የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ጋፊር   አንቀጽ:

Ghaafir

حمٓ
Haa Miim.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ
Buufamni kitaabichaa Rabbii injifataa, beekaa ta’e irraayi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
غَافِرِ ٱلذَّنۢبِ وَقَابِلِ ٱلتَّوۡبِ شَدِيدِ ٱلۡعِقَابِ ذِي ٱلطَّوۡلِۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ إِلَيۡهِ ٱلۡمَصِيرُ
Araaramaa dilii, qeebalaa tawbaa, (abbaa) adabbii cimaa, abbaa arjummaa (irraayyi). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; deebiin gara Isaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا يُجَٰدِلُ فِيٓ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ إِلَّا ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فَلَا يَغۡرُرۡكَ تَقَلُّبُهُمۡ فِي ٱلۡبِلَٰدِ
Keeyyattoota Rabbii keessatti warra kafaran malee eenyulleen hin falmu. Dachii keessa gara gaggaluun isaanii si hin dagin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ وَٱلۡأَحۡزَابُ مِنۢ بَعۡدِهِمۡۖ وَهَمَّتۡ كُلُّ أُمَّةِۭ بِرَسُولِهِمۡ لِيَأۡخُذُوهُۖ وَجَٰدَلُواْ بِٱلۡبَٰطِلِ لِيُدۡحِضُواْ بِهِ ٱلۡحَقَّ فَأَخَذۡتُهُمۡۖ فَكَيۡفَ كَانَ عِقَابِ
Isaan dura ummanni Nuuhiifi gareewwan isaan boodaas sobsiisanii jiru. Ummanni hundi ergamaa isaanii qabuuf yaadaniiru. Sobaan falmanii dhugaa balleessufis yaalan. isaan qabe. adabbiin kiyya akkam ta’e laata!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ حَقَّتۡ كَلِمَتُ رَبِّكَ عَلَى ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَنَّهُمۡ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ
Akkuma kanatti jechi Rabbii keetii isaan kafaran irratti ‘dhugumatti. isaan warra ibiddaati (ta’uun’ mirkanoofte).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ يَحۡمِلُونَ ٱلۡعَرۡشَ وَمَنۡ حَوۡلَهُۥ يُسَبِّحُونَ بِحَمۡدِ رَبِّهِمۡ وَيُؤۡمِنُونَ بِهِۦ وَيَسۡتَغۡفِرُونَ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْۖ رَبَّنَا وَسِعۡتَ كُلَّ شَيۡءٖ رَّحۡمَةٗ وَعِلۡمٗا فَٱغۡفِرۡ لِلَّذِينَ تَابُواْ وَٱتَّبَعُواْ سَبِيلَكَ وَقِهِمۡ عَذَابَ ٱلۡجَحِيمِ
Isaan (malaykonni) Arshii baadhataniifi isaan naannawa isaa jiranis Gooftaa isaanii faarsuun qulqulleessu; Isattis ni amanu; isaan amananiifis (akkana jechuun) araarama kadhatu: “Rabbii keenya! Ati rahmataafi beekumsaan waan hunda wal geessee jirta; isaan tawbataniifi karaa kee hordofaniif araarami. adabbii jahiim irraas isaan tiksi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَبَّنَا وَأَدۡخِلۡهُمۡ جَنَّٰتِ عَدۡنٍ ٱلَّتِي وَعَدتَّهُمۡ وَمَن صَلَحَ مِنۡ ءَابَآئِهِمۡ وَأَزۡوَٰجِهِمۡ وَذُرِّيَّٰتِهِمۡۚ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
(Yaa) Rabbii keenya! Jannata qubannaa kan waadaa isaaniif galte isaan seensisi; namoota tolan kan abbootii isaanii irraa tahanis, warreen isaaniitiifi ilmaan isaanii irraa ta’anis (seensisi). Ati sumatu injifataa, ogeessa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقِهِمُ ٱلسَّيِّـَٔاتِۚ وَمَن تَقِ ٱلسَّيِّـَٔاتِ يَوۡمَئِذٖ فَقَدۡ رَحِمۡتَهُۥۚ وَذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Hamtuulee irraas isaan eegi. Nama hamtuu irraa eegde dhugumatti guyyaa san rahmata isaaf gootee jirta. Suni isumatu milkii guddaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ يُنَادَوۡنَ لَمَقۡتُ ٱللَّهِ أَكۡبَرُ مِن مَّقۡتِكُمۡ أَنفُسَكُمۡ إِذۡ تُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلۡإِيمَٰنِ فَتَكۡفُرُونَ
Warri kafaran itti lallabama “jibbaa Rabbii, kan yeroo gara iimaanaa waamamtanii isin kafartan (Inni isin jibbutu) jibbaa mataa keessanii (kan har’a of jibbitan) irra guddaadha”. jechuun itti lallabama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ رَبَّنَآ أَمَتَّنَا ٱثۡنَتَيۡنِ وَأَحۡيَيۡتَنَا ٱثۡنَتَيۡنِ فَٱعۡتَرَفۡنَا بِذُنُوبِنَا فَهَلۡ إِلَىٰ خُرُوجٖ مِّن سَبِيلٖ
Ni jedhan: “yaa Gooftaa keenya! Yeroo lama nu ajjeefteeti yeroo lama nu jiraachifte. Amma balleessaalee keenya fudhanneerraa, karaan (rakkoo hamaa kana irraa) ittiin baanu wahii jiraa?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكُم بِأَنَّهُۥٓ إِذَا دُعِيَ ٱللَّهُ وَحۡدَهُۥ كَفَرۡتُمۡ وَإِن يُشۡرَكۡ بِهِۦ تُؤۡمِنُواْۚ فَٱلۡحُكۡمُ لِلَّهِ ٱلۡعَلِيِّ ٱلۡكَبِيرِ
Kun waan isin yeroo Rabbiin kophaa Isaa waamamu kafartanii, yeroo Isatti qindeeffame immoo amantaniifi. Murtiin kan Rabbii ol ta’aa, guddaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱلَّذِي يُرِيكُمۡ ءَايَٰتِهِۦ وَيُنَزِّلُ لَكُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ رِزۡقٗاۚ وَمَا يَتَذَكَّرُ إِلَّا مَن يُنِيبُ
Inni Isa mallattoolee Isaa isinitti argisiisuufi samii irraa hiree (rooba) isiniif buusuudha. Nama gara Isaa deebi’u malee eenyunuu hin gorfamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱدۡعُواْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡكَٰفِرُونَ
Rabbiin gabbaraa amantii isaaf qulqulleessoo tahaatii. Odoo kaafirtoonni jibbanillee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَفِيعُ ٱلدَّرَجَٰتِ ذُو ٱلۡعَرۡشِ يُلۡقِي ٱلرُّوحَ مِنۡ أَمۡرِهِۦ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦ لِيُنذِرَ يَوۡمَ ٱلتَّلَاقِ
(Rabbiin Isa) sadarkaa ol fuudhu; dhuunfataa ‘Arshiiti.’ wahyii ajaja Isaa irraa ta’e gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusa. Akka guyyaa wal qunnamtii akeekkachiisuuf.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ هُم بَٰرِزُونَۖ لَا يَخۡفَىٰ عَلَى ٱللَّهِ مِنۡهُمۡ شَيۡءٞۚ لِّمَنِ ٱلۡمُلۡكُ ٱلۡيَوۡمَۖ لِلَّهِ ٱلۡوَٰحِدِ ٱلۡقَهَّارِ
Guyyaa isaan hundi mul'atan, isaanirraa homaatuu Rabbi irraa hin dhokatu. “Har’a mootummaan kan eenyuuti? Kan Rabbii tokkicha, hunda injifataa ta’eeti.” (jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلۡيَوۡمَ تُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡۚ لَا ظُلۡمَ ٱلۡيَوۡمَۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ
Har’a (Guyyaa Qiyaamaa) lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamti. Har’a miidhaan hin jiru. Dhugumatti Rabbiin saffisaa herregaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنذِرۡهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡأٓزِفَةِ إِذِ ٱلۡقُلُوبُ لَدَى ٱلۡحَنَاجِرِ كَٰظِمِينَۚ مَا لِلظَّٰلِمِينَ مِنۡ حَمِيمٖ وَلَا شَفِيعٖ يُطَاعُ
Guyyaa dhihaattuu (Qiyaamaa),isaan akeekkachiisi. yeroo onneewwan kokkeewwan bira geessu, yaada guutaman san. Miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu tokkolleen hin jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَعۡلَمُ خَآئِنَةَ ٱلۡأَعۡيُنِ وَمَا تُخۡفِي ٱلصُّدُورُ
(Rabbiin) gantuu ijootaa ni beeka. waan qomoowwan dhoksitus.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱللَّهُ يَقۡضِي بِٱلۡحَقِّۖ وَٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَقۡضُونَ بِشَيۡءٍۗ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ
Rabbiin dhugaan murteessa. Warri Isaa gaditti isaan gabbaran homaa hin murteessanu. Rabbiin Isumatu dhagayaa, argaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ أَوَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَيَنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ كَانُواْ مِن قَبۡلِهِمۡۚ كَانُواْ هُمۡ أَشَدَّ مِنۡهُمۡ قُوَّةٗ وَءَاثَارٗا فِي ٱلۡأَرۡضِ فَأَخَذَهُمُ ٱللَّهُ بِذُنُوبِهِمۡ وَمَا كَانَ لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن وَاقٖ
Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan dura turanii akkam akka taate hin ilaalanuu? Humnaafi dachii keessatti faana dhiisuun isaan irra ciccimoo turan, Rabbiin badiilee isaaniitif isaan qabe (adabbii) Rabbii irraa wanti isaan tiksu tokkollee isaaniif hin jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ كَانَت تَّأۡتِيهِمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَكَفَرُواْ فَأَخَذَهُمُ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ قَوِيّٞ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Kun waan isaan, ergamtoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufnaan, isaan (itti) kafaraniifi. Rabbiin isaan ni qabe. Inni jabaa, adabbii cimaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَا وَسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٍ
Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa mul'ataan ergineerra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَ وَقَٰرُونَ فَقَالُواْ سَٰحِرٞ كَذَّابٞ
Gara Fir’awn, Haamaaniifi Qaaruunitti (erginee) “falfalaa, akkaan sobaadha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلۡحَقِّ مِنۡ عِندِنَا قَالُواْ ٱقۡتُلُوٓاْ أَبۡنَآءَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥ وَٱسۡتَحۡيُواْ نِسَآءَهُمۡۚ وَمَا كَيۡدُ ٱلۡكَٰفِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَٰلٖ
Yeroo inni dhugaa Nu biraa ta’een isaanitti dhufe, ni jedhan: “ilmaan dhiiraa warra isaa waliin amananii ajjeesaa; dubartoota isaanii dhiisaa.” shirri kaafirootaa dhabama keessatti malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ فِرۡعَوۡنُ ذَرُونِيٓ أَقۡتُلۡ مُوسَىٰ وَلۡيَدۡعُ رَبَّهُۥٓۖ إِنِّيٓ أَخَافُ أَن يُبَدِّلَ دِينَكُمۡ أَوۡ أَن يُظۡهِرَ فِي ٱلۡأَرۡضِ ٱلۡفَسَادَ
Fir’awni nijedhe “Muusaa nan ajjeesaa na dhiisaa, Gooftaa isaa haa waammatuu.” “Ani amantii keessan jijjiruu yookiin dachii keessatti badii mul’isuu isaan sodaadha”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ مُوسَىٰٓ إِنِّي عُذۡتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُم مِّن كُلِّ مُتَكَبِّرٖ لَّا يُؤۡمِنُ بِيَوۡمِ ٱلۡحِسَابِ
Muusaan ni jedhe: “ Ani Rabbii kiyyaafi Rabbii keessanittiin maganfadhe nama boonaa guyyaa herregaatti hin amanne hunda irraa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ رَجُلٞ مُّؤۡمِنٞ مِّنۡ ءَالِ فِرۡعَوۡنَ يَكۡتُمُ إِيمَٰنَهُۥٓ أَتَقۡتُلُونَ رَجُلًا أَن يَقُولَ رَبِّيَ ٱللَّهُ وَقَدۡ جَآءَكُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ مِن رَّبِّكُمۡۖ وَإِن يَكُ كَٰذِبٗا فَعَلَيۡهِ كَذِبُهُۥۖ وَإِن يَكُ صَادِقٗا يُصِبۡكُم بَعۡضُ ٱلَّذِي يَعِدُكُمۡۖ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ مُسۡرِفٞ كَذَّابٞ
Namichi mu’uminni maatii fir’awni irraa ta’e kan iimaana isaa dhoksu, ni jedhe: “sila isin namicha ajjeeftuu? waan Gooftaan kiyya Rabbuma jedheef, odoo Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jiruu. Yoo sobaa ta’e sobni isaa isuma irratti; yoo nama dhugaa ta’e gariin waan inni isin sodaachisee isin tuqa. Rabbiin nama inni daangaa dabraa, akkaan sobaa ta’e hin qajeelchu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰقَوۡمِ لَكُمُ ٱلۡمُلۡكُ ٱلۡيَوۡمَ ظَٰهِرِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَمَن يَنصُرُنَا مِنۢ بَأۡسِ ٱللَّهِ إِن جَآءَنَاۚ قَالَ فِرۡعَوۡنُ مَآ أُرِيكُمۡ إِلَّا مَآ أَرَىٰ وَمَآ أَهۡدِيكُمۡ إِلَّا سَبِيلَ ٱلرَّشَادِ
Yaa ummata kiyya! Har’a mootummaan keessani, (isin) dachii keessatti ol aantummaa qabaatoodha, yoo adabbiin Rabbii nutti dhufe eenyu nuu tumsa?” (jedheen). Fir’awni “ani waanuman ofii kiyyaa amanu malee isinin hin akeeku; karaa sirraawaa malees isin hin qajeelchu” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلَّذِيٓ ءَامَنَ يَٰقَوۡمِ إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُم مِّثۡلَ يَوۡمِ ٱلۡأَحۡزَابِ
Inni amane ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Ani fakkaataa guyyaa ummata duriin isin irratti sodaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مِثۡلَ دَأۡبِ قَوۡمِ نُوحٖ وَعَادٖ وَثَمُودَ وَٱلَّذِينَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡۚ وَمَا ٱللَّهُ يُرِيدُ ظُلۡمٗا لِّلۡعِبَادِ
Fakkaataa aadaa ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaan (isin irratti sodaadha). Rabbiin gabrootaaf miidhaa hin fedhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَٰقَوۡمِ إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ يَوۡمَ ٱلتَّنَادِ
Yaa ummata kiyya! Ani (adabbii) guyyaa wal waamiinsaan isin irratti sodaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ تُوَلُّونَ مُدۡبِرِينَ مَا لَكُم مِّنَ ٱللَّهِ مِنۡ عَاصِمٖۗ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنۡ هَادٖ
(adabbii) guyyaa, kan Rabbi irraa tiksaan isiniif hin jirre taatanii of duuba deebitanuun (isin irratti sodaadha). Nama Rabbiin jallise qajeelchaan tokkolleen isaaf hin jiru.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ جَآءَكُمۡ يُوسُفُ مِن قَبۡلُ بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَمَا زِلۡتُمۡ فِي شَكّٖ مِّمَّا جَآءَكُم بِهِۦۖ حَتَّىٰٓ إِذَا هَلَكَ قُلۡتُمۡ لَن يَبۡعَثَ ٱللَّهُ مِنۢ بَعۡدِهِۦ رَسُولٗاۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ ٱللَّهُ مَنۡ هُوَ مُسۡرِفٞ مُّرۡتَابٌ
Yuusuf kana dura ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee ture. Isin waan inni isinittiin dhufe irraa shakkii keessa ta’uu irraa hin deemne. hanga inni du’etti “Rabbiin isa booda ergamaa hin ergu” jettan. Akka kanatti Rabbiin nama daangaa dabraa, shakkaa ta’e jallisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ يُجَٰدِلُونَ فِيٓ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ بِغَيۡرِ سُلۡطَٰنٍ أَتَىٰهُمۡۖ كَبُرَ مَقۡتًا عِندَ ٱللَّهِ وَعِندَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْۚ كَذَٰلِكَ يَطۡبَعُ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ قَلۡبِ مُتَكَبِّرٖ جَبَّارٖ
(Isaan) warra keeyyattoota Rabbii keessatti, ragaan isaanitti dhufuun maletti falmaniidha; jibbaan (isaanii) Rabbi birattiifi isaan amanan birattis guddate! Akka kanatti Rabbiin (onnee) warra boonaa, of tuulaa hunda irratti cufa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ فِرۡعَوۡنُ يَٰهَٰمَٰنُ ٱبۡنِ لِي صَرۡحٗا لَّعَلِّيٓ أَبۡلُغُ ٱلۡأَسۡبَٰبَ
Fir’awni ni jedhe: “yaa Haamaan! Akkan karaa ol ga’u gamoo naaf ijaari.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَسۡبَٰبَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ فَأَطَّلِعَ إِلَىٰٓ إِلَٰهِ مُوسَىٰ وَإِنِّي لَأَظُنُّهُۥ كَٰذِبٗاۚ وَكَذَٰلِكَ زُيِّنَ لِفِرۡعَوۡنَ سُوٓءُ عَمَلِهِۦ وَصُدَّ عَنِ ٱلسَّبِيلِۚ وَمَا كَيۡدُ فِرۡعَوۡنَ إِلَّا فِي تَبَابٖ
Karaawwan samiilee (ol ba’eetan), gara Gooftaa Muusaa ilaala. Ani sobaa ta’uu isaan yaada.” Akka kanatti Fir’awniif hamtuun dalagaa isaa miidhagfamee, karaa (Rabbii) irraas dhorgame. Shirri Fir’awni hoongoo keessatti malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلَّذِيٓ ءَامَنَ يَٰقَوۡمِ ٱتَّبِعُونِ أَهۡدِكُمۡ سَبِيلَ ٱلرَّشَادِ
Inni amane ni jedhe: “Yaa ummata kiyya na hordofaa, Karaa qajeelaan isin qajeelchaa, .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰقَوۡمِ إِنَّمَا هَٰذِهِ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَا مَتَٰعٞ وَإِنَّ ٱلۡأٓخِرَةَ هِيَ دَارُ ٱلۡقَرَارِ
Yaa ummata kiyya! Jiruun addunyaa tun qananii (yerooti). Aakhiraan isheetu ganda qubannaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَنۡ عَمِلَ سَيِّئَةٗ فَلَا يُجۡزَىٰٓ إِلَّا مِثۡلَهَاۖ وَمَنۡ عَمِلَ صَٰلِحٗا مِّن ذَكَرٍ أَوۡ أُنثَىٰ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَأُوْلَٰٓئِكَ يَدۡخُلُونَ ٱلۡجَنَّةَ يُرۡزَقُونَ فِيهَا بِغَيۡرِ حِسَابٖ
Namni hamtuu hojjate, fakkaattuu isiitiin malee galata hin galfamu. Namni toltuu dalage, dhiiras ta’ee dubartii irraas,odoo amanee jiruu, isaan sun jannata seenan. ishee keessatti herrega malee kennamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَيَٰقَوۡمِ مَا لِيٓ أَدۡعُوكُمۡ إِلَى ٱلنَّجَوٰةِ وَتَدۡعُونَنِيٓ إِلَى ٱلنَّارِ
Yaa ummata kiyya! Maali! kan Ani gara nageenyaatti isin waamu, isin immoo gara ibiddaatti na waamtuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَدۡعُونَنِي لِأَكۡفُرَ بِٱللَّهِ وَأُشۡرِكَ بِهِۦ مَا لَيۡسَ لِي بِهِۦ عِلۡمٞ وَأَنَا۠ أَدۡعُوكُمۡ إِلَى ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡغَفَّٰرِ
Na waamtu Akka ani Rabbitti kafaruufi waan waa’ee isaa beekumsa hin qabne isatti qindeessuuf. Ani immoo gara (Rabbii) injifataa, araaramaa ta’eettin isin waama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا جَرَمَ أَنَّمَا تَدۡعُونَنِيٓ إِلَيۡهِ لَيۡسَ لَهُۥ دَعۡوَةٞ فِي ٱلدُّنۡيَا وَلَا فِي ٱلۡأٓخِرَةِ وَأَنَّ مَرَدَّنَآ إِلَى ٱللَّهِ وَأَنَّ ٱلۡمُسۡرِفِينَ هُمۡ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ
Dhugumatti, wanti isin itti na waamtan sun addunyaa keessattis ta’ee Aakhiraa keessatti waamichi homaatuu isaaf hinjiru. deebiin keenya gara Rabbiiti. daangaa dabroonni isaan warroota ibiddaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَسَتَذۡكُرُونَ مَآ أَقُولُ لَكُمۡۚ وَأُفَوِّضُ أَمۡرِيٓ إِلَى ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ بَصِيرُۢ بِٱلۡعِبَادِ
Waanin ani isiniin jedhu kana yaadachuuf jirtu. Ani dhimma kiyya gara Rabbiittin hirkifadha. Rabbiin gabroota Isaa argaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَوَقَىٰهُ ٱللَّهُ سَيِّـَٔاتِ مَا مَكَرُواْۖ وَحَاقَ بِـَٔالِ فِرۡعَوۡنَ سُوٓءُ ٱلۡعَذَابِ
Rabbiin hamtuuwwan waan isaan itti wal mari’atanii jalaa isa baraarse. Maatii Fir’awnitti adabbii hamaatu bu'e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلنَّارُ يُعۡرَضُونَ عَلَيۡهَا غُدُوّٗا وَعَشِيّٗاۚ وَيَوۡمَ تَقُومُ ٱلسَّاعَةُ أَدۡخِلُوٓاْ ءَالَ فِرۡعَوۡنَ أَشَدَّ ٱلۡعَذَابِ
Ibidda (jahannam) kan ganamaafi galgala ishee irra fidamantu (isaanitti bu'e). Guyyaa Qiyaamaan dhaabattu “maatii Fir’awni adabbii akkaan cimaa seensisaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذۡ يَتَحَآجُّونَ فِي ٱلنَّارِ فَيَقُولُ ٱلضُّعَفَٰٓؤُاْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُوٓاْ إِنَّا كُنَّا لَكُمۡ تَبَعٗا فَهَلۡ أَنتُم مُّغۡنُونَ عَنَّا نَصِيبٗا مِّنَ ٱلنَّارِ
Yeroo ibidda keessatti wal mormanii, isaan dadhaboon isaan boonaniin jedhan “nuti isiniif hordofoo tahuu turre, sila isin nurraa deebisoodhaa qooda ibidarraa tahe?” (jedhan san) (yaadadhu.)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُوٓاْ إِنَّا كُلّٞ فِيهَآ إِنَّ ٱللَّهَ قَدۡ حَكَمَ بَيۡنَ ٱلۡعِبَادِ
Isaan boonan nijedhan “nuti hunduu isheedhuma keessa jirra; Rabbiin dhugumatti gidduu gabrootaatti murteesseera”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ فِي ٱلنَّارِ لِخَزَنَةِ جَهَنَّمَ ٱدۡعُواْ رَبَّكُمۡ يُخَفِّفۡ عَنَّا يَوۡمٗا مِّنَ ٱلۡعَذَابِ
Isaan ibidda keessa jiran waardiyyoota jahannamiin nijedhan “Gooftaa keessan nuuf kadhaa (hanguma) guyyaa tokko (kan addunyaa) adabbii akka nurraa salphisu”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ أَوَلَمۡ تَكُ تَأۡتِيكُمۡ رُسُلُكُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِۖ قَالُواْ بَلَىٰۚ قَالُواْ فَٱدۡعُواْۗ وَمَا دُعَٰٓؤُاْ ٱلۡكَٰفِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَٰلٍ
(Waardiyyoonni) nijedhan “sila ergamtoonni keessan ragaa ifa ta’een isinitti hin dhufnee?” (Warri ibiddaatis) “eeyyeen; (nutti dhufaniiru)” jedhan. (Waardiyyoonni) ni jedhan “Kadhadhaa! Kadhaan kaafirootaa dhabama keessatti malee hin taane” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا لَنَنصُرُ رُسُلَنَا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَيَوۡمَ يَقُومُ ٱلۡأَشۡهَٰدُ
Dhugumatti, Nuti ergamtoota teenyaafi isaan amananiifis nitumsina jiruu addunyaa keessattiifii guyyaa ragoonni dhaabbatanis (guyyaa qiyaamaas).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ لَا يَنفَعُ ٱلظَّٰلِمِينَ مَعۡذِرَتُهُمۡۖ وَلَهُمُ ٱللَّعۡنَةُ وَلَهُمۡ سُوٓءُ ٱلدَّارِ
Guyyaa miidhaa raawwattoota rakkoo himachuun isaanii isaan hinfayyanne, abaarsi isaaniif taha;manni hammaataan isaaniif taha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡهُدَىٰ وَأَوۡرَثۡنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱلۡكِتَٰبَ
Dhugumatti, Muusaaf qajeelfama kenninee, Ilmaan Israa’iilis kitaaba dhaalchifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُدٗى وَذِكۡرَىٰ لِأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ
qajeelfamaafi gorsa Warra qalbiilee qabaniif.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱصۡبِرۡ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞ وَٱسۡتَغۡفِرۡ لِذَنۢبِكَ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ بِٱلۡعَشِيِّ وَٱلۡإِبۡكَٰرِ
Obsi waadaan Rabbii dhugaadha. Dilii teetiif araarama kadhu; Gooftaa keetiis ganamaafi galgala galataan qulqulleessi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يُجَٰدِلُونَ فِيٓ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ بِغَيۡرِ سُلۡطَٰنٍ أَتَىٰهُمۡ إِن فِي صُدُورِهِمۡ إِلَّا كِبۡرٞ مَّا هُم بِبَٰلِغِيهِۚ فَٱسۡتَعِذۡ بِٱللَّهِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ
Dhugumatti, isaan keeyyattoota Rabbii keessatti, odoo ragaan tokkollee isaanitti hin dhufin morman, qomoowwan isaanii keessa boona, itti ga’uu hin dandeenye malee homaatuu hin jiru. Rabbitti maganfadhu. Inni Isumatu dhagayaa, argaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَخَلۡقُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ أَكۡبَرُ مِنۡ خَلۡقِ ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
Samiifi dachii uumuutu namaa uumuu irra guddaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يَسۡتَوِي ٱلۡأَعۡمَىٰ وَٱلۡبَصِيرُ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَلَا ٱلۡمُسِيٓءُۚ قَلِيلٗا مَّا تَتَذَكَّرُونَ
Jaamaafi (inni) argaan wal qixaa miti; isaan amananii, toltuu dalaganiifi inni hamtuu dalagu (wal qixaa miti); hangi isin gorfamtan xiqqoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلسَّاعَةَ لَأٓتِيَةٞ لَّا رَيۡبَ فِيهَا وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤۡمِنُونَ
Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Garuu irra hedduun namootaa hin amananu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ رَبُّكُمُ ٱدۡعُونِيٓ أَسۡتَجِبۡ لَكُمۡۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَسۡتَكۡبِرُونَ عَنۡ عِبَادَتِي سَيَدۡخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ
Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaa. Dhugumatti, isaan gabbartii tiyya irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ لِتَسۡكُنُواْ فِيهِ وَٱلنَّهَارَ مُبۡصِرًاۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَذُو فَضۡلٍ عَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَشۡكُرُونَ
Rabbiin Isa halkan akka ishee keessa boqattaniif, guyyaa immoo garsiisaa (ibsaa) kan isiniif godhe. Dhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tolaati. Garuu irra hedduun namootaa hin galatoomfatanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٖ لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ فَأَنَّىٰ تُؤۡفَكُونَ
(Inni kana isiniif godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani; Uumoo waan hundaati. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Akkamitti irraa gara galfamtan?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَٰلِكَ يُؤۡفَكُ ٱلَّذِينَ كَانُواْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ يَجۡحَدُونَ
Akkanatti warri keeyyattoota Rabbii morman irraa gara galfamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ قَرَارٗا وَٱلسَّمَآءَ بِنَآءٗ وَصَوَّرَكُمۡ فَأَحۡسَنَ صُوَرَكُمۡ وَرَزَقَكُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡۖ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Rabbiin Isa dachii (jireenyaaf) mijooftuu, samiilee immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif godhee, isin uumee, suuraa keessan bareeche, wantoota gaggaarii irraa isiniif kenne (Inni kana godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani. Allaahn Gooftaa aalama hundaa ta’e barakaan Isaa guddate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱلۡحَيُّ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱدۡعُوهُ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَۗ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Inni jiraataadha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Amantii Isaaf qulqulleessaa Isa kadhaa. Faaruun kan Rabbii, Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ قُلۡ إِنِّي نُهِيتُ أَنۡ أَعۡبُدَ ٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ لَمَّا جَآءَنِيَ ٱلۡبَيِّنَٰتُ مِن رَّبِّي وَأُمِرۡتُ أَنۡ أُسۡلِمَ لِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Jedhi “Ani wantoota isin Rabbii gaditti waamtan (gabbartan) gabbaruu iraa dhorgameera erga ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa natti dhufanii booda. Gooftaa aalama hundaatiif harka kennuttiis ajajameera” (jedhi).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن تُرَابٖ ثُمَّ مِن نُّطۡفَةٖ ثُمَّ مِنۡ عَلَقَةٖ ثُمَّ يُخۡرِجُكُمۡ طِفۡلٗا ثُمَّ لِتَبۡلُغُوٓاْ أَشُدَّكُمۡ ثُمَّ لِتَكُونُواْ شُيُوخٗاۚ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ مِن قَبۡلُۖ وَلِتَبۡلُغُوٓاْ أَجَلٗا مُّسَمّٗى وَلَعَلَّكُمۡ تَعۡقِلُونَ
Inni Isa isin uume biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa. ergasii daa’ima godhee isin baasa (dhalachiisa). Ergasii akka jabina keessan geessan (isin jiraachisa.) Ergasii akka jaarsa taatan isin godha. Isin irraa nama san dura du’uutu jira. Akka beellama beekamaa geessaniifi, akka sammuu horattaniif (isin jiraachisa).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱلَّذِي يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ فَإِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
Inni Isa jiraachisuufi ajjeesu. Yeroo waan tokko murteesse “argami” isaan jedha; yoosuu argama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ يُجَٰدِلُونَ فِيٓ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ أَنَّىٰ يُصۡرَفُونَ
Sila isaan keeyyattoota Rabbii keessatti morman akka itti irraa deebifaman hin arginee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِٱلۡكِتَٰبِ وَبِمَآ أَرۡسَلۡنَا بِهِۦ رُسُلَنَاۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Isaan kitaabaafi waan Nuti ergamtoota keenya ittiin ergine sobsiisan, (hin arginee?) (fuul duratti) beekuuf jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذِ ٱلۡأَغۡلَٰلُ فِيٓ أَعۡنَٰقِهِمۡ وَٱلسَّلَٰسِلُ يُسۡحَبُونَ
Yeroo sakaallaaleen sibiilaa mormoowwan isaaniitti kaayame, Sansaloonni (itti diramee) niharkifaman.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِي ٱلۡحَمِيمِ ثُمَّ فِي ٱلنَّارِ يُسۡجَرُونَ
Bishaan danfaa keessa (harkifamanii) ergasii ibidda keessatti gubamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ قِيلَ لَهُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡ تُشۡرِكُونَ
Ergasii isaaniin jedhama “Isaan Rabbitti qindeessaa turtan sun eessa jiran?”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالُواْ ضَلُّواْ عَنَّا بَل لَّمۡ نَكُن نَّدۡعُواْ مِن قَبۡلُ شَيۡـٔٗاۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ ٱللَّهُ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Rabbiin ala (gabbaraa kan turtan) nijedhan “Nu jalaa badaniiru Lakkisaa nuti asiin dura homaa gabbaraa hin turre!” Akka kanatti Rabbiin kaafiroota jallisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكُم بِمَا كُنتُمۡ تَفۡرَحُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَبِمَا كُنتُمۡ تَمۡرَحُونَ
“Kun waan dachii irratti haqaan ala gammadaa turtaniifi waan daangaa dabroo taataniifi”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱدۡخُلُوٓاْ أَبۡوَٰبَ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَاۖ فَبِئۡسَ مَثۡوَى ٱلۡمُتَكَبِّرِينَ
“Balbalaalee jahannam ishee keessatti hafoo ta’aa seenaa; (isheen) teessoo warra boontotaa ta’uun waa fokkate!” (isaaniin jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱصۡبِرۡ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞۚ فَإِمَّا نُرِيَنَّكَ بَعۡضَ ٱلَّذِي نَعِدُهُمۡ أَوۡ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِلَيۡنَا يُرۡجَعُونَ
Obsi Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Yoo garii waan waadaa isaaniif gallee si agarsiifne (waa tole); yookiin yoo si ajjeefne, garuma keenya deebifamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا رُسُلٗا مِّن قَبۡلِكَ مِنۡهُم مَّن قَصَصۡنَا عَلَيۡكَ وَمِنۡهُم مَّن لَّمۡ نَقۡصُصۡ عَلَيۡكَۗ وَمَا كَانَ لِرَسُولٍ أَن يَأۡتِيَ بِـَٔايَةٍ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۚ فَإِذَا جَآءَ أَمۡرُ ٱللَّهِ قُضِيَ بِٱلۡحَقِّ وَخَسِرَ هُنَالِكَ ٱلۡمُبۡطِلُونَ
Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirra. Isaan irraa warra seenaa isaanii siif himnetu jira. Isaan irraas warra seenaa isaanii siif hin himintu jiru. Ergamaan tokko hayyama Rabbiitiin ala keeyyata tokkoon dhufuu hin danda’u. Yeroo ajajni Rabbii dhufe, (dhimmichi) dhugaan murteeffama. Kijibdoonni achitti ni hoonga’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَنۡعَٰمَ لِتَرۡكَبُواْ مِنۡهَا وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ
Rabbiin Isa beyladoota, (garii ishee) yaabbattanii, (garii immoo) nyaattaniif isinii uumeedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَكُمۡ فِيهَا مَنَٰفِعُ وَلِتَبۡلُغُواْ عَلَيۡهَا حَاجَةٗ فِي صُدُورِكُمۡ وَعَلَيۡهَا وَعَلَى ٱلۡفُلۡكِ تُحۡمَلُونَ
Isiniif isaan keessa bu’aa adda addaatu jira. Akka dhimmoota qomoota keessan keessatti yaaddan ittiin bakkaan ga’attaniif (isinii uume). isaan irrattiifi dooniiwwan irratti baadhatamtanii (dachiifi bishaan keesa adeemtu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيُرِيكُمۡ ءَايَٰتِهِۦ فَأَيَّ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ تُنكِرُونَ
Inni mallattoolee Isaa isin agarsiisa. Mallattoowwan Rabbii irraa kam mormitu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَيَنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۚ كَانُوٓاْ أَكۡثَرَ مِنۡهُمۡ وَأَشَدَّ قُوَّةٗ وَءَاثَارٗا فِي ٱلۡأَرۡضِ فَمَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Sila dachii keessa deemanii, booddeen warra isaan duraa akkam akka ta’e hin ilaallee? Isaan irra bay’ee, humnaanis irra ciccimoo, dachii keessatti faana dhiisuunis isaan caalu turan. wanti isaan dachii keessatti hojjachaa turan (adabbii) irraa isaan hin duroomsine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَآءَتۡهُمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَرِحُواْ بِمَا عِندَهُم مِّنَ ٱلۡعِلۡمِ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Yeroo ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufan, beekumsa irraa waan isaan bira jirutti gammadanii (boonan). Wanti isaan itti qishnaa turan isaanitti qubate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا رَأَوۡاْ بَأۡسَنَا قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ وَحۡدَهُۥ وَكَفَرۡنَا بِمَا كُنَّا بِهِۦ مُشۡرِكِينَ
Yeroo adabbii keenya argan ni jedhan: “Rabbitti amanne; tokkichoomsine waan Isatti qindeessaa turrettis kafarre.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمۡ يَكُ يَنفَعُهُمۡ إِيمَٰنُهُمۡ لَمَّا رَأَوۡاْ بَأۡسَنَاۖ سُنَّتَ ٱللَّهِ ٱلَّتِي قَدۡ خَلَتۡ فِي عِبَادِهِۦۖ وَخَسِرَ هُنَالِكَ ٱلۡكَٰفِرُونَ
Amanuun isaanii kan isaan fayyadu hin taane erga adabbii keenya arganii booda (Sun) karaa Rabbii kan gabroota Isaa keessatti dabreedha. Kaafiroonni achitti hoonga’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ጋፊር
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት