Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ഇസ്റാഅ്   ആയത്ത്:
وَمَا مَنَعَنَآ أَن نُّرۡسِلَ بِٱلۡأٓيَٰتِ إِلَّآ أَن كَذَّبَ بِهَا ٱلۡأَوَّلُونَۚ وَءَاتَيۡنَا ثَمُودَ ٱلنَّاقَةَ مُبۡصِرَةٗ فَظَلَمُواْ بِهَاۚ وَمَا نُرۡسِلُ بِٱلۡأٓيَٰتِ إِلَّا تَخۡوِيفٗا
Mallattoolee erguu wanti Nu dhorge hinjiru warri duraa ishee kijibsiisuu malee. Samuudiif gaalattii mallattoo ifa galtuu kenninee jirra. Isheetti kafaranii (isii miidhan) (halaakamani). Nuti sodaachisaaf malee mallattooleen hin erginu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِذۡ قُلۡنَا لَكَ إِنَّ رَبَّكَ أَحَاطَ بِٱلنَّاسِۚ وَمَا جَعَلۡنَا ٱلرُّءۡيَا ٱلَّتِيٓ أَرَيۡنَٰكَ إِلَّا فِتۡنَةٗ لِّلنَّاسِ وَٱلشَّجَرَةَ ٱلۡمَلۡعُونَةَ فِي ٱلۡقُرۡءَانِۚ وَنُخَوِّفُهُمۡ فَمَا يَزِيدُهُمۡ إِلَّا طُغۡيَٰنٗا كَبِيرٗا
Yeroo “dhugumatti, Gooftaan kee namootaan marseera” siin jenne [yaadadhu]. Arginsa kee ishee (halkan Israa’ii) si argisiifne san, namoota ittiin mokkoruuf qofa malee waan biraatiif hin goone. Mukattii Qur’aana keessatti abaaramtes (mokkoroof malee hin goone). Nuti isaan sodaachifna; inni jallinna guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ قَالَ ءَأَسۡجُدُ لِمَنۡ خَلَقۡتَ طِينٗا
Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jenne [yaadadhu]. Ibliis malee isaan sujuuda godhan. Inni (Ibliis) “sila ani nama Ati dhoqqee (biyyee) irraa uumteefin sujuuda godhaa?” jedhe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ أَرَءَيۡتَكَ هَٰذَا ٱلَّذِي كَرَّمۡتَ عَلَيَّ لَئِنۡ أَخَّرۡتَنِ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ لَأَحۡتَنِكَنَّ ذُرِّيَّتَهُۥٓ إِلَّا قَلِيلٗا
(Ibliis) ni jedhe: “Mee naaf himi! Isa Ati ana caalaa kabajje kana, yoo hanga Guyyaa Qiyaamaatti na tursiifte, sanyii isaa muraasa malee garan jallinaa harkisa.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ ٱذۡهَبۡ فَمَن تَبِعَكَ مِنۡهُمۡ فَإِنَّ جَهَنَّمَ جَزَآؤُكُمۡ جَزَآءٗ مَّوۡفُورٗا
(Rabbiin) ni jedhe: “Deemi! Namni isaan irraa si hordofe dhugumatti, jahannam galata keessan galata guutamaa ta’eedha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَٱسۡتَفۡزِزۡ مَنِ ٱسۡتَطَعۡتَ مِنۡهُم بِصَوۡتِكَ وَأَجۡلِبۡ عَلَيۡهِم بِخَيۡلِكَ وَرَجِلِكَ وَشَارِكۡهُمۡ فِي ٱلۡأَمۡوَٰلِ وَٱلۡأَوۡلَٰدِ وَعِدۡهُمۡۚ وَمَا يَعِدُهُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ إِلَّا غُرُورًا
Isaan irraa nama dandeesses sagalee keetiin kakaasi. Yaabbattoota keetiifi lafoo keetiinis isaan irratti gulufsiisi. Qabeenyaafi ilmaan keessattis isaanitti qindaa’ii. waadaas isaaniif gali. Sheyxaanni gowwoomsuu malee homaa waadaa isaaniif hin galu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ عِبَادِي لَيۡسَ لَكَ عَلَيۡهِمۡ سُلۡطَٰنٞۚ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ وَكِيلٗا
Dhugumatti, gabroota kiyya, isaan irratti aangoon siif hin jiru. Hirkoo ta’uuf Rabbiin kee ga’aadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
رَّبُّكُمُ ٱلَّذِي يُزۡجِي لَكُمُ ٱلۡفُلۡكَ فِي ٱلۡبَحۡرِ لِتَبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِهِۦٓۚ إِنَّهُۥ كَانَ بِكُمۡ رَحِيمٗا
Gooftaan keessan Isa doonii galaana keessa isiniif deemsisuudha. akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, Dhugumatti, Inni isiniif rahmata godhaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ഇസ്റാഅ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക