Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-হজ্জ   আয়াত:
وَكَذَٰلِكَ أَنزَلۡنَٰهُ ءَايَٰتِۭ بَيِّنَٰتٖ وَأَنَّ ٱللَّهَ يَهۡدِي مَن يُرِيدُ
Akka kanatti keeyyattoota ifa bahaa goonee isa buufne, Rabbiin nama fedhe qajeelcha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَٱلَّذِينَ هَادُواْ وَٱلصَّٰبِـِٔينَ وَٱلنَّصَٰرَىٰ وَٱلۡمَجُوسَ وَٱلَّذِينَ أَشۡرَكُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ يَفۡصِلُ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٌ
Dhugumatti, isaan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonni, kiristaanonni, majuusonniifi isaan mushrikoota ta’an; Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa, Dhugumatti, Allaah’n waan hunda irratti ragaadha.[1]
[1] asitti Rabbiin garee hedduu dubbate, saabi'oota jechuun warra amantaa takkallee hinqabne kan amantaa malee jiraatuudha. majuusaan ammoo warra ibidda gabbaru, mushriktoonni warra taabotaafii umamtoota adda addaa gabbaruudha. Rabbiin guyyaa qiyaamaa isaan jiddutti murteessa, warra isatti amane (muimintoota) jannata naqa, kaafirtoota ibidda seensisa.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يَسۡجُدُۤ لَهُۥۤ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ وَٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ وَٱلنُّجُومُ وَٱلۡجِبَالُ وَٱلشَّجَرُ وَٱلدَّوَآبُّ وَكَثِيرٞ مِّنَ ٱلنَّاسِۖ وَكَثِيرٌ حَقَّ عَلَيۡهِ ٱلۡعَذَابُۗ وَمَن يُهِنِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن مُّكۡرِمٍۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَفۡعَلُ مَا يَشَآءُ۩
Sila ati hingarree akka Rabbiif sujuudu wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiruus, (akkasuma) aduun, jiini, urjiiwwan, gaarreen, mukkeen, lubbu qabeeyyiifi hedduun namarraa tahes (sujuuda Isaaf godhan hin arginee?) (Namoota) baay’ee azaabni isa irratti mirkanaa’ee jira, Nama Rabbiin isa salphise immoo namni isa kabaju hin jiru, Dhugumatti, Rabbiin waan fedhe hojjata. [1]
[1] bakka tanas sujuuda qaraatii (tilaawaattu) jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
۞ هَٰذَانِ خَصۡمَانِ ٱخۡتَصَمُواْ فِي رَبِّهِمۡۖ فَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ قُطِّعَتۡ لَهُمۡ ثِيَابٞ مِّن نَّارٖ يُصَبُّ مِن فَوۡقِ رُءُوسِهِمُ ٱلۡحَمِيمُ
Gareen kun lamaan warra Rabbii isaanii keessatti wal falmaniidha, Isaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif murame. mataalee isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
يُصۡهَرُ بِهِۦ مَا فِي بُطُونِهِمۡ وَٱلۡجُلُودُ
Isa sanaan wanti garaalee isaanii keessa jiruufi gogaaleen (isaanii) bayfama.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَلَهُم مَّقَٰمِعُ مِنۡ حَدِيدٖ
Jirma sibiila irraa ta’etu isaaniif jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
كُلَّمَآ أَرَادُوٓاْ أَن يَخۡرُجُواْ مِنۡهَا مِنۡ غَمٍّ أُعِيدُواْ فِيهَا وَذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡحَرِيقِ
Dhawaata isaan ishee irraa ba’uu fedhaniin yaaddoodhaan ishee keessatti deebifaman, “Adaba gubaa dhandhamaa” (jedhamani).
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّ ٱللَّهَ يُدۡخِلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ يُحَلَّوۡنَ فِيهَا مِنۡ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٖ وَلُؤۡلُؤٗاۖ وَلِبَاسُهُمۡ فِيهَا حَرِيرٞ
Rabbiin warreen amananii, gaggaarii hojjatan Jannata laggeen jala ishee yaatu seensisa, Ishee keessatti gumeewwan (kilkillee) warqeefi faaya irraa ta’an uffifamu. Uffanni isaanii ishee keessatti hariira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-হজ্জ
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ