Check out the new design

Terjemahan makna Alquran Alkarim - Terjemahan Berbahasa Oromo - Gali Ababour * - Daftar isi terjemahan

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Terjemahan makna Surah: Asy-Syu'arā`   Ayah:
إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا خُلُقُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti.
Tafsir berbahasa Arab:
وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ
Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan].
Tafsir berbahasa Arab:
فَكَذَّبُوهُ فَأَهۡلَكۡنَٰهُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Isa sobsiisan. Nutis isaan balleessine. Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira. irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.
Tafsir berbahasa Arab:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Tafsir berbahasa Arab:
كَذَّبَتۡ ثَمُودُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte.
Tafsir berbahasa Arab:
إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ صَٰلِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?
Tafsir berbahasa Arab:
إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Tafsir berbahasa Arab:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyya fudhaa.
Tafsir berbahasa Arab:
وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
Tafsir berbahasa Arab:
أَتُتۡرَكُونَ فِي مَا هَٰهُنَآ ءَامِنِينَ
Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu?
Tafsir berbahasa Arab:
فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,
Tafsir berbahasa Arab:
وَزُرُوعٖ وَنَخۡلٖ طَلۡعُهَا هَضِيمٞ
Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)
Tafsir berbahasa Arab:
وَتَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتٗا فَٰرِهِينَ
Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu?)
Tafsir berbahasa Arab:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Tafsir berbahasa Arab:
وَلَا تُطِيعُوٓاْ أَمۡرَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ
Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa.
Tafsir berbahasa Arab:
ٱلَّذِينَ يُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا يُصۡلِحُونَ
Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].
Tafsir berbahasa Arab:
قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلۡمُسَحَّرِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
Tafsir berbahasa Arab:
مَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُنَا فَأۡتِ بِـَٔايَةٍ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii miti, Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”
Tafsir berbahasa Arab:
قَالَ هَٰذِهِۦ نَاقَةٞ لَّهَا شِرۡبٞ وَلَكُمۡ شِرۡبُ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ
[Saalihis] ni jedhe: “Isheen tun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.
Tafsir berbahasa Arab:
وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٖ فَيَأۡخُذَكُمۡ عَذَابُ يَوۡمٍ عَظِيمٖ
Hamtuun ishee hin tuqinaa, [Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”
Tafsir berbahasa Arab:
فَعَقَرُوهَا فَأَصۡبَحُواْ نَٰدِمِينَ
Ishee waraananii sheena’oota ta’an
Tafsir berbahasa Arab:
فَأَخَذَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Adabbichis isaan qabate, Kana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
Tafsir berbahasa Arab:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Tafsir berbahasa Arab:
 
Terjemahan makna Surah: Asy-Syu'arā`
Daftar surah Nomor Halaman
 
Terjemahan makna Alquran Alkarim - Terjemahan Berbahasa Oromo - Gali Ababour - Daftar isi terjemahan

Terjemahannya oleh Gali Ababour Abaguna.

Tutup