Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassarar da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Al'nisaa   Aya:
مَّن يُطِعِ ٱلرَّسُولَ فَقَدۡ أَطَاعَ ٱللَّهَۖ وَمَن تَوَلَّىٰ فَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ عَلَيۡهِمۡ حَفِيظٗا
Namni ergamichaan tole jedhe dhugaatti Rabbiin tole jedhe. Nama gara gale immoo isaan irratti eegaa taasifnee si hin ergine
Tafsiran larabci:
وَيَقُولُونَ طَاعَةٞ فَإِذَا بَرَزُواْ مِنۡ عِندِكَ بَيَّتَ طَآئِفَةٞ مِّنۡهُمۡ غَيۡرَ ٱلَّذِي تَقُولُۖ وَٱللَّهُ يَكۡتُبُ مَا يُبَيِّتُونَۖ فَأَعۡرِضۡ عَنۡهُمۡ وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱللَّهِۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلًا
(Yaanni keenya siif) ajajamuudha” jedhu. Yeroo si biraa bahan, gareen isaan irraa taate faallaa waan dura jettee bulfatan. Rabbiin waan isaan bulfatan ni barreessa. Isaan irraa gara gali; Rabbi irratti irkadhu. Irkoo ta’uu irratti Rabbiin ga’aadha.
Tafsiran larabci:
أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلۡقُرۡءَانَۚ وَلَوۡ كَانَ مِنۡ عِندِ غَيۡرِ ٱللَّهِ لَوَجَدُواْ فِيهِ ٱخۡتِلَٰفٗا كَثِيرٗا
Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanuu? Odoo Rabbi malee kan biroo biraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.
Tafsiran larabci:
وَإِذَا جَآءَهُمۡ أَمۡرٞ مِّنَ ٱلۡأَمۡنِ أَوِ ٱلۡخَوۡفِ أَذَاعُواْ بِهِۦۖ وَلَوۡ رَدُّوهُ إِلَى ٱلرَّسُولِ وَإِلَىٰٓ أُوْلِي ٱلۡأَمۡرِ مِنۡهُمۡ لَعَلِمَهُ ٱلَّذِينَ يَسۡتَنۢبِطُونَهُۥ مِنۡهُمۡۗ وَلَوۡلَا فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ وَرَحۡمَتُهُۥ لَٱتَّبَعۡتُمُ ٱلشَّيۡطَٰنَ إِلَّا قَلِيلٗا
Yeroo tasgabbii yookiin sodaa irraa dhimmi wahii isaaniitti dhufe, (namoota keessatti) isa facaasu. Odoo gara Ergamaatiifi gara abbootii taaytaa isaan irraa ta’anii isa deebisanii, silaa isaan irraa warri isa qoratan (xiinxalan) isa beeku turan. Odoo ni’imaan Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin muraasa (keessan) malee sheyxaana hordoftu turtan.
Tafsiran larabci:
فَقَٰتِلۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ لَا تُكَلَّفُ إِلَّا نَفۡسَكَۚ وَحَرِّضِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۖ عَسَى ٱللَّهُ أَن يَكُفَّ بَأۡسَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۚ وَٱللَّهُ أَشَدُّ بَأۡسٗا وَأَشَدُّ تَنكِيلٗا
Karaa Rabbii keessattis loli; lubbuu kee malee hin dirqisiifamtu. Mu’uminootas kakaasi. Rabbiin rakkoo warra kafaranii (sirraa) qabuun ni kajeelama. Gama lolaatiin Rabbitu irra cimaadha; jiilchaanis irra cimaadha.
Tafsiran larabci:
مَّن يَشۡفَعۡ شَفَٰعَةً حَسَنَةٗ يَكُن لَّهُۥ نَصِيبٞ مِّنۡهَاۖ وَمَن يَشۡفَعۡ شَفَٰعَةٗ سَيِّئَةٗ يَكُن لَّهُۥ كِفۡلٞ مِّنۡهَاۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ مُّقِيتٗا
Namni araarama gaarii araarse, ishee irraa qoodni (mindaan) isaaf ta’a. Namni araarama gadhee araarses, ishee irraa qoodni (hamaan) isaaf ta’a. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Tafsiran larabci:
وَإِذَا حُيِّيتُم بِتَحِيَّةٖ فَحَيُّواْ بِأَحۡسَنَ مِنۡهَآ أَوۡ رُدُّوهَآۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ حَسِيبًا
Yeroo kabajaa wahiitiin kabajamtan,(salaamataan isiniin jedhame) ishee irra gaariidhaan kabajaa; yookiin isuma deebisaa. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti qorataadha
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Al'nisaa
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassarar da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Fassarasu Gali Ababur Abaguna.

Rufewa