លេខ​ទំព័រ:close

external-link copy
33 : 45

وَبَدَا لَهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا عَمِلُواْ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ

Hamtuun waan dalaganii ifa isaaniif bahe; wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turanis isaanitti bu'e. info
التفاسير: |

external-link copy
34 : 45

وَقِيلَ ٱلۡيَوۡمَ نَنسَىٰكُمۡ كَمَا نَسِيتُمۡ لِقَآءَ يَوۡمِكُمۡ هَٰذَا وَمَأۡوَىٰكُمُ ٱلنَّارُ وَمَا لَكُم مِّن نَّٰصِرِينَ

Ni jedhamaani: “ Har’a isin daganna (isin dhiifna) akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattanitti; teessoon keessanis ibidda; tumsitoonni isiniif hin jiranu.” info
التفاسير: |

external-link copy
35 : 45

ذَٰلِكُم بِأَنَّكُمُ ٱتَّخَذۡتُمۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ هُزُوٗا وَغَرَّتۡكُمُ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَاۚ فَٱلۡيَوۡمَ لَا يُخۡرَجُونَ مِنۡهَا وَلَا هُمۡ يُسۡتَعۡتَبُونَ

Kun waan isin keeyyattoota Rabbii qishnaa (qoosaa) taasiiftaniifi, waan jiruun addunyaa isin gowwoomsiteefi, Har’a ishee (ibidda) irraa hin baafamanu; isaan ceephoos hin buufachiifamanu. info
التفاسير: |

external-link copy
36 : 45

فَلِلَّهِ ٱلۡحَمۡدُ رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَرَبِّ ٱلۡأَرۡضِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Faaruun kan Rabbiiti Gooftaa samiileefi Gooftaa dachii, Gooftaa aalamootaa. info
التفاسير: |

external-link copy
37 : 45

وَلَهُ ٱلۡكِبۡرِيَآءُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Samiileefi dachii keessatti boonni Isumaafi. Inni injifataa, ogeessa. info
التفاسير: |
prev

Aljaasiyaat

next