Check out the new design

Traduzione dei Significati del Sacro Corano - Traduzione in oromo - Ghali Ababur * - Indice Traduzioni

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Traduzione dei significati Sura: Al-Qasas   Versetto:
قَالَ إِنَّمَآ أُوتِيتُهُۥ عَلَىٰ عِلۡمٍ عِندِيٓۚ أَوَلَمۡ يَعۡلَمۡ أَنَّ ٱللَّهَ قَدۡ أَهۡلَكَ مِن قَبۡلِهِۦ مِنَ ٱلۡقُرُونِ مَنۡ هُوَ أَشَدُّ مِنۡهُ قُوَّةٗ وَأَكۡثَرُ جَمۡعٗاۚ وَلَا يُسۡـَٔلُ عَن ذُنُوبِهِمُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ
[Qaaruun] “wanti an isa kennameef beekumsa na bira jiruuf jecha” jedhe. isa dura Rabbiin balleessee hin beeknee? Dhaloota baay’ee irraa nama inni humnaanis isa (Qaaruun) irra cimaa ta’e, kan qabeenya kuufachuuttiis isa irra baay’ee ta’e. Yakka hojjattoonni badii isaanii irraa hin gaafatamanu.[1]
[1] hiikkaan hingaafataman jechuu balleessaan isaanii goddoo mul'attuu waan taateef osomaa hingaafatamne gara ibidda jahannam oofaman jechuudha. qataadaa akkasitti fassare. maddi tafsiira ibnujariir axxabarii.
Esegesi in lingua araba:
فَخَرَجَ عَلَىٰ قَوۡمِهِۦ فِي زِينَتِهِۦۖ قَالَ ٱلَّذِينَ يُرِيدُونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا يَٰلَيۡتَ لَنَا مِثۡلَ مَآ أُوتِيَ قَٰرُونُ إِنَّهُۥ لَذُو حَظٍّ عَظِيمٖ
Faaya isaa keessatti (uffatee) ummata isaa irratti bahe. Isaan jireenya addunyaa fedhan “fakkaataan waan Qaaruuniif kennamee nuuf ta’uu hawwina; inni abbaa qooda guddaati” jedhan.
Esegesi in lingua araba:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَ وَيۡلَكُمۡ ثَوَابُ ٱللَّهِ خَيۡرٞ لِّمَنۡ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗاۚ وَلَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ٱلصَّٰبِرُونَ
Isaan beekumsa kennaman ni jedhan: “yaa badii keessan! Nama amanee, gaarii hojjateef mindaa Rabbiitu irra caala. Kanas obsitoota malee eenyunuu hin kennamu.”
Esegesi in lingua araba:
فَخَسَفۡنَا بِهِۦ وَبِدَارِهِ ٱلۡأَرۡضَ فَمَا كَانَ لَهُۥ مِن فِئَةٖ يَنصُرُونَهُۥ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَمَا كَانَ مِنَ ٱلۡمُنتَصِرِينَ
Isaafi ganda isaatis ni dhidhimsiifne (dachii ittiin kunne) Gareen Rabbiin alaa kan isa tumsan isaaf hin taane. Inni warra of baraarsan irraa hin taane.
Esegesi in lingua araba:
وَأَصۡبَحَ ٱلَّذِينَ تَمَنَّوۡاْ مَكَانَهُۥ بِٱلۡأَمۡسِ يَقُولُونَ وَيۡكَأَنَّ ٱللَّهَ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦ وَيَقۡدِرُۖ لَوۡلَآ أَن مَّنَّ ٱللَّهُ عَلَيۡنَا لَخَسَفَ بِنَاۖ وَيۡكَأَنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلۡكَٰفِرُونَ
Isaan kaleessa iddoo isaa hawwan “edaa Rabbiin dhugumatti gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isee [nama fedhetti] immoo dhiphisa! Odoo Rabbiin ni’imaa Isaa nurratti ooluu baatee, silaa nuun kuta (dhidhimsiisa) ture. Edaa dhugumatti kaafiroonni hin milkaa’anu!” jedhaa bulan.
Esegesi in lingua araba:
تِلۡكَ ٱلدَّارُ ٱلۡأٓخِرَةُ نَجۡعَلُهَا لِلَّذِينَ لَا يُرِيدُونَ عُلُوّٗا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فَسَادٗاۚ وَٱلۡعَٰقِبَةُ لِلۡمُتَّقِينَ
Ganda Aakhiraa san warra dachii keessatti ol aantummaafi badii [raawwachuu] hin feeneef ishee goona, Booddeen (gaariin) warra Rabbiin sodaataniifi.
Esegesi in lingua araba:
مَن جَآءَ بِٱلۡحَسَنَةِ فَلَهُۥ خَيۡرٞ مِّنۡهَاۖ وَمَن جَآءَ بِٱلسَّيِّئَةِ فَلَا يُجۡزَى ٱلَّذِينَ عَمِلُواْ ٱلسَّيِّـَٔاتِ إِلَّا مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Namni gaarii dalage waan san irra caalutu isaaf jira. Namni hamtuun dhufe, [fakkii ishee argata], Warri hojii gadhee hojjatan waan hojjataa turan malee hin mindeeffamanu.
Esegesi in lingua araba:
 
Traduzione dei significati Sura: Al-Qasas
Indice delle Sure Numero di pagina
 
Traduzione dei Significati del Sacro Corano - Traduzione in oromo - Ghali Ababur - Indice Traduzioni

Tradotta da Gali Ababur Abaguna.

Chiudi