Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ইউনুছ   আয়াত:
أَلَآ إِنَّ أَوۡلِيَآءَ ٱللَّهِ لَا خَوۡفٌ عَلَيۡهِمۡ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ
Dhagayaa! Dhugumatti, jaalalleewwan Rabbii sodaan isaan irra hin jiraatu; isaan hin gaddanis.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ
Isaan warra amananii, (Rabbiin) sodaachaa turaniidha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
لَهُمُ ٱلۡبُشۡرَىٰ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَفِي ٱلۡأٓخِرَةِۚ لَا تَبۡدِيلَ لِكَلِمَٰتِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Isaaniif jireenya addunyaa keessatti ta’ee kan Aakhiraa keessatti gammachuutu jira. Jechoota Rabbii jijjiiraan hin jiru. Sun isumatu milkii guddaadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَلَا يَحۡزُنكَ قَوۡلُهُمۡۘ إِنَّ ٱلۡعِزَّةَ لِلَّهِ جَمِيعًاۚ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Jechi isaanii si hin gaddisiisin. Dhugumatti, jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Inni dhaga’aa, beekaadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَلَآ إِنَّ لِلَّهِ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَمَا يَتَّبِعُ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ شُرَكَآءَۚ إِن يَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّ وَإِنۡ هُمۡ إِلَّا يَخۡرُصُونَ
Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru kan Rabbiiti. Isaan Rabbiin ala wantoota biraa gabbaran, dhugaatti qindiifamoota hin hordofanu. hinhordofan mamii malee. isaan kijiba qofa uumanii odeessoo malee hintaane.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
هُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ لِتَسۡكُنُواْ فِيهِ وَٱلنَّهَارَ مُبۡصِرًاۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَسۡمَعُونَ
Inni (Rabbiin) Isa halkan akka isa keessa boqattan, isiniif taasiseedha, guyyaas immoo kan ibsu. Dhugumatti, kana keessa namoota dhagayaniif mallattooleetu jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدٗاۗ سُبۡحَٰنَهُۥۖ هُوَ ٱلۡغَنِيُّۖ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ إِنۡ عِندَكُم مِّن سُلۡطَٰنِۭ بِهَٰذَآۚ أَتَقُولُونَ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
“Rabbiin ilma godhate” jedhu. Inni (kana) irraa qulqullaa’ee jira. Inni durreessa, Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru kan Isaati, Kanatti ragaa homaatuu hin qabdan. Sila waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قُلۡ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَفۡتَرُونَ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَ لَا يُفۡلِحُونَ
“Dhugumatti, isaan Rabbi irratti kijiba uumanu hin milkaa’anu” jedhi.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
مَتَٰعٞ فِي ٱلدُّنۡيَا ثُمَّ إِلَيۡنَا مَرۡجِعُهُمۡ ثُمَّ نُذِيقُهُمُ ٱلۡعَذَابَ ٱلشَّدِيدَ بِمَا كَانُواْ يَكۡفُرُونَ
(Kun) qananii addunyaa keessatti taateedha. Ergasii deebiin isaanii gara keenyatti qofa ta’a, Ergasii waan isaan kafaraa turaniif adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ইউনুছ
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ