Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassarar da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Al'nisaa   Aya:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَعَنَهُمُ ٱللَّهُۖ وَمَن يَلۡعَنِ ٱللَّهُ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ نَصِيرًا
Isaan Warra Rabbiin isaan abaare. Nama Rabbiin abaare gargaaraa isaaf hin argitu.
Tafsiran larabci:
أَمۡ لَهُمۡ نَصِيبٞ مِّنَ ٱلۡمُلۡكِ فَإِذٗا لَّا يُؤۡتُونَ ٱلنَّاسَ نَقِيرًا
Sila mootummaa irraa qoodni isaaniif jira moo? Yoggus hanga tuqaa (ija (killee) timiraa irra jiru) namaaf hin kennanu ture.
Tafsiran larabci:
أَمۡ يَحۡسُدُونَ ٱلنَّاسَ عَلَىٰ مَآ ءَاتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضۡلِهِۦۖ فَقَدۡ ءَاتَيۡنَآ ءَالَ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَءَاتَيۡنَٰهُم مُّلۡكًا عَظِيمٗا
Moo sila waan Rabbiin tola Isaa irraa namootaaf kenne irratti isaan waanyu? Dhugumatti Nuti maatii Ibraahiimiif kitaabaafi ogummaa kenninee jirra. Mootummaa guddaas isaaniif kenninee jirra.
Tafsiran larabci:
فَمِنۡهُم مَّنۡ ءَامَنَ بِهِۦ وَمِنۡهُم مَّن صَدَّ عَنۡهُۚ وَكَفَىٰ بِجَهَنَّمَ سَعِيرًا
Isaan irraa nama isatti (Muhammaditti) amanetu jira. Isaan irraas nama isa irraa garagalee (namas irraa dhoowweetu) jira. Gubaatii (isaaniitiif) jahannam ga’aadha.
Tafsiran larabci:
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِنَا سَوۡفَ نُصۡلِيهِمۡ نَارٗا كُلَّمَا نَضِجَتۡ جُلُودُهُم بَدَّلۡنَٰهُمۡ جُلُودًا غَيۡرَهَا لِيَذُوقُواْ ٱلۡعَذَابَۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَزِيزًا حَكِيمٗا
Dhugumatti warra keeyyattoota keenyatti kafaran, Nuti ibidda isaan seensifna. Dhawaata gogaaleen isaanii gubatuun,gogaalee isheen alaa isaaniif jijjiirra, akka isaan adabbii dhandhamaniif jecha. Dhugumatti Rabbiin injifataa' ogeessa ta'e.
Tafsiran larabci:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ سَنُدۡخِلُهُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۖ لَّهُمۡ فِيهَآ أَزۡوَٰجٞ مُّطَهَّرَةٞۖ وَنُدۡخِلُهُمۡ ظِلّٗا ظَلِيلًا
Isaannan amananii gaggaarii hojjatan, Nuti jannata laggeen ishee jala yaatu isaan seensifna. Ishee keessatti yeroo hunda hafoodha. Achi keessa isaaniif niitiiwwan qulqulleeffamtuutu jiru. Gaaddisa gaaddiddeessaas isaan seensifna.
Tafsiran larabci:
۞ إِنَّ ٱللَّهَ يَأۡمُرُكُمۡ أَن تُؤَدُّواْ ٱلۡأَمَٰنَٰتِ إِلَىٰٓ أَهۡلِهَا وَإِذَا حَكَمۡتُم بَيۡنَ ٱلنَّاسِ أَن تَحۡكُمُواْ بِٱلۡعَدۡلِۚ إِنَّ ٱللَّهَ نِعِمَّا يَعِظُكُم بِهِۦٓۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ سَمِيعَۢا بَصِيرٗا
Dhugumatti, Rabbiin amaanawwan gara abbootii isiitti geessuufi yeroo nama gidduutti murteessitanis haqaan murteessuu isin ajaja. Dhugumatti, wanti Rabbiin ittiin isin gorsu (barsiisu) waa tolee. Rabbiin dhagayaa, argaa ta'e.
Tafsiran larabci:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَ وَأُوْلِي ٱلۡأَمۡرِ مِنكُمۡۖ فَإِن تَنَٰزَعۡتُمۡ فِي شَيۡءٖ فَرُدُّوهُ إِلَى ٱللَّهِ وَٱلرَّسُولِ إِن كُنتُمۡ تُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۚ ذَٰلِكَ خَيۡرٞ وَأَحۡسَنُ تَأۡوِيلًا
Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamichaafi warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis ajajamaa. Yoo waan tokko keessatti wal mormitan, gara Rabbiifi ergamaa (Isaa) deebisaa; yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taatan (gara san deebisaa). Kun caalaafi hiikaafis bareedaadha.
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Al'nisaa
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassarar da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Fassarasu Gali Ababur Abaguna.

Rufewa