Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: As-Sajdah   Ayah:
وَلَوۡ تَرَىٰٓ إِذِ ٱلۡمُجۡرِمُونَ نَاكِسُواْ رُءُوسِهِمۡ عِندَ رَبِّهِمۡ رَبَّنَآ أَبۡصَرۡنَا وَسَمِعۡنَا فَٱرۡجِعۡنَا نَعۡمَلۡ صَٰلِحًا إِنَّا مُوقِنُونَ
osoo gartee Yeroo yakkamtoonni Rabbii isaanii biratti mataalee isaanii gadi buusanii “yaa Gooftaa keenya! Arginee, dhageenyee,(addunyaatti) nu deebisi hojii gaarii hojjannaa nuti dhugoomsoodhaa” jedhan (argitee ) [silaa dubbii cimaa argita turte].
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَوۡ شِئۡنَا لَأٓتَيۡنَا كُلَّ نَفۡسٍ هُدَىٰهَا وَلَٰكِنۡ حَقَّ ٱلۡقَوۡلُ مِنِّي لَأَمۡلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنَ ٱلۡجِنَّةِ وَٱلنَّاسِ أَجۡمَعِينَ
Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turre. Garuu jechi narraa tahe haqa tahee jira. jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَذُوقُواْ بِمَا نَسِيتُمۡ لِقَآءَ يَوۡمِكُمۡ هَٰذَآ إِنَّا نَسِينَٰكُمۡۖ وَذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡخُلۡدِ بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
“Waan qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattaniif (adabbii) dhandhamaa. Nutis (adabbii keessatti) isin dhiifna; waan dalagaa turtaniifis azaaba zalaalam dhandhamaa” (jedhamu).
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّمَا يُؤۡمِنُ بِـَٔايَٰتِنَا ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُواْ بِهَا خَرُّواْۤ سُجَّدٗاۤ وَسَبَّحُواْ بِحَمۡدِ رَبِّهِمۡ وَهُمۡ لَا يَسۡتَكۡبِرُونَ۩
hangi Keeyyattoota keenyatti amanu warra yeroo isheedhaan gorfaman sujuuda bu’anii, Rabbii isaanii galatomfataa faarsani. isaan hinboonanu.
Arabic explanations of the Qur’an:
تَتَجَافَىٰ جُنُوبُهُمۡ عَنِ ٱلۡمَضَاجِعِ يَدۡعُونَ رَبَّهُمۡ خَوۡفٗا وَطَمَعٗا وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ
Cinaachoowwan isaanii ciisichoowan irraa ni fagaatti, Goftaa isaanii ni kadhatu sodaataafii kajeelaa. Waan isaaniif kennine irraa ni sadaqatu.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَلَا تَعۡلَمُ نَفۡسٞ مَّآ أُخۡفِيَ لَهُم مِّن قُرَّةِ أَعۡيُنٖ جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu gammachuu ijaa irraa.Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha,
Arabic explanations of the Qur’an:
أَفَمَن كَانَ مُؤۡمِنٗا كَمَن كَانَ فَاسِقٗاۚ لَّا يَسۡتَوُۥنَ
Sila namni mu’umina ta’e akka nama fincilaatii? Wal hin qixxaa’an.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَلَهُمۡ جَنَّٰتُ ٱلۡمَأۡوَىٰ نُزُلَۢا بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Ammoo Warri amananii gaggaarii hojjatan jannata qobsumaatu isaaniif jira, qubannoota waan isaan hojjataa turaniif jecha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَأَمَّا ٱلَّذِينَ فَسَقُواْ فَمَأۡوَىٰهُمُ ٱلنَّارُۖ كُلَّمَآ أَرَادُوٓاْ أَن يَخۡرُجُواْ مِنۡهَآ أُعِيدُواْ فِيهَا وَقِيلَ لَهُمۡ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلنَّارِ ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ
Isaan fincilan immoo teessoon isaanii ibidda. Dhawaatuma ishee irraa ba’uu barbaanii ishee keessatti deebifamu, “Adaba ibiddaa kan isa sobsiisaa turtan dhandhamaa” isaaniin jedhama.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: As-Sajdah
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close