Traduzione dei Significati del Sacro Corano - Traduzione in oromo * - Indice Traduzioni

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Traduzione dei significati Sura: At-Talâq   Versetto:

Axxalaaq

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ إِذَا طَلَّقۡتُمُ ٱلنِّسَآءَ فَطَلِّقُوهُنَّ لِعِدَّتِهِنَّ وَأَحۡصُواْ ٱلۡعِدَّةَۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ رَبَّكُمۡۖ لَا تُخۡرِجُوهُنَّ مِنۢ بُيُوتِهِنَّ وَلَا يَخۡرُجۡنَ إِلَّآ أَن يَأۡتِينَ بِفَٰحِشَةٖ مُّبَيِّنَةٖۚ وَتِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِۚ وَمَن يَتَعَدَّ حُدُودَ ٱللَّهِ فَقَدۡ ظَلَمَ نَفۡسَهُۥۚ لَا تَدۡرِي لَعَلَّ ٱللَّهَ يُحۡدِثُ بَعۡدَ ذَٰلِكَ أَمۡرٗا
Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa Iddaas lakkaa'aa. Rabbii Gooftaa keessan sodaadhaa. manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa
isaanis hin ba'in, Yoo badii fokkataa ifa ta'een dhufan malee. Sun daangaawwan Rabbiiti. Namni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu isaa miidheera. Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haara'a (walitti deebi'uu gidduu keessanitti) uume hin beektu.
Esegesi in lingua araba:
فَإِذَا بَلَغۡنَ أَجَلَهُنَّ فَأَمۡسِكُوهُنَّ بِمَعۡرُوفٍ أَوۡ فَارِقُوهُنَّ بِمَعۡرُوفٖ وَأَشۡهِدُواْ ذَوَيۡ عَدۡلٖ مِّنكُمۡ وَأَقِيمُواْ ٱلشَّهَٰدَةَ لِلَّهِۚ ذَٰلِكُمۡ يُوعَظُ بِهِۦ مَن كَانَ يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۚ وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يَجۡعَل لَّهُۥ مَخۡرَجٗا
Yeroo beellama isaanii ga'an haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin adda ba'aa, Isin irraa warra haqaa (nama) lama ragaa godhaa (Warri ragaa baatanus) Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa. Namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanu ta'e kanaan gorfama. Namni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha.
Esegesi in lingua araba:
وَيَرۡزُقۡهُ مِنۡ حَيۡثُ لَا يَحۡتَسِبُۚ وَمَن يَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱللَّهِ فَهُوَ حَسۡبُهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ بَٰلِغُ أَمۡرِهِۦۚ قَدۡ جَعَلَ ٱللَّهُ لِكُلِّ شَيۡءٖ قَدۡرٗا
Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora. Nama Rabbi irratti hirkatuuf Inni isaaf ga'aadha, Rabbiin ajaja isaa bakkaan ga'aadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafuu yeroo murtaawaa taasiseera.
Esegesi in lingua araba:
وَٱلَّٰٓـِٔي يَئِسۡنَ مِنَ ٱلۡمَحِيضِ مِن نِّسَآئِكُمۡ إِنِ ٱرۡتَبۡتُمۡ فَعِدَّتُهُنَّ ثَلَٰثَةُ أَشۡهُرٖ وَٱلَّٰٓـِٔي لَمۡ يَحِضۡنَۚ وَأُوْلَٰتُ ٱلۡأَحۡمَالِ أَجَلُهُنَّ أَن يَضَعۡنَ حَمۡلَهُنَّۚ وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يَجۡعَل لَّهُۥ مِنۡ أَمۡرِهِۦ يُسۡرٗا
Dubartoota keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa guddatan yoo shakkitan iddaan isaanii ji'a sadi Isaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma). Warri ulfa ta'an immoo baallamni isaanii ulfa isaanii da'uudha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha.
Esegesi in lingua araba:
ذَٰلِكَ أَمۡرُ ٱللَّهِ أَنزَلَهُۥٓ إِلَيۡكُمۡۚ وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يُكَفِّرۡ عَنۡهُ سَيِّـَٔاتِهِۦ وَيُعۡظِمۡ لَهُۥٓ أَجۡرًا
Kun ajaja Rabbii kan gara keessanitti isa buuseedha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) badiilee isaa isa irraa harcaasa mindaas isaaf guddisa.
Esegesi in lingua araba:
أَسۡكِنُوهُنَّ مِنۡ حَيۡثُ سَكَنتُم مِّن وُجۡدِكُمۡ وَلَا تُضَآرُّوهُنَّ لِتُضَيِّقُواْ عَلَيۡهِنَّۚ وَإِن كُنَّ أُوْلَٰتِ حَمۡلٖ فَأَنفِقُواْ عَلَيۡهِنَّ حَتَّىٰ يَضَعۡنَ حَمۡلَهُنَّۚ فَإِنۡ أَرۡضَعۡنَ لَكُمۡ فَـَٔاتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ وَأۡتَمِرُواْ بَيۡنَكُم بِمَعۡرُوفٖۖ وَإِن تَعَاسَرۡتُمۡ فَسَتُرۡضِعُ لَهُۥٓ أُخۡرَىٰ
Dandeettii keessan irraa bakka qubattanu isaan qubsiisaa. Isaan irratti dhiphisuuf jecha isaan hin rakkisinaa. Yoo warra ulfaa ta'an hanga ulfa isaanii da'anitti isaan qallabaa. Yoo isiniif hoosisan mindaalee isaanii isaaniif kennaa. Jidduu keessanitti haala gaariin mari'adhaa. Yoo wal rakkiftan tan biraa isaaf hoosisti.
Esegesi in lingua araba:
لِيُنفِقۡ ذُو سَعَةٖ مِّن سَعَتِهِۦۖ وَمَن قُدِرَ عَلَيۡهِ رِزۡقُهُۥ فَلۡيُنفِقۡ مِمَّآ ءَاتَىٰهُ ٱللَّهُۚ لَا يُكَلِّفُ ٱللَّهُ نَفۡسًا إِلَّا مَآ ءَاتَىٰهَاۚ سَيَجۡعَلُ ٱللَّهُ بَعۡدَ عُسۡرٖ يُسۡرٗا
Abbaan dandeettii qabu dandeettii isaa irraa haa qallabu. Namni hireen isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabu. Rabbiin lubbuu kamiyyuu waan isheedhaaf kenne malee hin dirqisiisu. Rabbiin dhiphina booda bal'ina godhuuf jira.
Esegesi in lingua araba:
وَكَأَيِّن مِّن قَرۡيَةٍ عَتَتۡ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهَا وَرُسُلِهِۦ فَحَاسَبۡنَٰهَا حِسَابٗا شَدِيدٗا وَعَذَّبۡنَٰهَا عَذَابٗا نُّكۡرٗا
Magaalota irraa heddutu ajaja Rabbii isheefi ergamtoota isaa faallessitee qormaata cimaa ishee qormaannee adabbii fokkataas ishee adabne.
Esegesi in lingua araba:
فَذَاقَتۡ وَبَالَ أَمۡرِهَا وَكَانَ عَٰقِبَةُ أَمۡرِهَا خُسۡرًا
Sababa kanaan adabbii dalagaa ishee dhamdhamte Booddeen dubbii ishees hongoo ta'e.
Esegesi in lingua araba:
أَعَدَّ ٱللَّهُ لَهُمۡ عَذَابٗا شَدِيدٗاۖ فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ يَٰٓأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْۚ قَدۡ أَنزَلَ ٱللَّهُ إِلَيۡكُمۡ ذِكۡرٗا
Rabbiin adabbii cimaa isaaniif qopheesse. Yaa warri sammuulee qabdan, warri amantan Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti Rabbiin gara keessanitti gorsa buuseera.
Esegesi in lingua araba:
رَّسُولٗا يَتۡلُواْ عَلَيۡكُمۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ مُبَيِّنَٰتٖ لِّيُخۡرِجَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ مِنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِۚ وَمَن يُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ وَيَعۡمَلۡ صَٰلِحٗا يُدۡخِلۡهُ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۖ قَدۡ أَحۡسَنَ ٱللَّهُ لَهُۥ رِزۡقًا
Ergamaa (erge) kan keeyyattoota Rabbii ibsituu taate isin irratti dubbisu, Warra amananii gaggaarii hojjatan dukkanoota keessaa gara ifaatti akka baasuuf jecha. Nama Rabbitti amanee gaarii dalage jannatoota jala ishee laggeen yaatu isa seensisa. ishee keessatti zalaalam hafoodha. Dhugaatti Rabbiin isaaf hiree bareecheera.
Esegesi in lingua araba:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ سَبۡعَ سَمَٰوَٰتٖ وَمِنَ ٱلۡأَرۡضِ مِثۡلَهُنَّۖ يَتَنَزَّلُ ٱلۡأَمۡرُ بَيۡنَهُنَّ لِتَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ وَأَنَّ ٱللَّهَ قَدۡ أَحَاطَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عِلۡمَۢا
Rabbiin Isa samii torbaniifi dachii irraayis fakkiidhuma isaanii uumeedha. Ajajni jidduu isaaniitti bu'a(. Wanti inni kana uumeefis) akka isin Rabbiin waan hunda irratti danda'aafi Rabbiin beekumsaan wantoota cufa marsuu isaa beektanuufi.
Esegesi in lingua araba:
 
Traduzione dei significati Sura: At-Talâq
Indice delle Sure Numero di pagina
 
Traduzione dei Significati del Sacro Corano - Traduzione in oromo - Indice Traduzioni

Traduzione dei significati del Generoso Corano in lingua oromo, a cura di Ghaly Ababour Abaghuna, ed. 2009

Chiudi