Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আন-নিছা   আয়াত:
لِّلرِّجَالِ نَصِيبٞ مِّمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَ وَلِلنِّسَآءِ نَصِيبٞ مِّمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَ مِمَّا قَلَّ مِنۡهُ أَوۡ كَثُرَۚ نَصِيبٗا مَّفۡرُوضٗا
Dhiirotaaf Waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jira. Dubartootaafis waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jira. Waan isa irraa xiqqaateefi guddate irraas; Qooda murteeffamaa (Rabbiin isa qoodeera).
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِذَا حَضَرَ ٱلۡقِسۡمَةَ أُوْلُواْ ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينُ فَٱرۡزُقُوهُم مِّنۡهُ وَقُولُواْ لَهُمۡ قَوۡلٗا مَّعۡرُوفٗا
Yeroo firoonni, yatiimonniifi hiyyeeyyiin (bakka) qoodaa dhufan isa irraa isaaniif kennaa; jecha gaariis isaaniin jedhaa.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَلۡيَخۡشَ ٱلَّذِينَ لَوۡ تَرَكُواْ مِنۡ خَلۡفِهِمۡ ذُرِّيَّةٗ ضِعَٰفًا خَافُواْ عَلَيۡهِمۡ فَلۡيَتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلۡيَقُولُواْ قَوۡلٗا سَدِيدًا
Warri odoo duuba isaaniitti ilmaan dadhaboo dhiisaanii (du'anii) isaan irratti sodaatanu, (yatiima miidhuu) haa sodaatanu. Rabbiin sodaatanii jecha haqaa haa jedhanu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَأۡكُلُونَ أَمۡوَٰلَ ٱلۡيَتَٰمَىٰ ظُلۡمًا إِنَّمَا يَأۡكُلُونَ فِي بُطُونِهِمۡ نَارٗاۖ وَسَيَصۡلَوۡنَ سَعِيرٗا
Dhugumatti isaan qabeenyaalee yatiimotaa miidhuudhaan nyaatan, wanti isaan garaalee isaanii keessatti gadi nyaatanu ibidduma. Fuulduratti ibidda boba’aa seenu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
يُوصِيكُمُ ٱللَّهُ فِيٓ أَوۡلَٰدِكُمۡۖ لِلذَّكَرِ مِثۡلُ حَظِّ ٱلۡأُنثَيَيۡنِۚ فَإِن كُنَّ نِسَآءٗ فَوۡقَ ٱثۡنَتَيۡنِ فَلَهُنَّ ثُلُثَا مَا تَرَكَۖ وَإِن كَانَتۡ وَٰحِدَةٗ فَلَهَا ٱلنِّصۡفُۚ وَلِأَبَوَيۡهِ لِكُلِّ وَٰحِدٖ مِّنۡهُمَا ٱلسُّدُسُ مِمَّا تَرَكَ إِن كَانَ لَهُۥ وَلَدٞۚ فَإِن لَّمۡ يَكُن لَّهُۥ وَلَدٞ وَوَرِثَهُۥٓ أَبَوَاهُ فَلِأُمِّهِ ٱلثُّلُثُۚ فَإِن كَانَ لَهُۥٓ إِخۡوَةٞ فَلِأُمِّهِ ٱلسُّدُسُۚ مِنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ يُوصِي بِهَآ أَوۡ دَيۡنٍۗ ءَابَآؤُكُمۡ وَأَبۡنَآؤُكُمۡ لَا تَدۡرُونَ أَيُّهُمۡ أَقۡرَبُ لَكُمۡ نَفۡعٗاۚ فَرِيضَةٗ مِّنَ ٱللَّهِۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمٗا
Rabbiin (dhaalmaya) ilmaanii keessan keessatti isiniif dhaama. Dhiiraaf fakkaataa qooda durba lamaatu jira. Yoo dubartii lamaafi sanaa ol ta’an, lama sadaffaa waan inni dhiiseetu isaaniif jira. Yoo takka qofa taate walakkaatu isheef jira. Yoo isaaf (nama du’eef) ilmaan jiraate, abbaafi haadha isaatiif waan inni dhiise irraa tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo ilmi isaaf hin jiraatin, abbaafi haati isaa isa dhaalan, haadha isaatiif tokko sadaffaatu jira. Yoo obboleeyyan isaaf jiraatan immoo haadha isaatiif tokko jahaffaatu jira. (Kun hundinuu kan qoodamu) booda dhaamsa inni dhaammate yookiin dayniitiiyyi. Abbootiin keessaniifi ilmaan keessan eenyuu isaaniitu bu'aa isiniif buusuutti irra dhihoodhaa hin beektan. Murtii Rabbi irraa ta'e (Rabbiin murteesseera). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'e.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আন-নিছা
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ