የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ፈትህ   አንቀጽ:

Alfat-Habashaa

إِنَّا فَتَحۡنَا لَكَ فَتۡحٗا مُّبِينٗا
(Yaa Muhammad!) Nuti siif banne baniinsa mul'ataa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّيَغۡفِرَ لَكَ ٱللَّهُ مَا تَقَدَّمَ مِن ذَنۢبِكَ وَمَا تَأَخَّرَ وَيُتِمَّ نِعۡمَتَهُۥ عَلَيۡكَ وَيَهۡدِيَكَ صِرَٰطٗا مُّسۡتَقِيمٗا
Akka Rabbiin dilii tee irraa waan dabreefi waan dhufus siif araaramuuf, akka ni’imaa Isaa sirratti guutufi, akka karaa qajeelaa si qajeelchuf jecha (injifannoo ifa ta’e siif kenne).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَنصُرَكَ ٱللَّهُ نَصۡرًا عَزِيزًا
Rabbiin tumsa cimaa sii tumsuuf (si injifachiise).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ ٱلسَّكِينَةَ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ لِيَزۡدَادُوٓاْ إِيمَٰنٗا مَّعَ إِيمَٰنِهِمۡۗ وَلِلَّهِ جُنُودُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا
Inni Isa tasgabbii onneewwan mu’uminootaa keessatti buuse, akka isaan iimaana isaanii wajjiin iimaana dabalataniifi, Waraanni samiifi dachii kanuma Rabbiiti, Rabbiin beekaa ogeessa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّيُدۡخِلَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا وَيُكَفِّرَ عَنۡهُمۡ سَيِّـَٔاتِهِمۡۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عِندَ ٱللَّهِ فَوۡزًا عَظِيمٗا
Mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa jannata isa jala laggeen yaa’an seensisuufi, kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan. diliilee isaanii isaan irraa haquufi, kun Rabbiin biratti milkii guddaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيُعَذِّبَ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ وَٱلۡمُنَٰفِقَٰتِ وَٱلۡمُشۡرِكِينَ وَٱلۡمُشۡرِكَٰتِ ٱلظَّآنِّينَ بِٱللَّهِ ظَنَّ ٱلسَّوۡءِۚ عَلَيۡهِمۡ دَآئِرَةُ ٱلسَّوۡءِۖ وَغَضِبَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمۡ وَلَعَنَهُمۡ وَأَعَدَّ لَهُمۡ جَهَنَّمَۖ وَسَآءَتۡ مَصِيرٗا
Munaafiqoota dhiiraafi dubartootaa azzabuufi, mushrikoota dhiiraafi dhalaas, isaan Rabbi irratti hamtuu yaadan, isaan irratti marsaan hamtuun taatuudha. Rabbiin isaan irratti dallane.isaan abaare, Jahannamiinis isaaniif qopheesse, waa hammaattee deebii tahuun isii!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِلَّهِ جُنُودُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا
Waraanni samiifi dachii (hundi) kan Allaahti. Rabbiin injifataa, ogeessa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّآ أَرۡسَلۡنَٰكَ شَٰهِدٗا وَمُبَشِّرٗا وَنَذِيرٗا
(Yaa Muhammad!) Nuti ragaa, gammachiisaafi sodaachisaa goonee si ergine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّتُؤۡمِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَتُعَزِّرُوهُ وَتُوَقِّرُوهُۚ وَتُسَبِّحُوهُ بُكۡرَةٗ وَأَصِيلًا
(Yaa Namootaa!) Akka isin Allaahfi ergamaa isaatti amantaniifi, isa guddiftanii, kabajjaniifi akkasumas ganamaafi galgala Isa faarsitaniif (isiniif ergine).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يُبَايِعُونَكَ إِنَّمَا يُبَايِعُونَ ٱللَّهَ يَدُ ٱللَّهِ فَوۡقَ أَيۡدِيهِمۡۚ فَمَن نَّكَثَ فَإِنَّمَا يَنكُثُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦۖ وَمَنۡ أَوۡفَىٰ بِمَا عَٰهَدَ عَلَيۡهُ ٱللَّهَ فَسَيُؤۡتِيهِ أَجۡرًا عَظِيمٗا
Isaan ahdii siif seenan, kan isaan ahdii seenan Rabbiifi. Harki Rabbii harkoowwan isaanii gubbaadha. Namni waadaa diige, kan inni waadaa diige lubbuma isaa irratti. Nama waan irratti Rabbiif waadaa gale guute, Inni mindaa guddaa isaa kennuuf jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَيَقُولُ لَكَ ٱلۡمُخَلَّفُونَ مِنَ ٱلۡأَعۡرَابِ شَغَلَتۡنَآ أَمۡوَٰلُنَا وَأَهۡلُونَا فَٱسۡتَغۡفِرۡ لَنَاۚ يَقُولُونَ بِأَلۡسِنَتِهِم مَّا لَيۡسَ فِي قُلُوبِهِمۡۚ قُلۡ فَمَن يَمۡلِكُ لَكُم مِّنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔا إِنۡ أَرَادَ بِكُمۡ ضَرًّا أَوۡ أَرَادَ بِكُمۡ نَفۡعَۢاۚ بَلۡ كَانَ ٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرَۢا
Shanaanota irraa namoonni duubatti hafan “qabeenyalee keenyaafi maatiilee keenyatu nu qabe; Rabbiin araarama nuuf kadhu” siin jechuuf jiru. Waan onneewwan isaanii keessa hin jirre arraboota isaanitiin jedhu. (Yaa Muhammad) eenyutu waan Allaahn barbaade irraa isiniif waa gochuu dandaya? “yoo Inni miidhaa isin irra geessuu yookiin bu’aa isiniif kennuu fedhe, Rabbiin waan isin hojjattan beekaa ta’eera” jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ ظَنَنتُمۡ أَن لَّن يَنقَلِبَ ٱلرَّسُولُ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَ إِلَىٰٓ أَهۡلِيهِمۡ أَبَدٗا وَزُيِّنَ ذَٰلِكَ فِي قُلُوبِكُمۡ وَظَنَنتُمۡ ظَنَّ ٱلسَّوۡءِ وَكُنتُمۡ قَوۡمَۢا بُورٗا
Dhugumatti, Ergamaan Rabbiitiifi mu’uminoonni gara maatii isaanii gonkumaa hindeebi'anii yaaddanii turtan. Sun onneewwan keessan keessatti miidhagfame, yaada hamtuu yaaddan, ummata mancaafamoo taatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَن لَّمۡ يُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ فَإِنَّآ أَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ سَعِيرٗا
Namni Rabbiifi ergamaa Isaatti hin amanin (kaafira). Nuti kaafirootaaf ibidda boba’aa qopheessinee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ يَغۡفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُۚ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
Mootummaan samiileefi dachii kan Rabbiiti, Nama fedheef ni araarama; nama fedhes ni adaba. Rabbiin araaramaa, mararfataa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَيَقُولُ ٱلۡمُخَلَّفُونَ إِذَا ٱنطَلَقۡتُمۡ إِلَىٰ مَغَانِمَ لِتَأۡخُذُوهَا ذَرُونَا نَتَّبِعۡكُمۡۖ يُرِيدُونَ أَن يُبَدِّلُواْ كَلَٰمَ ٱللَّهِۚ قُل لَّن تَتَّبِعُونَا كَذَٰلِكُمۡ قَالَ ٱللَّهُ مِن قَبۡلُۖ فَسَيَقُولُونَ بَلۡ تَحۡسُدُونَنَاۚ بَلۡ كَانُواْ لَا يَفۡقَهُونَ إِلَّا قَلِيلٗا
Isaan duubatti hafan “yeroo gara boojuu, ishee fudhachuuf deemtan isin hordofnaa nu dhiisaa” jedhu. Jecha Rabbii jijjiiruu fedhu. “Nu hin hordoftan! Rabbiin duraanis akkasuma jedhe” jedhiin. “Isin nu waanyitu (hassaddu)” jechuuf jiru. Waa xiqqoo malee hin hubatanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُل لِّلۡمُخَلَّفِينَ مِنَ ٱلۡأَعۡرَابِ سَتُدۡعَوۡنَ إِلَىٰ قَوۡمٍ أُوْلِي بَأۡسٖ شَدِيدٖ تُقَٰتِلُونَهُمۡ أَوۡ يُسۡلِمُونَۖ فَإِن تُطِيعُواْ يُؤۡتِكُمُ ٱللَّهُ أَجۡرًا حَسَنٗاۖ وَإِن تَتَوَلَّوۡاْ كَمَا تَوَلَّيۡتُم مِّن قَبۡلُ يُعَذِّبۡكُمۡ عَذَابًا أَلِيمٗا
Shanaanota irraa isaan duubatti hafaniin jedhi: “gara namoota lolatti cimoo ta’aniitti waamamuuf jirtu; isaaniin loltu yookiin harka kennu. yoo tole jettan, Rabbiin mindaa gaarii isiniif kenna. Yoo akkuma duraan garagaltanitti ammas garagaltan, Inni adabbii laalessaa isin adaba.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّيۡسَ عَلَى ٱلۡأَعۡمَىٰ حَرَجٞ وَلَا عَلَى ٱلۡأَعۡرَجِ حَرَجٞ وَلَا عَلَى ٱلۡمَرِيضِ حَرَجٞۗ وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ يُدۡخِلۡهُ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۖ وَمَن يَتَوَلَّ يُعَذِّبۡهُ عَذَابًا أَلِيمٗا
(Lola irraa hafuudhaan) jaamaa irra badiin hin jiru. Hokkolaa irras badiin hin jiru. Dhukkubsataa irras diliin hin jiru. Nama Rabbiifi ergamaa isaatif ajajame, (Rabbiin) jannatoowwan laggeen ishee jala yaatu isa seensisa. Nama irraa garagale immoo adabbii laalessaa isa adaba.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ لَّقَدۡ رَضِيَ ٱللَّهُ عَنِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ إِذۡ يُبَايِعُونَكَ تَحۡتَ ٱلشَّجَرَةِ فَعَلِمَ مَا فِي قُلُوبِهِمۡ فَأَنزَلَ ٱلسَّكِينَةَ عَلَيۡهِمۡ وَأَثَٰبَهُمۡ فَتۡحٗا قَرِيبٗا
(Yaa Muhammad!) Rabbiin mu’uminoota yeroo isaan muka jalatti waadaa siif galan irraa jaallateera. Waan onneewwan isaanii keessa jirus beekeera. Tasgabbii isaan irratti buuse. injifannoo dhihoo ta’e (sulhii hudeebiyaa) isaaniif galata galche.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَغَانِمَ كَثِيرَةٗ يَأۡخُذُونَهَاۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمٗا
Boojii baay’ee ta’e kan isaan fudhatanis (galata galche). Rabbiin injifataa, ogeessa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَعَدَكُمُ ٱللَّهُ مَغَانِمَ كَثِيرَةٗ تَأۡخُذُونَهَا فَعَجَّلَ لَكُمۡ هَٰذِهِۦ وَكَفَّ أَيۡدِيَ ٱلنَّاسِ عَنكُمۡ وَلِتَكُونَ ءَايَةٗ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ وَيَهۡدِيَكُمۡ صِرَٰطٗا مُّسۡتَقِيمٗا
Rabbiin boojuu baay’ee kan ishee fudhattan waadaa isiniif galeera. Ishee kana immoo isiniif jarjarse. Harkoowwan namootaa isin irraa qabe. (Kanas kan godhe) akka isheen mu’uminootaaf mallattoo taatuufi, karaa qajeelaa isin qajeelchuufi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأُخۡرَىٰ لَمۡ تَقۡدِرُواْ عَلَيۡهَا قَدۡ أَحَاطَ ٱللَّهُ بِهَاۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٗا
(Injifannoofi boojuu) biraa kan isin irratti hindandayin, kan Rabbiin dhugumatti ishee marsetu jira. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ قَٰتَلَكُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوَلَّوُاْ ٱلۡأَدۡبَٰرَ ثُمَّ لَا يَجِدُونَ وَلِيّٗا وَلَا نَصِيرٗا
Isaan kafaran odoo isinin lolaniiyyuu, dugdota garagalan. eegasii tiksaafi tumsaa hin argatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سُنَّةَ ٱللَّهِ ٱلَّتِي قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلُۖ وَلَن تَجِدَ لِسُنَّةِ ٱللَّهِ تَبۡدِيلٗا
Karaa Rabbii kan dhugumatti duraan dabarte (karaa godhe). Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي كَفَّ أَيۡدِيَهُمۡ عَنكُمۡ وَأَيۡدِيَكُمۡ عَنۡهُم بِبَطۡنِ مَكَّةَ مِنۢ بَعۡدِ أَنۡ أَظۡفَرَكُمۡ عَلَيۡهِمۡۚ وَكَانَ ٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرًا
Innis Isa harka isaanii isin irraa, harka keessanis isaan irraa qabeedha Laga Makkaa keessatti. erga isaan irratti isin moosisee booda. Rabbiin waan isin hojjattan argaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَصَدُّوكُمۡ عَنِ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ وَٱلۡهَدۡيَ مَعۡكُوفًا أَن يَبۡلُغَ مَحِلَّهُۥۚ وَلَوۡلَا رِجَالٞ مُّؤۡمِنُونَ وَنِسَآءٞ مُّؤۡمِنَٰتٞ لَّمۡ تَعۡلَمُوهُمۡ أَن تَطَـُٔوهُمۡ فَتُصِيبَكُم مِّنۡهُم مَّعَرَّةُۢ بِغَيۡرِ عِلۡمٖۖ لِّيُدۡخِلَ ٱللَّهُ فِي رَحۡمَتِهِۦ مَن يَشَآءُۚ لَوۡ تَزَيَّلُواْ لَعَذَّبۡنَا ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡهُمۡ عَذَابًا أَلِيمًا
Isaan warra kafaranii, masjiida kabajamaa (seenuu) irraa isin dhorganii, horii wareegaas hidhamaa tahee akka iddoo qalma isaanii hin geenye (dhorgan). Odoo dhiirotiin mu’uminoota ta’aniifi dubartoonni mu’uminoota ta’an kan isin hin beekne jiraachuu baatanii; isin isaan irra ejjachuun (ajjeesuun) jiraachuu baatee; odoo hin beekin isaan irraa rakkinni (diliin) isin tuquun jiraachuu baatee (Rabbiin isiniif hayyama ture). Rabbiin nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisuuf (hin hayyamini). Odoo (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahanii silaa isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaa ta’een adabna turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ جَعَلَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فِي قُلُوبِهِمُ ٱلۡحَمِيَّةَ حَمِيَّةَ ٱلۡجَٰهِلِيَّةِ فَأَنزَلَ ٱللَّهُ سَكِينَتَهُۥ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ وَعَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَأَلۡزَمَهُمۡ كَلِمَةَ ٱلتَّقۡوَىٰ وَكَانُوٓاْ أَحَقَّ بِهَا وَأَهۡلَهَاۚ وَكَانَ ٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٗا
Yeroo warri kafare qalbii isaanii keessa haaloo, hinaaffaa wallaaltotaa godhee, Rabbiin tasgabbii isaa ergamaa isaatiifi mu’uminoota irratti buusee. jecha sodaa (Isaa) isaan qabachiise [yaadadhu]. Isaanumatu ishee haqa godhatee, warra ishee ta’e. Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّقَدۡ صَدَقَ ٱللَّهُ رَسُولَهُ ٱلرُّءۡيَا بِٱلۡحَقِّۖ لَتَدۡخُلُنَّ ٱلۡمَسۡجِدَ ٱلۡحَرَامَ إِن شَآءَ ٱللَّهُ ءَامِنِينَ مُحَلِّقِينَ رُءُوسَكُمۡ وَمُقَصِّرِينَ لَا تَخَافُونَۖ فَعَلِمَ مَا لَمۡ تَعۡلَمُواْ فَجَعَلَ مِن دُونِ ذَٰلِكَ فَتۡحٗا قَرِيبًا
Rabbiin ergamaa Isaatiif manaama haqaan dhugoomsee jira. Yoo Rabbiin fedhe masjiida kabajamaa niseentu, nagayaan mataalee keessan haaddachaa, (gariinis) gabaabsachaa, odoo hin sodaanne. Inni (Rabbiin) waan isin hin beekin beekeeti sanaa asitti injifannoo dhihoo (araara hudeeybiyaa) godhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱلَّذِيٓ أَرۡسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلۡهُدَىٰ وَدِينِ ٱلۡحَقِّ لِيُظۡهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدٗا
Inni Isa ergamaa Isaa erge qajeelloofi amantii dhugaatiin. amantii hunda irratti ol isa taasisuuf. Ragaaf Rabbiin ga’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُّحَمَّدٞ رَّسُولُ ٱللَّهِۚ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥٓ أَشِدَّآءُ عَلَى ٱلۡكُفَّارِ رُحَمَآءُ بَيۡنَهُمۡۖ تَرَىٰهُمۡ رُكَّعٗا سُجَّدٗا يَبۡتَغُونَ فَضۡلٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِضۡوَٰنٗاۖ سِيمَاهُمۡ فِي وُجُوهِهِم مِّنۡ أَثَرِ ٱلسُّجُودِۚ ذَٰلِكَ مَثَلُهُمۡ فِي ٱلتَّوۡرَىٰةِۚ وَمَثَلُهُمۡ فِي ٱلۡإِنجِيلِ كَزَرۡعٍ أَخۡرَجَ شَطۡـَٔهُۥ فَـَٔازَرَهُۥ فَٱسۡتَغۡلَظَ فَٱسۡتَوَىٰ عَلَىٰ سُوقِهِۦ يُعۡجِبُ ٱلزُّرَّاعَ لِيَغِيظَ بِهِمُ ٱلۡكُفَّارَۗ وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ مِنۡهُم مَّغۡفِرَةٗ وَأَجۡرًا عَظِيمَۢا
Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaan wajjii kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoodha. rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argita Tolaafi jaalala Rabbii barbaadan. Mallattooleen isaanii fuulleen isaanii keessa jira kan faanaa sujuudaa irraa ta’e. Sun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaati. Fakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbateeti. facaafattoota jaalachiise. (Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufi. Rabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ፈትህ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት