Traducción de los significados del Sagrado Corán - Traducción al Oromo * - Índice de traducciones

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Traducción de significados Capítulo: Sura Ash-Shura   Versículo:

Ashuuraa

حمٓ
Haa Miim.
Las Exégesis Árabes:
عٓسٓقٓ
Ayn Siin Qaaf.
Las Exégesis Árabes:
كَذَٰلِكَ يُوحِيٓ إِلَيۡكَ وَإِلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكَ ٱللَّهُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Akka kanaan gara keetiifi gara isaan siin duraa wahyii godha Rabbiin injifataa ogeessa ta’e.
Las Exégesis Árabes:
لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡعَظِيمُ
Wanti samiileefi wanti dachii keessaa hundi kan Isaati. Inni ol ta’aa, guddaadha.
Las Exégesis Árabes:
تَكَادُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ يَتَفَطَّرۡنَ مِن فَوۡقِهِنَّۚ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ يُسَبِّحُونَ بِحَمۡدِ رَبِّهِمۡ وَيَسۡتَغۡفِرُونَ لِمَن فِي ٱلۡأَرۡضِۗ أَلَآ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Samiileen (torban) wal gubbaa baqaquutti dhihaatti. Maleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessu. warra dachii keessa jiruufis araarama kadhatu. Dhaga’aa! Rabbiin Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
Las Exégesis Árabes:
وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ ٱللَّهُ حَفِيظٌ عَلَيۡهِمۡ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِوَكِيلٖ
Warri Isaan alatti jaalallee godhatan, Rabbiin isaan to’ata. Ati isaan irratti itti gaafatamaa miti.
Las Exégesis Árabes:
وَكَذَٰلِكَ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ قُرۡءَانًا عَرَبِيّٗا لِّتُنذِرَ أُمَّ ٱلۡقُرَىٰ وَمَنۡ حَوۡلَهَا وَتُنذِرَ يَوۡمَ ٱلۡجَمۡعِ لَا رَيۡبَ فِيهِۚ فَرِيقٞ فِي ٱلۡجَنَّةِ وَفَرِيقٞ فِي ٱلسَّعِيرِ
Akka kanatti Qur’aana Afaan Arabaa gara keetti beeksisa goone Akka (warra) haadhoo magaalaa (Makkaa) fi waarra moggaa ishee sodaachiftuuf, guyyaa wal ga’ii kan shakkii hin qabnes akka dinniintuuf. Gariin jannata keessa (seenu); gariin immoo ibidda keessa.
Las Exégesis Árabes:
وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَعَلَهُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَلَٰكِن يُدۡخِلُ مَن يَشَآءُ فِي رَحۡمَتِهِۦۚ وَٱلظَّٰلِمُونَ مَا لَهُم مِّن وَلِيّٖ وَلَا نَصِيرٍ
Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isaan taasisa; garuu nama fedhe rahmata Isaa keessa galcha. Miidhaa raawwattoota jaalallees ta’ee tumsaan isaaniif hin jiru.
Las Exégesis Árabes:
أَمِ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَۖ فَٱللَّهُ هُوَ ٱلۡوَلِيُّ وَهُوَ يُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Moo Isaan ala gargaaraawwan taasifatu? Rabbiin Isumatu gargaaraadha. Isumatu du’aa jiraachisa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
Las Exégesis Árabes:
وَمَا ٱخۡتَلَفۡتُمۡ فِيهِ مِن شَيۡءٖ فَحُكۡمُهُۥٓ إِلَى ٱللَّهِۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبِّي عَلَيۡهِ تَوَكَّلۡتُ وَإِلَيۡهِ أُنِيبُ
Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma Rabbiiti. Inni sun Allaahdha Gooftaa kiyya; Isa irratti irkadhe; garuma Isaattin deebi’a.
Las Exégesis Árabes:
فَاطِرُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ جَعَلَ لَكُم مِّنۡ أَنفُسِكُمۡ أَزۡوَٰجٗا وَمِنَ ٱلۡأَنۡعَٰمِ أَزۡوَٰجٗا يَذۡرَؤُكُمۡ فِيهِۚ لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءٞۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ
(Inni) uumaa samiifi dachiiti. Lubbuulee teessan irraa qindiiwwaa (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise). kanaan isin baay’isa. Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha.
Las Exégesis Árabes:
لَهُۥ مَقَالِيدُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُۚ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ
Furtuuleen samiileefi dachii isaaf taate. Nama fedheef hiree bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisa. Inni waan hunda beekaadha.
Las Exégesis Árabes:
۞ شَرَعَ لَكُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِۦ نُوحٗا وَٱلَّذِيٓ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ وَمَا وَصَّيۡنَا بِهِۦٓ إِبۡرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰٓۖ أَنۡ أَقِيمُواْ ٱلدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُواْ فِيهِۚ كَبُرَ عَلَى ٱلۡمُشۡرِكِينَ مَا تَدۡعُوهُمۡ إِلَيۡهِۚ ٱللَّهُ يَجۡتَبِيٓ إِلَيۡهِ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِيٓ إِلَيۡهِ مَن يُنِيبُ
Amantii irraa karaa isiniif godhe waan Nuuhiif dhaameefi isa gara keetti wahyii goone, waan Ibraahiimiif dhaamne, Muusaafi Iisaaf (dhaamne). [Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa (jechuudha). Wanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabate gara Isaatti qajeelcha.
Las Exégesis Árabes:
وَمَا تَفَرَّقُوٓاْ إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَهُمُ ٱلۡعِلۡمُ بَغۡيَۢا بَيۡنَهُمۡۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةٞ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمّٗى لَّقُضِيَ بَيۡنَهُمۡۚ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ أُورِثُواْ ٱلۡكِتَٰبَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُ مُرِيبٖ
Erga beekumsi isaanitti dhufee booda sababaa jibbaa gidduu isaanii jiruuf malee adda hin babaane. Odoo jechi Gooftaa kee biraa hanga yeroo beekamaatti dabre jiraachuu baatee, silaa gidduu isaaniitti murtaa’a ture. Warri isaan booda kitaaba dhaalchifaman isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
Las Exégesis Árabes:
فَلِذَٰلِكَ فَٱدۡعُۖ وَٱسۡتَقِمۡ كَمَآ أُمِرۡتَۖ وَلَا تَتَّبِعۡ أَهۡوَآءَهُمۡۖ وَقُلۡ ءَامَنتُ بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ مِن كِتَٰبٖۖ وَأُمِرۡتُ لِأَعۡدِلَ بَيۡنَكُمُۖ ٱللَّهُ رَبُّنَا وَرَبُّكُمۡۖ لَنَآ أَعۡمَٰلُنَا وَلَكُمۡ أَعۡمَٰلُكُمۡۖ لَا حُجَّةَ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَكُمُۖ ٱللَّهُ يَجۡمَعُ بَيۡنَنَاۖ وَإِلَيۡهِ ٱلۡمَصِيرُ
Kanaafuu (tokkummaa) (sanatti) waami, Akkuma ajajamtetti (haqa irratti) gadi dhaabbadhu. Fedhiilee isaanii hin hordofin “Kitaaba irraa waan Rabbiin buusetti amaneera jedhi; gidduu keessanitti haqa murteessuus ajajameera. Allaahn Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessani. Nuuf hojiilee keenyatu jira; Isiniifis hojiilee keessantu jira. Gidduu keenyaafi keessanitti mormiin hin jiru. Rabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) gidduu keenya walitti qaba. Deebiin garuma Isaatti” jedhi.
Las Exégesis Árabes:
وَٱلَّذِينَ يُحَآجُّونَ فِي ٱللَّهِ مِنۢ بَعۡدِ مَا ٱسۡتُجِيبَ لَهُۥ حُجَّتُهُمۡ دَاحِضَةٌ عِندَ رَبِّهِمۡ وَعَلَيۡهِمۡ غَضَبٞ وَلَهُمۡ عَذَابٞ شَدِيدٌ
Warri (diin) Rabbii keessatti falman erga Isaaf (Rabbiif) owwaatamee booda, ragaan isaanii Gooftaa isaanii biratti kuftuudha. Dallansuun (Rabbii) isaan irratti tahaadha; adabbiin cimaanis isaaniif jira
Las Exégesis Árabes:
ٱللَّهُ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ وَٱلۡمِيزَانَۗ وَمَا يُدۡرِيكَ لَعَلَّ ٱلسَّاعَةَ قَرِيبٞ
Rabbiin Isa kitaabaafi madaala haqaan buuseedha. Qiyaaman dhihoo ta’uun ni kajeelamaa maaltu si beeksise?!
Las Exégesis Árabes:
يَسۡتَعۡجِلُ بِهَا ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِهَاۖ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مُشۡفِقُونَ مِنۡهَا وَيَعۡلَمُونَ أَنَّهَا ٱلۡحَقُّۗ أَلَآ إِنَّ ٱلَّذِينَ يُمَارُونَ فِي ٱلسَّاعَةِ لَفِي ضَلَٰلِۭ بَعِيدٍ
Isaan isheetti hin amanin ishee jarjarfatu. Isaan amanan (garuu) ishee irraa sodaatu; haqa ta’uu ishees ni beeku. Dhagayaa! Isaan Qiyaamaa keessatti falmanu jallina fagoo keessa jiru.
Las Exégesis Árabes:
ٱللَّهُ لَطِيفُۢ بِعِبَادِهِۦ يَرۡزُقُ مَن يَشَآءُۖ وَهُوَ ٱلۡقَوِيُّ ٱلۡعَزِيزُ
Rabbiin gabroota Isaatiif akkaan rahmata godhaNama fedhes ni sooraInni jabaa injifataadha.
Las Exégesis Árabes:
مَن كَانَ يُرِيدُ حَرۡثَ ٱلۡأٓخِرَةِ نَزِدۡ لَهُۥ فِي حَرۡثِهِۦۖ وَمَن كَانَ يُرِيدُ حَرۡثَ ٱلدُّنۡيَا نُؤۡتِهِۦ مِنۡهَا وَمَا لَهُۥ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِن نَّصِيبٍ
Nama mindaa Aakhiraa fedha ta’e mindaa isaa keessatti isaaf daballa. Nama mindaa addunyaa fedha ta’es ishee irraa isaaf kennina. Aakhiraatti immoo qoodni isaaf hin jiru.
Las Exégesis Árabes:
أَمۡ لَهُمۡ شُرَكَٰٓؤُاْ شَرَعُواْ لَهُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا لَمۡ يَأۡذَنۢ بِهِ ٱللَّهُۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةُ ٱلۡفَصۡلِ لَقُضِيَ بَيۡنَهُمۡۗ وَإِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ لَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Sila shariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama ture. Miidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira
Las Exégesis Árabes:
تَرَى ٱلظَّٰلِمِينَ مُشۡفِقِينَ مِمَّا كَسَبُواْ وَهُوَ وَاقِعُۢ بِهِمۡۗ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فِي رَوۡضَاتِ ٱلۡجَنَّاتِۖ لَهُم مَّا يَشَآءُونَ عِندَ رَبِّهِمۡۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَضۡلُ ٱلۡكَبِيرُ
Miidhaa raawwattoota waan hojjatan irraa odoma isaanitti bu’uu taa’uu kan sodaatan ta’uu argita. Isaan amananii, toltuuwwan hojjatan immoo caffeewwan jannataa keessa jiraatu; isaaniif Gooftaa isaanii bira waan fedhantu jiraKun isumatu tola guddaadha
Las Exégesis Árabes:
ذَٰلِكَ ٱلَّذِي يُبَشِّرُ ٱللَّهُ عِبَادَهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِۗ قُل لَّآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ أَجۡرًا إِلَّا ٱلۡمَوَدَّةَ فِي ٱلۡقُرۡبَىٰۗ وَمَن يَقۡتَرِفۡ حَسَنَةٗ نَّزِدۡ لَهُۥ فِيهَا حُسۡنًاۚ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ شَكُورٌ
Kun isa Rabbiin gabroota Isaa isaan amananii, toltuu hojjatan ittiin gammachiisuudha“Isa (Qur’aana) irratti jaalala firummaa malee mindaa isin hin gaafadhu
Nama toltuu hojjate ishee (toltuu) keessatti gaarii isaaf daballaRabbiin araaramaa, galateeffataadha
Las Exégesis Árabes:
أَمۡ يَقُولُونَ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗاۖ فَإِن يَشَإِ ٱللَّهُ يَخۡتِمۡ عَلَىٰ قَلۡبِكَۗ وَيَمۡحُ ٱللَّهُ ٱلۡبَٰطِلَ وَيُحِقُّ ٱلۡحَقَّ بِكَلِمَٰتِهِۦٓۚ إِنَّهُۥ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Moo Rabbi irratti soba uume jedhuu? Rabbiin yoo fedhe onnee kee irratti cufa. Rabbiin dhara haqee haqa jecha Isaatiin mirkaneessa. Inni waan qoma keessa jiru beekaadha.
Las Exégesis Árabes:
وَهُوَ ٱلَّذِي يَقۡبَلُ ٱلتَّوۡبَةَ عَنۡ عِبَادِهِۦ وَيَعۡفُواْ عَنِ ٱلسَّيِّـَٔاتِ وَيَعۡلَمُ مَا تَفۡعَلُونَ
Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuuwwan irra dabruufi kan waan isin dalagdan beekuudha.
Las Exégesis Árabes:
وَيَسۡتَجِيبُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَيَزِيدُهُم مِّن فَضۡلِهِۦۚ وَٱلۡكَٰفِرُونَ لَهُمۡ عَذَابٞ شَدِيدٞ
Isaan amananii toltuuwwan dalaganiif ni owwaata. Tola Isaa irraas isaaniif dabala. Kaafiroonni isaaniif adabbii cimaatu jira
Las Exégesis Árabes:
۞ وَلَوۡ بَسَطَ ٱللَّهُ ٱلرِّزۡقَ لِعِبَادِهِۦ لَبَغَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَٰكِن يُنَزِّلُ بِقَدَرٖ مَّا يَشَآءُۚ إِنَّهُۥ بِعِبَادِهِۦ خَبِيرُۢ بَصِيرٞ
Rabbiin gabroota Isaatiif kennaa odoo bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa dabru turan. Garuu waan fedhe likkiin buusa. Inni gabroota Isaa keessa beekaa, argaadha.
Las Exégesis Árabes:
وَهُوَ ٱلَّذِي يُنَزِّلُ ٱلۡغَيۡثَ مِنۢ بَعۡدِ مَا قَنَطُواْ وَيَنشُرُ رَحۡمَتَهُۥۚ وَهُوَ ٱلۡوَلِيُّ ٱلۡحَمِيدُ
Inni Isa erga abdii kutatanii, bokkaa buusuufi rahmata Isaa babal’isuudha. Inni gargaaraa, faarfamaadha.
Las Exégesis Árabes:
وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦ خَلۡقُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَثَّ فِيهِمَا مِن دَآبَّةٖۚ وَهُوَ عَلَىٰ جَمۡعِهِمۡ إِذَا يَشَآءُ قَدِيرٞ
Mallattooleewwan isaa irraayyi, Samiilee dechiifi lubbu qabeeyyii isaan lamaan keessa facaase uumuun. yeroo fedhetti walitti isaan qabuu irratti danda’aadha.
Las Exégesis Árabes:
وَمَآ أَصَٰبَكُم مِّن مُّصِيبَةٖ فَبِمَا كَسَبَتۡ أَيۡدِيكُمۡ وَيَعۡفُواْ عَن كَثِيرٖ
Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ee irraa dhiifama godha.
Las Exégesis Árabes:
وَمَآ أَنتُم بِمُعۡجِزِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَمَا لَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِن وَلِيّٖ وَلَا نَصِيرٖ
Isinis dachii keessatti Rabbi duraa bahoo miti. Rabbiin ala jaalalleefi tumsaanis isiniif hin jiru.
Las Exégesis Árabes:
وَمِنۡ ءَايَٰتِهِ ٱلۡجَوَارِ فِي ٱلۡبَحۡرِ كَٱلۡأَعۡلَٰمِ
Mallattoolee isaa irraayi Dooniiwwan akka tabbaa kan galaana keessa yaa’an.
Las Exégesis Árabes:
إِن يَشَأۡ يُسۡكِنِ ٱلرِّيحَ فَيَظۡلَلۡنَ رَوَاكِدَ عَلَىٰ ظَهۡرِهِۦٓۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّكُلِّ صَبَّارٖ شَكُورٍ
Yoo fedhe qilleensa cal’isiiseeti dugda isaa irra tattaa’oo ta’u turan. Kana keessa warra akkaan obsanii, galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.
Las Exégesis Árabes:
أَوۡ يُوبِقۡهُنَّ بِمَا كَسَبُواْ وَيَعۡفُ عَن كَثِيرٖ
Yookiin waan isaan hojjataniin isaan balleessa; baay’ee irraa dhiifama godha.
Las Exégesis Árabes:
وَيَعۡلَمَ ٱلَّذِينَ يُجَٰدِلُونَ فِيٓ ءَايَٰتِنَا مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٖ
Akka beekaniif Isaan keeyyattoota keenya keessatti falman bakki itti goran isaaniif hinjiru.
Las Exégesis Árabes:
فَمَآ أُوتِيتُم مِّن شَيۡءٖ فَمَتَٰعُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَمَا عِندَ ٱللَّهِ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَلَىٰ رَبِّهِمۡ يَتَوَكَّلُونَ
Wahirraa wanti isin kennamtan kamiyyuu qananii jireenya addunyaati. Waan Rabbiin bira jiruutu caalaafi hafaadha isaan amananii, Gooftaa isaanii irratti hirkataniif .
Las Exégesis Árabes:
وَٱلَّذِينَ يَجۡتَنِبُونَ كَبَٰٓئِرَ ٱلۡإِثۡمِ وَٱلۡفَوَٰحِشَ وَإِذَا مَا غَضِبُواْ هُمۡ يَغۡفِرُونَ
Isaan warra dilii gurguddaafi gochaalee fokkatoos irraa fagaatanii, yeroo dallananis dhiifama godhaniidha.
Las Exégesis Árabes:
وَٱلَّذِينَ ٱسۡتَجَابُواْ لِرَبِّهِمۡ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَمۡرُهُمۡ شُورَىٰ بَيۡنَهُمۡ وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ
Isaan warra Gooftaa isaaniitiif owwaatanii, salaataas sirnaan sagadanii, kan dhimmi isaanii jidduu isaaniitti wal marii ta’ee, waan nuti isaaniif kennine irraa arjoomaniidha.
Las Exégesis Árabes:
وَٱلَّذِينَ إِذَآ أَصَابَهُمُ ٱلۡبَغۡيُ هُمۡ يَنتَصِرُونَ
Isaan warra yeroo miidhaan isaan qunname (haqaan) haaloo bahataniidha.
Las Exégesis Árabes:
وَجَزَٰٓؤُاْ سَيِّئَةٖ سَيِّئَةٞ مِّثۡلُهَاۖ فَمَنۡ عَفَا وَأَصۡلَحَ فَأَجۡرُهُۥ عَلَى ٱللَّهِۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلظَّٰلِمِينَ
Galanni hamtuu hamtuma akka isheeti. Namni dhiifama godhee, (hariiroos) tolche galanni isaa Rabbi irra jira. Inni (Allaahn) miidhaa hojjattoota hin jaallatu.
Las Exégesis Árabes:
وَلَمَنِ ٱنتَصَرَ بَعۡدَ ظُلۡمِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَا عَلَيۡهِم مِّن سَبِيلٍ
Namni erga miidhamee booda haaloo bahate, isaan sun diliin isaan irra hin jiru.
Las Exégesis Árabes:
إِنَّمَا ٱلسَّبِيلُ عَلَى ٱلَّذِينَ يَظۡلِمُونَ ٱلنَّاسَ وَيَبۡغُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Komiin kan jiru isaan namoota miidhanii, haqaan ala dachii keessatti daangaa dabran irratti. Isaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira.
Las Exégesis Árabes:
وَلَمَن صَبَرَ وَغَفَرَ إِنَّ ذَٰلِكَ لَمِنۡ عَزۡمِ ٱلۡأُمُورِ
Namni obsee irra dabre, sun dhimmoota gurguddoo irraayi.
Las Exégesis Árabes:
وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن وَلِيّٖ مِّنۢ بَعۡدِهِۦۗ وَتَرَى ٱلظَّٰلِمِينَ لَمَّا رَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَ يَقُولُونَ هَلۡ إِلَىٰ مَرَدّٖ مِّن سَبِيلٖ
Nama Rabbiin jallise, Isa booda qajeelchaan isaaf hin jiru. Miidhaa raawwattoota, yeroo adabbii argan (gaabbanii) kan “karaan (gara dachii) ittiin deebi’amu jiraa?” jedhan argita.
Las Exégesis Árabes:
وَتَرَىٰهُمۡ يُعۡرَضُونَ عَلَيۡهَا خَٰشِعِينَ مِنَ ٱلذُّلِّ يَنظُرُونَ مِن طَرۡفٍ خَفِيّٖۗ وَقَالَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِنَّ ٱلۡخَٰسِرِينَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَأَهۡلِيهِمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۗ أَلَآ إِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ فِي عَذَابٖ مُّقِيمٖ
Ishee (jahannam) irra kan fidaman isaan argita Salphina irraa sodaan guutamanii ija laafaan ilaalaa. Isaan amanan nijedhan “hoonga’oonni isaan Guyyaa Qiyaamaa lubbuu isaaniitiifi maatiilee isaanii hoonga’aniidha” jedhu. Dhagayaa! Miidhaa hojjattoonni adabbii yeroo hundaa keessa jiraatu.
Las Exégesis Árabes:
وَمَا كَانَ لَهُم مِّنۡ أَوۡلِيَآءَ يَنصُرُونَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِۗ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن سَبِيلٍ
Gargaartonni kamiyyuu kan Rabbiin ala isaaniif tumsan isaaniif hin jiru. Nama Rabbiin isa jallise karaan (ittiin qajeelu) isaaf hin jiru.
Las Exégesis Árabes:
ٱسۡتَجِيبُواْ لِرَبِّكُم مِّن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَ يَوۡمٞ لَّا مَرَدَّ لَهُۥ مِنَ ٱللَّهِۚ مَا لَكُم مِّن مَّلۡجَإٖ يَوۡمَئِذٖ وَمَا لَكُم مِّن نَّكِيرٖ
Rabbii keessaniif owwaadhaa Guyyaan namni isa deebisuu danda’u hin jirre sun Rabbi irraa odoo isinitti hin dhufin dura. Guyyaa san hirkoon homaatuu isiniif hin jiru. Mormiinis isiniif hin jiru.
Las Exégesis Árabes:
فَإِنۡ أَعۡرَضُواْ فَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ عَلَيۡهِمۡ حَفِيظًاۖ إِنۡ عَلَيۡكَ إِلَّا ٱلۡبَلَٰغُۗ وَإِنَّآ إِذَآ أَذَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِنَّا رَحۡمَةٗ فَرِحَ بِهَاۖ وَإِن تُصِبۡهُمۡ سَيِّئَةُۢ بِمَا قَدَّمَتۡ أَيۡدِيهِمۡ فَإِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ كَفُورٞ
Yoo (dhugaa irraa) garagalan, tiksaa goonee isaan irratti si hin ergine. Ergaa geessuu malee homaa sirra hinjiru. Nuti yeroo nama rahmata Nu biraa ta’e dhandhamsiifne, isheetti gammada. Yoo hamtuun waan harkoowwan isaanii hojjatteef isaan tuqxe (abdii muratan), namni akkaan kafaraadha.
Las Exégesis Árabes:
لِّلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُۚ يَهَبُ لِمَن يَشَآءُ إِنَٰثٗا وَيَهَبُ لِمَن يَشَآءُ ٱلذُّكُورَ
Mootummaan samiileefi dachii kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Nama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiirota kenna.
Las Exégesis Árabes:
أَوۡ يُزَوِّجُهُمۡ ذُكۡرَانٗا وَإِنَٰثٗاۖ وَيَجۡعَلُ مَن يَشَآءُ عَقِيمًاۚ إِنَّهُۥ عَلِيمٞ قَدِيرٞ
Yookiin dhiiraafi dubara makaa kenna. Nama fedhe immoo maseena godha. Inni beekaa, danda’aadha.
Las Exégesis Árabes:
۞ وَمَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُكَلِّمَهُ ٱللَّهُ إِلَّا وَحۡيًا أَوۡ مِن وَرَآيِٕ حِجَابٍ أَوۡ يُرۡسِلَ رَسُولٗا فَيُوحِيَ بِإِذۡنِهِۦ مَا يَشَآءُۚ إِنَّهُۥ عَلِيٌّ حَكِيمٞ
Namaaf hintaane Rabbiin isa dubbisuun yoo wahyiin tahe malee, yookiin dahoo duubaan, yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusuun malee. Inni ol aanaa, ogeessa.
Las Exégesis Árabes:
وَكَذَٰلِكَ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ رُوحٗا مِّنۡ أَمۡرِنَاۚ مَا كُنتَ تَدۡرِي مَا ٱلۡكِتَٰبُ وَلَا ٱلۡإِيمَٰنُ وَلَٰكِن جَعَلۡنَٰهُ نُورٗا نَّهۡدِي بِهِۦ مَن نَّشَآءُ مِنۡ عِبَادِنَاۚ وَإِنَّكَ لَتَهۡدِيٓ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Akkuma kana (Qur’aana) ruuhii ajaja keenya irraa ta’e gara keetti wahyii goone. Kitaabaafi iimaanni maal akka ta’an kan beektu hin turre. Garuu ifaa gabroota keenya irraa nama feene ittiin qajeelchinu isa goone. Ati gara karaa qajeelaatti ni qajeelchita.
Las Exégesis Árabes:
صِرَٰطِ ٱللَّهِ ٱلَّذِي لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ أَلَآ إِلَى ٱللَّهِ تَصِيرُ ٱلۡأُمُورُ
Karaa Rabbii wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’ee (ni qajeelchita). Dhagayaa! Dhimmi hundi garuma Rabbiitti deebi’a.
Las Exégesis Árabes:
 
Traducción de significados Capítulo: Sura Ash-Shura
Índice de Capítulos Número de página
 
Traducción de los significados del Sagrado Corán - Traducción al Oromo - Índice de traducciones

Traducción de los significados del Sagrado Corán al idioma Oromo por Ghaly Ababur Abaghuna. Año de impresión 2009.

Cerrar