Check out the new design

ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور * - لیست ترجمه ها

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ترجمهٔ معانی سوره: یوسف   آیه:
۞ وَمَآ أُبَرِّئُ نَفۡسِيٓۚ إِنَّ ٱلنَّفۡسَ لَأَمَّارَةُۢ بِٱلسُّوٓءِ إِلَّا مَا رَحِمَ رَبِّيٓۚ إِنَّ رَبِّي غَفُورٞ رَّحِيمٞ
“Lubbuu tiyyas hin qulqulleessu, Dhugumatti, lubbuun hamtuutti ajajjuudha nama Gooftaan kiyya rahmata godheef malee, Gooftaan kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.”
تفسیرهای عربی:
وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ ٱئۡتُونِي بِهِۦٓ أَسۡتَخۡلِصۡهُ لِنَفۡسِيۖ فَلَمَّا كَلَّمَهُۥ قَالَ إِنَّكَ ٱلۡيَوۡمَ لَدَيۡنَا مَكِينٌ أَمِينٞ
Mootichis ni jedhe: “lubbuu kootiifan isa dhuunfadhaa isaan natti kottaa. Yeroma isa (Yuusufiin) hasofsiisu, “Ati har’a nu biratti mijjeeffataa amanamaadha” jedheen. [1]
[1] booda mootichi yuusuf hidhaa baasanii akka isatti fidhan ajajee yuusuf hidha bahee mooticha bira dhaqee wajji haasayee, hojittis ramadame. rakkoon isaa achitti Rabbiin irraa guute. namni badirraa fagaatee Rabbi sodaate yeroof yoo rakkatellee obsa booda bal'inatti Rabbiin isa baasa. galata guddas Rabbirraa argata.
تفسیرهای عربی:
قَالَ ٱجۡعَلۡنِي عَلَىٰ خَزَآئِنِ ٱلۡأَرۡضِۖ إِنِّي حَفِيظٌ عَلِيمٞ
(Yuusufis) “kuusaa dachii irratti (itti gaafatamaa) na taasisi; ani isa irratti eegaa beekaadha” jedhe.
تفسیرهای عربی:
وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَتَبَوَّأُ مِنۡهَا حَيۡثُ يَشَآءُۚ نُصِيبُ بِرَحۡمَتِنَا مَن نَّشَآءُۖ وَلَا نُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Akka kanatti Yuusufiif dachii keessatti mijjeessine, ishee irraa bakka fedhe kan qubatu ta’ee. Rahmata keenyaan nama feene tuqna. Mindaa warreen toltuu hojjataniis hin balleessinu.
تفسیرهای عربی:
وَلَأَجۡرُ ٱلۡأٓخِرَةِ خَيۡرٞ لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ
Dhugumatti, isaannan amananii (Rabbiin) sodaattota ta’aniif mindaa Aakiraatu caala.
تفسیرهای عربی:
وَجَآءَ إِخۡوَةُ يُوسُفَ فَدَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَعَرَفَهُمۡ وَهُمۡ لَهُۥ مُنكِرُونَ
Obboleeyyan Yuusuf gara isaa dhufanii isa irratti ol seenan, inni isaan beeke isaan isa wallaaloodha.
تفسیرهای عربی:
وَلَمَّا جَهَّزَهُم بِجَهَازِهِمۡ قَالَ ٱئۡتُونِي بِأَخٖ لَّكُم مِّنۡ أَبِيكُمۡۚ أَلَا تَرَوۡنَ أَنِّيٓ أُوفِي ٱلۡكَيۡلَ وَأَنَا۠ خَيۡرُ ٱلۡمُنزِلِينَ
Yeroma waan geggeessaa isaanii isaaniif qopheesse ni jedhe: “Obboleessa keessan kan karaa abbaatiin ta’een natti kottaa.sila safara guutuu koo hin argitanuu? ani caalaa keessummeessitootaati.
تفسیرهای عربی:
فَإِن لَّمۡ تَأۡتُونِي بِهِۦ فَلَا كَيۡلَ لَكُمۡ عِندِي وَلَا تَقۡرَبُونِ
Yoo isaan natti dhufuu baattan safarri na bira isiniif hin jiru, Nattis hin dhiyaatinaa.”
تفسیرهای عربی:
قَالُواْ سَنُرَٰوِدُ عَنۡهُ أَبَاهُ وَإِنَّا لَفَٰعِلُونَ
[Isaan] nijedhan “Nuti waa’ee isaa abbaa isaa ni gaafanna, Dhugumatti, nuti (dhimma kana) raawwatoodha.”
تفسیرهای عربی:
وَقَالَ لِفِتۡيَٰنِهِ ٱجۡعَلُواْ بِضَٰعَتَهُمۡ فِي رِحَالِهِمۡ لَعَلَّهُمۡ يَعۡرِفُونَهَآ إِذَا ٱنقَلَبُوٓاْ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِمۡ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Gabroota isaatiin nijedhe “akka yeroo gara maatii isaanii deebi’an ishee beekanii deebi’aniif maallaqa isaanii fe’isa isaanii keessa kaa’aa”.
تفسیرهای عربی:
فَلَمَّا رَجَعُوٓاْ إِلَىٰٓ أَبِيهِمۡ قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا مُنِعَ مِنَّا ٱلۡكَيۡلُ فَأَرۡسِلۡ مَعَنَآ أَخَانَا نَكۡتَلۡ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ
Yeroma gara abbaa isaanii deebi’an ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! safarri (midhaanii) nurraa dhorgameera. Obboleessa Kenya nuu wajjiin ergi. Ni safaranna. Nuti dhugumatti isaaf tiksoodha”
تفسیرهای عربی:
 
ترجمهٔ معانی سوره: یوسف
فهرست سوره ها شماره صفحه
 
ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور - لیست ترجمه ها

مترجم: غالی ابابور اباگونا.

بستن