Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Yā-Sīn   Ayah:
۞ وَمَآ أَنزَلۡنَا عَلَىٰ قَوۡمِهِۦ مِنۢ بَعۡدِهِۦ مِن جُندٖ مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا كُنَّا مُنزِلِينَ
Booda isaatii ummata isaa irratti hoomaa waraanaa samii irraa hin buufne! Kan buufnus hin taane.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِن كَانَتۡ إِلَّا صَيۡحَةٗ وَٰحِدَةٗ فَإِذَا هُمۡ خَٰمِدُونَ
Isheen iyya tokko malee waan biraa hin taane. Yeroma san isaan dhaamoo (dhabamoo)dha.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰحَسۡرَةً عَلَى ٱلۡعِبَادِۚ مَا يَأۡتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Yaa gaabbii gabrootarratti! Ergamaan kamillee isaanitti dhufee isatti qishinan (baacan) malee hin hafanu.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَلَمۡ يَرَوۡاْ كَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّنَ ٱلۡقُرُونِ أَنَّهُمۡ إِلَيۡهِمۡ لَا يَرۡجِعُونَ
Sila isaan dura ummata irraa meeqaatama akka balleessine hin arginee? Isaan gara isaaniitti hin deebi’anuu.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَإِن كُلّٞ لَّمَّا جَمِيعٞ لَّدَيۡنَا مُحۡضَرُونَ
Dhugumatti, hundi isaaniituu (murtiif) nubiratti dhihaatoodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَءَايَةٞ لَّهُمُ ٱلۡأَرۡضُ ٱلۡمَيۡتَةُ أَحۡيَيۡنَٰهَا وَأَخۡرَجۡنَا مِنۡهَا حَبّٗا فَمِنۡهُ يَأۡكُلُونَ
Isaaniif mallattoodha Dachii duutuun Nuti ishee jiraachifneefi firii (adda addaa) ishee irraa baafnee (magarsine) isa irraa nyaatan.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَجَعَلۡنَا فِيهَا جَنَّٰتٖ مِّن نَّخِيلٖ وَأَعۡنَٰبٖ وَفَجَّرۡنَا فِيهَا مِنَ ٱلۡعُيُونِ
Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerra, Ishee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra.
Arabic explanations of the Qur’an:
لِيَأۡكُلُواْ مِن ثَمَرِهِۦ وَمَا عَمِلَتۡهُ أَيۡدِيهِمۡۚ أَفَلَا يَشۡكُرُونَ
Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone), Sila hin galateeffatanuu?
Arabic explanations of the Qur’an:
سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلۡأَزۡوَٰجَ كُلَّهَا مِمَّا تُنۢبِتُ ٱلۡأَرۡضُ وَمِنۡ أَنفُسِهِمۡ وَمِمَّا لَا يَعۡلَمُونَ
Inni cimdii hunda ishee uume qulqullaa’eera, waan dachiin biqilchitu irraa, lubbuulee isaanii irraafi wantoota isaan hin beekne irraa (kanta'an).
Arabic explanations of the Qur’an:
وَءَايَةٞ لَّهُمُ ٱلَّيۡلُ نَسۡلَخُ مِنۡهُ ٱلنَّهَارَ فَإِذَا هُم مُّظۡلِمُونَ
Isaaniif mallattoodha halkan Isarraa guyyaa baafna. Yeroma san isaan dukkana keessatti ta’u.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلشَّمۡسُ تَجۡرِي لِمُسۡتَقَرّٖ لَّهَاۚ ذَٰلِكَ تَقۡدِيرُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ
Aduun hanga buufata isheef taheetti deemti, Sun murtee (Rabbii) injifataa, beekaati.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلۡقَمَرَ قَدَّرۡنَٰهُ مَنَازِلَ حَتَّىٰ عَادَ كَٱلۡعُرۡجُونِ ٱلۡقَدِيمِ
Baatii buufataalee isaa goonee jirra. hanga inni akka damee meexxii dullattiitti deebi’utti (deemsifne).
Arabic explanations of the Qur’an:
لَا ٱلشَّمۡسُ يَنۢبَغِي لَهَآ أَن تُدۡرِكَ ٱلۡقَمَرَ وَلَا ٱلَّيۡلُ سَابِقُ ٱلنَّهَارِۚ وَكُلّٞ فِي فَلَكٖ يَسۡبَحُونَ
Aduun baatii dhaqqabuun isheef hin ta’u; halkanis guyyaa hin dursu, Hunduu sarara keessa (daaku).
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Yā-Sīn
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close