Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Al'haqah   Aya:
وَجَآءَ فِرۡعَوۡنُ وَمَن قَبۡلَهُۥ وَٱلۡمُؤۡتَفِكَٰتُ بِٱلۡخَاطِئَةِ
Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan.
Tafsiran larabci:
فَعَصَوۡاْ رَسُولَ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَهُمۡ أَخۡذَةٗ رَّابِيَةً
Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe.
Tafsiran larabci:
إِنَّا لَمَّا طَغَا ٱلۡمَآءُ حَمَلۡنَٰكُمۡ فِي ٱلۡجَارِيَةِ
Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin yaabbachiifne.
Tafsiran larabci:
لِنَجۡعَلَهَا لَكُمۡ تَذۡكِرَةٗ وَتَعِيَهَآ أُذُنٞ وَٰعِيَةٞ
Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)
Tafsiran larabci:
فَإِذَا نُفِخَ فِي ٱلصُّورِ نَفۡخَةٞ وَٰحِدَةٞ
Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte,
Tafsiran larabci:
وَحُمِلَتِ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ فَدُكَّتَا دَكَّةٗ وَٰحِدَةٗ
Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban,
Tafsiran larabci:
فَيَوۡمَئِذٖ وَقَعَتِ ٱلۡوَاقِعَةُ
Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti.
Tafsiran larabci:
وَٱنشَقَّتِ ٱلسَّمَآءُ فَهِيَ يَوۡمَئِذٖ وَاهِيَةٞ
Samiinis ni baqaqxi; isheen guyyaa san laaftuudha.
Tafsiran larabci:
وَٱلۡمَلَكُ عَلَىٰٓ أَرۡجَآئِهَاۚ وَيَحۡمِلُ عَرۡشَ رَبِّكَ فَوۡقَهُمۡ يَوۡمَئِذٖ ثَمَٰنِيَةٞ
Maleeykonnis daangawwan ishee irratti ta'u. Arshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu.
Tafsiran larabci:
يَوۡمَئِذٖ تُعۡرَضُونَ لَا تَخۡفَىٰ مِنكُمۡ خَافِيَةٞ
Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu.
Tafsiran larabci:
فَأَمَّا مَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِيَمِينِهِۦ فَيَقُولُ هَآؤُمُ ٱقۡرَءُواْ كِتَٰبِيَهۡ
Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa.
Tafsiran larabci:
إِنِّي ظَنَنتُ أَنِّي مُلَٰقٍ حِسَابِيَهۡ
Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”
Tafsiran larabci:
فَهُوَ فِي عِيشَةٖ رَّاضِيَةٖ
Inni jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.
Tafsiran larabci:
فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٖ
Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a).
Tafsiran larabci:
قُطُوفُهَا دَانِيَةٞ
Kan firiiwwan ishee dhihoo ta'an;
Tafsiran larabci:
كُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ هَنِيٓـَٔۢا بِمَآ أَسۡلَفۡتُمۡ فِي ٱلۡأَيَّامِ ٱلۡخَالِيَةِ
"Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama).
Tafsiran larabci:
وَأَمَّا مَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِشِمَالِهِۦ فَيَقُولُ يَٰلَيۡتَنِي لَمۡ أُوتَ كِتَٰبِيَهۡ
Ammoo Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu baadhee.
Tafsiran larabci:
وَلَمۡ أَدۡرِ مَا حِسَابِيَهۡ
Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu baadhee.
Tafsiran larabci:
يَٰلَيۡتَهَا كَانَتِ ٱلۡقَاضِيَةَ
Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa!
Tafsiran larabci:
مَآ أَغۡنَىٰ عَنِّي مَالِيَهۡۜ
Qabeenyi kiyya homaa narraa hindeebifne (fayyadne).
Tafsiran larabci:
هَلَكَ عَنِّي سُلۡطَٰنِيَهۡ
Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha).
Tafsiran larabci:
خُذُوهُ فَغُلُّوهُ
Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa).
Tafsiran larabci:
ثُمَّ ٱلۡجَحِيمَ صَلُّوهُ
Ergasii ibidda isa seensisaa.
Tafsiran larabci:
ثُمَّ فِي سِلۡسِلَةٖ ذَرۡعُهَا سَبۡعُونَ ذِرَاعٗا فَٱسۡلُكُوهُ
Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa.
Tafsiran larabci:
إِنَّهُۥ كَانَ لَا يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ ٱلۡعَظِيمِ
Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture.
Tafsiran larabci:
وَلَا يَحُضُّ عَلَىٰ طَعَامِ ٱلۡمِسۡكِينِ
Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture.
Tafsiran larabci:
فَلَيۡسَ لَهُ ٱلۡيَوۡمَ هَٰهُنَا حَمِيمٞ
Har’a asitti firri isaaf hin jiru. [1]
[1] firrii (jaalallee)
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Al'haqah
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Gali Ababur Abaguna ne ya fassarata.

Rufewa