Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አል ኢስራዕ   አንቀጽ:
وَإِمَّا تُعۡرِضَنَّ عَنۡهُمُ ٱبۡتِغَآءَ رَحۡمَةٖ مِّن رَّبِّكَ تَرۡجُوهَا فَقُل لَّهُمۡ قَوۡلٗا مَّيۡسُورٗا
Yoo kennaa Gooftaa kee irraa ta’e kan isii kajeeltu barbaaduuf jecha isaan irraa gara galte, jecha laafaa isaaniin jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَجۡعَلۡ يَدَكَ مَغۡلُولَةً إِلَىٰ عُنُقِكَ وَلَا تَبۡسُطۡهَا كُلَّ ٱلۡبَسۡطِ فَتَقۡعُدَ مَلُومٗا مَّحۡسُورًا
Harka keeti gara morma keetiitti sakaalamaa hin godhin. Diriirinsa hundas isa hin diriirsin. Komatamaa, sheena’aa taatee teessa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ رَبَّكَ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُۚ إِنَّهُۥ كَانَ بِعِبَادِهِۦ خَبِيرَۢا بَصِيرٗا
Dhugumatti Gooftaan kee hiree nama fedheef ni bal’isa; (nama fedhe irratti) ni dhiphisas. Dhugumatti, Inni gabroota Isaa beekaa, argaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَقۡتُلُوٓاْ أَوۡلَٰدَكُمۡ خَشۡيَةَ إِمۡلَٰقٖۖ نَّحۡنُ نَرۡزُقُهُمۡ وَإِيَّاكُمۡۚ إِنَّ قَتۡلَهُمۡ كَانَ خِطۡـٔٗا كَبِيرٗا
Ilmaan keessan sodaa hiyyummaatiif jecha hin ajjeesinaa. Isaaniifi isinis Nutu soora. Dhugumatti, isaan ajjeesuun badii guddaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَقۡرَبُواْ ٱلزِّنَىٰٓۖ إِنَّهُۥ كَانَ فَٰحِشَةٗ وَسَآءَ سَبِيلٗا
Sagaagalummaattis hin dhihaatinaa. Dhugumatti, inni (hojii) fokkataafi ta’ee jira, waa hammaatee karaa tahuun isaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَقۡتُلُواْ ٱلنَّفۡسَ ٱلَّتِي حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۗ وَمَن قُتِلَ مَظۡلُومٗا فَقَدۡ جَعَلۡنَا لِوَلِيِّهِۦ سُلۡطَٰنٗا فَلَا يُسۡرِف فِّي ٱلۡقَتۡلِۖ إِنَّهُۥ كَانَ مَنصُورٗا
Lubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaa. Nama roorroon ajjeefame nama isa dhaaluuf aangoo (dhiiga gaafachuu isaaf) kenninee jirra. Ajjeechaa keessatti daangaa hin dabrin. Dhugumatti, inni tumsamaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَقۡرَبُواْ مَالَ ٱلۡيَتِيمِ إِلَّا بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ حَتَّىٰ يَبۡلُغَ أَشُدَّهُۥۚ وَأَوۡفُواْ بِٱلۡعَهۡدِۖ إِنَّ ٱلۡعَهۡدَ كَانَ مَسۡـُٔولٗا
Qabeenya yatiimaa, kaayyoo gaariif malee hanga inni cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaa. Waadaa guutaa. Dhugumatti, waadaan gaafatamaa ta’ee jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَوۡفُواْ ٱلۡكَيۡلَ إِذَا كِلۡتُمۡ وَزِنُواْ بِٱلۡقِسۡطَاسِ ٱلۡمُسۡتَقِيمِۚ ذَٰلِكَ خَيۡرٞ وَأَحۡسَنُ تَأۡوِيلٗا
Yeroo safartanis safara guutaa. Madaala qajeelaa ta’eenis madaalaa. Kun waan gaariidha; booddeen isaas bareedaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَقۡفُ مَا لَيۡسَ لَكَ بِهِۦ عِلۡمٌۚ إِنَّ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡبَصَرَ وَٱلۡفُؤَادَ كُلُّ أُوْلَٰٓئِكَ كَانَ عَنۡهُ مَسۡـُٔولٗا
Waan beekumsa isaa hin qabne hin hordofin. Dhugumatti, dhageettiin argaaniifi onneenis, kun hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَمۡشِ فِي ٱلۡأَرۡضِ مَرَحًاۖ إِنَّكَ لَن تَخۡرِقَ ٱلۡأَرۡضَ وَلَن تَبۡلُغَ ٱلۡجِبَالَ طُولٗا
Dachii keessas boonaa hin deemin. Dhugumatti, ati dachii hin urtu; dheerinnaanis gaarreen hin geessu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كُلُّ ذَٰلِكَ كَانَ سَيِّئُهُۥ عِندَ رَبِّكَ مَكۡرُوهٗا
Kun hundi yakki isaa Gooftaa kee biratti jibbamaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አል ኢስራዕ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

ተረጎመዋ ጋሊ አባቡር አባጉና።

መዝጋት