Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አል ቀሰስ   አንቀጽ:
وَنُمَكِّنَ لَهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَنُرِيَ فِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَ وَجُنُودَهُمَا مِنۡهُم مَّا كَانُواْ يَحۡذَرُونَ
Dachii keessas isaaniif mijeessuu [feena]. Fir’awniin, Haamaaniifi waraana isaan lamaanii, isaan irraa waan sodaachaa turan agarsiisuu [feena].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰٓ أُمِّ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَرۡضِعِيهِۖ فَإِذَا خِفۡتِ عَلَيۡهِ فَأَلۡقِيهِ فِي ٱلۡيَمِّ وَلَا تَخَافِي وَلَا تَحۡزَنِيٓۖ إِنَّا رَآدُّوهُ إِلَيۡكِ وَجَاعِلُوهُ مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Gara haadha Muusaas beeksisa goone (akkana jechuun) “isa hoosisi; yeroo isa irratti sodaatte, galaana keessatti isa darbi. Hin sodaatin; hin gaddinis. Dhugumatti, nuti isa gara keetti deebisoodha. ergamoota irraa isa taasisoodha”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱلۡتَقَطَهُۥٓ ءَالُ فِرۡعَوۡنَ لِيَكُونَ لَهُمۡ عَدُوّٗا وَحَزَنًاۗ إِنَّ فِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَ وَجُنُودَهُمَا كَانُواْ خَٰطِـِٔينَ
Maatiin Fir’awn isa fudhatan akka diinaafi gadda isaanitti ta’uuf. Dhugumatti Fir’awn, Haamaanifi waraanni isaan lamaanii dogongortoota turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَتِ ٱمۡرَأَتُ فِرۡعَوۡنَ قُرَّتُ عَيۡنٖ لِّي وَلَكَۖ لَا تَقۡتُلُوهُ عَسَىٰٓ أَن يَنفَعَنَآ أَوۡ نَتَّخِذَهُۥ وَلَدٗا وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Jaartiin Fir’awn ni jette: “anaafi siif gammachuu ijaatii isa hin ajjeesinaa; nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kajeelama.” Isaanis haala hin beekneen [isheen bulan].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَصۡبَحَ فُؤَادُ أُمِّ مُوسَىٰ فَٰرِغًاۖ إِن كَادَتۡ لَتُبۡدِي بِهِۦ لَوۡلَآ أَن رَّبَطۡنَا عَلَىٰ قَلۡبِهَا لِتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Onneen haadha Muusaa duwwaa ta’e. [Ilma ishee ta’uu] isaa ifa gochuutti dhihaattee turte. Akka isheen mu’uminoota irraa taatuuf jecha odoo onnee ishee jabeessuu baannee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَتۡ لِأُخۡتِهِۦ قُصِّيهِۖ فَبَصُرَتۡ بِهِۦ عَن جُنُبٖ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Obboleettii isaatiinis “isa hordofi” jetteen; isheenis fagoo irraa isa argite. isaan hin beekan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَحَرَّمۡنَا عَلَيۡهِ ٱلۡمَرَاضِعَ مِن قَبۡلُ فَقَالَتۡ هَلۡ أَدُلُّكُمۡ عَلَىٰٓ أَهۡلِ بَيۡتٖ يَكۡفُلُونَهُۥ لَكُمۡ وَهُمۡ لَهُۥ نَٰصِحُونَ
[Gara haadhaatti deebi’uun] dura hoosiftoota biraa irraa isa dhorginee turre[Obboleettin isaas] “Maatii isa isiniif guddisuufi gaarii isaaf yaadu irratti isin qajeelchuu?” jetteen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَرَدَدۡنَٰهُ إِلَىٰٓ أُمِّهِۦ كَيۡ تَقَرَّ عَيۡنُهَا وَلَا تَحۡزَنَ وَلِتَعۡلَمَ أَنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Gara haadha isaatti isa deebifne Akka Ijji ishee gammadduufi hin yaaddofneef, akkasumas akka waadaan Rabbii dhugaa ta’uu beektuuf jecha. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አል ቀሰስ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ተተረጎመ

መዝጋት