Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አል-አንዓም   አንቀጽ:
وَلَوۡ جَعَلۡنَٰهُ مَلَكٗا لَّجَعَلۡنَٰهُ رَجُلٗا وَلَلَبَسۡنَا عَلَيۡهِم مَّا يَلۡبِسُونَ
Odoma (nabiyyicha) maleykaa isa gooneeyyuu dhugumatti silaa (nama) dhiira isa taasifneeti waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeesina turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدِ ٱسۡتُهۡزِئَ بِرُسُلٖ مِّن قَبۡلِكَ فَحَاقَ بِٱلَّذِينَ سَخِرُواْ مِنۡهُم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Dhugumatti, ergamoota si dura turanitti qoosamee ture. Isaan irraa warra qoosanitti wanti isaan itti qoosaa turan isaanitti marse.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ سِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ ثُمَّ ٱنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُكَذِّبِينَ
Jedhi: "dachii keessa deemaa; ergasii booddeen warra dhugaa kijibsiisee akkam akka ta’e ilaalaa."
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُل لِّمَن مَّا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ قُل لِّلَّهِۚ كَتَبَ عَلَىٰ نَفۡسِهِ ٱلرَّحۡمَةَۚ لَيَجۡمَعَنَّكُمۡ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ لَا رَيۡبَ فِيهِۚ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ فَهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ
"Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran hundi kan eenyuuti?" jedhi. “Kan Rabbiiti” jedhi. Lubbuu Isaa irratti rahmata barreessee jira. Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa mamiin isa keessa hin jirreef walitti isin qaba. Isaan lubbuulee isaanii hoongessan, isaan hin amananu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَلَهُۥ مَا سَكَنَ فِي ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِۚ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Wanti halkaniifi guyyaa keessa callises kan isaati. Inni dhagayaa, beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ أَتَّخِذُ وَلِيّٗا فَاطِرِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَهُوَ يُطۡعِمُ وَلَا يُطۡعَمُۗ قُلۡ إِنِّيٓ أُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ أَوَّلَ مَنۡ أَسۡلَمَۖ وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
Jedhi "Sila Rabbiin malee gabbaramaa biraa godhadhaa? (inni) uumaa samiifi dachiiti, inni ni nyaachisa hin nyaatu". jedhi "Ani jalqaba nama Rabbiif bulee ta'uuttin ajajame. Mushrikoota irraas hin ta'in (naan jedhame)".
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ إِنِّيٓ أَخَافُ إِنۡ عَصَيۡتُ رَبِّي عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٖ
"Ani yoon Gooftaa kiyyatti dilaaye adabbii guyyaa guddaan sodaadha" jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّن يُصۡرَفۡ عَنۡهُ يَوۡمَئِذٖ فَقَدۡ رَحِمَهُۥۚ وَذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡمُبِينُ
Namni guyyaa san isa (adabicha) irraa deebifame, dhugumatti (Rabbiin) isa mararfateera. Kun milkii guddaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن يَمۡسَسۡكَ ٱللَّهُ بِضُرّٖ فَلَا كَاشِفَ لَهُۥٓ إِلَّا هُوَۖ وَإِن يَمۡسَسۡكَ بِخَيۡرٖ فَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Yoo Rabbiin miidhaan si tuqe, Isa malee deemsisaan isaaf hin jiru. Yoo toltuudhaan si tuqe, Inni waan hunda irratti danda’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلۡقَاهِرُ فَوۡقَ عِبَادِهِۦۚ وَهُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡخَبِيرُ
Inni gabroota Isaa irratti mo’ataadha. Inni ogeessa, keessa beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አል-አንዓም
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

ተረጎመዋ ጋሊ አባቡር አባጉና።

መዝጋት