Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: চ'দ   আয়াত:
وَوَهَبۡنَا لَهُۥٓ أَهۡلَهُۥ وَمِثۡلَهُم مَّعَهُمۡ رَحۡمَةٗ مِّنَّا وَذِكۡرَىٰ لِأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ
Maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe). Rahmata nubiraa taheefii, gorsa warra sammuu qabaniif jecha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَخُذۡ بِيَدِكَ ضِغۡثٗا فَٱضۡرِب بِّهِۦ وَلَا تَحۡنَثۡۗ إِنَّا وَجَدۡنَٰهُ صَابِرٗاۚ نِّعۡمَ ٱلۡعَبۡدُ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٞ
“Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen). (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarre. Gabricha akkam gaarii ta’e! inni akkaan tawbaa deebi’aadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَٱذۡكُرۡ عِبَٰدَنَآ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَ أُوْلِي ٱلۡأَيۡدِي وَٱلۡأَبۡصَٰرِ
Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّآ أَخۡلَصۡنَٰهُم بِخَالِصَةٖ ذِكۡرَى ٱلدَّارِ
Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine. (Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِنَّهُمۡ عِندَنَا لَمِنَ ٱلۡمُصۡطَفَيۡنَ ٱلۡأَخۡيَارِ
Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَٱذۡكُرۡ إِسۡمَٰعِيلَ وَٱلۡيَسَعَ وَذَا ٱلۡكِفۡلِۖ وَكُلّٞ مِّنَ ٱلۡأَخۡيَارِ
Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
هَٰذَا ذِكۡرٞۚ وَإِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ لَحُسۡنَ مَـَٔابٖ
Kuni (isaaniif) faaruudha. Isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
جَنَّٰتِ عَدۡنٖ مُّفَتَّحَةٗ لَّهُمُ ٱلۡأَبۡوَٰبُ
Jannata qubsumaa kan balballoonni isaaniif banaa ta’antu jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
مُتَّكِـِٔينَ فِيهَا يَدۡعُونَ فِيهَا بِفَٰكِهَةٖ كَثِيرَةٖ وَشَرَابٖ
Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatu. Ishee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
۞ وَعِندَهُمۡ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ أَتۡرَابٌ
Dubartoota (nama biraa ilaaluu irraa) ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِيَوۡمِ ٱلۡحِسَابِ
Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّ هَٰذَا لَرِزۡقُنَا مَا لَهُۥ مِن نَّفَادٍ
Kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
هَٰذَاۚ وَإِنَّ لِلطَّٰغِينَ لَشَرَّ مَـَٔابٖ
Kun (kan mu’uminootaati) Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
جَهَنَّمَ يَصۡلَوۡنَهَا فَبِئۡسَ ٱلۡمِهَادُ
Jahannama ishee seenantu jira. Afatichi waa fokkate!
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
هَٰذَا فَلۡيَذُوقُوهُ حَمِيمٞ وَغَسَّاقٞ
Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَءَاخَرُ مِن شَكۡلِهِۦٓ أَزۡوَٰجٌ
[Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
هَٰذَا فَوۡجٞ مُّقۡتَحِمٞ مَّعَكُمۡ لَا مَرۡحَبَۢا بِهِمۡۚ إِنَّهُمۡ صَالُواْ ٱلنَّارِ
Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin) “Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan).
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالُواْ بَلۡ أَنتُمۡ لَا مَرۡحَبَۢا بِكُمۡۖ أَنتُمۡ قَدَّمۡتُمُوهُ لَنَاۖ فَبِئۡسَ ٱلۡقَرَارُ
(Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhamin. Isintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee!
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالُواْ رَبَّنَا مَن قَدَّمَ لَنَا هَٰذَا فَزِدۡهُ عَذَابٗا ضِعۡفٗا فِي ٱلنَّارِ
Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: চ'দ
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ