Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አዝ ዙኽሩፍ   አንቀጽ:
وَلِبُيُوتِهِمۡ أَبۡوَٰبٗا وَسُرُرًا عَلَيۡهَا يَتَّكِـُٔونَ
Manneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَزُخۡرُفٗاۚ وَإِن كُلُّ ذَٰلِكَ لَمَّا مَتَٰعُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَٱلۡأٓخِرَةُ عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُتَّقِينَ
Faayaas (ni goonaaf) Kun hunduu qananii jiruu addunyaa qofa. Aakhiraan Gooftaa kee biratti warra Rabbiin sodaataniifi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَن يَعۡشُ عَن ذِكۡرِ ٱلرَّحۡمَٰنِ نُقَيِّضۡ لَهُۥ شَيۡطَٰنٗا فَهُوَ لَهُۥ قَرِينٞ
Nama gorsa (Qur’aana) Rahmaan irraa gara gale, sheeyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُمۡ لَيَصُدُّونَهُمۡ عَنِ ٱلسَّبِيلِ وَيَحۡسَبُونَ أَنَّهُم مُّهۡتَدُونَ
Isaanis karaa (Rabbii) irraa isaan dhorgu; isaan immoo qajeeloo uf sehan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَنَا قَالَ يَٰلَيۡتَ بَيۡنِي وَبَيۡنَكَ بُعۡدَ ٱلۡمَشۡرِقَيۡنِ فَبِئۡسَ ٱلۡقَرِينُ
Hanga nutti dhufee “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedha. Hiriyichi waa fokkate!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَن يَنفَعَكُمُ ٱلۡيَوۡمَ إِذ ظَّلَمۡتُمۡ أَنَّكُمۡ فِي ٱلۡعَذَابِ مُشۡتَرِكُونَ
Har’a isin hin fayyadu waan lubbuu keessan miitaniif, ibidda keessatti waliin jiraachuun keessan (homaa isin hinfayyadu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَأَنتَ تُسۡمِعُ ٱلصُّمَّ أَوۡ تَهۡدِي ٱلۡعُمۡيَ وَمَن كَانَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Sila ati duudaa dhageessiftaa yookiin jaamaa qajeelchitaa, nama jallina ifa ta’e keessa jiru(s niqajeelchitaa)?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِمَّا نَذۡهَبَنَّ بِكَ فَإِنَّا مِنۡهُم مُّنتَقِمُونَ
(Yaa Muhammad!) yoo si deemsifnellee, Nuti isaan irraa haaloo bahatoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوۡ نُرِيَنَّكَ ٱلَّذِي وَعَدۡنَٰهُمۡ فَإِنَّا عَلَيۡهِم مُّقۡتَدِرُونَ
Yookiin isa waadaa isaaniif galle yoo sitti agarsiifne, Nuti isaan irratti danda’oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱسۡتَمۡسِكۡ بِٱلَّذِيٓ أُوحِيَ إِلَيۡكَۖ إِنَّكَ عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Isa gara keetti wahyii godhame san qabadhu. Ati karaa qajeelaa irra jirta.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُۥ لَذِكۡرٞ لَّكَ وَلِقَوۡمِكَۖ وَسَوۡفَ تُسۡـَٔلُونَ
Inni (Qur’aanni) siifi ummata keetiifis gorsa. Fuula dura ni gaafatamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَسۡـَٔلۡ مَنۡ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ مِن رُّسُلِنَآ أَجَعَلۡنَا مِن دُونِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ءَالِهَةٗ يُعۡبَدُونَ
Ergamtoota keenya irraa nama si dura ergine gaafadhu “Sila Rahmaan malee gooftolii gabbaraman taasifnee jirraa?”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ فَقَالَ إِنِّي رَسُولُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Dhugumatti, Muusaa raajiiwwan keenyaan gara Fir’awniifi qoondaaltota isaatti erginee, “ani ergamaa Gooftaa aalama hundaati” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَآءَهُم بِـَٔايَٰتِنَآ إِذَا هُم مِّنۡهَا يَضۡحَكُونَ
Yeroo raajiiwwan keenyaan isaanitti dhufu, isaan yeroo san isheetti kolfu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አዝ ዙኽሩፍ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ተተረጎመ

መዝጋት