Check out the new design

Terjemahan makna Alquran Alkarim - Terjemahan Berbahasa Oromo - Gali Ababour * - Daftar isi terjemahan

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Terjemahan makna Surah: Al-'Ankabūt   Ayah:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَنُكَفِّرَنَّ عَنۡهُمۡ سَيِّـَٔاتِهِمۡ وَلَنَجۡزِيَنَّهُمۡ أَحۡسَنَ ٱلَّذِي كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan badiilee isaanii isaan irraa haqna. Dhugumatti, gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina.
Tafsir berbahasa Arab:
وَوَصَّيۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ بِوَٰلِدَيۡهِ حُسۡنٗاۖ وَإِن جَٰهَدَاكَ لِتُشۡرِكَ بِي مَا لَيۡسَ لَكَ بِهِۦ عِلۡمٞ فَلَا تُطِعۡهُمَآۚ إِلَيَّ مَرۡجِعُكُمۡ فَأُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Namaaf haadhaafi abbaa isaatti tola ooluu dhaamne. Yoo waan ati beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sirratti qabsaayan, isaan lamaan tole hinjedhin, Deebiin keessan garuma kiyya. Waan hojjachaa turtan isinittin odeessa.
Tafsir berbahasa Arab:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَنُدۡخِلَنَّهُمۡ فِي ٱلصَّٰلِحِينَ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, namoota gaggaarii keessa isaan seensifna.
Tafsir berbahasa Arab:
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَقُولُ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ فَإِذَآ أُوذِيَ فِي ٱللَّهِ جَعَلَ فِتۡنَةَ ٱلنَّاسِ كَعَذَابِ ٱللَّهِۖ وَلَئِن جَآءَ نَصۡرٞ مِّن رَّبِّكَ لَيَقُولُنَّ إِنَّا كُنَّا مَعَكُمۡۚ أَوَلَيۡسَ ٱللَّهُ بِأَعۡلَمَ بِمَا فِي صُدُورِ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Namoota irraa nama “Rabbitti amanneerra” jedhaa yeroo karaa Rabbii keessatti rakkifame, rakkina namni isa irratti raawwatu akka adabbii Rabbii taasisutu jira. Yoo injifannoon Rabbii kee irraa dhufes dhugumatti “nuti isinii wajjin turre” jedhu. Sila Allaahn waan qomaalee aalamaa keessa jiru akkaan beekaa hin taanee?
Tafsir berbahasa Arab:
وَلَيَعۡلَمَنَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَلَيَعۡلَمَنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ
Dugumatti Allaahn warra amanan ni beeka. Munaafiqootas ni beeka.
Tafsir berbahasa Arab:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّبِعُواْ سَبِيلَنَا وَلۡنَحۡمِلۡ خَطَٰيَٰكُمۡ وَمَا هُم بِحَٰمِلِينَ مِنۡ خَطَٰيَٰهُم مِّن شَيۡءٍۖ إِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Isaan kafaran warra amananiin “karaa keenya hordofaa; nuti cubbuulee keessan isin irraa baadhannaa” jedhan, Isaan badiilee isaanii irraa homaa hin baadhatanu. Dhugumatti, isaan kijibdoota.
Tafsir berbahasa Arab:
وَلَيَحۡمِلُنَّ أَثۡقَالَهُمۡ وَأَثۡقَالٗا مَّعَ أَثۡقَالِهِمۡۖ وَلَيُسۡـَٔلُنَّ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عَمَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ
Dhugumatti, isaan ba’aa isaaniitiifi ba’aa biraas kan isaanii wajjin ni baadhatu. Dhugumatti, isaan waan soba uuman irraa Guyyaa Qiyaamaa ni gaafatamu.
Tafsir berbahasa Arab:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ فَلَبِثَ فِيهِمۡ أَلۡفَ سَنَةٍ إِلَّا خَمۡسِينَ عَامٗا فَأَخَذَهُمُ ٱلطُّوفَانُ وَهُمۡ ظَٰلِمُونَ
Dhugumatti, nabi Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra. [Inni] waggaa kuma tokkoo waggaa shantam ir'uu isaan keessa ture.Odoo isaan miidhaa hojjattoota ta’anii jiranii bishaaniin dhidhimfamuun isaan qabe.
Tafsir berbahasa Arab:
 
Terjemahan makna Surah: Al-'Ankabūt
Daftar surah Nomor Halaman
 
Terjemahan makna Alquran Alkarim - Terjemahan Berbahasa Oromo - Gali Ababour - Daftar isi terjemahan

Terjemahannya oleh Gali Ababour Abaguna.

Tutup