የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ጣሃ   አንቀጽ:

Xaahaa

طه
Xaa haa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡقُرۡءَانَ لِتَشۡقَىٰٓ
(Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا تَذۡكِرَةٗ لِّمَن يَخۡشَىٰ
Nama Rabbiin sodaatu yaadachiisuuf malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَنزِيلٗا مِّمَّنۡ خَلَقَ ٱلۡأَرۡضَ وَٱلسَّمَٰوَٰتِ ٱلۡعُلَى
Isa dachiifi samiilee ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلرَّحۡمَٰنُ عَلَى ٱلۡعَرۡشِ ٱسۡتَوَىٰ
Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا وَمَا تَحۡتَ ٱلثَّرَىٰ
Wanti samiilee, dachiifi gidduu isaan lamaanii jiruufi wanti biyyee jala jiru hundi kan Isaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن تَجۡهَرۡ بِٱلۡقَوۡلِ فَإِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلسِّرَّ وَأَخۡفَى
Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰ
Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Maqoonni babbareedoon isaaf tahe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ مُوسَىٰٓ
Sila oduun Muusaa sitti dhufeeraa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ رَءَا نَارٗا فَقَالَ لِأَهۡلِهِ ٱمۡكُثُوٓاْ إِنِّيٓ ءَانَسۡتُ نَارٗا لَّعَلِّيٓ ءَاتِيكُم مِّنۡهَا بِقَبَسٍ أَوۡ أَجِدُ عَلَى ٱلنَّارِ هُدٗى
Yeroo Ibidda argee maatii isaatin jedhe “as taa’aa ani ibiddaan argee, waan irraa qabsiifatanin isii irraa isinii fida. yookiin ibidda biraa nama (karaa irratti) na qajeelchu argachuun kajeelaa”.
as taa'aa
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّآ أَتَىٰهَا نُودِيَ يَٰمُوسَىٰٓ
Yeroma gara ishee dhaqe “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّيٓ أَنَا۠ رَبُّكَ فَٱخۡلَعۡ نَعۡلَيۡكَ إِنَّكَ بِٱلۡوَادِ ٱلۡمُقَدَّسِ طُوٗى
“Ani anumaatu Gooftaa keeti; kophee tee lamaan baafadhu, ati laga qulqulleeffamaa, Xuwaa keessa jirtaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَا ٱخۡتَرۡتُكَ فَٱسۡتَمِعۡ لِمَا يُوحَىٰٓ
Ani si filadheeraa waan (sitti) beeysifamu dhageeffadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّنِيٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعۡبُدۡنِي وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكۡرِيٓ
Ani anumaatu Allaahdha; dhugaan gabbaramaan hin jiru Ana malee! Ana gabbari. Yaadannoo kiyyaaf salaata seeraan salaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلسَّاعَةَ ءَاتِيَةٌ أَكَادُ أُخۡفِيهَا لِتُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا تَسۡعَىٰ
Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha. akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha. ishee dhoksuuttin dhihaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَا يَصُدَّنَّكَ عَنۡهَا مَن لَّا يُؤۡمِنُ بِهَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ فَتَرۡدَىٰ
Ishee irraa gara si hin galchin Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe, (Yoo isa hordofte) ni badda.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا تِلۡكَ بِيَمِينِكَ يَٰمُوسَىٰ
Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هِيَ عَصَايَ أَتَوَكَّؤُاْ عَلَيۡهَا وَأَهُشُّ بِهَا عَلَىٰ غَنَمِي وَلِيَ فِيهَا مَـَٔارِبُ أُخۡرَىٰ
(Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee tiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee tiyyaaf isheenin (baala mukaa) harcaasa. Ishee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira” .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ أَلۡقِهَا يَٰمُوسَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَلۡقَىٰهَا فَإِذَا هِيَ حَيَّةٞ تَسۡعَىٰ
Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigdu taate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ خُذۡهَا وَلَا تَخَفۡۖ سَنُعِيدُهَا سِيرَتَهَا ٱلۡأُولَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatin; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱضۡمُمۡ يَدَكَ إِلَىٰ جَنَاحِكَ تَخۡرُجۡ بَيۡضَآءَ مِنۡ غَيۡرِ سُوٓءٍ ءَايَةً أُخۡرَىٰ
Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi, adii taatee baati dhibee (tokko) malee, Mallattoo biraati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِنُرِيَكَ مِنۡ ءَايَٰتِنَا ٱلۡكُبۡرَى
Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa si agarsiisuufi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱذۡهَبۡ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Gara Fir’awnaa deemi, inni daangaa dabree jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ ٱشۡرَحۡ لِي صَدۡرِي
(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَسِّرۡ لِيٓ أَمۡرِي
Hojii kiyyaas naaf laaffisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱحۡلُلۡ عُقۡدَةٗ مِّن لِّسَانِي
Hidhaa (Cabaqa) arraba kiyya irraa hiiki.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَفۡقَهُواْ قَوۡلِي
Jecha kiyya haa hubatanii.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱجۡعَل لِّي وَزِيرٗا مِّنۡ أَهۡلِي
Maatii kiyya irraa gargaaraa (qondaala) naaf godhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰرُونَ أَخِي
Haaruun obboleessa kiyya.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱشۡدُدۡ بِهِۦٓ أَزۡرِي
Isaan irree kiyya cimsi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَشۡرِكۡهُ فِيٓ أَمۡرِي
Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَيۡ نُسَبِّحَكَ كَثِيرٗا
Akka baay’ee si faarsinuuf.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنَذۡكُرَكَ كَثِيرًا
Akka baay’inaanis si yaadannuuf.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّكَ كُنتَ بِنَا بَصِيرٗا
Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ قَدۡ أُوتِيتَ سُؤۡلَكَ يَٰمُوسَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ مَنَنَّا عَلَيۡكَ مَرَّةً أُخۡرَىٰٓ
Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰٓ أُمِّكَ مَا يُوحَىٰٓ
Yeroo waan beeksifamu gara haadha teetii (wahyii) beeysifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَنِ ٱقۡذِفِيهِ فِي ٱلتَّابُوتِ فَٱقۡذِفِيهِ فِي ٱلۡيَمِّ فَلۡيُلۡقِهِ ٱلۡيَمُّ بِٱلسَّاحِلِ يَأۡخُذۡهُ عَدُوّٞ لِّي وَعَدُوّٞ لَّهُۥۚ وَأَلۡقَيۡتُ عَلَيۡكَ مَحَبَّةٗ مِّنِّي وَلِتُصۡنَعَ عَلَىٰ عَيۡنِيٓ
Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga keessatti isa darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas isa fudhata. Jaalala Ana biraa ta’e si irratti darbeera; argaa ija tiyyaa (tika kiyya) irratti akka guddattuuf.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ تَمۡشِيٓ أُخۡتُكَ فَتَقُولُ هَلۡ أَدُلُّكُمۡ عَلَىٰ مَن يَكۡفُلُهُۥۖ فَرَجَعۡنَٰكَ إِلَىٰٓ أُمِّكَ كَيۡ تَقَرَّ عَيۡنُهَا وَلَا تَحۡزَنَۚ وَقَتَلۡتَ نَفۡسٗا فَنَجَّيۡنَٰكَ مِنَ ٱلۡغَمِّ وَفَتَنَّٰكَ فُتُونٗاۚ فَلَبِثۡتَ سِنِينَ فِيٓ أَهۡلِ مَدۡيَنَ ثُمَّ جِئۡتَ عَلَىٰ قَدَرٖ يَٰمُوسَىٰ
(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin tee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu], gara haadha keetiitti si deebifne Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha. Lubbuu ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree, mokkora cimaas si mokkorree jirra. Ergasii waggoota (baay’ee) warra Madyan keessa turtee jirta. Sana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱصۡطَنَعۡتُكَ لِنَفۡسِي
lubbuu tiyyaaf si filadheera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱذۡهَبۡ أَنتَ وَأَخُوكَ بِـَٔايَٰتِي وَلَا تَنِيَا فِي ذِكۡرِي
Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱذۡهَبَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقُولَا لَهُۥ قَوۡلٗا لَّيِّنٗا لَّعَلَّهُۥ يَتَذَكَّرُ أَوۡ يَخۡشَىٰ
Jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa. akka gorfamuuf yookiin akka sodaatuuf jecha”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَا رَبَّنَآ إِنَّنَا نَخَافُ أَن يَفۡرُطَ عَلَيۡنَآ أَوۡ أَن يَطۡغَىٰ
Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! nuti adabbii cimaa nu adabuu; yookiin (nurratti) daangaa darbuu sodaanna”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَا تَخَافَآۖ إِنَّنِي مَعَكُمَآ أَسۡمَعُ وَأَرَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaa, Dhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأۡتِيَاهُ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولَا رَبِّكَ فَأَرۡسِلۡ مَعَنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَلَا تُعَذِّبۡهُمۡۖ قَدۡ جِئۡنَٰكَ بِـَٔايَةٖ مِّن رَّبِّكَۖ وَٱلسَّلَٰمُ عَلَىٰ مَنِ ٱتَّبَعَ ٱلۡهُدَىٰٓ
Isin lachanuu isa bira dhaqaa isaan jedhaa ‘Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin adabin; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa keetirraa sitti dhufne. Nageenyi nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti taha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا قَدۡ أُوحِيَ إِلَيۡنَآ أَنَّ ٱلۡعَذَابَ عَلَىٰ مَن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ
“nuti gara keenyatti wahyiin godhameera, adabbiin nama sobsiisee garagale irratti tahaadha”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَمَن رَّبُّكُمَا يَٰمُوسَىٰ
(Fir’awn) “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبُّنَا ٱلَّذِيٓ أَعۡطَىٰ كُلَّ شَيۡءٍ خَلۡقَهُۥ ثُمَّ هَدَىٰ
(Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana, eegasii isa qajeelcheedha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَمَا بَالُ ٱلۡقُرُونِ ٱلۡأُولَىٰ
(Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummatoota darbanii hoo akkam ta’a?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ عِلۡمُهَا عِندَ رَبِّي فِي كِتَٰبٖۖ لَّا يَضِلُّ رَبِّي وَلَا يَنسَى
(Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira, Gooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ مَهۡدٗا وَسَلَكَ لَكُمۡ فِيهَا سُبُلٗا وَأَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَخۡرَجۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجٗا مِّن نَّبَاتٖ شَتَّىٰ
(Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse sani, Isaan (bokkaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne (nimagarsine).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كُلُواْ وَٱرۡعَوۡاْ أَنۡعَٰمَكُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّأُوْلِي ٱلنُّهَىٰ
(Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaa, Dhugumatti, kana keessa namoota qalbiilee (sammuu) qabaniif mallattoleetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ مِنۡهَا خَلَقۡنَٰكُمۡ وَفِيهَا نُعِيدُكُمۡ وَمِنۡهَا نُخۡرِجُكُمۡ تَارَةً أُخۡرَىٰ
Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرَيۡنَٰهُ ءَايَٰتِنَا كُلَّهَا فَكَذَّبَ وَأَبَىٰ
Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ أَجِئۡتَنَا لِتُخۡرِجَنَا مِنۡ أَرۡضِنَا بِسِحۡرِكَ يَٰمُوسَىٰ
(Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii teenya irraa sihrii teetiin nu baasuuf nutti dhuftee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَنَأۡتِيَنَّكَ بِسِحۡرٖ مِّثۡلِهِۦ فَٱجۡعَلۡ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَكَ مَوۡعِدٗا لَّا نُخۡلِفُهُۥ نَحۡنُ وَلَآ أَنتَ مَكَانٗا سُوٗى
Nutis sihrii fakkaataa isaatiin siif dhufna, gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama godhi. kan nutiifi atis irraa hin hafne, iddoo giddu galeessa ta’etti”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ مَوۡعِدُكُمۡ يَوۡمُ ٱلزِّينَةِ وَأَن يُحۡشَرَ ٱلنَّاسُ ضُحٗى
(Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree walitti qabamuudha”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَتَوَلَّىٰ فِرۡعَوۡنُ فَجَمَعَ كَيۡدَهُۥ ثُمَّ أَتَىٰ
Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee eegasii dhufe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَهُم مُّوسَىٰ وَيۡلَكُمۡ لَا تَفۡتَرُواْ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗا فَيُسۡحِتَكُم بِعَذَابٖۖ وَقَدۡ خَابَ مَنِ ٱفۡتَرَىٰ
Muusaan isaaniin nijedhe “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessa, Dhugumatti, namni (Rabbi irratti) soba odeesse hoonga’ee jira”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَتَنَٰزَعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّجۡوَىٰ
Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ إِنۡ هَٰذَٰنِ لَسَٰحِرَٰنِ يُرِيدَانِ أَن يُخۡرِجَاكُم مِّنۡ أَرۡضِكُم بِسِحۡرِهِمَا وَيَذۡهَبَا بِطَرِيقَتِكُمُ ٱلۡمُثۡلَىٰ
Ni jedhan: “Jarri lamaan kun falfaltoota, falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhan, karaa keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu (fedhu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَجۡمِعُواْ كَيۡدَكُمۡ ثُمَّ ٱئۡتُواْ صَفّٗاۚ وَقَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡيَوۡمَ مَنِ ٱسۡتَعۡلَىٰ
Tooftaa keessan walitti qabadhaa; sana booda hiriiraan koottaa, Dhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰمُوسَىٰٓ إِمَّآ أَن تُلۡقِيَ وَإِمَّآ أَن نَّكُونَ أَوَّلَ مَنۡ أَلۡقَىٰ
Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ بَلۡ أَلۡقُواْۖ فَإِذَا حِبَالُهُمۡ وَعِصِيُّهُمۡ يُخَيَّلُ إِلَيۡهِ مِن سِحۡرِهِمۡ أَنَّهَا تَسۡعَىٰ
(Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbaa!” jedhe, yoggus haadoowwan isaaniifi uleewwann isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu (bofa) itti fakkeeffama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَوۡجَسَ فِي نَفۡسِهِۦ خِيفَةٗ مُّوسَىٰ
Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡنَا لَا تَخَفۡ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡأَعۡلَىٰ
“Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu ol'aanaa” jenneen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَلۡقِ مَا فِي يَمِينِكَ تَلۡقَفۡ مَا صَنَعُوٓاْۖ إِنَّمَا صَنَعُواْ كَيۡدُ سَٰحِرٖۖ وَلَا يُفۡلِحُ ٱلسَّاحِرُ حَيۡثُ أَتَىٰ
“Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsiti, Wanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuuti, Falfalaan bakkuma dhufe (hunda)ttuu hin milkaa’u”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأُلۡقِيَ ٱلسَّحَرَةُ سُجَّدٗا قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِرَبِّ هَٰرُونَ وَمُوسَىٰ
Ergasii warri falfala hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruniifi Muusaatti amanne” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ ءَامَنتُمۡ لَهُۥ قَبۡلَ أَنۡ ءَاذَنَ لَكُمۡۖ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِي عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحۡرَۖ فَلَأُقَطِّعَنَّ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَرۡجُلَكُم مِّنۡ خِلَٰفٖ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمۡ فِي جُذُوعِ ٱلنَّخۡلِ وَلَتَعۡلَمُنَّ أَيُّنَآ أَشَدُّ عَذَابٗا وَأَبۡقَىٰ
(Fir’awn) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedha, harkowwaniifii miillan keessan wal faallessee mura. jirma muka timiraa irrattin isin fannisa, Isinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَن نُّؤۡثِرَكَ عَلَىٰ مَا جَآءَنَا مِنَ ٱلۡبَيِّنَٰتِ وَٱلَّذِي فَطَرَنَاۖ فَٱقۡضِ مَآ أَنتَ قَاضٍۖ إِنَّمَا تَقۡضِي هَٰذِهِ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَآ
Ni jedhan: “Waan nutti dhufe kan ragaawwan ifa bahan irraa ta’eefi Isa nu uume irra si hin caalchifannu, waan murteessitu murteessi! Wanti ati murteessitus jiruma addunyaa kana qofa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّآ ءَامَنَّا بِرَبِّنَا لِيَغۡفِرَ لَنَا خَطَٰيَٰنَا وَمَآ أَكۡرَهۡتَنَا عَلَيۡهِ مِنَ ٱلسِّحۡرِۗ وَٱللَّهُ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰٓ
“Nuti Gooftaa keenyatti amannee jirra, Akka dogoggora keenyaafi falfala irraas waan ati isatti nu dirqisiifte nuuf araaramuuf, Rabbitu caalaafi hafaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهُۥ مَن يَأۡتِ رَبَّهُۥ مُجۡرِمٗا فَإِنَّ لَهُۥ جَهَنَّمَ لَا يَمُوتُ فِيهَا وَلَا يَحۡيَىٰ
Namni badii hojjataa ta’ee gara Rabbii isaa dhufe, isaaf dhugumatti, jahannamtu jira; ishee keessatti hin du’u, hin jiraatus.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَن يَأۡتِهِۦ مُؤۡمِنٗا قَدۡ عَمِلَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَأُوْلَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱلدَّرَجَٰتُ ٱلۡعُلَىٰ
Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojiilee gaarii hojjataa gara Isaa dhufe isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
جَنَّٰتُ عَدۡنٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ جَزَآءُ مَن تَزَكَّىٰ
Jannatoowwan qubsumaa tan jala ishee laggeen yaatutu (isaanif jira); ishee keessa yeroo hunda jiraatu, Kun mindaa nama qulqulleeffateeti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَسۡرِ بِعِبَادِي فَٱضۡرِبۡ لَهُمۡ طَرِيقٗا فِي ٱلۡبَحۡرِ يَبَسٗا لَّا تَخَٰفُ دَرَكٗا وَلَا تَخۡشَىٰ
Dhugumatti, gara Muusaa beeysifne “Gabroota kiyyaan halkaniin deemi! Isaaniif galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu) hin sodaattu” jechuudhaan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَتۡبَعَهُمۡ فِرۡعَوۡنُ بِجُنُودِهِۦ فَغَشِيَهُم مِّنَ ٱلۡيَمِّ مَا غَشِيَهُمۡ
Fir’awni waraana isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraa wanti isaan haguuge isaan haguuge.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَضَلَّ فِرۡعَوۡنُ قَوۡمَهُۥ وَمَا هَدَىٰ
Fir’awni ummata isaa ni jallise (isaan) hin qajeelchine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ قَدۡ أَنجَيۡنَٰكُم مِّنۡ عَدُوِّكُمۡ وَوَٰعَدۡنَٰكُمۡ جَانِبَ ٱلطُّورِ ٱلۡأَيۡمَنَ وَنَزَّلۡنَا عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَنَّ وَٱلسَّلۡوَىٰ
Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee, moggaa mirga gaara Xuur irratti waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattii isin irratti buufnee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كُلُواْ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقۡنَٰكُمۡ وَلَا تَطۡغَوۡاْ فِيهِ فَيَحِلَّ عَلَيۡكُمۡ غَضَبِيۖ وَمَن يَحۡلِلۡ عَلَيۡهِ غَضَبِي فَقَدۡ هَوَىٰ
Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa (hinjallatinaa); (yoo jallattan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’a, Namni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنِّي لَغَفَّارٞ لِّمَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا ثُمَّ ٱهۡتَدَىٰ
Ani akkaan araaramaadha nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَمَآ أَعۡجَلَكَ عَن قَوۡمِكَ يَٰمُوسَىٰ
“Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هُمۡ أُوْلَآءِ عَلَىٰٓ أَثَرِي وَعَجِلۡتُ إِلَيۡكَ رَبِّ لِتَرۡضَىٰ
(Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiru, Yaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَإِنَّا قَدۡ فَتَنَّا قَوۡمَكَ مِنۢ بَعۡدِكَ وَأَضَلَّهُمُ ٱلسَّامِرِيُّ
(Rabbiin) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee siboodaa (bakka ati hin jirretti) mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَرَجَعَ مُوسَىٰٓ إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ غَضۡبَٰنَ أَسِفٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ أَلَمۡ يَعِدۡكُمۡ رَبُّكُمۡ وَعۡدًا حَسَنًاۚ أَفَطَالَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡعَهۡدُ أَمۡ أَرَدتُّمۡ أَن يَحِلَّ عَلَيۡكُمۡ غَضَبٞ مِّن رَّبِّكُمۡ فَأَخۡلَفۡتُم مَّوۡعِدِي
Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee nijedhe “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ مَآ أَخۡلَفۡنَا مَوۡعِدَكَ بِمَلۡكِنَا وَلَٰكِنَّا حُمِّلۡنَآ أَوۡزَارٗا مِّن زِينَةِ ٱلۡقَوۡمِ فَقَذَفۡنَٰهَا فَكَذَٰلِكَ أَلۡقَى ٱلسَّامِرِيُّ
[Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigne, Garuu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbine, Akkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَخۡرَجَ لَهُمۡ عِجۡلٗا جَسَدٗا لَّهُۥ خُوَارٞ فَقَالُواْ هَٰذَآ إِلَٰهُكُمۡ وَإِلَٰهُ مُوسَىٰ فَنَسِيَ
Qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَلَا يَرَوۡنَ أَلَّا يَرۡجِعُ إِلَيۡهِمۡ قَوۡلٗا وَلَا يَمۡلِكُ لَهُمۡ ضَرّٗا وَلَا نَفۡعٗا
Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ قَالَ لَهُمۡ هَٰرُونُ مِن قَبۡلُ يَٰقَوۡمِ إِنَّمَا فُتِنتُم بِهِۦۖ وَإِنَّ رَبَّكُمُ ٱلرَّحۡمَٰنُ فَٱتَّبِعُونِي وَأَطِيعُوٓاْ أَمۡرِي
Dhugumatti, sana dura Haaruun isaaniin jedhee ture.“Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidha, Gooftaan keessan immoo Rahmaani; na hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَن نَّبۡرَحَ عَلَيۡهِ عَٰكِفِينَ حَتَّىٰ يَرۡجِعَ إِلَيۡنَا مُوسَىٰ
[Isaan] “ Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰهَٰرُونُ مَا مَنَعَكَ إِذۡ رَأَيۡتَهُمۡ ضَلُّوٓاْ
(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَّا تَتَّبِعَنِۖ أَفَعَصَيۡتَ أَمۡرِي
Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَبۡنَؤُمَّ لَا تَأۡخُذۡ بِلِحۡيَتِي وَلَا بِرَأۡسِيٓۖ إِنِّي خَشِيتُ أَن تَقُولَ فَرَّقۡتَ بَيۡنَ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَلَمۡ تَرۡقُبۡ قَوۡلِي
(Haaruunis) nijedhe “Yaa ilma harmee tiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya na hin qabin, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَمَا خَطۡبُكَ يَٰسَٰمِرِيُّ
(Muusaan) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ بَصُرۡتُ بِمَا لَمۡ يَبۡصُرُواْ بِهِۦ فَقَبَضۡتُ قَبۡضَةٗ مِّنۡ أَثَرِ ٱلرَّسُولِ فَنَبَذۡتُهَا وَكَذَٰلِكَ سَوَّلَتۡ لِي نَفۡسِي
(Saamiriyyiin) nijedhe “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbe akka kana Lubbuun tiyya naaf miidhagsite”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَٱذۡهَبۡ فَإِنَّ لَكَ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ أَن تَقُولَ لَا مِسَاسَۖ وَإِنَّ لَكَ مَوۡعِدٗا لَّن تُخۡلَفَهُۥۖ وَٱنظُرۡ إِلَىٰٓ إِلَٰهِكَ ٱلَّذِي ظَلۡتَ عَلَيۡهِ عَاكِفٗاۖ لَّنُحَرِّقَنَّهُۥ ثُمَّ لَنَنسِفَنَّهُۥ فِي ٱلۡيَمِّ نَسۡفًا
(Muusaanis) ni jedhe: “Deemi jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jira. Gara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaali, Nuti dhugumatti, isa gubna; eegasii (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّمَآ إِلَٰهُكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۚ وَسِعَ كُلَّ شَيۡءٍ عِلۡمٗا
Rabbiin keessan Allaah kan Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofa. Inni waan hunda beekumsaan bal'ateera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَٰلِكَ نَقُصُّ عَلَيۡكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ مَا قَدۡ سَبَقَۚ وَقَدۡ ءَاتَيۡنَٰكَ مِن لَّدُنَّا ذِكۡرٗا
Akkuma oduu (warra Fir’awn) kanatti waan dur dabre irraa sitti odeessina, Nuti dhugumatti, nu biraa yaadannoo (Qur’aana) siif kenninee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّنۡ أَعۡرَضَ عَنۡهُ فَإِنَّهُۥ يَحۡمِلُ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وِزۡرًا
Namni isa (Qur’aana) irraa garagale, dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
خَٰلِدِينَ فِيهِۖ وَسَآءَ لَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ حِمۡلٗا
Yeroo hunda isa (adaba ba’aa kanaa) keessa jiraatan, Guyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ يُنفَخُ فِي ٱلصُّورِۚ وَنَحۡشُرُ ٱلۡمُجۡرِمِينَ يَوۡمَئِذٖ زُرۡقٗا
Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu), Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَتَخَٰفَتُونَ بَيۡنَهُمۡ إِن لَّبِثۡتُمۡ إِلَّا عَشۡرٗا
Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (addunyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
نَّحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَقُولُونَ إِذۡ يَقُولُ أَمۡثَلُهُمۡ طَرِيقَةً إِن لَّبِثۡتُمۡ إِلَّا يَوۡمٗا
Nuti waan isaan jedhan beekna yeroo mala irra beekaan isaanii “isin guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَسۡـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلۡجِبَالِ فَقُلۡ يَنسِفُهَا رَبِّي نَسۡفٗا
Gaarreen irraas si gaafatu, “Gooftaan kiyya faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَيَذَرُهَا قَاعٗا صَفۡصَفٗا
“Lafa wal qixxaa’aa dirree taasisee ishee dhiisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّا تَرَىٰ فِيهَا عِوَجٗا وَلَآ أَمۡتٗا
Ishee keessatti bu’aa bahiis hin argitu.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَئِذٖ يَتَّبِعُونَ ٱلدَّاعِيَ لَا عِوَجَ لَهُۥۖ وَخَشَعَتِ ٱلۡأَصۡوَاتُ لِلرَّحۡمَٰنِ فَلَا تَسۡمَعُ إِلَّا هَمۡسٗا
Guyyaa san lallabaa jallinni isaaf hinjirre hordofu; Sagaleewwan Rahmaaniif cal jetti, Shokomsaa malee homaa hin dhageessu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَئِذٖ لَّا تَنفَعُ ٱلشَّفَٰعَةُ إِلَّا مَنۡ أَذِنَ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَرَضِيَ لَهُۥ قَوۡلٗا
Guyyaa san manguddummaan homaa hin fayyaddu; nama Rahmaan isaaf hayyameefi jecha isaas irraa jaallateef malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡ وَلَا يُحِيطُونَ بِهِۦ عِلۡمٗا
Inni waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniitis beeka, Isaan immoo beekumsaan isa hin marsine
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَعَنَتِ ٱلۡوُجُوهُ لِلۡحَيِّ ٱلۡقَيُّومِۖ وَقَدۡ خَابَ مَنۡ حَمَلَ ظُلۡمٗا
Fuulli (Rabbii) jiraataa, waan hundaan dhaabatuuf gadi jette, Dhugumatti, namni miidhaa baadhate hoonga’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَن يَعۡمَلۡ مِنَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَلَا يَخَافُ ظُلۡمٗا وَلَا هَضۡمٗا
Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, miidhaa (hamtuu irratti dabaluu)s ta’ee hirdhina (mindaa isaa) hin sodaatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ أَنزَلۡنَٰهُ قُرۡءَانًا عَرَبِيّٗا وَصَرَّفۡنَا فِيهِ مِنَ ٱلۡوَعِيدِ لَعَلَّهُمۡ يَتَّقُونَ أَوۡ يُحۡدِثُ لَهُمۡ ذِكۡرٗا
Akkanatti qur'aana Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessatti akeekkachiisa irraa addeessine. akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَتَعَٰلَى ٱللَّهُ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡحَقُّۗ وَلَا تَعۡجَلۡ بِٱلۡقُرۡءَانِ مِن قَبۡلِ أَن يُقۡضَىٰٓ إِلَيۡكَ وَحۡيُهُۥۖ وَقُل رَّبِّ زِدۡنِي عِلۡمٗا
Egaa Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eera, Odoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana (dubbisuutti) hin jarjarin, “(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ عَهِدۡنَآ إِلَىٰٓ ءَادَمَ مِن قَبۡلُ فَنَسِيَ وَلَمۡ نَجِدۡ لَهُۥ عَزۡمٗا
Dhugumatti, sana dura Aadamitti beeksisa goonee, dagatee ture, Nuti kutannoo isaaf hin argine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ أَبَىٰ
Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jenne [yaadadhu]. Ibliisa malee sujuuda bu’an. Inni ni dide.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقُلۡنَا يَٰٓـَٔادَمُ إِنَّ هَٰذَا عَدُوّٞ لَّكَ وَلِزَوۡجِكَ فَلَا يُخۡرِجَنَّكُمَا مِنَ ٱلۡجَنَّةِ فَتَشۡقَىٰٓ
Ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiiti, Jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ لَكَ أَلَّا تَجُوعَ فِيهَا وَلَا تَعۡرَىٰ
Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّكَ لَا تَظۡمَؤُاْ فِيهَا وَلَا تَضۡحَىٰ
Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَوَسۡوَسَ إِلَيۡهِ ٱلشَّيۡطَٰنُ قَالَ يَٰٓـَٔادَمُ هَلۡ أَدُلُّكَ عَلَىٰ شَجَرَةِ ٱلۡخُلۡدِ وَمُلۡكٖ لَّا يَبۡلَىٰ
Sheyxaanni gara isaatti hasaasee: nijedhe “Yaa Aadam! Gara muka (as keessa) turiinsaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?” {1}
{1} hiikkaan muka yoo isa nyaatte zalaalam jannata keessa teessu, mootummaa hindhumne mootuu sigarsiisuu? jedheen sheyxaanni aadamiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَكَلَا مِنۡهَا فَبَدَتۡ لَهُمَا سَوۡءَٰتُهُمَا وَطَفِقَا يَخۡصِفَانِ عَلَيۡهِمَا مِن وَرَقِ ٱلۡجَنَّةِۚ وَعَصَىٰٓ ءَادَمُ رَبَّهُۥ فَغَوَىٰ
Isaan lamaan ishee irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa of irratti maxxansuu eegalan, Aadam (ajaja) Gooftaa isaa didee dogoggore.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ ٱجۡتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَتَابَ عَلَيۡهِ وَهَدَىٰ
Eegasii Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ ٱهۡبِطَا مِنۡهَا جَمِيعَۢاۖ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٍ عَدُوّٞۖ فَإِمَّا يَأۡتِيَنَّكُم مِّنِّي هُدٗى فَمَنِ ٱتَّبَعَ هُدَايَ فَلَا يَضِلُّ وَلَا يَشۡقَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “ isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aa, Gariin keessan gariif diina ta’aatii, Ergasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَنۡ أَعۡرَضَ عَن ذِكۡرِي فَإِنَّ لَهُۥ مَعِيشَةٗ ضَنكٗا وَنَحۡشُرُهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ أَعۡمَىٰ
Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphootu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ لِمَ حَشَرۡتَنِيٓ أَعۡمَىٰ وَقَدۡ كُنتُ بَصِيرٗا
“Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ كَذَٰلِكَ أَتَتۡكَ ءَايَٰتُنَا فَنَسِيتَهَاۖ وَكَذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمَ تُنسَىٰ
(Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatte, Atis hardha akkuma kanatti dagatamta.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي مَنۡ أَسۡرَفَ وَلَمۡ يُؤۡمِنۢ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦۚ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَشَدُّ وَأَبۡقَىٰٓ
Akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin galata galchina, azaaba Aakhiraatu irra cimaafi irra hafaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَلَمۡ يَهۡدِ لَهُمۡ كَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّنَ ٱلۡقُرُونِ يَمۡشُونَ فِي مَسَٰكِنِهِمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّأُوْلِي ٱلنُّهَىٰ
Sila isaaniif adda hin baanee dhaloota isaaniin duraa irraa meeqaatama akka balleessine, kan isaan manneen isaanii keessa deemaa jiran, Dhugumatti kana keessa abbootii sammuutiif mallattooleetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡلَا كَلِمَةٞ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ لَكَانَ لِزَامٗا وَأَجَلٞ مُّسَمّٗى
Odoo jechattiin Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa ta’a ture.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ قَبۡلَ طُلُوعِ ٱلشَّمۡسِ وَقَبۡلَ غُرُوبِهَاۖ وَمِنۡ ءَانَآيِٕ ٱلَّيۡلِ فَسَبِّحۡ وَأَطۡرَافَ ٱلنَّهَارِ لَعَلَّكَ تَرۡضَىٰ
Waan isaan jedhan irratti obsi, Gooftaa kee galatoomfataa faarsi baha biiftuu duraafi lixa ishee dura. Yeroo halkaniitiifi qarqara guyyaa irraas (Isa) qulqulleessi, (Kunis mindaa inni siif kennu) akka jaallattuufi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَمُدَّنَّ عَيۡنَيۡكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجٗا مِّنۡهُمۡ زَهۡرَةَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا لِنَفۡتِنَهُمۡ فِيهِۚ وَرِزۡقُ رَبِّكَ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰ
Ija kee lamaan hin diriirsin gara waan Nuti isaaniin qananiifnee, gareewwan adda addaa isaan irraa ta’an.kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee, akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha, Kennaa Rabbii keetiitu caalaafi irra hafaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأۡمُرۡ أَهۡلَكَ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱصۡطَبِرۡ عَلَيۡهَاۖ لَا نَسۡـَٔلُكَ رِزۡقٗاۖ نَّحۡنُ نَرۡزُقُكَۗ وَٱلۡعَٰقِبَةُ لِلتَّقۡوَىٰ
Maatii kee salaatatti ajaji; ishee irrattis obsi, Nuti hiree si hin gaafannu, Nutu si soora. Booddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُواْ لَوۡلَا يَأۡتِينَا بِـَٔايَةٖ مِّن رَّبِّهِۦٓۚ أَوَلَمۡ تَأۡتِهِم بَيِّنَةُ مَا فِي ٱلصُّحُفِ ٱلۡأُولَىٰ
Ni jedhan: “Maaliif Gooftaa isaa irraa mallattoon nutti hin dhufne?” Sila ragaan ifa taate kan kitaabota durii keessa jirtu isaanitti hin dhufnee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ أَنَّآ أَهۡلَكۡنَٰهُم بِعَذَابٖ مِّن قَبۡلِهِۦ لَقَالُواْ رَبَّنَا لَوۡلَآ أَرۡسَلۡتَ إِلَيۡنَا رَسُولٗا فَنَتَّبِعَ ءَايَٰتِكَ مِن قَبۡلِ أَن نَّذِلَّ وَنَخۡزَىٰ
Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ كُلّٞ مُّتَرَبِّصٞ فَتَرَبَّصُواْۖ فَسَتَعۡلَمُونَ مَنۡ أَصۡحَٰبُ ٱلصِّرَٰطِ ٱلسَّوِيِّ وَمَنِ ٱهۡتَدَىٰ
(Yaa Muhammad!): jedhi “Hunduu eegaadha, Isinis eegaa, Namni warra karaa sirrii ta’eefi namni qajeele (nuufii isin keessaa) eenyuun akka ta’e beekuuf jirtu”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ጣሃ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት