Check out the new design

Traduzione dei Significati del Sacro Corano - Traduzione in oromo - Ghali Ababur * - Indice Traduzioni

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Traduzione dei significati Sura: Al-Anbiyâ’   Versetto:
وَمِنَ ٱلشَّيَٰطِينِ مَن يَغُوصُونَ لَهُۥ وَيَعۡمَلُونَ عَمَلٗا دُونَ ذَٰلِكَۖ وَكُنَّا لَهُمۡ حَٰفِظِينَ
Sheyxaanota irraa isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jira. Nuti tiksoo isaanii taaneerra.
Esegesi in lingua araba:
۞ وَأَيُّوبَ إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥٓ أَنِّي مَسَّنِيَ ٱلضُّرُّ وَأَنتَ أَرۡحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ
Ayyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)
Esegesi in lingua araba:
فَٱسۡتَجَبۡنَا لَهُۥ فَكَشَفۡنَا مَا بِهِۦ مِن ضُرّٖۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ أَهۡلَهُۥ وَمِثۡلَهُم مَّعَهُمۡ رَحۡمَةٗ مِّنۡ عِندِنَا وَذِكۡرَىٰ لِلۡعَٰبِدِينَ
Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furre. maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine, Rahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha.
Esegesi in lingua araba:
وَإِسۡمَٰعِيلَ وَإِدۡرِيسَ وَذَا ٱلۡكِفۡلِۖ كُلّٞ مِّنَ ٱلصَّٰبِرِينَ
Ismaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi.
Esegesi in lingua araba:
وَأَدۡخَلۡنَٰهُمۡ فِي رَحۡمَتِنَآۖ إِنَّهُم مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Rahmata keenya keessas isaan seensifne, isaan warra gaggaarii irraayi.
Esegesi in lingua araba:
وَذَا ٱلنُّونِ إِذ ذَّهَبَ مُغَٰضِبٗا فَظَنَّ أَن لَّن نَّقۡدِرَ عَلَيۡهِ فَنَادَىٰ فِي ٱلظُّلُمَٰتِ أَن لَّآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنتَ سُبۡحَٰنَكَ إِنِّي كُنتُ مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Zannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti isa irratti dhiphisuu dhabuu yaade. Dukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ati qulqulloofte, Dhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe
Esegesi in lingua araba:
فَٱسۡتَجَبۡنَا لَهُۥ وَنَجَّيۡنَٰهُ مِنَ ٱلۡغَمِّۚ وَكَذَٰلِكَ نُـۨجِي ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Isaaf owwaanne; cinqaa irraas isa baraarsine, Akka kanatti mu’uminoota nagaa baafna.
Esegesi in lingua araba:
وَزَكَرِيَّآ إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥ رَبِّ لَا تَذَرۡنِي فَرۡدٗا وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلۡوَٰرِثِينَ
Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) nan dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe).
Esegesi in lingua araba:
فَٱسۡتَجَبۡنَا لَهُۥ وَوَهَبۡنَا لَهُۥ يَحۡيَىٰ وَأَصۡلَحۡنَا لَهُۥ زَوۡجَهُۥٓۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ يُسَٰرِعُونَ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِ وَيَدۡعُونَنَا رَغَبٗا وَرَهَبٗاۖ وَكَانُواْ لَنَا خَٰشِعِينَ
Isaaf owwaannee Yahyaa isaaf kennine, Niitii isaas (akka deessu) isaaf tolchine, Isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'an, kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhatan turan, Nuuf sodaatoo turan.
Esegesi in lingua araba:
 
Traduzione dei significati Sura: Al-Anbiyâ’
Indice delle Sure Numero di pagina
 
Traduzione dei Significati del Sacro Corano - Traduzione in oromo - Ghali Ababur - Indice Traduzioni

Tradotta da Gali Ababur Abaguna.

Chiudi