Check out the new design

ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور * - لیست ترجمه ها

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ترجمهٔ معانی سوره: شوریٰ   آیه:
وَمِنۡ ءَايَٰتِهِ ٱلۡجَوَارِ فِي ٱلۡبَحۡرِ كَٱلۡأَعۡلَٰمِ
Mallattoolee isaa irraayi Dooniiwwan akka tabbaa kan galaana keessa yaa’an.
تفسیرهای عربی:
إِن يَشَأۡ يُسۡكِنِ ٱلرِّيحَ فَيَظۡلَلۡنَ رَوَاكِدَ عَلَىٰ ظَهۡرِهِۦٓۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّكُلِّ صَبَّارٖ شَكُورٍ
Yoo fedhe qilleensa cal’isiiseeti dugda isaa irra tattaa’oo ta’u turan. Kana keessa warra akkaan obsanii, galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.
تفسیرهای عربی:
أَوۡ يُوبِقۡهُنَّ بِمَا كَسَبُواْ وَيَعۡفُ عَن كَثِيرٖ
Yookiin waan isaan hojjataniin isaan balleessa; baay’ee irraa dhiifama godha.
تفسیرهای عربی:
وَيَعۡلَمَ ٱلَّذِينَ يُجَٰدِلُونَ فِيٓ ءَايَٰتِنَا مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٖ
Akka beekaniif Isaan keeyyattoota keenya keessatti falman bakki itti goran isaaniif hinjiru.
تفسیرهای عربی:
فَمَآ أُوتِيتُم مِّن شَيۡءٖ فَمَتَٰعُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَمَا عِندَ ٱللَّهِ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَلَىٰ رَبِّهِمۡ يَتَوَكَّلُونَ
Wahirraa wanti isin kennamtan kamiyyuu qananii jireenya addunyaati. Waan Rabbiin bira jiruutu caalaafi hafaadha isaan amananii, Gooftaa isaanii irratti hirkataniif .
تفسیرهای عربی:
وَٱلَّذِينَ يَجۡتَنِبُونَ كَبَٰٓئِرَ ٱلۡإِثۡمِ وَٱلۡفَوَٰحِشَ وَإِذَا مَا غَضِبُواْ هُمۡ يَغۡفِرُونَ
Isaan warra dilii gurguddaafi gochaalee fokkatoos irraa fagaatanii, yeroo dallananis dhiifama godhaniidha.
تفسیرهای عربی:
وَٱلَّذِينَ ٱسۡتَجَابُواْ لِرَبِّهِمۡ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَمۡرُهُمۡ شُورَىٰ بَيۡنَهُمۡ وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ
Isaan warra Gooftaa isaaniitiif owwaatanii, salaataas sirnaan sagadanii, kan dhimmi isaanii jidduu isaaniitti wal marii ta’ee, waan nuti isaaniif kennine irraa arjoomaniidha.
تفسیرهای عربی:
وَٱلَّذِينَ إِذَآ أَصَابَهُمُ ٱلۡبَغۡيُ هُمۡ يَنتَصِرُونَ
Isaan warra yeroo miidhaan isaan qunname (haqaan) haaloo bahataniidha.
تفسیرهای عربی:
وَجَزَٰٓؤُاْ سَيِّئَةٖ سَيِّئَةٞ مِّثۡلُهَاۖ فَمَنۡ عَفَا وَأَصۡلَحَ فَأَجۡرُهُۥ عَلَى ٱللَّهِۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلظَّٰلِمِينَ
Galanni hamtuu hamtuma akka isheeti. Namni dhiifama godhee, (hariiroos) tolche galanni isaa Rabbi irra jira. Inni (Allaahn) miidhaa hojjattoota hin jaallatu.
تفسیرهای عربی:
وَلَمَنِ ٱنتَصَرَ بَعۡدَ ظُلۡمِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَا عَلَيۡهِم مِّن سَبِيلٍ
Namni erga miidhamee booda haaloo bahate, isaan sun diliin isaan irra hin jiru.
تفسیرهای عربی:
إِنَّمَا ٱلسَّبِيلُ عَلَى ٱلَّذِينَ يَظۡلِمُونَ ٱلنَّاسَ وَيَبۡغُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Komiin kan jiru isaan namoota miidhanii, haqaan ala dachii keessatti daangaa dabran irratti. Isaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira.
تفسیرهای عربی:
وَلَمَن صَبَرَ وَغَفَرَ إِنَّ ذَٰلِكَ لَمِنۡ عَزۡمِ ٱلۡأُمُورِ
Namni obsee irra dabre, sun dhimmoota gurguddoo irraayi.
تفسیرهای عربی:
وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن وَلِيّٖ مِّنۢ بَعۡدِهِۦۗ وَتَرَى ٱلظَّٰلِمِينَ لَمَّا رَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَ يَقُولُونَ هَلۡ إِلَىٰ مَرَدّٖ مِّن سَبِيلٖ
Nama Rabbiin jallise, Isa booda qajeelchaan isaaf hin jiru. Miidhaa raawwattoota, yeroo adabbii argan (gaabbanii) kan “karaan (gara dachii) ittiin deebi’amu jiraa?” jedhan argita.
تفسیرهای عربی:
 
ترجمهٔ معانی سوره: شوریٰ
فهرست سوره ها شماره صفحه
 
ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور - لیست ترجمه ها

مترجم: غالی ابابور اباگونا.

بستن