Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሷድ   አንቀጽ:
وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَآءَ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا بَٰطِلٗاۚ ذَٰلِكَ ظَنُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۚ فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنَ ٱلنَّارِ
Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran, taphaaf hin uumne. Sun sehaa warra kafaraniiti. Isaan kafaraniif laga ibidda irraa ta’etu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ نَجۡعَلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَٱلۡمُفۡسِدِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَمۡ نَجۡعَلُ ٱلۡمُتَّقِينَ كَٱلۡفُجَّارِ
Sila isaan amananii, toltuuwwan dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Moo Warra Allaah sodaatan akka warra yakkamoo ni taasifnaa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كِتَٰبٌ أَنزَلۡنَٰهُ إِلَيۡكَ مُبَٰرَكٞ لِّيَدَّبَّرُوٓاْ ءَايَٰتِهِۦ وَلِيَتَذَكَّرَ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ
(Kun) kitaaba gara keetti isa buufneedha. Barakeeffamaadha. akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuulee qaban ittiin gorfamuuf jecha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَوَهَبۡنَا لِدَاوُۥدَ سُلَيۡمَٰنَۚ نِعۡمَ ٱلۡعَبۡدُ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٌ
Daawuudiif Suleeymaaniin kennine. Gabricha akkam tole! Inni akkaan tawbataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ عُرِضَ عَلَيۡهِ بِٱلۡعَشِيِّ ٱلصَّٰفِنَٰتُ ٱلۡجِيَادُ
Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَالَ إِنِّيٓ أَحۡبَبۡتُ حُبَّ ٱلۡخَيۡرِ عَن ذِكۡرِ رَبِّي حَتَّىٰ تَوَارَتۡ بِٱلۡحِجَابِ
Ni jedhe: “ani jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa jaaladhe. hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رُدُّوهَا عَلَيَّۖ فَطَفِقَ مَسۡحَۢا بِٱلسُّوقِ وَٱلۡأَعۡنَاقِ
Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ فَتَنَّا سُلَيۡمَٰنَ وَأَلۡقَيۡنَا عَلَىٰ كُرۡسِيِّهِۦ جَسَدٗا ثُمَّ أَنَابَ
Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorre. Siree isaa irratti qaama (laafaa) darbine. Eegasii ( tawbaa) deebi’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَهَبۡ لِي مُلۡكٗا لَّا يَنۢبَغِي لِأَحَدٖ مِّنۢ بَعۡدِيٓۖ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡوَهَّابُ
Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenni. Dhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَسَخَّرۡنَا لَهُ ٱلرِّيحَ تَجۡرِي بِأَمۡرِهِۦ رُخَآءً حَيۡثُ أَصَابَ
Qilleensa isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلشَّيَٰطِينَ كُلَّ بَنَّآءٖ وَغَوَّاصٖ
Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَءَاخَرِينَ مُقَرَّنِينَ فِي ٱلۡأَصۡفَادِ
Warri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذَا عَطَآؤُنَا فَٱمۡنُنۡ أَوۡ أَمۡسِكۡ بِغَيۡرِ حِسَابٖ
“Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! Herreegaan maletti” (janneen).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ لَهُۥ عِندَنَا لَزُلۡفَىٰ وَحُسۡنَ مَـَٔابٖ
Dhugumatti, isaaf Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱذۡكُرۡ عَبۡدَنَآ أَيُّوبَ إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥٓ أَنِّي مَسَّنِيَ ٱلشَّيۡطَٰنُ بِنُصۡبٖ وَعَذَابٍ
Gabricha keenya Ayyuubiin dubbadhu yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱرۡكُضۡ بِرِجۡلِكَۖ هَٰذَا مُغۡتَسَلُۢ بَارِدٞ وَشَرَابٞ
(Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukuti, Kun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሷድ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

ተረጎመዋ ጋሊ አባቡር አባጉና።

መዝጋት