የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ያሲን   አንቀጽ:

Yaasiin

يسٓ
Yaa Siin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡقُرۡءَانِ ٱلۡحَكِيمِ
Qur’aana ogummaan guutameenin kakadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّكَ لَمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Ati dhugumatti ergamtoota irraayyi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Karaa qajeelaa irra jirta.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَنزِيلَ ٱلۡعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ
Buusiinsa Rabbii injifataa, rahmata godhaa ta’e irraa (buufame).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِتُنذِرَ قَوۡمٗا مَّآ أُنذِرَ ءَابَآؤُهُمۡ فَهُمۡ غَٰفِلُونَ
Akka akeekkachiiftuufi Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَقَدۡ حَقَّ ٱلۡقَوۡلُ عَلَىٰٓ أَكۡثَرِهِمۡ فَهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ
Dhugumatti, irra hedduu isaanii jechi (adabbiin) irratti mirkanaa’era; isaan hin amananu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا جَعَلۡنَا فِيٓ أَعۡنَٰقِهِمۡ أَغۡلَٰلٗا فَهِيَ إِلَى ٱلۡأَذۡقَانِ فَهُم مُّقۡمَحُونَ
Nuti mormoota isaanii irratti sakaallaalee goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi). isaan (mataa) ol fudhamoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلۡنَا مِنۢ بَيۡنِ أَيۡدِيهِمۡ سَدّٗا وَمِنۡ خَلۡفِهِمۡ سَدّٗا فَأَغۡشَيۡنَٰهُمۡ فَهُمۡ لَا يُبۡصِرُونَ
Dura isaaniitti cufaa, duuba isaanittis cufaa goonee isaan haguugne. Kanaafuu isaan hin argan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَسَوَآءٌ عَلَيۡهِمۡ ءَأَنذَرۡتَهُمۡ أَمۡ لَمۡ تُنذِرۡهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ
Isaan akeekkachiiftus, isaan akeekkachiisuu baattus isaan irratti wal qixa; isaan hin amananu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّمَا تُنذِرُ مَنِ ٱتَّبَعَ ٱلذِّكۡرَ وَخَشِيَ ٱلرَّحۡمَٰنَ بِٱلۡغَيۡبِۖ فَبَشِّرۡهُ بِمَغۡفِرَةٖ وَأَجۡرٖ كَرِيمٍ
Kan ati akeekkachiiftu nama gorsa hordofee Rahmaaniinis fagootti sodaate qofa. Araaramaafi mindaa gaariin isa gammachiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا نَحۡنُ نُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰ وَنَكۡتُبُ مَا قَدَّمُواْ وَءَاثَٰرَهُمۡۚ وَكُلَّ شَيۡءٍ أَحۡصَيۡنَٰهُ فِيٓ إِمَامٖ مُّبِينٖ
Nuti numatu du’aa jiraachifna. Waan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessina. Waan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱضۡرِبۡ لَهُم مَّثَلًا أَصۡحَٰبَ ٱلۡقَرۡيَةِ إِذۡ جَآءَهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ
Isaaniif fakkeenya godhi warra gandaa kan yeroo ergamtoonni isheetti dhuftee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهِمُ ٱثۡنَيۡنِ فَكَذَّبُوهُمَا فَعَزَّزۡنَا بِثَالِثٖ فَقَالُوٓاْ إِنَّآ إِلَيۡكُم مُّرۡسَلُونَ
Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ مَآ أَنتُمۡ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُنَا وَمَآ أَنزَلَ ٱلرَّحۡمَٰنُ مِن شَيۡءٍ إِنۡ أَنتُمۡ إِلَّا تَكۡذِبُونَ
Isaanis “isin namuma akka keenyaati malee waan biraa miti. Rahmaan homa tokkoyyuu hin buufne; isin kan sobdan malee waan biraa hin taane” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ رَبُّنَا يَعۡلَمُ إِنَّآ إِلَيۡكُمۡ لَمُرۡسَلُونَ
(Ergamtoonnis) “Rabbiin keenya ni beeka nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا عَلَيۡنَآ إِلَّا ٱلۡبَلَٰغُ ٱلۡمُبِينُ
“ homtuu nurra hin jiru geessiinsa ifa ta’e geessuu malee .”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ إِنَّا تَطَيَّرۡنَا بِكُمۡۖ لَئِن لَّمۡ تَنتَهُواْ لَنَرۡجُمَنَّكُمۡ وَلَيَمَسَّنَّكُم مِّنَّا عَذَابٌ أَلِيمٞ
(Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (milkii ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumna. Adabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ طَٰٓئِرُكُم مَّعَكُمۡ أَئِن ذُكِّرۡتُمۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٞ مُّسۡرِفُونَ
“Hooddannaan (milkii ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhan. Sila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii miti Isinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءَ مِنۡ أَقۡصَا ٱلۡمَدِينَةِ رَجُلٞ يَسۡعَىٰ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱتَّبِعُواْ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Kutaa fagoo magaalattii irraa namichi tokko fiigaa dhufee ni jedhe: “yaa ummata kiyya! Ergamtoota hordofaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱتَّبِعُواْ مَن لَّا يَسۡـَٔلُكُمۡ أَجۡرٗا وَهُم مُّهۡتَدُونَ
Namoota mindaa (baasii) isin hin gaafanneefi ofii isaanitiifis qajeelfamoo ta’an hordofaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَالِيَ لَآ أَعۡبُدُ ٱلَّذِي فَطَرَنِي وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
Ani maaltu naaftahe kan Isa na uume hin gabbarre? siniis gara Isaa deebifamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ءَأَتَّخِذُ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةً إِن يُرِدۡنِ ٱلرَّحۡمَٰنُ بِضُرّٖ لَّا تُغۡنِ عَنِّي شَفَٰعَتُهُمۡ شَيۡـٔٗا وَلَا يُنقِذُونِ
Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa godhadhaa? kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadne isaaniis ana hin baraaran.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّيٓ إِذٗا لَّفِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ
Ani yeroo san jallina ifa galaa keessa ta’eera
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّيٓ ءَامَنتُ بِرَبِّكُمۡ فَٱسۡمَعُونِ
Ani Rabbii keessanitti amanee na dhagayaa” [jedhe] (Achumaan dhagaan tumanii isa ajjeesan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قِيلَ ٱدۡخُلِ ٱلۡجَنَّةَۖ قَالَ يَٰلَيۡتَ قَوۡمِي يَعۡلَمُونَ
“Jannata seeni” jedhameen. Innis ni jedhe: “ummanni kiyya odoo beekaniin hawwa!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بِمَا غَفَرَ لِي رَبِّي وَجَعَلَنِي مِنَ ٱلۡمُكۡرَمِينَ
Waan Rabbiin kiyya naaf araarameefi kabajamtoota irraa na godhe (odoo beekaniin hawwa).”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَمَآ أَنزَلۡنَا عَلَىٰ قَوۡمِهِۦ مِنۢ بَعۡدِهِۦ مِن جُندٖ مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا كُنَّا مُنزِلِينَ
Booda isaatii ummata isaa irratti hoomaa waraanaa samii irraa hin buufne! Kan buufnus hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِن كَانَتۡ إِلَّا صَيۡحَةٗ وَٰحِدَةٗ فَإِذَا هُمۡ خَٰمِدُونَ
Isheen iyya tokko malee waan biraa hin taane. Yeroma san isaan dhaamoo (dhabamoo)dha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰحَسۡرَةً عَلَى ٱلۡعِبَادِۚ مَا يَأۡتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Yaa gaabbii gabrootarratti! Ergamaan kamillee isaanitti dhufee isatti qishinan (baacan) malee hin hafanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ يَرَوۡاْ كَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّنَ ٱلۡقُرُونِ أَنَّهُمۡ إِلَيۡهِمۡ لَا يَرۡجِعُونَ
Sila isaan dura ummata irraa meeqaatama akka balleessine hin arginee? Isaan gara isaaniitti hin deebi’anuu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن كُلّٞ لَّمَّا جَمِيعٞ لَّدَيۡنَا مُحۡضَرُونَ
Dhugumatti, hundi isaaniituu (murtiif) nubiratti dhihaatoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَءَايَةٞ لَّهُمُ ٱلۡأَرۡضُ ٱلۡمَيۡتَةُ أَحۡيَيۡنَٰهَا وَأَخۡرَجۡنَا مِنۡهَا حَبّٗا فَمِنۡهُ يَأۡكُلُونَ
Isaaniif mallattoodha Dachii duutuun Nuti ishee jiraachifneefi firii (adda addaa) ishee irraa baafnee (magarsine) isa irraa nyaatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلۡنَا فِيهَا جَنَّٰتٖ مِّن نَّخِيلٖ وَأَعۡنَٰبٖ وَفَجَّرۡنَا فِيهَا مِنَ ٱلۡعُيُونِ
Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerra, Ishee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِيَأۡكُلُواْ مِن ثَمَرِهِۦ وَمَا عَمِلَتۡهُ أَيۡدِيهِمۡۚ أَفَلَا يَشۡكُرُونَ
Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone), Sila hin galateeffatanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلۡأَزۡوَٰجَ كُلَّهَا مِمَّا تُنۢبِتُ ٱلۡأَرۡضُ وَمِنۡ أَنفُسِهِمۡ وَمِمَّا لَا يَعۡلَمُونَ
Inni cimdii hunda ishee uume qulqullaa’eera, waan dachiin biqilchitu irraa, lubbuulee isaanii irraafi wantoota isaan hin beekne irraa (kanta'an).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَءَايَةٞ لَّهُمُ ٱلَّيۡلُ نَسۡلَخُ مِنۡهُ ٱلنَّهَارَ فَإِذَا هُم مُّظۡلِمُونَ
Isaaniif mallattoodha halkan Isarraa guyyaa baafna. Yeroma san isaan dukkana keessatti ta’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلشَّمۡسُ تَجۡرِي لِمُسۡتَقَرّٖ لَّهَاۚ ذَٰلِكَ تَقۡدِيرُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ
Aduun hanga buufata isheef taheetti deemti, Sun murtee (Rabbii) injifataa, beekaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡقَمَرَ قَدَّرۡنَٰهُ مَنَازِلَ حَتَّىٰ عَادَ كَٱلۡعُرۡجُونِ ٱلۡقَدِيمِ
Baatii buufataalee isaa goonee jirra. hanga inni akka damee meexxii dullattiitti deebi’utti (deemsifne).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا ٱلشَّمۡسُ يَنۢبَغِي لَهَآ أَن تُدۡرِكَ ٱلۡقَمَرَ وَلَا ٱلَّيۡلُ سَابِقُ ٱلنَّهَارِۚ وَكُلّٞ فِي فَلَكٖ يَسۡبَحُونَ
Aduun baatii dhaqqabuun isheef hin ta’u; halkanis guyyaa hin dursu, Hunduu sarara keessa (daaku).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَءَايَةٞ لَّهُمۡ أَنَّا حَمَلۡنَا ذُرِّيَّتَهُمۡ فِي ٱلۡفُلۡكِ ٱلۡمَشۡحُونِ
mallattoodha isaaniif, Nuti sanyii isaanii doonii guutame keessatti fe’uun keenya .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَخَلَقۡنَا لَهُم مِّن مِّثۡلِهِۦ مَا يَرۡكَبُونَ
Fakkaataa isaa (doonii Nuuh) irraas waan isaan yaabbatan isaaniif uumneerra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن نَّشَأۡ نُغۡرِقۡهُمۡ فَلَا صَرِيخَ لَهُمۡ وَلَا هُمۡ يُنقَذُونَ
Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsina turre. Birmataan tokkos isaaniif hin jiru, Isaan hin baraarfamanus.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا رَحۡمَةٗ مِّنَّا وَمَتَٰعًا إِلَىٰ حِينٖ
Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsina turre).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱتَّقُواْ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيكُمۡ وَمَا خَلۡفَكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
Yeroo ''waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa akka rahmanni isiniif godhamuuf” isaanin jadhame (irraa gara galu)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا تَأۡتِيهِم مِّنۡ ءَايَةٖ مِّنۡ ءَايَٰتِ رَبِّهِمۡ إِلَّا كَانُواْ عَنۡهَا مُعۡرِضِينَ
Mallattoolee Rabbii irraa mallattoon tokko isaanitti dhuftee ishee irraa gara galan malee hin hafan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا قِيلَ لَهُمۡ أَنفِقُواْ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَنُطۡعِمُ مَن لَّوۡ يَشَآءُ ٱللَّهُ أَطۡعَمَهُۥٓ إِنۡ أَنتُمۡ إِلَّا فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Yeroo “waan Rabbiin isiniif kenne irraa kennadhaa” isaaniin jadhame, warri kafaran warra amananiin “sila nama Rabbiin odoo fedhee isa nyaachisu nyaachifnaa? Isin jallina ifa ta’e keessa malee hin jirtanu” jedhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Ni jedhu: “ baallamni kun yoomi Yoo warra dhugaa dubbatu taatan?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا يَنظُرُونَ إِلَّا صَيۡحَةٗ وَٰحِدَةٗ تَأۡخُذُهُمۡ وَهُمۡ يَخِصِّمُونَ
Iyyansa tokkittii kan haala isaan wal falmaa jiranuun isaan qabdu malee homaa hin eeganu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ تَوۡصِيَةٗ وَلَآ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِمۡ يَرۡجِعُونَ
(Yeroo san) dhaamsa (walii dabarsuu) hin danda’an; gara maatii isaaniis hin deebi’anu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِ فَإِذَا هُم مِّنَ ٱلۡأَجۡدَاثِ إِلَىٰ رَبِّهِمۡ يَنسِلُونَ
Garriin (xurunbaan) ni afuufama; yoosuu isaan qabroota irraa gara Gooftaa isaanii bahu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰوَيۡلَنَا مَنۢ بَعَثَنَا مِن مَّرۡقَدِنَاۜۗ هَٰذَا مَا وَعَدَ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَصَدَقَ ٱلۡمُرۡسَلُونَ
Jedhan “Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِن كَانَتۡ إِلَّا صَيۡحَةٗ وَٰحِدَةٗ فَإِذَا هُمۡ جَمِيعٞ لَّدَيۡنَا مُحۡضَرُونَ
Isheen iyyaansa (afuuffii) tokko malee waan biraatii hintaane. Yeroo san isaan hundi nu bira fidamoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱلۡيَوۡمَ لَا تُظۡلَمُ نَفۡسٞ شَيۡـٔٗا وَلَا تُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
“Har’a lubbuun tamillee homaa hin miidhamtu. Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” (isaaniin jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ ٱلۡيَوۡمَ فِي شُغُلٖ فَٰكِهُونَ
Warri jannataa har’a dalagaan qabamanii gammachuun guutamoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُمۡ وَأَزۡوَٰجُهُمۡ فِي ظِلَٰلٍ عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ مُتَّكِـُٔونَ
Isaaniifi niitiiwwan isaaniis gaaddisoowwaa keessatti, sireewwan irratti hirkatoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَهُمۡ فِيهَا فَٰكِهَةٞ وَلَهُم مَّا يَدَّعُونَ
Isaaniif ishee keessatti fuduraaleetu jira. Wanti isaan yaammatan hunduu isaaniif jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَلَٰمٞ قَوۡلٗا مِّن رَّبّٖ رَّحِيمٖ
Salaamtaan Rabbii abbaa rahmataa irraa isaaniin jedhama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱمۡتَٰزُواْ ٱلۡيَوۡمَ أَيُّهَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ
“Isin yaa yakkamtootaa! Har’a (Mu’uminootaan) adda ba’aa” (isaaniin jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ أَلَمۡ أَعۡهَدۡ إِلَيۡكُمۡ يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ أَن لَّا تَعۡبُدُواْ ٱلشَّيۡطَٰنَۖ إِنَّهُۥ لَكُمۡ عَدُوّٞ مُّبِينٞ
“Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa; inni isiniif diina ifa ba’aadha” jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنِ ٱعۡبُدُونِيۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
“Ana gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha” (isiniin hin jennee)?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَضَلَّ مِنكُمۡ جِبِلّٗا كَثِيرًاۖ أَفَلَمۡ تَكُونُواْ تَعۡقِلُونَ
Dhugumatti (sheyxaanni) isin irraa uumama baay’ee jalliseera. Sila isin sammuu hin qabdanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذِهِۦ جَهَنَّمُ ٱلَّتِي كُنتُمۡ تُوعَدُونَ
“Isheen tun jahannama ishee waadaa isiniif galamaa turteedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱصۡلَوۡهَا ٱلۡيَوۡمَ بِمَا كُنتُمۡ تَكۡفُرُونَ
Waan kafaraa turtaniif har’a ishee seenaa” (jedhamaani).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلۡيَوۡمَ نَخۡتِمُ عَلَىٰٓ أَفۡوَٰهِهِمۡ وَتُكَلِّمُنَآ أَيۡدِيهِمۡ وَتَشۡهَدُ أَرۡجُلُهُم بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Har’a afaanoowwan isaanii ni cufna; harkoowwan isaanii Nutti dubbatti; miilloowwan isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ نَشَآءُ لَطَمَسۡنَا عَلَىٰٓ أَعۡيُنِهِمۡ فَٱسۡتَبَقُواْ ٱلصِّرَٰطَ فَأَنَّىٰ يُبۡصِرُونَ
Odoo feenee ijaalee isaanii haqna turre. Gama karaatti wal dorgomu; akkamitti argu!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ نَشَآءُ لَمَسَخۡنَٰهُمۡ عَلَىٰ مَكَانَتِهِمۡ فَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ مُضِيّٗا وَلَا يَرۡجِعُونَ
Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turre. Isaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَن نُّعَمِّرۡهُ نُنَكِّسۡهُ فِي ٱلۡخَلۡقِۚ أَفَلَا يَعۡقِلُونَ
Nama umrii dheeressine uumaa kessatti isa gadi dabsina Sila qalbiin hin yaadanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا عَلَّمۡنَٰهُ ٱلشِّعۡرَ وَمَا يَنۢبَغِي لَهُۥٓۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرٞ وَقُرۡءَانٞ مُّبِينٞ
Nuti isa (Nabiyyii) walaloo hin barsiifne; isaafis hin malu. Inni yaadannoofi Qur’aana ifa galaa malee waan biraa miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّيُنذِرَ مَن كَانَ حَيّٗا وَيَحِقَّ ٱلۡقَوۡلُ عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ
Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne).(1)
(1) ka qalbiin isaa iimaanaan jiratte jechuutu itti fedhame.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّا خَلَقۡنَا لَهُم مِّمَّا عَمِلَتۡ أَيۡدِينَآ أَنۡعَٰمٗا فَهُمۡ لَهَا مَٰلِكُونَ
Sila waan harkoowwan keenya dalagde irraa beyladoota isaaniif uumnee isaan ishee horatoo ta’an hin ilaallee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَذَلَّلۡنَٰهَا لَهُمۡ فَمِنۡهَا رَكُوبُهُمۡ وَمِنۡهَا يَأۡكُلُونَ
Ishee isaaniif laaffifne. Gariin isheerraa yaabbii isaaniitiif oolu; garii isheerraa immoo ni nyaatu
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَهُمۡ فِيهَا مَنَٰفِعُ وَمَشَارِبُۚ أَفَلَا يَشۡكُرُونَ
Isaaniif ishee keessa faayidaaleefii dhugaatiiwwantu jira. Sila (Rabbiin) hin galateeffattanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ ءَالِهَةٗ لَّعَلَّهُمۡ يُنصَرُونَ
Rabbiin ala gabbaramtoota godhatan Akka tumsamaniif jecha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا يَسۡتَطِيعُونَ نَصۡرَهُمۡ وَهُمۡ لَهُمۡ جُندٞ مُّحۡضَرُونَ
Isaan (isaaniif) tumsuu hin danda’an. Isaan (kaafiroonni) isaaniif (sanamaaf) garee khidmaaf dhufanuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَا يَحۡزُنكَ قَوۡلُهُمۡۘ إِنَّا نَعۡلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعۡلِنُونَ
Jechi isaanii si hin yaaddessin. Nuti waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوَلَمۡ يَرَ ٱلۡإِنسَٰنُ أَنَّا خَلَقۡنَٰهُ مِن نُّطۡفَةٖ فَإِذَا هُوَ خَصِيمٞ مُّبِينٞ
Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَضَرَبَ لَنَا مَثَلٗا وَنَسِيَ خَلۡقَهُۥۖ قَالَ مَن يُحۡيِ ٱلۡعِظَٰمَ وَهِيَ رَمِيمٞ
Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ يُحۡيِيهَا ٱلَّذِيٓ أَنشَأَهَآ أَوَّلَ مَرَّةٖۖ وَهُوَ بِكُلِّ خَلۡقٍ عَلِيمٌ
“Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhi. Inni uumama hunda beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُم مِّنَ ٱلشَّجَرِ ٱلۡأَخۡضَرِ نَارٗا فَإِذَآ أَنتُم مِّنۡهُ تُوقِدُونَ
(Inni) Isa muka magariisa irraa ibidda isiniif godheedha. Yeroo san isin isa irraa qabsiifattu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوَلَيۡسَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يَخۡلُقَ مِثۡلَهُمۚ بَلَىٰ وَهُوَ ٱلۡخَلَّٰقُ ٱلۡعَلِيمُ
Sila Inni samiileefi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!) Inni akkaan uumaadha, akkaan beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّمَآ أَمۡرُهُۥٓ إِذَآ أَرَادَ شَيۡـًٔا أَن يَقُولَ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “tahi” isaan jechuma qofa; yoosuu taha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَسُبۡحَٰنَ ٱلَّذِي بِيَدِهِۦ مَلَكُوتُ كُلِّ شَيۡءٖ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru qulqullaa’e! Garuma Isaatti deebifamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ያሲን
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት