Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Ar-Ra‘d   Ayah:
وَيَسۡتَعۡجِلُونَكَ بِٱلسَّيِّئَةِ قَبۡلَ ٱلۡحَسَنَةِ وَقَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِمُ ٱلۡمَثُلَٰتُۗ وَإِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغۡفِرَةٖ لِّلنَّاسِ عَلَىٰ ظُلۡمِهِمۡۖ وَإِنَّ رَبَّكَ لَشَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Hamtuudhaan toltuu dura si ariifachiifatu, Odoo isaan dura adabbiin hedduun dabartee jirtuu, Dhugumatti, Gooftaan kee namaaf miidhaawwan hojjachuu isaaniitii wajjiin abbaa araaraati, Gooftaan kee abbaa adabbii cimaati
Arabic explanations of the Qur’an:
وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡهِ ءَايَةٞ مِّن رَّبِّهِۦٓۗ إِنَّمَآ أَنتَ مُنذِرٞۖ وَلِكُلِّ قَوۡمٍ هَادٍ
Isaannan kafaran nijedhan “Maaliif mallattoon wahii Gooftaa isaa biraa isa irratti hin buufamne?”. Ati dinniinuma qofa, Ummata hundaaf qajeelchaan jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
ٱللَّهُ يَعۡلَمُ مَا تَحۡمِلُ كُلُّ أُنثَىٰ وَمَا تَغِيضُ ٱلۡأَرۡحَامُ وَمَا تَزۡدَادُۚ وَكُلُّ شَيۡءٍ عِندَهُۥ بِمِقۡدَارٍ
Rabbiin waan dhalaan hundi (garatti) baattu nibeeka, waan gadaamessaaleen hir’iftuufi waan dabaltus ni beeka. Wanti hundinuu Isa biratti hangaan murtaa’aadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلۡكَبِيرُ ٱلۡمُتَعَالِ
(Rabbiin) Beekaa waan fagoofi dhihoo, guddaa, ol ta’aadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
سَوَآءٞ مِّنكُم مَّنۡ أَسَرَّ ٱلۡقَوۡلَ وَمَن جَهَرَ بِهِۦ وَمَنۡ هُوَ مُسۡتَخۡفِۭ بِٱلَّيۡلِ وَسَارِبُۢ بِٱلنَّهَارِ
Isin irraa namni jechaan (sagalee) gadi qabeefi ol fuudhes waluma qixa. namni halkan dhokateefi guyyaa ifatti ba’es (waluma qixa).
Arabic explanations of the Qur’an:
لَهُۥ مُعَقِّبَٰتٞ مِّنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَمِنۡ خَلۡفِهِۦ يَحۡفَظُونَهُۥ مِنۡ أَمۡرِ ٱللَّهِۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُغَيِّرُ مَا بِقَوۡمٍ حَتَّىٰ يُغَيِّرُواْ مَا بِأَنفُسِهِمۡۗ وَإِذَآ أَرَادَ ٱللَّهُ بِقَوۡمٖ سُوٓءٗا فَلَا مَرَدَّ لَهُۥۚ وَمَا لَهُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَالٍ
Isaaf (tokko tokkoo namaatiif) maleeykota wal tareeffatoo ta’an fuuldura isaatiifi duuba isaa irraa ajaja Rabbiitiin isa eegantu jiru. Dhugumatti, Rabbiin waan ummatatti tahe hinjirjiiru, hanga isaan waan isaan waan lubbuulee isaanii keessa jiru jijjiiranitti. Yeroo Rabbiin ormatti hamtuu fedhe, deebisaan isaaf hin jiru; Isaaniif Isaa gaditti gargaaran hin jiru.
Arabic explanations of the Qur’an:
هُوَ ٱلَّذِي يُرِيكُمُ ٱلۡبَرۡقَ خَوۡفٗا وَطَمَعٗا وَيُنشِئُ ٱلسَّحَابَ ٱلثِّقَالَ
Inni Isa hangaasuu isin agarsiisuudha kan sodaattaniifi kan kajeeltan taatanii. Duumessa ulfaataas ni uuma.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَيُسَبِّحُ ٱلرَّعۡدُ بِحَمۡدِهِۦ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ مِنۡ خِيفَتِهِۦ وَيُرۡسِلُ ٱلصَّوَٰعِقَ فَيُصِيبُ بِهَا مَن يَشَآءُ وَهُمۡ يُجَٰدِلُونَ فِي ٱللَّهِ وَهُوَ شَدِيدُ ٱلۡمِحَالِ
Mandiisuun (kakawweennis) faaruu Isaatiin (Isa) qulqulleessa. Maleeykonnis sodaa Isaa irraa (Isa qulqulleessu). Bakakkaalee nierga, isheedhaan nama fedhe dhawa. isaan (kaafiroonni) Rabbiin keessatti wal falman,Inni humni isaa cimaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Ar-Ra‘d
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close