Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Maryam   Ayah:
فَكُلِي وَٱشۡرَبِي وَقَرِّي عَيۡنٗاۖ فَإِمَّا تَرَيِنَّ مِنَ ٱلۡبَشَرِ أَحَدٗا فَقُولِيٓ إِنِّي نَذَرۡتُ لِلرَّحۡمَٰنِ صَوۡمٗا فَلَنۡ أُكَلِّمَ ٱلۡيَوۡمَ إِنسِيّٗا
Nyaadhu, dhugii; ijaanis itti gammadi. Yoo ilma namarraa tokko argite jedhiin ‘ani Rahmaaniif callisuu qodhaa (nazrii) galeen jira, hardha nama tokkos hin dubbisu”.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَأَتَتۡ بِهِۦ قَوۡمَهَا تَحۡمِلُهُۥۖ قَالُواْ يَٰمَرۡيَمُ لَقَدۡ جِئۡتِ شَيۡـٔٗا فَرِيّٗا
Isa baadhattee gara ummata ishee dhufte, [Isaan] ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati waan akkaan hamtuu hojjatte.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰٓأُخۡتَ هَٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمۡرَأَ سَوۡءٖ وَمَا كَانَتۡ أُمُّكِ بَغِيّٗا
Yaa obboleettii Haaruun! Abbaan kee nama badaa hin turre; haati teetis sagaagaltuu hin turre.”
Arabic explanations of the Qur’an:
فَأَشَارَتۡ إِلَيۡهِۖ قَالُواْ كَيۡفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِي ٱلۡمَهۡدِ صَبِيّٗا
(Isiinis) gara isaatti akeekte, [Isaan] nijedhan “Akkamitti daaima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?”.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ إِنِّي عَبۡدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِيَ ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلَنِي نَبِيّٗا
(daa’imichi) ni jedhe: “ ani gabricha Rabbiiti, Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَجَعَلَنِي مُبَارَكًا أَيۡنَ مَا كُنتُ وَأَوۡصَٰنِي بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمۡتُ حَيّٗا
essalee jiraadhu barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naatti dhaamee jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَتِي وَلَمۡ يَجۡعَلۡنِي جَبَّارٗا شَقِيّٗا
Haadha tiyyaaf tola oolaa (na godhe); of tuulaa hoonga’aa, nan taasifne.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلسَّلَٰمُ عَلَيَّ يَوۡمَ وُلِدتُّ وَيَوۡمَ أَمُوتُ وَيَوۡمَ أُبۡعَثُ حَيّٗا
Nageenyi narratti jiraata Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus ”.
Arabic explanations of the Qur’an:
ذَٰلِكَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَۖ قَوۡلَ ٱلۡحَقِّ ٱلَّذِي فِيهِ يَمۡتَرُونَ
(kan waayee isaarraa dubbatame kun) Kun Iisaa ilma Maryami; inni jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkaniidha.
Arabic explanations of the Qur’an:
مَا كَانَ لِلَّهِ أَن يَتَّخِذَ مِن وَلَدٖۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
Rabbiif ilma taasifachuun hin malu, Inni qulqullaa’e, Yeroo dhimma tokko murteesse, wanti Inni jedhu “ta’i” jechuu qofa; innis yoosuu ta’a.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani, Kanaaf Isa qofa gabbaraa, kun karaa qajeelaadha”(jedhe.)
Arabic explanations of the Qur’an:
فَٱخۡتَلَفَ ٱلۡأَحۡزَابُ مِنۢ بَيۡنِهِمۡۖ فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن مَّشۡهَدِ يَوۡمٍ عَظِيمٍ
Gareewwan (yahuudaafi nasaaraa) gidduu isaaniitti (waa’ee Iisaa irratti) wal dhaban; warra kafaraniif halaakni tahe wal gayii guyyaa guddaa (Qiyaamaa) san keessatti.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَسۡمِعۡ بِهِمۡ وَأَبۡصِرۡ يَوۡمَ يَأۡتُونَنَا لَٰكِنِ ٱلظَّٰلِمُونَ ٱلۡيَوۡمَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Maaltu akkaan dhaga’oo argoo isaan taasise, (Kaafiroonni) guyyaa isaan Nutti dhufan. Garuu hardha miidhaa raawwattoonni jallina ifaa ta’e keessa jiru.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Maryam
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close