የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሐሽር   አንቀጽ:

Alhashr

سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni Injifataa Ogeessa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱلَّذِيٓ أَخۡرَجَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ مِن دِيَٰرِهِمۡ لِأَوَّلِ ٱلۡحَشۡرِۚ مَا ظَنَنتُمۡ أَن يَخۡرُجُواْۖ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُم مَّانِعَتُهُمۡ حُصُونُهُم مِّنَ ٱللَّهِ فَأَتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِنۡ حَيۡثُ لَمۡ يَحۡتَسِبُواْۖ وَقَذَفَ فِي قُلُوبِهِمُ ٱلرُّعۡبَۚ يُخۡرِبُونَ بُيُوتَهُم بِأَيۡدِيهِمۡ وَأَيۡدِي ٱلۡمُؤۡمِنِينَ فَٱعۡتَبِرُواْ يَٰٓأُوْلِي ٱلۡأَبۡصَٰرِ
Inni Isa abbootii kitaabaa irraa isaan kafaran godaansa jalqabaatiif gandoota isaanii irraa baaseedha. Bahuu isaanii isin hin yaadne turtan. Isaanis da'annoowwan isaanii Rabbi irraa nu dhowwa jechuu yaadani. Rabbiin bakka isaan hin yaadin irraan isaanitti dhufee, onneelee isaanii keessatti sodaa darbe. Manneen isaanii harkoowwan isaaniifi harkoowwan mu’uminootaatiin diigan. Yaa warra sammuulee mee xiinxalaa!!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡلَآ أَن كَتَبَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمُ ٱلۡجَلَآءَ لَعَذَّبَهُمۡ فِي ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ عَذَابُ ٱلنَّارِ
Odoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) baqa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adaba ture. Isaaniif Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ شَآقُّواْ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥۖ وَمَن يُشَآقِّ ٱللَّهَ فَإِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Kun sababa isaan (ajaja) Rabbiifi ergamaa Isaa didaniifi. Nama (ajaja) Rabbii dide (Rabbiin isa adaba) Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا قَطَعۡتُم مِّن لِّينَةٍ أَوۡ تَرَكۡتُمُوهَا قَآئِمَةً عَلَىٰٓ أُصُولِهَا فَبِإِذۡنِ ٱللَّهِ وَلِيُخۡزِيَ ٱلۡفَٰسِقِينَ
Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini. (wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنۡهُمۡ فَمَآ أَوۡجَفۡتُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ خَيۡلٖ وَلَا رِكَابٖ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يُسَلِّطُ رُسُلَهُۥ عَلَىٰ مَن يَشَآءُۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Waan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifne. Garuu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisa. Rabbiin waan hunda irratti danda'aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡقُرَىٰ فَلِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينِ وَٱبۡنِ ٱلسَّبِيلِ كَيۡ لَا يَكُونَ دُولَةَۢ بَيۡنَ ٱلۡأَغۡنِيَآءِ مِنكُمۡۚ وَمَآ ءَاتَىٰكُمُ ٱلرَّسُولُ فَخُذُوهُ وَمَا نَهَىٰكُمۡ عَنۡهُ فَٱنتَهُواْۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Wanti Rabbiin (qabeenya) warra magaalaa irraa ergamaa Isaa irratti deebise Rabbiifi, ergamaafi, fira dhihoo (ergamaa)fi, yatiimotaafi, hiyyeeyyiifi nama imala irra jiruuf (haqa godhame). akka jidduu dureeyyii isin irraa ta'aniitti kan naanna'u hin taaneef jecha. Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kenne qabadhaa. Waan inni irraa isin dhowwes dhowwamaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِلۡفُقَرَآءِ ٱلۡمُهَٰجِرِينَ ٱلَّذِينَ أُخۡرِجُواْ مِن دِيَٰرِهِمۡ وَأَمۡوَٰلِهِمۡ يَبۡتَغُونَ فَضۡلٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِضۡوَٰنٗا وَيَنصُرُونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصَّٰدِقُونَ
Hiyyeeyyii godaantotaa warra manneeniifi qabeenya isaanii irraa baafamaniif tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaatii tumsuuf jecha (baafamaniif kennama). Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ تَبَوَّءُو ٱلدَّارَ وَٱلۡإِيمَٰنَ مِن قَبۡلِهِمۡ يُحِبُّونَ مَنۡ هَاجَرَ إِلَيۡهِمۡ وَلَا يَجِدُونَ فِي صُدُورِهِمۡ حَاجَةٗ مِّمَّآ أُوتُواْ وَيُؤۡثِرُونَ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ وَلَوۡ كَانَ بِهِمۡ خَصَاصَةٞۚ وَمَن يُوقَ شُحَّ نَفۡسِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Warri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana (qabatan), namoota gara isaanii godaanan ni jaallatu. Waan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganu. lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) dursu osoo rakkoon isaanitti jiraatellee. Namni doynummaa lubbuu isaa tikfaman, isaan isaanumaatu milkaa’oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ جَآءُو مِنۢ بَعۡدِهِمۡ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱغۡفِرۡ لَنَا وَلِإِخۡوَٰنِنَا ٱلَّذِينَ سَبَقُونَا بِٱلۡإِيمَٰنِ وَلَا تَجۡعَلۡ فِي قُلُوبِنَا غِلّٗا لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ رَبَّنَآ إِنَّكَ رَءُوفٞ رَّحِيمٌ
Warri booda isaaniitii dhufan nijedhan "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami. onneewwan Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisin. Gooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha".
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ نَافَقُواْ يَقُولُونَ لِإِخۡوَٰنِهِمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ لَئِنۡ أُخۡرِجۡتُمۡ لَنَخۡرُجَنَّ مَعَكُمۡ وَلَا نُطِيعُ فِيكُمۡ أَحَدًا أَبَدٗا وَإِن قُوتِلۡتُمۡ لَنَنصُرَنَّكُمۡ وَٱللَّهُ يَشۡهَدُ إِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Sila gara warra munaafiqa ta'anii hin ilaallee? Obboleeyyan isaanii kan warra kitaabaa irraa ta'anii kafaraniin ni jedhu "Yoo isin baafamtaniif isinii wajjiin baana; waa'ee keessan keessattis yoomuu, eenyuuniyyuu hin ajajamnu; yoo isin lolamtanis dhugaatti isin gargaarra". Rabbiinis akka isaan kijibdoota ta'an ragaa ba'a.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَئِنۡ أُخۡرِجُواْ لَا يَخۡرُجُونَ مَعَهُمۡ وَلَئِن قُوتِلُواْ لَا يَنصُرُونَهُمۡ وَلَئِن نَّصَرُوهُمۡ لَيُوَلُّنَّ ٱلۡأَدۡبَٰرَ ثُمَّ لَا يُنصَرُونَ
yoo isaan baafamani isaanii wajjiin hin ba'anu; yoo isaan lolaman isaanii hin tumsanu; odoma isaanii tumsaniiyyuu dugda duuba gara galu (ni dheessu); ergasii his hin tumsamanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَأَنتُمۡ أَشَدُّ رَهۡبَةٗ فِي صُدُورِهِم مِّنَ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمٞ لَّا يَفۡقَهُونَ
Dhugumatti, isintu gama sodaatamuutiin onnee isaanii keessatti Rabbi irra cimaadha. Kun waan isaan ummata hin hubanne ta'aniifi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا يُقَٰتِلُونَكُمۡ جَمِيعًا إِلَّا فِي قُرٗى مُّحَصَّنَةٍ أَوۡ مِن وَرَآءِ جُدُرِۭۚ بَأۡسُهُم بَيۡنَهُمۡ شَدِيدٞۚ تَحۡسَبُهُمۡ جَمِيعٗا وَقُلُوبُهُمۡ شَتَّىٰۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمٞ لَّا يَعۡقِلُونَ
Waliin ta'anii isin hin waraanan Yoo magaalota da'annaan marfamte keessa ta'an yookiin dallaa duubaan ta'e malee. Diinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadha. tokkummaa qaban isaan seeta onneewwan isaanii qoqqoodamtuudha. Kun waan isaan namoota hin xiinxalline ta'aniifi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَمَثَلِ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ قَرِيبٗاۖ ذَاقُواْ وَبَالَ أَمۡرِهِمۡ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
(Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti adabbii sani. dalagaa isaanii dhandhaman. Isaaniif adabbii laalessaatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَمَثَلِ ٱلشَّيۡطَٰنِ إِذۡ قَالَ لِلۡإِنسَٰنِ ٱكۡفُرۡ فَلَمَّا كَفَرَ قَالَ إِنِّي بَرِيٓءٞ مِّنكَ إِنِّيٓ أَخَافُ ٱللَّهَ رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Akka fakkii sheyxaanaa yeroo inni ilma namaatiin kafari jedhe. yeroo inni kafare "ani sirraa qulqulluudha; ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha" jedheeti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَكَانَ عَٰقِبَتَهُمَآ أَنَّهُمَا فِي ٱلنَّارِ خَٰلِدَيۡنِ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ جَزَٰٓؤُاْ ٱلظَّٰلِمِينَ
Xumurri isaan lamaaniituu ibidda keessa ta'uudha tahe keessatti hafoo ta'anii. Kun galata zaalimtootaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلۡتَنظُرۡ نَفۡسٞ مَّا قَدَّمَتۡ لِغَدٖۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Lubbuun tamuu waan boruuf durfatte haa laaltu. Rabbiin sodaadhaa Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَكُونُواْ كَٱلَّذِينَ نَسُواْ ٱللَّهَ فَأَنسَىٰهُمۡ أَنفُسَهُمۡۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ
Akka warra Rabbiin dagatanii lubbuulee isaanii isaan dagachiisee hin ta'inaa, Isaan isaanumatu finciltoota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا يَسۡتَوِيٓ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۚ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ هُمُ ٱلۡفَآئِزُونَ
Warri ibiddaafi warri Jannataa wal hin qixxaatan. Warri Jannataa isaanumatu milkaa'oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَوۡ أَنزَلۡنَا هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ عَلَىٰ جَبَلٖ لَّرَأَيۡتَهُۥ خَٰشِعٗا مُّتَصَدِّعٗا مِّنۡ خَشۡيَةِ ٱللَّهِۚ وَتِلۡكَ ٱلۡأَمۡثَٰلُ نَضۡرِبُهَا لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَتَفَكَّرُونَ
Odoo Qur'aana kana gaara irratti buufnee, silaa isa nigarta sodaataa dhodhoohaa sodaa Rabbiirraa. Fakkeenyota tana namootaaf taasifna akka isaan xiinxalaniif.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِۖ هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ
Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre. (Inni) Beekaa fagoofi dhihooti. Inni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡقُدُّوسُ ٱلسَّلَٰمُ ٱلۡمُؤۡمِنُ ٱلۡمُهَيۡمِنُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡجَبَّارُ ٱلۡمُتَكَبِّرُۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa (toohataa), injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha. Rabbiin qulqullaa'e Waan isaan qindeessan hunda irraa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡخَٰلِقُ ٱلۡبَارِئُ ٱلۡمُصَوِّرُۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Inni Rabbii, Uumoo (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, kan bocaa bareechaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaariitu jira. Wantoonni samiileefi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሐሽር
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት