهُمۡ فِي تَقَلُّبِهِمۡ فَمَا هُم بِمُعۡجِزِينَ
Yookiin deddeebi’uu isaanii keessatti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Isaan dadhabsiisoo hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوۡ يَأۡخُذَهُمۡ عَلَىٰ تَخَوُّفٖ فَإِنَّ رَبَّكُمۡ لَرَءُوفٞ رَّحِيمٌ
Yookiin sodaa (isaanii) irratti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Dhugumatti Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَىٰ مَا خَلَقَ ٱللَّهُ مِن شَيۡءٖ يَتَفَيَّؤُاْ ظِلَٰلُهُۥ عَنِ ٱلۡيَمِينِ وَٱلشَّمَآئِلِ سُجَّدٗا لِّلَّهِ وَهُمۡ دَٰخِرُونَ
Sila wantoota irraa gara waan Rabbiin uumee hin ilaalanii? kan gaaddisoonni isaa gara mirgaafi bitaawwanitti dabu xiqqaatoo ta’anii Rabbiif sujuudan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِلَّهِۤ يَسۡجُدُۤ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ مِن دَآبَّةٖ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ وَهُمۡ لَا يَسۡتَكۡبِرُونَ
Rabbiif sujuuda godhu Wanti samiilee keessa jiraniifi Wanti dachii keessa jiran, Lubbu qabeeyyii irraafii maleeykonnis. Isaan hin boonanus.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَخَافُونَ رَبَّهُم مِّن فَوۡقِهِمۡ وَيَفۡعَلُونَ مَا يُؤۡمَرُونَ۩
Gubbaa isaanii irratti Gooftaa isaanii sodaatu; waan itti ajajamaniis ni dalagu.{1}
{1} asitti sujuuda qaraatii qur'aanaa (sujuudu ttilaawaa) sujuuduu barbaachisa. kuni nama qara'uufii kan dhaggeefatuufis, salaata keessaafii salaataan alas barbaachisaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَقَالَ ٱللَّهُ لَا تَتَّخِذُوٓاْ إِلَٰهَيۡنِ ٱثۡنَيۡنِۖ إِنَّمَا هُوَ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞ فَإِيَّٰيَ فَٱرۡهَبُونِ
Rabbiin nijedhe “gabbaramoota lama hin godhatinaa, Dhugumatti, Inni Gooftaa tokko qofa. Anuma qofa sodaadhaa”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَلَهُ ٱلدِّينُ وَاصِبًاۚ أَفَغَيۡرَ ٱللَّهِ تَتَّقُونَ
Wantoonni samiifiileefii dachii keessa jiran hundi kan Isaati. Amantiinis walitti fufaa ta’ee kan Isaati. Sila waan Rabbiin ala jiru sodaattuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا بِكُم مِّن نِّعۡمَةٖ فَمِنَ ٱللَّهِۖ ثُمَّ إِذَا مَسَّكُمُ ٱلضُّرُّ فَإِلَيۡهِ تَجۡـَٔرُونَ
Ni’imaa irraa wanti isin bira jiru Rabbuma irraayyi. Ergasii yeroo miidhaan isin tuqe, garuma Isaatti waywaattu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ إِذَا كَشَفَ ٱلضُّرَّ عَنكُمۡ إِذَا فَرِيقٞ مِّنكُم بِرَبِّهِمۡ يُشۡرِكُونَ
Ergasii yeroo Inni miidhaa san isin irraa kaasu, yeroma san gareen isin irraa ta’e Gooftaa isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አን-ነሕል
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

ተረጎመዋ ጋሊ አባቡር አባጉና።

መዝጋት